Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 20-21

“Isin Keessaa Guddaa Taʼuu kan Barbaadu Hundi, Tajaajilaa Keessan haa Taʼu”

“Isin Keessaa Guddaa Taʼuu kan Barbaadu Hundi, Tajaajilaa Keessan haa Taʼu”

20:28

Barreessitoonni seeraa fi Fariisonni of tuuloo taʼan, of argisiisuu fi ‘bakka gabaatti’ nagaa gaafatamuu jaallatu

Barsiisonni seeraa fi Fariisonni of tuuloo taʼan, xiyyeeffannaa namoota harkisuu fi beekamummaa argachuu barbaadu turan. (Mat 23:5-7) Yesuus garuu isaan irraa adda ture. “Ilmi namaa warra kaan tajaajiluu . . . dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin dhufne.” (Mat 20:28) Nuti hoo waaqeffannaa wajjin haala wal qabateen, adda durummaadhaan hojiiwwan namoonni akka nu arganii fi nu jajan godhan raawwachuu irratti xiyyeeffannaa? Akka ilaalcha Yesuusitti, guddaa taʼuun warra kaan tajaajiluudhaan argama. Hojiin akkasii immoo yeroo baayʼee utuu namni hin argin kan raawwatamu dha; kana kan argu Yihowaa qofa dha. (Mat 6:1-4) Tajaajilaan gad of qabu wantoota armaan gadii raawwata:

  • Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi suphuu irratti hirmaata

  • Maanguddootaa fi namoota kaan gargaaruuf dursa fudhata

  • Buusii qarshii gochuudhaan hojii Mootummichaa ni deggera