Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Warra Hafuurri Isaanii Caccabe ni Oolcha

Yihowaan Warra Hafuurri Isaanii Caccabe ni Oolcha

Darbee darbee hundi keenyayyuu gaddi nutti dhagaʼama. Gaddi nutti dhagaʼamuun isaa karaa hafuuraa akka laafne kan argisiisu miti. Yihowaaniyyuu yeroo itti gadde tokko tokko akka qabu ibseera. (Uma 6:5, 6) Garuu yeroo baayʼee ykn yeroo hunda garmalee kan gaddinu yoo taʼe maal gochuu qabna?

Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhu. Yihowaan miira nutti dhagaʼamuuf xiyyeeffannaa guddaa kenna. Yommuu gammannus taʼe yommuu gaddinu beeka. Sababii wanta tokko itti yaannee fi miirri sun itti nutti dhagaʼame nu hubata. (Fr 7:9b) Hunda caalaammoo Yihowaan waaʼee keenya ni yaada; akkasumas gadda nutti dhagaʼamu ykn dhiphina sammuu akka dandamannu nu gargaara.—Fr 34:18.

Fayyaa sammuu keetiif kunuunsa godhi. Miirawwan gaarii hin taane gammachuu keenyaa fi waaqeffannaa keenya irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Kanaafuu, garaa keenyaaf, jechuunis keessa namummaa keenyaaf eegumsa gochuu qabna.—Fak 4:23.

VIIDIYOO OBBOLOONNI KEENYA NAGAA ARGACHAA KAN JIRAN AKKAMITTI?DHIPHINNI SAMMUU JIRAATUS  JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Dhiphina sammuu dandamachuuf Niikiin tarkaanfiiwwan qabatamaa akkamii fudhatteetti?

  • Niikiin gargaarsa yaalii fayyaa argachuun akka ishii barbaachisu kan ishiitti dhagaʼamee maaliifi? —Mat 9:12

  • Niikiin gargaarsa argachuuf Yihowaatti akka amanamtu kan argisiiste karaawwan kamiini?