Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Abbaan Humnaa Yommuu Si Mudatu Yihowaatti Amanami

Abbaan Humnaa Yommuu Si Mudatu Yihowaatti Amanami

Namoonni abbaa humnaa taʼan karaa qaamaas taʼe miiraa nu miidhuu dandaʼu. Yeroo waaqeffannaa keenya mormanitti kan isaan sodaannu yoo taʼe karaa hafuuraallee nu miidhuu dandaʼu. Maarree namoota abbaa humnaa taʼan irraa of eeguu kan dandeessu akkamitti?

Waaqeffattoonni Yihowaa hedduun Yihowaatti amanamuudhaan miidhaa namoonni abbaa humnaa taʼan isaan irraan geessisan milkaaʼinaan mooʼaniiru. (Fr 18:17) Fakkeenyaaf, Asteer karoora Haamaan isa nama hamaa fi abbaa humnaa taʼee ifatti saaxilteetti. (As 7:1-6) Kana gochuu ishii dura soomuudhaan Yihowaatti akka amanamtu argisiisteetti. (As 4:14-16) Yihowaan ishii eebbisuudhaan ishiifis taʼe saba ishiitiif eegumsa godheera.

Dargaggootaa, namni abbaa humnaa taʼe yoo isin mudate, Yihowaan akka isin gargaaru kadhadhaa; akkasumas rakkina isin mudate ilaalchisee nama guddaa tokko, tarii warra keessan taʼuu dandaʼaa mariisisaa. Yihowaan akkuma Asteeriin gargaare isinis akka gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu. Miidhaa namoota abbaa humnaa taʼanii mooʼuuf kan biraahoo maal gochuu dandeessu?

VIIDIYOO JIREENYA DARGAGGUMMAA KOO—MIIDHAA ABBOOTII HUMNAA DANDAMACHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Dargaggoonni fakkeenya Chaarlii fi Feerin irraa maal baratu?

  • Warri, miidhaa abbaa humnaa akka dandamatan ijoollee isaanii gargaaruu ilaalchisee yaada Chaarlii fi Feerin dubbatan irraa maal baratu?