Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Yesuus akkana jedhanii akka kadhatan duuka buutotasaa barsiiseera: “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu. Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.” (Maatewos 6:9, 10) Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Mootummaan kun maal raawwata? Akka dhufu kadhachuu kan qabnu hoo maaliifi?

Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyooti.

Luqaas 1:31-33: “Maqaa [isaa] Yesuus jettee moggaasta. Inni guddaa ni taʼa; Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama; Yihowaanis teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna; inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”

Lallabni Yesuus Mootummicharratti kan xiyyeeffatu ture.

Maatewos 9:35: “Yesuus, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba akaakuu hundumaa fi dhibee akaakuu hundumaa fayyisaa magaalotaa fi gandeen hunda keessa naannaʼe.”

Yesuus mallattoo yeroo itti Mootummichi dhufuuf jedhu beekuuf isaan gargaaru barattootasaatiif kenneera.

Maatewos 24:7: “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa.”

Barattoonni Yesuus addunyaa maratti waaʼee Mootummichaa lallabaa jiru.

Maatewos 24:14: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”