Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 5

Nuti Isinii Wajjin Deemna

Nuti Isinii Wajjin Deemna

“Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuti isinii wajjin deemuu ni barbaanna.”—ZAK. 8:23, NW.

FAARFANNAA 26 Anaaf Gootan

QABIYYEE *

Hoolonni kan biraan (‘namoonni kurnan’) dibamtoota (“nama Yihudii”) wajjin taʼanii mirga Yihowaa waaqeffachuu argataniiru (Keeyyata 1-2 ilaali)

1. Yihowaan wanta bara keenyatti taʼu ilaalchisee maal dubbateera?

YIHOWAAN bara keenya ilaalchisee raajii akkana jedhu dubbateera: “Bara sanatti namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan kudhan uffata nama Yihudii tokkoo qabatanii, eeyyee, cimsanii qabatanii, ‘Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuti isinii wajjin deemuu ni barbaanna’ jedhu.” (Zak. 8:23, NW) Namni “Yihudii” as irratti ibsame namoota Waaqayyo hafuura qulqulluudhaan dibe argisiisa. Isaan “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamanii waamamaniiru. (Gal. 6:16) ‘Namoonni kurnan’ sun immoo warra abdii lafa irra bara baraaf jiraachuu qaban argisiisu. Isaan Yihowaan garee dibamtootaa kana akka eebbise beeku, akkasumas isaan wajjin Yihowaa waaqeffachuun kabaja akka taʼe isaanitti dhagaʼama.

2. ‘Namoonni kurnan’ dibamtoota ‘wajjin kan deeman’ akkamitti?

2 Namoonni abdii lafa irra jiraachuu qaban maqaa tokkoon tokkoon dibamtoota yeroo harʼaa lafa irra jiranii * beekuu kan hin dandeenye taʼus dibamtoota “wajjin deemuu” ni dandaʼu. Akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, ‘namoonni kudhan uffata nama Yihudii tokkoo cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuti isinii wajjin deemuu ni barbaanna” akka jedhan’ dubbata. Caqasni Kitaaba Qulqulluu kun waaʼee nama Yihudii tokkoo dubbata. Haa taʼu malee, jechi “isin” jedhu nama tokkoo ol argisiisa. Kana jechuun namni Yihudii kun nama tokko qofa utuu hin taʼin, garee dibamtootaa hunda bakka buʼa jechuu dha. Namoonni hin dibamne warra dibamanii wajjin Yihowaa tajaajilu. Haa taʼu malee, geggeessaan isaanii Yesuus akka taʼe waan beekaniif, warri dibaman geggeessitoota isaanii akka taʼanitti hin ilaalan.—Mat. 23:10.

3. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?

3 Yeroo harʼaa Kiristiyaanonni dibamoon saba Waaqayyoo gidduu waan jiraniif namoonni tokko tokko akkana jedhanii gaafachuu dandaʼu: (1) Namoonni dibaman ilaalcha akkamii ofiif qabaachuu qabu? (2) Namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? (3) Lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaatanii dabaluun isaa nu yaaddessuu qabaa? Mata dureen kun gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenna.

NAMOONNI DIBAMAN ILAALCHA AKKAMII OFIIF QABAACHUU QABU?

4. Akeekkachiisni 1 Qorontos 11:27-29 irratti argamuu fi dibamtoonni irratti yaaduu qaban maali dha? Maaliifi?

4 Dibamtoonni akeekkachiisa 1 Qorontos 11:27-29 (dubbisi) irratti argamu of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabu. Namni dibame tokko Ayyaana Yaadannoo irratti “utuu isaaf hin malin” maxinoo fi wayinicha irraa hirmaachuu kan dandaʼu akkamitti? Kana kan godhu ulaagaa Yihowaan qajeelinaaf baase wajjin haala wal simuun utuu hin jiraatin maxinoo sana yoo nyaatee fi wayinii sana yoo dhuge dha. (Ibr. 6:4-6; 10:26-29) Namoonni dibaman “badhaasa Waaqayyoo waamicha isa olii, karaa Kiristoos Yesuus kennamu” argachuu yoo barbaadan amanamoo taʼanii jiraachuu akka qaban beeku.—Filp. 3:13-16.

5. Kiristiyaanonni dibamoon ofii isaaniitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

5 Hafuurri Yihowaa tajaajiltoonni isaa kan kooran utuu hin taʼin kan gad of qaban akka taʼan gargaara. (Efe. 4:1-3; Qol. 3:10, 12) Kanaafuu, dibamtoonni warra kaan irra akka caalan isaanitti hin dhagaʼamu. Yihowaan tajaajiltoota isaa kaan caalaa dibamtootaaf hafuura qulqulluu kenneera jechuu akka hin taane beeku. Warra kaan caalaa dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee hubannaa gadi fageenya qabu akka qaban isaanitti hin dhagaʼamu. Akkasumas namni tokko akka dibamee fi Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaachuu akka jalqabu matumaa itti hin himan. Kanaa mannaa, namoonni gara samii akka deeman kan affeeru Yihowaa qofa akka taʼe gad of qabuudhaan amananii fudhatu.

6. Akka 1 Qorontos 4:7, 8 jedhutti Kiristiyaanonni dibamoon amala akkamii argisiisuu qabu?

6 Dibamtoonni gara samii deemuuf affeeramuun isaanii ulfina guddaa akka taʼe isaanitti dhagaʼamus, warri kaan karaa adda taʼeen akka isaan ilaalan hin eegan. (Filp. 2:2, 3) Kana malees, Yihowaan yommuu isaan muudu namoonni hundi waaʼee kanaa akka beekan akka hin goone beeku. Kanaafuu namni dibame tokko namoonni tokko tokko dibamuu isaa dafanii amanuu yoo baatan kun isa dinqisiisuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun nama Waaqayyo itti gaafatamummaa addaa akka isaaf kenne dubbate tokko dafnee amanuu akka hin qabne kan dubbatu taʼuu isaa beeka. (Mul. 2:2) Kiristiyaanni dibame tokko nama tokko wajjin yeroo jalqabaatiif yommuu wal argu dibamaa taʼuu isaa dubbachuudhaan xiyyeeffannaa warra kaanii ofitti harkisuu hin barbaadu. Akkasumas waaʼee kanaa warra kaanitti dubbachuudhaan of hin jaju.—1 Qorontos 4:7, 8 dubbisi.

7. Dibamtoonni maal gochuu irraa of qusachuu qabu? Maaliifi?

7 Kiristiyaanonni dibamoon akka waan miseensota garee addaa tokko taʼanii dibamtoota kaanii wajjin qofa yeroo dabarsuu akka qaban isaanitti hin dhagaʼamu. Waaʼee dibamuu isaanii mariʼachuuf ykn garee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa hundeessuuf jecha dibamtoota kan biroo barbaaduuf hin yaalan. (Gal. 1:15-17) Dibamtoonni wantoota kana yoo godhan gumichi tokkummaa hin qabaatu. Kana malees hafuura qulqulluu isa sabni Waaqayyoo nagaa fi tokkummaa akka qabaatan godhe mormu.—Rom. 16:17, 18.

DIBAMTOOTAAF ILAALCHA AKKAMII QABAACHUU QABNA?

Namoota dibamtoota taʼan ykn warra itti gaafatamummaa guddaa qaban akka namoota beekamootti isaan ilaaluu hin qabnu (Keeyyata 8 ilaali) *

8. Ilaalcha namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaataniif qabdu irratti of eeggannoo gochuu kan qabdu maaliifi? (Miiljalees ilaali.)

8 Obbolootaa fi obboleettota dibamaniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Namni tokko obboleessa Kiristoos hafuuraan dibame yoo taʼe illee, garmalee isa dinqisiifachuun dogoggora. (Mat. 23:8-12) Kitaabni Qulqulluun waaʼee jaarsolii yommuu dubbatu fakkeenya ‘amantii isaanii akka hordofnu’ kan nu jajjabeessu taʼus, nama kam iyyuu geggeessaa keenya godhachuu akka dandeenyu hin dubbatu. (Ibr. 13:7) Dhugaadha, Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko ‘ulfina guddaa argachuu akka qabanitti ilaalamuu’ akka qaban ni dubbata. Kunis dibamtoota waan taʼaniif utuu hin taʼin, ‘akka gaariitti waan bulchanii’ fi ‘dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii waan hojjetaniifi.’ (1 Xim. 5:17) Dibamtoota garmalee kan jajnuu fi xiyyeeffannaa addaa kan isaaniif kenninu yoo taʼe isaan qaanessuu dandeenya. * Kana caalaa kan hammaatu immoo, akkas yoo goone akka kooran isaan gochuu dandeenya. (Rom. 12:3) Eenyuun keenya iyyuu wanta obboloota Kiristoos gufachiisuu dandaʼu gochuudhaan dogoggora cimaa akkasii akka hojjetan gochuu hin barbaannu!—Luq. 17:2.

9. Kiristiyaanota dibamoo akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

9 Namoota Yihowaadhaan muudaman akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Akkamitti akka isaan dibaman isaan hin gaafannu. Kun dhimma dhuunfaa waan taʼeef nuti waaʼee kanaa beekuuf mirga hin qabnu. (1 Tas. 4:11; 2 Tas. 3:11) Akkasumas hiriyaan gaaʼelaa isaanii, warri isaanii ykn miseensonni maatii isaanii kaanis akka dibaman tilmaamuu hin qabnu. Namni tokko abdii samii kana maatii isaa irraa dhaaluu hin dandaʼu. Kanaa mannaa Waaqayyo biraa argata. (1 Tas. 2:12) Kana malees gaaffiiwwan warra kaan miidhuu dandaʼan gaafachuu irraa of qusachuu qabna. Fakkeenyaaf, haati manaa obboleessa dibame tokkoo abbaa manaa ishii malee lafa irra bara baraaf jiraachuu ilaalchisee maaltu akka ishiitti dhagaʼamu hin gaafannu. Addunyaa haaraa keessatti Yihowaan ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa akka quubsu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 145:16.

10. ‘Sobaan warra kaan jajuu’ irraa kan of qusannu yoo taʼe ofii keenyaaf eegumsa kan argannu akkamitti?

10 Dibamtoonni warra kaan irra akka caalanitti yoo isaan ilaaluu baanne ofii keenyaafis eegumsa arganna. Akkamitti? Kitaabni Qulqulluun dibamtoonni tokko tokko amanamoo taʼanii itti fufuu dhiisuu akka dandaʼan dubbata. (Mat. 25:10-12; 2 Phe. 2:20, 21) ‘Sobaan warra kaan jajuu’ irraa kan of qusannu yoo taʼe, warra dibamtoota ykn beekamoo taʼan ykn yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan dabalatee matumaa namoota duuka hin buunu. (Yih. 16) Namoonni kun amanamoo utuu hin taʼin yoo hafan ykn gumii yoo dhiisan illee amantiin Yihowaa irratti qabnu hin badu ykn isa tajaajiluu keenya hin dhaabnu.

WAAʼEE LAKKOOFSA NAMOOTA MAXINOO FI WAYINICHA IRRAA HIRMAATANII YAADDAʼUU QABNAA?

11. Lakkoofsi namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii maal taʼaa tureera?

11 Waggoota hedduudhaaf lakkoofsi namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii hirʼachaa tureera. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu lakkoofsi isaanii waggaa waggaadhaan dabalaa dhufeera. Maarree kun nu yaaddessuu qabaa? Lakki. Mee wantoota ijoo sammuutti qabachuu qabnu tokko tokko haa ilaallu.

12. Waaʼeen lakkoofsa namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii nu yaaddessuu kan hin qabne maaliifi?

12 “Yihowaan warra kan isaa taʼan ni beeka.” (2 Xim. 2:19) Yihowaa irraa haala adda taʼeen, obboloonni namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatan lakkaaʼan dhugumaan eenyu akka dibame hin beekan. Kanaafuu lakkoofsi isaanii warra dibamtoota akka taʼan yaadan, garuu immoo dibamtoota hin taanes ni dabalata jechuu dha. Fakkeenyaaf, namoonni maxinoo fi wayinicha irraa hirmaachaa turan tokko tokko yeroo booda dhaabaniiru. Warri kaan immoo Kiristoos wajjin samii irratti akka bulchan kan amanan rakkina sammuu ykn miiraa waan qabaniif taʼuu dandaʼa. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, lafa irratti dibamtoonni meeqa akka hafan sirriitti beekuu hin dandeenyu.

13. Kitaabni Qulqulluun rakkinni guddaan yommuu jalqabu lakkoofsi dibamtoota lafa irra jiranii hammam akka taʼu ni dubbataa?

13 Yesuus gara samiitti isaan fudhachuuf yeroo dhufu dibamtoonni kutaalee addunyaa hedduutti ni argamu. (Mat. 24:31) Kitaabni Qulqulluun guyyoota dhumaatti lakkoofsi dibamtoota lafa irratti hafanii xinnoo akka taʼu dubbata. (Mul. 12:17) Haa taʼu malee, yommuu rakkinni guddaan jalqabu lakkoofsi dibamtoota lafa irratti hafanii meeqa akka taʼu hin dubbatu.

Namni tokko Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa yoo hirmaate maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? (Keeyyata 14 ilaali)

14. Roomaa 9:11, 16 irratti akka ibsametti akkaataa itti dibamtoonni filataman ilaalchisee maal hubachuu qabna?

14 Yeroo itti dibamtoonni filataman Yihowaatu murteessa. (Rom. 8:28-30) Yihowaan dibamtoota filachuu kan jalqabe erga Yesuus duʼaa kaʼee booda dha. Jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni dhugaan hundi dibamtoota waan turan fakkaata. Jaarraawwan sana booda turanitti namoonni Kiristiyaanota akka taʼan dubbatan baayʼeen isaanii dhugumaan Kiristoos duuka hin buune. Taʼus, Yihowaan yeroo sanatti namoota muraasa Kiristiyaanota dhugaa taʼan dibeera. Isaan akkuma qamadii Yesuus inkirdaada gidduutti akka guddatu dubbate sanaa turan. (Mat. 13:24-30) Guyyoota dhumaattis Yihowaan namoota kutaa warra 144,000 taʼan filachuu isaa itti fufeera. * Kanaafuu Waaqayyo namoota kana dhumni dhufuu isaa dura filachuuf yoo murteesse, nuti ogummaa isaa irratti gaaffii kaasuu hin qabnu. (Roomaa 9:11, 16 dubbisi.) * Nuti akka hojjettoota Yesuus fakkeenyota isaa keessaa isa tokko irratti dubbatee akka hin taane of eeggachuu qabna. Hojjettoonni sun wanta abbaan maasichaa namoota saʼaatii dhumaa irratti hojjechuu jalqabaniif godhetti gungumanii turan.—Mat. 20:8-15.

15. Dibamtoonni hundi kutaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessa’ Maatewos 24:45-47 irratti ibsameetii? Ibsi.

15 Namoonni abdii samii irra jiraachuu qaban hundi kutaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaa’ miti. (Maatewos 24:45-47 dubbisi.) Akkuma jaarraa jalqabaa Yihowaa fi Yesuus namoota hedduu sooruuf ykn barsiisuuf obboloota muraasatti fayyadamu. Jaarraa jalqabaatti Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii kan barreessan Kiristiyaanota dibamoo muraasa qofa turan. Yeroo harʼaas saba Waaqayyootiif “yeroo sirrii taʼetti nyaata” dhiheessuuf itti gaafatamummaa kan qaban Kiristiyaanota dibamoo muraasa qofa dha.

16. Mata duree kana irraa maal baratte?

16 Mata duree kana irraa maal baranne? Yihowaan sabni isaa baayʼeen lafa irratti jireenya bara baraa akka argatan, warri lakkoofsi isaanii muraasa taʼee fi Yesuus wajjin bulchan immoo samii irra akka jiraatan murteesseera. Yihowaan tajaajiltoota isaa hunda jechuunis, nama “Yihudii” sanas taʼe ‘namoota kurnan’ ni badhaasa, akkasumas gareen lamaanuu seera wal fakkaatuuf akka ajajamanii fi amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan irraa eega. Hundi isaanii kan gad of qaban taʼanii itti fufuu qabu. Akkasumas hundi isaanii waliin taʼanii isa tajaajiluu fi tokkummaa qabaachuu qabu. Nageenyi gumii keessa akka jiraatu gochuufis hundi isaanii hojjechuu qabu. Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu jiru kanatti hundi keenya Yihowaa tajaajiluu fi “tuuta tokko” taanee Kiristoos duuka buʼuu keenya itti haa fufnu.—Yoh. 10:16.

^ key. 5 Waggaa kana Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos Kibxata, Ebla 7 kabajama. Namoota galgala sana maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaataniif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinicha irraa hirmaatanii dabalaa deemuun isaa hoo nu yaaddessuu qabaa? Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan Masaraa Eegumsaa Amajjii 2016 baʼe irratti hundaaʼan kanneeniif deebii arganna.

^ key. 2 Faarfannaan 87:5, 6 akka argisiisutti Waaqayyo gara fuulduraatti maqaa namoota Yesuus wajjin samii irratti bulchanii hunda beeksisuu dandaʼa.—Rom. 8:19.

^ key. 8 Saanduqa “Jaalalli ‘Amala Sirrii Hin Taane Hin Argisiisu’” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Amajjii 2016 irra jiru ilaali.

^ key. 14 Hojiin Ergamootaa 2:33 hafuurri qulqulluun kan dhangalaʼe karaa Yesuus akka taʼe kan dubbatu taʼus, nama hunda kan affeeru Yihowaa dha.

^ key. 14 Odeeffannoo dabalataa argachuuf “Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2007 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

FAARFANNAA 34 Amanamummaadhaan Deddeebiʼuu

^ key. 56 IBSA FAKKII: Bakka buʼaan waajjira muummee tokkoo fi haati manaa isaa walgaʼii guddaa tokko irratti namoota suuraa kaasaniin akkasitti utuu marfamanii salphina akkamii akka taʼe yaadi!