Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Tajaajila Keessan Irratti Fuula Jalqabaa JW.ORG Fayyadamaa

Tajaajila Keessan Irratti Fuula Jalqabaa JW.ORG Fayyadamaa

Mata dureewwanii fi viidiyoowwan fuula jalqabaa weebsaayitii keenya irratti baʼan, namoota garaa qajeelaa qabanii fi Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane hawwachuu akka dandaʼanitti qophaaʼu. (HoE 13:48) Yeroo baayʼee dhimmoota oduu irratti baʼanii fi namoonni waaʼee isaa yaadaa fi odeessaa jiran ibsa.

Fuula jalqabaa jw.org tajaajila kee irratti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

  • Yeroo yeroodhaan weebsaayiticha ilaali. Mata dureewwan dhiheenyatti baʼan hubadhu, achiis nama fedhii qabu tokko haasofsiisuuf akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessu yaadi. (Mata dureewwan dhiheenyatti fuula jalqabaa irratti baʼan dabalataa argachuuf, “Dabalataan Ilaali” isa jedhu cuqaasi.) Yeroo yerootti mata dureewwan weebsaayitii keenya irratti baʼan hordofuun kee, yaada haaraa tajaajila irratti itti fayyadamtu argachuuf si gargaara.

  • Maree jalqabuuf mata dureewwanii fi viidiyoowwan fuula jalqabaa irratti baʼan fayyadami. Kun tarii wanta namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran yaadan hubachuuf nu gargaara.

  • Fuula jalqabaa namootatti argisiisi. Mata dureewwan kutaa “Mata Duree Barbaaddu Filadhu” jedhu jalatti tarreeffaman addeessi; achiimmoo odeeffannoo sana akkamitti weebsaayiticha irraa akka argatu itti argisiisi.

  • Liinkii ergi. Namoonni tokko tokkoo qaamaan nu haasofsiisuuf fedhii hin qaban taʼa, weebsaayitii keenya ilaaluuf garuu fedhii qabu. Kanaaf nama fedhii qabu tokkoof liinkii gara fuula jalqabaatti geessu ykn mata duree ykn viidiyoo fuula jalqabaa irratti beeksifametti geessu erguu irraa duubatti hin jedhin.