Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 9

Yihowaan Isin haa Tasgabbeessu

Yihowaan Isin haa Tasgabbeessu

“Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.”—FAR. 94:19, NW.

FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee

QABIYYEE *

1. Yaaddoodhaaf maaltu sababa taʼuu dandaʼa? Kun immoo dhiibbaa kan nu irraan gaʼu akkamitti?

WAAʼEE wanta tokkoo baayʼee yaaddoftee * beektaa? Tarii wanta warri kaan dubbataniin ykn raawwataniin waan miidhamteef yaaddoon sitti dhagaʼamee beeka taʼa. Yookiin immoo wanti dubbatte ykn raawwatte tokko si yaaddessa taʼa. Fakkeenyaaf, dogoggora tokko waan raawwatteef Yihowaan matumaa dhiifama naaf hin godhu jettee yaaddofta taʼa. Kana irra kan hammaatu immoo, waaʼee wanta tokkoo baayʼee waan yaaddoftuuf amantii gaʼaa akka hin qabnee fi nama hamaa akka taate sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kun garuu dhugaadhaa?

2. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu yaaddaʼuu jechuun amantiin hirʼachuu jechuu akka hin taane argisiisan kam faʼi?

2 Mee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu muraasa haa ilaallu. Haannaan ishiin haadha Saamuʼel raajichaa taate dubartii amantii guddaa qabdu turte. Haa taʼu malee, miseensi maatii ishii tokko karaa sirrii hin taaneen yommuu ishii qabdetti baayʼee dhiphattee turte. (1 Sam. 1:7) Phaawulos ergamaan nama amantii cimaa qabu ture, taʼus “waaʼee gumiiwwan hundaa” baayʼee yaaddaʼa ture. (2 Qor. 11:28) Daawit Mootichis amantii cimaa waan qabuuf Yihowaan baayʼee isa jaallata ture. (HoE. 13:22) Haa taʼu malee, Daawit dogoggora baayʼee akka dhiphatu isa taasisu raawwatee ture. (Far. 38:4) Yihowaan hunda isaanii jajjabeesseera, akkasumas tasgabbeesseera. Mee fakkeenya isaanii irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

HAANNAA ISHII AMANAMTUU TURTE IRRAA MAAL BARANNA?

3. Wanti warri kaan dubbatan akka yaaddofnu nu gochuu kan dandaʼu akkamitti?

3 Warri kaan karaa nama miidhuun yommuu nutti dubbatanii fi wanta sirrii hin taane yommuu raawwatan yaaddoon nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Keessumaa namni nu miidhe michuu baayʼee nutti dhihaatu ykn fira keenya yoo taʼe kun baayʼee nu yaaddessuu dandaʼa. Hariiroon nama sanaa wajjin qabnu addaan cita jennee yaaddofna taʼa. Yeroo tokko tokko namni nu miidhe sun utuu itti hin yaadin dubbatee taʼuu dandaʼa, kanaan kaʼes akka waan billaadhaan waraanamnee nutti dhagaʼama taʼa! (Fak. 12:18) Yookiin immoo namni tokko taʼe jedhee wanta nu miidhuu dandaʼu dubbachuu dandaʼa. Obboleettiin shamarreen takka haala rakkisaa akkasii dandamachuun ishii barbaachisee ture. Akkana jetteetti: “Waggoota muraasa dura namni ani michuu gaarii akka taatetti ilaalu waaʼee koo weebsaayitii hawaasaatiin oduu sobaa babalʼisuu jalqabde. Kunis baayʼee na miidhe, akkasumas na yaaddesse. Maaliif akka ishiin akkasitti na miite naa galuu hin dandeenye.” Michuun baayʼee sitti dhihaatu ykn firri kee tokko si miidheera yoo taʼe, Haannaa irraa barumsa hedduu argachuu dandeessa.

4. Haannaan rakkina ulfaataa akkamii dandamachuun ishii barbaachisee ture?

4 Haannaan rakkoowwan ulfaataa taʼan tokko tokko dandamachuun ishii barbaachisee ture. Ishiin waggoota hedduudhaaf ijoollee godhachuu hin dandeenye. (1 Sam. 1:2) Akka aadaa Israaʼelootaatti dubartii dhabduun akka abaaramtetti ilaalamti turte. Kun immoo Haannaa baayʼee qaanessee ture. (Uma. 30:1, 2) Wanti Haannaatti jireenyi akka ulfaatu godhe inni kan biraan immoo abbaan manaa ishii haadha manaa kan biraa Phiniinaa jedhamtu kan qabu yommuu taʼu, ishiinis ijoollee isaaf deesseetti. Phiniinaan, Haannaatti waan hinaaftuuf “ishii aarsuudhaaf yeroo hundumaa ishii tuttuqxi turte.” (1 Sam. 1:6, NW) Jalqaba irratti Haannaan haala ulfaataa kana dandamachuu hin dandeenye. ‘Hamma boossee midhaan lagattutti’ baayʼee aartee turte. Akkasumas garaa ishiitti “guddaa gadditee” turte. (1 Sam. 1:7, 10) Maarree Haannaan jajjabina kan argatte akkamitti?

5. Kadhannaan Haannaa kan gargaare akkamitti?

5 Haannaan kadhannaadhaan miira ishii Yihowaadhaaf ibsiteetti. Kadhannaa erga dhiheessitee booda immoo haala keessa jirtu Elii isa Luba Ol Aanaa turetti himteetti. Innis “Nagaadhaan dhaqi! Waaqayyo inni kan Israaʼel waan ati isa kadhatte siif haa kennu” ishiidhaan jedhe. Buʼaan isaa hoo maal ture? Haannaan “Karaa ishee irra in buute; nyaatas in nyaattee, deebitees nyaara hin guurre.” (1 Sam. 1:17, 18) Kadhannaan nagaa ishii deebistee akka argattu ishii gargaareera.

Akkuma Haannaa nagaa keenya deebisnee argachuu fi eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 6-10 ilaali)

6. Kadhannaa ilaalchisee Haannaa fi yaada Filiphisiyus 4:6, 7 irratti argamu irraa maal baranna?

6 Kadhachuu keenya yoo itti fufne nagaa keenya deebisnee argachuu dandeenya. Haannaan Abbaa ishii isa samii haasofsiisuudhaan yeroo dheeraa dabarsiti turte. (1 Sam. 1:12) Nutis yeroo dheeraa fudhannee wanta nu yaaddesse, nu sodaachisee fi dadhabina keenya Yihowaatti himuu dandeenya. Wanta hunda karaa mudaa hin qabneen ykn karaa nama hawwatuun dubbachuun nu hin barbaachisu. Yeroo tokko tokko waaʼee dhiphina keenyaa Yihowaatti yommuu himnu booʼuu illee ni dandeenya. Taʼus, Yihowaan kadhannaa keenya dhaggeeffachuun matumaa isa hin dadhabsiisu. Waaʼee rakkoowwan keenyaa kadhachuu qofa utuu hin taʼin, gorsa Filiphisiyus 4:6, 7 irra jirus yaadachuu qabna. (Dubbisi.) Phaawulos kadhannaa galataa dhiheessuu akka qabnu adda baasee caqaseera. Yihowaa galateeffachuuf sababii hedduu qabna. Fakkeenyaaf, kennaa jireenyaa inni nuu kenneef, hojiiwwan uumamaa isaatiif, jaalala isaa isa amanamaadhaaf, akkasumas abdii dinqisiisaa nuu kenneef isa galateeffachuu dandeenya. Haannaa irraa barumsa kan biraa akkamii argachuu dandeenya?

7. Haannaa fi abbaan manaa ishii yeroo hunda maal godhu turan?

7 Haannaan rakkoowwan adda addaa kan ishii irra gaʼan taʼus, yeroo hunda abbaa manaa ishii wajjin iddoo waaqeffannaa Yihowaa isa Shiilootti argamu ni deemti turte. (1 Sam. 1:1-5) Eliin inni Luba Ol Aanaa ture Yihowaan kadhannaa ishiitiif deebii akka kennu akka abdatu ishiitti himuudhaan kan ishii jajjabeesse yeroo ishiin gara godoo qulqullaaʼaa deemtetti ture.—1 Sam. 1:9, 17.

8. Walgaʼiiwwan gumii kan nu gargaaran akkamitti? Ibsi.

8 Walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu keenya yoo itti fufne nagaa keenya deebisnee argachuu dandeenya. Yeroo baayʼee kadhannaan walgaʼiiwwan keenya irratti jalqaba dhihaatu hafuurri Waaqayyoo akka nu wajjin taʼu gaafachuu dabalata. Nageenyi immoo firii hafuura kanaa keessaa isa tokko dha. (Gal. 5:22) Dhiphina keessa yeroo jirrutti illee walgaʼiiwwan keenya irratti yommuu argamnu Yihowaanii fi obboloonni keenya akka nu jajjabeessan, akkasumas nagaa sammuu fi garaa deebisnee argachuuf akka nu gargaaran carraa isaaniif kennina. Karaawwan Yihowaan nu tasgabbeessuuf itti fayyadamu keessaa inni guddaan kadhannaa fi walgaʼiiwwan gumii ti. (Ibr. 10:24, 25) Mee muuxannoo Haannaa irraa barumsa argachuu dandeenyu kan biraa haa ilaallu.

9. Wanta Haannaa mudate wajjin haala wal qabateen maaltu hin jijjiiramne? Wanti jijjiirame hoo maali dha?

9 Wanti Haannaa yaaddessee ture battalumatti hin badne. Haannaan godoo qulqullaaʼaatti Yihowaa waaqeffattee yommuu deebitu ammas Phiniinaa wajjin mana tokko keessa jiraachuu qabdi turte. Kana malees Kitaabni Qulqulluun ilaalchi Phiniinaa akka jijjiirame hin dubbatu. Kanaafuu Haannaan jechoota nama miidhanii fi masaanuun ishii dubbattu dandamachuu ishii itti fuftee taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, Haannaan nagaa ishii deebistee argachuu fi eegdee jiraachuu dandeesseetti. Haannaan dhimmicha Yihowaatti erga himtee booda waaʼee isaa dhiphachuu akka dhiiste yaadadhu. Yihowaan akka ishii jajjabeessuu fi ishii tasgabbeessu heyyamtee turte. Yeroo muraasa booda Haannaan ijoollee godhachuudhaan eebbifamteetti!—1 Sam. 1:19, 20; 2:21.

10. Fakkeenya Haannaa irraa maal baranna?

10 Rakkinni nu mudate yoo itti fufe illee nagaa keenya deebisnee argachuu dandeenya. Cimsinee kan kadhannuu fi yeroo hunda walgaʼiiwwan gumii irratti kan argamnu taʼus rakkoowwan tokko tokko itti fufuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaan garaa keenya isa dhiphate akka hin tasgabbeessine wanti isa dhoowwuu dandaʼu akka hin jirre fakkeenya Haannaa irraa barachuu dandeenya. Yihowaan matumaa nu hin irraanfatu, oolee bulee amanamummaa keenyaaf nu badhaasa.—Ibr. 11:6.

PHAAWULOS ERGAMAA IRRAA MAAL BARANNA?

11. Wantoonni Phaawulos yaaddessanii turan maal faʼi?

11 Phaawulos wanta isa yaaddessu baayʼee qaba ture. Fakkeenyaaf, obbolootaa fi obboleettota isaa waan jaallatuuf rakkoowwan isaan mudatan baayʼee isa dhiphisee ture. (2 Qor. 2:4; 11:28) Phaawulos yeroo lallabaa turetti namoonni isa morman yeroo baayʼee isa rukutaniiru, akkasumas mana hidhaatti isa galchaniiru. Kana malees rakkoowwan akka yaaddaʼu isa taasisan kan akka ‘wanta xinnoodhaan jiraachuu’ dandamachuun isa barbaachisee ture. (Filp. 4:12) Phaawulos yommuu dooniidhaan deemutti yoo xinnaate siʼa sadi balaan doonii waan isa mudateef baayʼee dhiphatee taʼuu hin oolu. (2 Qor. 11:23-27) Phaawulos yaaddoo kana kan dandamate akkamitti ree?

12. Phaawulos baayʼee akka hin yaaddofne wanti isa gargaare maali dha?

12 Phaawulos obboloonnii fi obboleettonni isaa yommuu rakkatan yaaddaʼee kan ture taʼus, rakkoowwan isaan mudatan kana hunda ofuma isaatii furuuf hin yaalle. Phaawulos ofuma isaatii wanta hunda raawwachuu akka hin dandeenye beeka ture. Warri kaan gumicha kunuunsuu irratti akka isa gargaaran qophii godheera. Fakkeenyaaf, namoota amanamoo akka Ximotewosii fi Tiitoo jiraniif itti gaafatamummaa kenneera. Wanti obboloonni kun hojjetanis Phaawulos baayʼee akka hin yaaddofne isa gargaaree akka ture hin shakkisiisu.—Filp. 2:19, 20; Tit. 1:1, 4, 5.

Akkuma Phaawulos yaaddoodhaan liqimfamuu irraa fagaachuuf maal gochuu dandeenya? (Keeyyata 13-15 ilaali)

13. Jaarsoliin fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Warri kaan akka si gargaaran gaafadhu. Akkuma Phaawulos yeroo harʼaas jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan hedduun waaʼee obboloota gumii keessa jiranii fi rakkinni isaan mudachaa jiruu ni yaaddaʼu. Haa taʼu malee, jaarsi gumii tokko warra gumii keessa jiran hunda gargaaruu hin dandaʼu taʼa. Ofii isaatii wanta hunda raawwachuu akka hin dandeenye amanee kan fudhatu yoo taʼe, obboloonni gaʼumsa qaban kaan akka isa gargaaran gaafata, akkasumas dargaggoonni hoolota Waaqayyoo kunuunsuu irratti akka isa gargaaran isaan leenjisa.—2 Xim. 2:2.

14. Phaawulos waaʼeen maalii isa hin dhiphisne? Nuti hoo fakkeenya isaa irraa maal baranna?

14 Jajjabinni akka si barbaachisu amanii fudhadhu. Phaawulos nama gad of qabu waan tureef michoota isaa irraa jajjabina argachuuf yaaleera, akkasumas argateera. Jajjabinni warra kaanii akka isa barbaachisu amanee fudhachuu isaatiin kan kaʼe namoonni kaan nama dadhabaa akka taʼetti na ilaalu jedhee hin dhiphanne. Phaawulos xalayaa Fiilmooniif barreesse irratti akkana jedheera: “Jaalala ati qabdu dhagaʼuu kootiin gammachuu fi jajjabina guddaa argadheera.” (Film. 7) Phaawulos namoota kan biroo isa wajjin hojjetanii fi yeroo dhiphatee turetti baayʼee isa jajjabeessan hedduu caqaseera. (Qol. 4:7-11) Jajjabinni akka nu barbaachisu gad of qabuudhaan amannee kan fudhannu yoo taʼe, obboloonnii fi obboleettonni keenya deeggarsa nu barbaachisu gammachuudhaan nuuf godhu.

15. Phaawulos haalli nama dhiphisu yeroo isa mudatetti maal godhe?

15 Dubbii Waaqayyootti amanami. Phaawulos Kitaabota Qulqulluu irraa jajjabina argachuu akka dandaʼu beeka ture. (Rom. 15:4) Kana malees Kitaabonni Qulqulluun ogummaa rakkina kam iyyuu dandamachuuf isa dandeessisu isaaf kennaniiru. (2 Xim. 3:15, 16) Phaawulos Roomaa keessatti siʼa lammaffaadhaaf yommuu hidhamee turetti yeroon itti duʼu akka dhihaate isatti dhagaʼamee ture. Phaawulos haala nama dhiphisu kana keessatti maal godhe ree? Ximotewos ariitiidhaan gara isaa akka dhufuu fi “maraawwan kitaabotaa” akka isaaf fidu gaafatee ture. (2 Xim. 4:6, 7, 9, 13) Maaliifi? Sababiin isaas maraawwan kitaabotaa kun kutaa Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Phaawulos qoʼannaa dhuunfaatiif itti fayyadamuu taʼuu hin oolan. Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda qoʼachuudhaan fakkeenya Phaawulos kan hordofnu yoo taʼe, rakkina akkamii keessa iyyuu yoo jiraanne Yihowaan Kitaabota Qulqulluutti fayyadamee nu tasgabbeessa.

DAAWIT MOOTICHA IRRAA MAAL BARANNA?

Akkuma Daawit Mootichaa dogoggora cimaa yoo raawwanne maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (Keeyyata 16-19 ilaali)

16. Daawit yaaddoo akkamii ofitti fidee ture?

16 Daawit wanta miirri balleessaa akka isatti dhagaʼamu godhu raawwatee ture. Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwateera, abbaan manaa ishii akka ajjeefamu godheera, akkasumas yakka isaa dhoksuuf yaaleera. (2 Sam. 12:9) Daawit jalqaba irratti qalbii isaa dhaggeeffachuu didee ture. Kanaan kan kaʼes karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa sammuu fi qaamaas miidhaan isa irra gaʼeera. (Far. 32:3, 4) Daawit yaaddoo inni of irratti fide akka dandamatu maaltu isa gargaare? Nuti hoo dogoggora cimaa yoo raawwanne maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

17. Daawit garaadhaa yaada akka geeddarate Faarfannaa 51:1-4 irratti kan ibsame akkamitti?

17 Dhiifama argachuuf kadhadhu. Daawit yeroo booda kadhannaadhaan gara Yihowaatti garagaleera. Garaadhaa yaada geeddarachuudhaan cubbuu isaa himateera. (Faarfannaa 51:1-4 dubbisi.) Kunis dhuma irratti boqonnaa guddaa isaaf argamsiiseera. (Far. 32:1, 2, 4, 5) Cubbuu cimaa hojjetteetta yoo taʼe dogoggora kee dhoksuuf hin yaalin. Kanaa mannaa cubbuu kee hunda kadhannaadhaan Yihowaatti himi. Akkas yoo goote yaaddoo miira balleessaatiin kan kaʼe sitti dhagaʼamu irraa hamma tokko boqonnaa argachuu jalqabda. Michummaa Yihowaa wajjin qabdu deebistee argachuu yoo barbaadde garuu kadhachuu caalaa wanta dabalataa gochuu si barbaachisa.

18. Daawit adaba isaa kennameef deebii kan kenne akkamitti?

18 Adaba fudhadhu. Yihowaan Naataan raajichi cubbuu Daawit hojjete akka itti himu yommuu isa ergetti, Daawit sababii hin dhiheessine ykn cubbuu isaa salphisee ilaaluuf hin yaalle. Cubbuu kan hojjete abbaa manaa Baat-Sheebaa qofa irratti utuu hin taʼin, hundumaa caalaa Yihowaa irratti akka taʼe battaluma sanatti amaneera. Daawit adaba Yihowaa fudhateera, Yihowaanis dhiifama isaaf godheera. (2 Sam. 12:10-14) Nutis cubbuu cimaa yoo hojjenne obboloota Yihowaan akka nu tiksaniif muude haasofsiisuu nu barbaachisa. (Yaq. 5:14, 15) Akkasumas sababii dhiheessuu irraa of qusachuu qabna. Adaba nuuf kenname kam iyyuu dafnee kan fudhannuu fi hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, nagaa fi gammachuu keenyas dafnee deebisnee arganna.

19. Maal gochuuf murteessuu qabna?

19 Dogoggora kanaan dura hojjette irra deebiʼuu dhiisuuf murteessi. Daawit Mootichi cubbuu kanaan dura hojjete deebiʼee raawwachuu dhiisuuf gargaarsi Yihowaa akka isa barbaachisu hubatee ture. (Far. 51:7, 10, 12) Dhiifama Yihowaa erga argatee booda yaada dogoggoraa irraa fagaachuuf murteessee ture. Kanaan kan kaʼes nagaa isaa deebisee argachuu dandaʼeera.

20. Yihowaan dhiifama kan godhu taʼuu isaa akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Dhiifama argachuuf kan kadhannu, adaba kan fudhannuu fi dogoggora keenya irra deebiʼuu dhiisuuf cimnee kan hojjennu yoo taʼe, Yihowaan dhiifama nuu gochuu isaa akka dinqisiifannu argisiisna. Tarkaanfiiwwan kanneen yommuu fudhannu nagaa keenya deebisnee arganna. Obboleessi Jeemsi jedhamuu fi cubbuu cimaa hojjetee ture, kun dhugaa taʼuu isaa hubateera. Akkana jedheera: “Cubbuu koo jaarsoliitti yommuun himu baʼaa guddaan tokko gateettii koo irraa akka buʼe natti dhagaʼame. Nagaa sammuu koo deebisee argachuun jalqabe.” “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo” akka taʼee fi ‘warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼe akka fayyisu’ beekuun baayʼee nama jajjabeessa.—Far. 34:18.

21. Yihowaan akka nu tasgabbeessu heyyamuu kan dandeenyu akkamitti?

21 Guyyoonni dhumaa kun xumuramaa yommuu jiran kanatti wantoonni nama yaaddessan dabaluun isaanii hin oolu. Wanti si yaaddessu yommuu si mudatu utuu hin turin gargaarsa Yihowaa argachuuf yaali. Kitaaba Qulqulluu dhimmii qoʼadhu. Fakkeenya Haannaa, Phaawulosii fi Daawit irraa baradhu. Abbaan kee inni samii wanta si yaaddesse adda baastee beekuuf akka si gargaaru gaafadhu. (Far. 139:23) Keessumaa wantoota baʼaa sitti taʼanii fi toʼannaa keetii ala taʼan akka inni siif baatu isaaf heyyami. Akkas kan gootu yoo taʼe akka faarfatichaa isa “Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites” jechuudhaan Yihowaadhaaf faarfatee taʼuu dandeessa.—Far. 94:19.

FAARFANNAA 4 “Yihowaan Tiksee Koo Ti”

^ key. 5 Hundi keenya yeroo tokko tokko waaʼee rakkoowwan nu irra gaʼanii ni yaaddofna. Mata dureen kun fakkeenya tajaajiltoota Yihowaa bara duriitti jiraatanii fi yaaddoo wajjin qabsoo gochaa turanii sadii ibsa. Akkasumas Yihowaan tokkoon tokkoon isaanii akkamitti akka jajjabeessee fi akka tasgabbeesse ibsa.

^ key. 1 IBSA JECHAA: Yaaddoon miira naasuu fi dhiphinaa ti. Miirri kun sababii rakkina qarshiitiin, dhukkubaatiin, rakkina maatii ykn rakkoowwan kan birootiin kan kaʼe dhufuu dandaʼa. Kana malees, waaʼee dogoggora kanaan dura raawwannee ykn rakkoowwan gara fuulduraatti nu mudachuu dandaʼanii yaaddaʼuu dandeenya.