Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Warri, Ijoolleen Keessan Ogummaa Waaqayyoo Akka Argatan Gargaaraa

Warri, Ijoolleen Keessan Ogummaa Waaqayyoo Akka Argatan Gargaaraa

Karaa baayʼee gaariin warri ijoolleen isaanii ogummaa Waaqayyoo akka argatan gargaaruu itti dandaʼan inni tokko, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irraa akka fayyadaman isaan gargaaruudha. Wanti ijoolleen walgaʼii irratti arganii fi dhagaʼan, akkasumas yaanni isaan walgaʼii irratti kennan, waaʼee Yihowaa akka baratanii fi baayʼee akka isatti dhihaatan isaan gargaara. (Kes 31:12, 13) Warra yoo taatan ijoolleen keessan walgaʼiiwwan irraa caalaatti akka fayyadamaniif maal gochuu dandeessu?

  • Walgaʼiiwwan irratti qaamaan argamuuf carraaqqii cimaa godhaa.—Fr 22:22

  • Galma Walgaʼiitti walgaʼii duraa fi booda obbolootaa fi obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuuf carraaqaa.—Ibr 10:25

  • Miseensi maatii hundi barreeffama walgaʼii irratti qoʼatamu isa maxxanfame ykn isa bifa dijitaalaatiin jiru koppii mataa isaa akka qabaatu godhaa

  • Ijoolleen keessan jecha mataa isaaniitiin yaada kennuuf akka qophaaʼan isaan gargaaraa.—Mat 21:15, 16

  • Waaʼee walgaʼiiwwaniis taʼee waaʼee barumsa achitti argattanii wanta gaarii dubbadhaa

  • Ijoolleen keessan sochiiwwan akka Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi maanguddoota gumii keessa jiranii wajjin haasaʼuu irratti akka hirmaatan isaan gargaaraa

Ijoolleen keessan Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruun hojii guddaa gaafata; yeroo tokko tokkommoo humna keessanii ol akka taʼe isinitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatti amanamuu dandeessu.—Isa 40:29.

VIIDIYOO WARRI, YIHOWAA FI JABINA INNI ISINIIF KENNUTTI AMANAMAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Dadhabbii cimaan Zaakii fi Liyaa irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?

  • Warri jabina argachuuf Yihowaa kadhachuu kan qaban maaliifi?

  • Zaakii fi Liyaan milkaaʼina argachuuf Yihowaatti kan amanaman karaawwan kamiini?