Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 6

Abbaan Keenya Yihowaan Baayʼee Nu Jaallata

Abbaan Keenya Yihowaan Baayʼee Nu Jaallata

“Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu.’”—MAT. 6:9.

FAARFANNAA 135 Affeerrii Yihowaa: ‘Yaa Ilma Koo, Ogeessa Taʼi’

QABIYYEE *

1. Namni tokko mootii Faares haasofsiisuu yoo barbaade maal gochuu qaba ture?

MEE waggoota 2,500 dura Faares keessa jiraachaa akka jirtu godhii yaadi. Dhimma tokko ilaalchisee mootii biyyattii haasofsiisuu waan barbaaddeef gara magaalaa Susaan bakka mootichi jiraatu deemte. Mooticha haasofsiisuu kee dura garuu heyyama isaa argachuu qabda. Heyyama isaa utuu hin argatin isa haasofsiisuuf yoo yaalte lubbuu kee dhabuu dandeessa!—As. 4:11.

2. Yihowaatti dhihaachuu ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼama?

2 Yihowaan akka mootii Faares kanaa waan hin taaneef baayʼee galateeffanna! Yihowaan bulchaa ilmaan namootaa kam irra iyyuu baayʼee kan caalu taʼus, yeroo kamitti iyyuu nu simata. Inni isatti dhihaachuuf bilisummaan akka nutti dhagaʼamu barbaada. Fakkeenyaaf, Yihowaan maqaawwan ulfinaa guguddaa kan akka Uumaa Guddicha, Hundumaa kan Dandaʼuu fi Gooftaa Ol Aanaa jedhamaniin kan waamame taʼus, jecha jaalala argisiisuu fi “Abbaa” jedhuun akka isa waamnu nu affeereera. (Mat. 6:9) Yihowaan baayʼee akka isatti dhihaannu kan barbaadu taʼuun isaa nu gammachiisa.

3. Yihowaa, “Abbaa” jennee kan waamnu maaliifi? Mata dureen kuni hoo waaʼee maalii ibsa?

3 Yihowaan Madda jireenya keenyaa waan taʼeef “Abbaa” jennee isa waamuun keenya sirrii dha. (Far. 36:9) Inni Abbaa keenya waan taʼeef isaa ajajamuuf dirqamni nu irra jira. Wanta inni nu irraa barbaadu yommuu raawwannu eebbawwan dinqisiisoo taʼan arganna. (Ibr. 12:9) Eebbawwan kunneenis samii irratti ykn lafa irratti jireenya bara baraa argachuu dabalata. Yeroo ammaattis buʼaawwan hedduu argachuu dandeenya. Mata dureen kun Yihowaan yeroo ammaatti Abbaa jaalala qabeessa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti akka taʼee fi gara fuulduraatti immoo matumaa akka nu hin gatne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe ibsa. Jalqaba garuu Abbaan keenya inni samii baayʼee akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

YIHOWAAAN ABBAA JAALALA QABEESSAA FI NUUF YAADU DHA

Akkuma abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko ijoollee isaatti dhihaachuu barbaadu, Yihowaanis nutti dhihaachuu barbaada (Keeyyata 4 ilaali)

4. Namoonni tokko tokko Yihowaa akka Abbaa isaaniitti ilaaluun kan isaanitti ulfaatu maaliifi?

4 Waaqayyoon akka Abbaa keetti ilaaluun sitti ulfaataa? Namoonni tokko tokko Yihowaa wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xinnoo fi homaatti iyyuu kan hin lakkaaʼamne akka taʼan isaanitti dhagaʼama taʼa. Waaqni Hundumaa Dandaʼu dhuunfaatti akka isaaniif yaadu ni shakku. Haa taʼu malee, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe akkas akka nutti dhagaʼamu hin barbaadu. Inni jireenya nuuf kenneera, isa wajjinis hariiroo akka qabaannu barbaada. Phaawulos ergamaan namoota Ateenaa keessatti isa dhaggeeffachaa turaniif dhugaa kana erga ibsee booda, Yihowaan “tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo” akka hin taane dubbateera. (HoE. 17:24-29) Waaqayyo akkuma mucaan tokko warra isaa jaalala qabeeyyii taʼanii fi isaaf yaadan haasofsiisu, tokkoon tokkoon keenyas akka isa haasofsiisnu barbaada.

5. Muuxannoo obboleettii takkaa irraa maal baranna?

5 Warri kaan immoo abbaan isaanii jaalalaa fi gaarummaa baayʼee ykn homaa waan isaanitti hin argisiisneef Yihowaa akka Abbaa isaaniitti ilaaluun isaanitti ulfaata. Mee wanta obboleettiin takka dubbatte haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Abbaan koo dubbii nama miidhu natti dubbata ture. Jalqaba Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuun eegalu Abbaa keenya isa samiitti dhihaachuun natti ulfaatee ture. Ergan Yihowaa beekee booda garuu wanti hundi ni jijjiirame.” Ati hoo miirri akkasii sitti dhagaʼamaa? Taanaan atis Yihowaa Abbaa hunda irra caalu akka taʼetti ilaaluu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi.

6. Maatewos 11:27 akka jedhutti karaawwan itti Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa akka taʼetti akka isa ilaallu nu gargaare keessaa inni tokko isa kami?

6 Karaawwan itti Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa akka taʼetti akka isa ilaallu nu gargaare keessaa inni tokko dubbiiwwanii fi gochawwan Yesuus Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffaman gochuudhaani. (Maatewos 11:27 dubbisi.) Yesuus amaloota Abbaa isaa sirriitti waan calaqqisiiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedhee dubbachuu dandaʼeera. (Yoh. 14:9) Yesuus yeroo baayʼee gaʼee Yihowaan Abbaa taʼuudhaan raawwatu ni dubbata ture. Yesuus Wangeelota arfan keessatti qofa Yihowaa ibsuuf jecha “Abbaa” jedhutti gara siʼa 165 fayyadameera. Yesuus waaʼee Yihowaa baayʼinaan kan dubbate maaliifi? Sababiin inni tokko namoonni Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa taʼuu isaa akka amananiifi.—Yoh. 17:25, 26.

7. Akkaataa itti Yihowaan Ilma isaa qabe irraa waaʼee Yihowaa maal baranna?

7 Mee akkaataa itti Yihowaan Ilma isaa Yesuusiin qabe irraa waaʼee Yihowaa maal akka barannu haa ilaallu. Yihowaan yeroo hunda kadhannaa Yesuus ni dhagaʼa ture. Inni kadhannaa Yesuus dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin deebiis isaa kenneera. (Yoh. 11:41, 42) Yesuus rakkinni akkamii iyyuu yoo isa mudate jaalalaa fi deeggarsa Abbaa isaa akka argatu beeka ture.—Luq. 22:42, 43.

8. Yihowaan wanta Yesuusiif barbaachisu kan kenneef karaawwan kamiini?

8 Yesuus ‘sababii Abbaatiin akka jiraatu’ yommuu dubbatetti Abbaan isaa Madda jireenya isaa akka taʼee fi kan isa jiraachisu taʼuu isaa ifa godheera. (Yoh. 6:57) Yesuus guutummaatti Abbaa isaatti waan amanameef Yihowaan wanta jireenyaaf isa barbaachisu isaaf kenneera. Hunda caalaa immoo Yihowaan, Yesuus isaaf amanamaa taʼee akka itti fufu isa gargaareera.—Mat. 4:4.

9. Yihowaan Yesuusiin akka jaallatuu fi isaaf yaadu kan argisiise akkamitti?

9 Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, Yesuus deeggarsa Abbaa isaa akka qabu akka beeku godheera. (Mat. 26:53; Yoh. 8:16) Yihowaan miidhaa hunda irraa Yesuusiin kan hin eegne taʼus, rakkoowwan akka dandamatu isa gargaareera. Yesuus miidhaan isa irra gaʼu kam iyyuu yeroodhaaf qofa akka turu mirkanaaʼaa ture. (Ibr. 12:2) Yihowaan isa dhaggeeffachuudhaan, wanta isa barbaachisu isaaf kennuudhaan, isa leenjisuu fi isa deeggaruudhaan Yesuusiif akka yaadu argisiiseera. (Yoh. 5:20; 8:28) Mee amma immoo Abbaan keenya inni samii haaluma wal fakkaatuun nuufis kan yaadu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

ABBAAN KEENYA INNI JAALALA QABEESSI KAN NUUF YAADU AKKAMITTI?

Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko ijoollee isaa (1) ni dhaggeeffata (2) wanta isaaniif barbaachisu ni guuta (3) ni leenjisa, akkasumas (4) eegumsa isaaniif godha. Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼes haaluma wal fakkaatuun nuuf yaada (Keeyyata 10-15 ilaali) *

10. Faarfannaan 66:19, 20 akka jedhutti Yihowaan akka nu jaallatu kan argisiisu akkamitti?

10 Yihowaan kadhannaa keenya ni dhagaʼa. (Faarfannaa 66:19, 20 dubbisi.) Inni kadhannaa keenya hin daangessine, kanaa mannaa yeroo hunda akka kadhannu nu jajjabeessa. (1 Tas. 5:17) Bakki jirru eessa iyyuu yoo taʼe yeroo kamitti iyyuu karaa kabaja qabuun Waaqa keenyatti dhihaachuu dandeenya. Inni kadhannaa keenya dhagaʼuuf matumaa yeroo hin dhabu; kanaa mannaa yeroo hunda xiyyeeffannaadhaan nu dhaggeeffata. Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu yommuu hubannu caalaatti isa jaallanna. Faarfatichi, “Waaqayyo sagalee koo . . . waan dhagaʼeef, ani isa nan jaalladha” jechuudhaan dubbateera.—Far. 116:1.

11. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti?

11 Abbaan keenya kadhannaa keenya dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin deebiis nuuf kenna. Yohaannis ergamaan, “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii [Waaqayyootti] yoo kadhanne inni nu dhagaʼa” jechuudhaan kana nuuf mirkaneesseera. (1 Yoh. 5:14, 15) Dhugaadha, Yihowaan karaa nuti eegneen kadhannaa keenyaaf deebii kennuu dhiisuu dandaʼa. Inni wanta nuuf gaarii taʼe waan beekuuf, yeroo tokko tokko deebii nuuf hin kennu, yookiin immoo akka eeggannu barbaada.—2 Qor. 12:7-9.

12-13. Abbaan keenya inni samii wanta nu barbaachisu kan nuuf kennu karaawwan kamiini?

12 Yihowaan wanta nu barbaachisu nuuf kenna. Inni wanta abbootiin hundi akka godhan barbaadu ni godha. (1 Xim. 5:8) Yihowaan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu ijoollee isaatiif ni kenna. Inni wanta nyaannu, wanta uffannu ykn mana keessa jiraannu ilaalchisee akka yaaddofnu hin barbaadu. (Mat. 6:32, 33; 7: 11) Akkuma warra jaalala qabeeyyii taʼan tokkoo, wantoota gara fuulduraatti nu barbaachisan hunda akka argannu qophii nuuf godheera.

13 Hunda caalaa immoo Yihowaan wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu nuuf guuta. Karaa Dubbii isaa waaʼee isaa, waaʼee kaayyoo isaa, maaliif akka uumamnee fi gara fuulduraa ilaalchisee dhugaa isaa akka beeknu godheera. Inni jalqaba yommuu dhugaa barannu warra keenyatti ykn nama kan biraatti fayyadamee akka isa beeknu nu gargaaruudhaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka nuuf kennu argisiiseera. Akkasumas gargaarsa jaarsoliin gumii jaalala qabeeyyii taʼanii fi obboloonni bilchaatoo taʼan kan biroon gaarummaadhaan nuuf godhanitti fayyadamee nu gargaaruu isaa itti fufeera. Kana malees, Yihowaan walgaʼiiwwan gumiitti fayyadamee nu barsiisa, walgaʼiiwwan kana irrattis maatii hafuuraa keenya wajjin taanee baranna. Yihowaan karaawwan kanaa fi kanneen birootiin akka abbaatti hunda keenyaaf xiyyeeffannaa kenna.—Far. 32:8.

14. Yihowaan kan nu leenjisu maaliifi? Kana kan godhu hoo akkamitti?

14 Yihowaan nu leenjisa. Nuti Yesuus irraa haala adda taʼeen cubbamoota dha. Kanaafuu, Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe nu leenjisuuf yeroo barbaachisaa taʼetti nu adaba. Dubbiin isaa, “Yihowaan warra jaallatu ni adaba” jechuudhaan kana nu yaadachiisa. (Ibr. 12:6, 7) Yihowaan karaawwan hedduudhaan nu adaba. Fakkeenyaaf, wanti Dubbii isaa irraa dubbisne ykn walgaʼiiwwan keenya irratti dhageenye nu sirreessuu dandaʼa. Yookiin immoo gargaarsa nu barbaachisu jaarsolii irraa argachuu dandeenya taʼa. Akkaataan itti Yihowaan nu adabu maal iyyuu yoo taʼe yeroo hunda kan nu adabu waan nu jaallatuufi.—Er. 30:11.

15. Yihowaan eegumsa kan nuuf godhu karaawwan kamiini?

15 Yihowaan rakkoowwan keenya keessatti nu gargaara. Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko yeroo rakkisaa taʼetti ijoollee isaa akkuma gargaaru, Abbaan keenya inni samiis rakkoowwan keessatti nu gargaara. Miidhaa karaa hafuuraa nu irra gaʼu irraa nu eeguuf hafuura qulqulluu isaatti fayyadama. (Luq. 11:13) Yihowaan karaa miiraas eegumsa nuuf godha. Fakkeenyaaf, abdii dinqisiisaa taʼe nuuf kenneera. Abdiin gara fuulduraa kun immoo haalawwan rakkisoo taʼan akka dandamannu nu gargaara. Mee yaadi: Wanti hamaan akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe miidhaa nu irra gaʼe kam iyyuu ni balleessa. Rakkinni nu irra gaʼaa jiru kam iyyuu yeroodhaaf qofa tura, eebbawwan Yihowaan nuuf kennu garuu bara baraaf itti fufu.—2 Qor. 4:16-18.

YIHOWAAN MATUMAA NU HIN GATU

16. Addaam Abbaa isaa isa jaalala qabeessa taʼeef ajajamuu yommuu didetti maaltu taʼe?

16 Jaalala Yihowaan nuuf qabu karaa itti inni rakkina maatii ilmaan namootaa jalqabaa wajjin walqabatee uumameef furmaata kenne irraa mirkaneeffachuu dandeenya. Addaam Abbaa isaa isa samiitiif utuu hin ajajamin yeroo hafetti innis taʼe sanyiin isaa miseensota maatii Yihowaa akka hin taane godheera. (Rom. 5:12; 7:14) Haa taʼu malee, Yihowaan sanyii Addaam gargaaruuf tarkaanfii fudhateera.

17. Addaam erga cubbuu hojjetee booda Yihowaan battalumatti maal godhe?

17 Yihowaan Addaamiin adabeera, sanyiin isaa warri hin dhalanne garuu abdii malee akka hafan hin goone. Yihowaan battaluma sanatti ilmaan namootaa ajajamoo taʼan gara maatii isaatti akka deebiʼan waadaa galeera. (Uma. 3:15; Rom. 8:20, 21) Yihowaan qophii kana kan godhe aarsaa furii Ilma isaa isa jaallatamaa taʼe irratti hundaaʼuudhaani. Inni ilma isaa nuuf kennuudhaan hammam akka nu jaallatu argisiiseera.—Yoh. 3:16.

Yihowaa irraa yoo fagaanne, garuu immoo deebinee yaada yoo jijjiirranne Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼe nu simachuuf qophaaʼaa dha, akkasumas fedhii qaba (Keeyyata 18 ilaali)

18. Yihowaan isa irraa yoo fagaanne illee akka ijoollee isaatti akka nu simatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

18 Nuti cubbamoota taanus Yihowaan miseensota maatii isaa akka taanu barbaada, akkasumas matumaa baʼaa akka taanetti nu hin ilaalu. Isa gaddisiisuu ykn yeroodhaaf isa irraa fagaachuu dandeenya taʼa, taʼus Yihowaan abdii nutti hin kutatu. Yesuus seenaa waaʼee ilma badee ibsu irratti Yihowaan ijoollee isaa hammam akka jaallatu fakkeenyaan ibseera. (Luq. 15:11-32) Abbaan fakkeenyicha irratti ibsame sun ilmi isaa akka deebiʼu abdachuu isaa hin dhiisne ture. Mucaan sun yommuu gara manaatti deebiʼu abbaan isaa gammachuudhaan isa simateera. Yihowaa irraa yoo fagaanne, garuu immoo deebinee yaada yoo jijjiirranne Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼe nu simachuu akka barbaaduu fi qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

19. Yihowaan miidhaa sababii Addaamiin gaʼe kan sirreessu akkamitti?

19 Abbaan keenya miidhaa sababii Addaamiin gaʼe hunda ni sirreessa. Addaam cubbuu erga hojjetee booda Yihowaan Ilma isaa wajjin samii irratti moototaa fi luboota taʼanii akka tajaajilaniif ilmaan namootaa keessaa namoota 144,000 taʼan filachuuf murteesseera. Addunyaa haaraa keessatti Yesuusii fi warri isa wajjin bulchan ilmaan namootaa ajajamoo taʼan cubbuu irraa bilisa akka taʼan gargaaru. Qorumsa isa xumuraa erga darbanii booda Waaqayyo jireenya bara baraa isaaniif kenna. Abbaan keenya lafti dhiirotaa fi dubartoota mudaa hin qabneen guutamtee yommuu argu baayʼee gammada. Yeroon sun yeroo baayʼee nama gammachiisu taʼa!

20. Yihowaan baayʼee akka nu jaallatu kan argisiise karaawwan kamiini? Mata duree itti aanu hoo waaʼee maalii ibsa.

20 Yihowaan baayʼee akka nu jaallatu argisiiseera. Inni Abbaa hundumaa irra caalu dha. Inni kadhannaa keenya ni dhagaʼa, akkasumas wanta karaa qaamaa fi hafuuraa nu barbaachisu nuuf guuta. Inni nu leenjisa, nu gargaaras. Akkasumas eebbawwan dinqisiisoo taʼan nuuf qopheesseera. Abbaan keenya akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa! Mata dureen itti aanu nutis akka ijoollee isaatti jaalala isaatiif akka galateeffannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

FAARFANNAA 108 Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa

^ key. 5 Yeroo baayʼee Yihowaa Uumaa keenyaa fi Bulchaa Ol Aanaa akka taʼetti ilaalla. Taʼus, Abbaa jaalala qabeessa taʼee fi nuuf yaadu akka taʼetti isa ilaaluufis sababii gaʼaa qabna. Mata dureen kun sababiiwwan kanneen ibsa. Kana malees Yihowaan matumaa akka nu hin gatne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe baranna.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Fakkiiwwan arfan hundi abbaa ijoollee isaa wajjin jiru tokko argisiisa: abbaan tokko ilma isaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jira, abbaan tokko wanta intala isaatiif barbaachisu ishiidhaaf kennaa jira, abbaan tokko ilma isaa leenjisaa jira, abbaan tokko ilma isaa jajjabeessaa jira. Harki Yihowaa fakkiiwwan arfan kana duubaan mulʼatu Yihowaanis haaluma wal fakkaatuun akka nuuf yaadu nu yaadachiisa.