Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Namoonni Amantaa hin Qabne Uumaa Isaanii Akka Beekan Gargaaraa

Namoonni Amantaa hin Qabne Uumaa Isaanii Akka Beekan Gargaaraa

Namoonni amantaa hin qabne deebii gaarii nuuf hin kennan jettanii yaaduudhaan isaaniif dhugaa baʼuu irraa duubatti jettanii beektuu? Taanaan namoota Waaqayyo hin jiru jedhanii amanaa turan dabalatee, namoonni amantaa hin qabne hedduun yeroo booda Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan yaadadhaa. Yeroo baayʼee, wanti isaan barbaachisu ragaalee Waaqayyo jiraachuu isa ibsan akka qoraniif gargaarsa muraasa isaaniif gochuu qofa ture.—Rom 1:20; 10:14.

VIIDIYOO NAMOONNI AMANTII HIN QABNE AMANTII QABAACHUU AKKA DANDAʼAN YAADADHAA!—NAMOONNI AMANTAA HORDOFAN HIN QABNE JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Muuxannoon Tomaasoo namoota amantaa hin qabneef lallabuuf ilaalcha gaarii akka qabaattu kan si gargaare akkamitti?