Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Tiksitoota Wanta Saba Yihowaa Fayyadu Hojjetan

Tiksitoota Wanta Saba Yihowaa Fayyadu Hojjetan

Namoonni baayʼeen namoota aangoo irra jiraniif ilaalcha gaarii hin qaban. Akkas kan itti dhagaʼamu maaliif akka taʼe ni hubanna. Ilmaan namootaa waggoota dheeraadhaaf of fayyaduuf jecha aangoo isaanii karaa dogoggora taʼeen fayyadamaa turaniiru. (Mik 7:3) Jaarsoliin gumiiwwan keenya keessatti argaman garuu, aangoo isaaniitti karaa saba Yihowaa fayyaduun akka fayyadaman waan leenjiʼaniif baayʼee galateeffanna.—As 10:3; Mat 20:25, 26.

Jaarsoliin gumii namoota addunyaa aangoo qabatan irraa baayʼee addadha; ilaaltota olaanaa taʼuudhaan hojii isaanii kan raawwatan jaalala Yihowaa fi saba isaatiif qabaniin kakaʼaniiti. (Yoh 21:16; 1Ph 5:1-3) Tiksitoonni kun qajeelfama Yesuus jala taʼuudhaan, babalʼistoonni hundi kutaa maatii waaqeffattoota Yihowaa akka taʼan akka isaanitti dhagaʼamuu fi Yihowaatti dhihaatanii akka jiraatan isaan gargaaru. Hoolota Yihowaa karaa hafuuraa gargaaruuf, akkasumas yeroo yaaliin fayyaa hatattamaa barbaachisuutti ykn balaan gaʼutti gargaarsa gochuuf dafanii tarkaanfii fudhatu. Gargaarsi yoo si barbaachise, dursa fudhattee jaarsa gumii keessanitti argamu tokko maaliif hin haasofsiistu?—Yaq 5:14.

VIIDIYOO TIKSITOOTA HOOLOTA KUNUUNSAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maariyaanaan gargaarsa jaarsolii irraa kan fayyadamte akkamitti?

  • Eeliyaas gargaarsa jaarsolii irraa kan fayyadame akkamitti?

  • Muuxannoowwan kun hojii jaarsoliin raawwatan ilaalchisee maaltu akka sitti dhagaʼamu godhan?