Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeruuf Filadhaa!

Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeruuf Filadhaa!

Obomboleettiin miidhaa cimaa geessisu gara keetti yommuu dhufu yaadaan ilaali. Bakka buʼoonni mootummaa immoo akeekkachiisa ariifachiisaa: “KEESSAA BAʼAA! AMMUMA IDDOO ITTI JALAA OOLTAN BARBAADADHAA!” jedhu dabarsaa jiru. Maal goota? Gara iddoo itti jalaa ooluu dandeessutti akka baqattu hin shakkisiisu.

Haaluma wal fakkaatuun hundi keenya “obomboleettii” miidhaa cimaa geessisuu fi Yesuus ‘rakkina guddaa’ jedhee waame keessa jiraachaa jirra jechuun ni dandaʼama. (Maatewos 24:21) Obomboleettii kana keessaa salphaatti baʼuu hin dandeenyu. Taʼus, iddoo itti jalaa oollu argachuuf wanti gochuu dandeenyu jira. Maal gochuu dandeenya?

Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti qajeelfama, “Isin garuu, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa” jedhu kennee ture. (Maatewos 6:33) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Hundumaa Dura Mootummaa Waaqayyoo Barbaadaa. Kana jechuun Mootummaan Waaqayyoo wanta kam iyyuu caalaa barbaachisaa akka taʼetti ilaaluu jechuu dha. (Maatewos 6:25, 32, 33) Mootummaa kanaaf ilaalcha akkanaa qabaachuu kan qabnu maaliifi? Sababiin isaas namoonni rakkoowwan ilmaan namootaa furuu waan hin dandeenyeefi. Kan gochuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa dha.

Qajeelummaa isaa barbaadaa. Seerawwanii fi seerawwan buʼuuraa Waaqayyoo warra qajeelummaa irratti hundaaʼan eegnee jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofii keenyaan yoo murteessine, miidhaa guddaa nu irraan gaʼuu dandaʼa. (Fakkeenya 16:25) Gama biraatiin immoo ulaagaalee Waaqayyoo eegnee yoo jiraanne, Waaqayyoon gammachiisuu qofa utuu hin taʼin, ofii keenyaas faayidaa ni arganna.—Isaayaas 48:17, 18.

Hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa. Yesuus namoonni tokko tokko hamma dandaʼametti qarshii baayʼee yoo kuufatan tasgabbii argachuu akka dandaʼan godhanii yaaduudhaan yaanni isaanii hihhiramuu akka dandaʼu akeekkachiiseera. Warri kaan immoo yaaddoon jireenyaa baʼaa waan isaanitti taʼuuf, Mootummaa Waaqayyoo barbaaduuf yeroo hin qaban.—Maatewos 6:19-21, 25-32.

Haa taʼu malee, Yesuus warri Mootummaa Waaqayyoo deggeran yeroo ammaatti wanta isaan barbaachisu, gara fuulduraatti immoo eebbawwan dhuma hin qabne akka argatan waadaa galeera.—Maatewos 6:33.

Barattoonni Yesuus jaarraa jalqabaatti turan, Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu isaanii kan itti fufan taʼus bara jireenyaa isaaniitti rakkinnii fi dhiphinni hundi yommuu badu hin argine. Haa taʼu malee eegumsa argataniiru. Akkamitti?

Namoonni kun ulaagaawwan Waaqayyoo warra qajeeloo taʼan eeganii kan jiraatan siʼa taʼu, kunis rakkinni warra wanta Waaqayyo jedhe dhagaʼuu didan irra gaʼe isaan irra akka hin geenye godheera. Mootummichi akka dhufu amantii cimaan isaan qaban, rakkoowwan ciccimoo taʼan dura illee akka dhaabbatan isaan gargaareera. Rakkoowwan isaan mudachaa turan akka dandamataniif Waaqayyo ‘humna humna caalu’ isaaniif kenneera.—2 Qorontos 4:7-9.

HUNDUMAA DURA MOOTUMMICHA NI BARBAADDUU?

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ajaja Yesuus hundumaa dura Mootummicha akka barbaadan isaaniif kenneef ajajamaniiru. Misiraachoo Mootummichaa addunyaa bara isaaniitti ture hundumaatiif lallabaniiru. (Qolosaayis 1:23) Yeroo harʼaatti namoonni akkas godhan jiruu?

Eeyyee! Dhugaa baatonni Yihowaa yeroon Mootummaan Waaqayyoo sirna amma jiru kana itti balleessu akka dhihaate ni hubatu. Kanaan kan kaʼes wanta Yesuus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa” jedhu raawwachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochaa jiru.—Maatewos 24:14.

Atoo misiraachoo kanaaf deebii akkamii kennita? Atis akkuma jaarraa jalqabaatti jiraattota Maqedooniyaa warra magaalaa Beeriyaa keessa jiraatanii akka taatu si jajjabeessina. Isaan waaʼee misiraachoo Mootummichaa Phaawulos ergamaa irraa yommuu dhagaʼanitti, “hawwii guddaadhaan” ergaa isaa fudhataniiru. Achiis, wanti isaan dhagaʼan dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf ‘Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qorataniiru,’ wanta baratanis hojii irra oolchaniiru.—Hojii Ergamootaa 17:11, 12.

Atis, akkas gochuu dandeessa. Hundumaa dura Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduudhaan, yeroo ammaatti iddoo jalaa itti ooltuu fi eegumsa, gara fuulduraatti immoo bara baraaf nagaa fi tasgabbii argatta.