Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 11

Cuuphamuuf Qophoofteettaa?

Cuuphamuuf Qophoofteettaa?

“Cuuphaan . . . amma isin fayyisaa jira.”—1 PHE. 3:21.

FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu

QABIYYEE *

1. Namni tokko mana ijaaruu jalqabuu isaa dura maal gochuu qaba?

MEE waaʼee nama mana ijaaruuf murteesse tokkoo yaadi. Namni kun mana akkamii ijaaruu akka barbaade beeka. Yeruma sana gad baʼee miʼawwan tokko tokko bituu fi manicha ijaaruu jalqabuu qabaa? Lakki. Manicha ijaaruu jalqabuu isaa dura wanta barbaachisaa taʼe tokko gochuu, jechuunis manichi baasii hammamii akka isa gaafatu shallaguu qaba. Maaliif? Sababiin isaas manicha ijaaree xumuruuf qarshii gaʼaa qabaachuu fi dhiisuu isaa beekuun isa barbaachisa. Namni kun dursee of eeggannoodhaan baasii isaa kan shallagu yoo taʼe, mana isaa isa haaraa ijaaree xumuruu irratti milkaaʼina argachuun isaa hin oolu.

2. Akka Luqaas 14:27-30 irratti ibsametti cuuphamuu kee dura waaʼee maalii of eeggannoodhaan yaaduu qabda?

2 Jaalallii fi dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabdu cuuphamuuf akka yaaddu si kakaaseeraa? Taanaan, murtoo namni mana ijaaruu barbaadu sun gochuu qabuu wajjin wal fakkaatu gochuun si barbaachisa jechuu dha. Akkas kan jennu maaliifi? Mee wanta Yesuus dubbatee fi Luqaas 14:27-30 irratti argamu ilaali. (Dubbisi.) Yeroo kanatti Yesuus barataa isaa taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe dubbachaa ture. Duuka buutuu isaa taʼuu yoo barbaanne, rakkoowwan nu mudatan moʼuu fi wantoota tokko tokko dhiisuuf fedhii qabaachuu qabna. (Luq. 9:23-26; 12:51-53) Kanaafuu, cuuphamuu kee dura kana gochuun kee maal gochuu akka dabalatu of eeggannoodhaan irratti yaaduun si barbaachisa. Sana booda Kiristiyaana cuuphame taatee amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu kee itti fufuuf akka gaariitti kan qophoofte taata.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii baranna?

3 Cuuphamtee barataa Yesuus taʼuuf aarsaa hammanaa kaffaluun barbaachisaa dhaa? Eeyyee barbaachisaa dha! Cuuphaan eebbawwan ammas taʼe gara fuulduraatti argattu hedduudhaaf karaa siif bana. Mee cuuphaa ilaalchisee gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko irratti haa mariʼannu. Kana gochuun kee, gaaffii “Ani cuphamuuf qophaaʼeeraa?” jedhu deebisuuf si gargaara.

OF MURTEESSUU FI CUUPHAMUU ILAALCHISEE WANTA BEEKUUN SI BARBAACHISU

4. (a) Of murteessuu jechuun maal jechuu dha? (b) Akka Maatewos 16:24 irratti ibsametti ‘of ganuu’ jechuun maal jechuu dha?

4 Of murteessuu jechuun maal jechuu dha? Cuuphamuu kee dura of murteessuu qabda. Yommuu of murteessitu kadhannaa garaadhaa maddeen Yihowaatti dhihaachuudhaan jireenya kee guutuu bara baraaf akka isa tajaajiltu itti himta. Yommuu Waaqayyoof of murteessitu, ‘of ni ganta.’ (Maatewos 16:24 dubbisi.) Sana booda kan Yihowaa taata; kun immoo mirga guddaa dha. (Rom. 14:8) Kana booda of gammachiisuu irratti utuu hin taʼin, isa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffattu isatti himta. Of murteessuun kee kun kakuu, jechuunis waadaa qulqulluu Waaqayyoof galtu dha. Yihowaan kakuu akkanaa akka gallu nu hin dirqisiisu. Yommuu kakuu gallu garuu, kakuu keenya akka raawwannu nu irraa ni eega.—Far. 116:12, 14.

5. Of murteessuun cuuphamuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?

5 Of murteessuun cuuphamuu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? Of murteessuun kee murtoo dhuunfaa fi dhoksaatti raawwattu dha; kunis sii fi Yihowaa gidduutti raawwatama. Cuuphaan garuu yeroo baayʼee walgaʼiiwwan aanaa ykn naannoo irratti warra kaan duratti kan raawwatamu dha. Yommuu cuuphamtu Yihowaadhaaf of murteessuu kee warra kaanitti argisiista. * Kanaafuu, cuuphamuun kee warri kaan garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan Yihowaa akka jaallattuu fi bara baraaf isa tajaajiluuf akka murteessite akka beekan godha.—Mar. 12:30.

6-7. Akka 1 Pheexiros 3:18-22 irratti ibsametti, sababiiwwan cuuphaan barbaachisaa itti taʼe lamaan kam faʼi?

6 Cuuphamuun dhuguma barbaachisaa dhaa? Mee jechoota 1 Pheexiros 3:18-22 irratti argaman ilaali. (Dubbisi.) Akkuma dooniin sun Noh amantii qabaachuu isaatiif ragaa qabatamaa taʼe, atis cuuphamuun kee ragaa Yihowaadhaaf of murteessuu kee argisiisu dha. Garuu cuuphamuun dhuguma barbaachisaa dhaa? Eeyyee barbaachisaa dha. Pheexiros akkana jechuudhaan sababa isaa dubbateera. Tokkoffaa, cuuphaan “isin fayyisaa jira.” Yesuusitti yoo amanne, inni akka nuuf duʼe, akkasumas duʼaa kaafamee gara samii akka dhaqee fi amma “mirga Waaqayyoo” akka jiru akka amannu karaa argisiisuun tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan yoo fudhanne cuuphaan nu fayyisuu ni dandaʼa.

7 Lammaffaa, cuuphaan “qalbii gaarii” namaaf argamsiisa. Waaqayyoof of murteessinee yommuu cuuphamnu isaa wajjin walitti dhufeenya adda taʼe ni qabaanna. Garaadhaa yaada waan geddarannee fi furichatti waan amanneef Waaqayyo cubbuu keenya nuuf ni dhiisa. Kanaan kan kaʼes, isa duratti qalbii qulqulluu qabaachuu ni dandeenya.

8. Yommuu cuuphamuuf murteessitu sababni kee maal taʼuu qaba?

8 Yommuu cuuphamuuf murteessitu sababni kee maal taʼuu qaba? Of eeggannoodhaan Kitaaba Qulqulluu waan qoratteef, waaʼee Yihowaa, jechuunis waaʼee amalawwan isaa fi waaʼee daandiiwwan isaa wanta hedduu baratteetta. Wanti waaʼee isaa baratte kunis garaa kee tuquudhaan baayʼee akka isa jaallattu si kakaaseera. Kanaafuu, sababiin cuuphamuuf akka murteessitu si kakaase inni guddaan jaalala Yihowaadhaaf qabdu taʼuu qaba.

9. Akka Maatewos 28:19, 20 irratti ibsametti, maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu jechuun maal jechuu dha?

9 Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu amantee fudhattes cuuphamuuf akka murteessitu si gargaaraniiru. Yesuus barattoota akka goonu yommuu nu ajajetti wanta inni dubbate kana ilaali. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Akka Yesuus dubbatetti namoonni cuuphaman, “maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin” kana gochuu qabu. Kana jechuun maal jechuu dha? Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Yihowaa, waaʼee Ilma isaa Yesuusii fi waaʼee hafuura qulqulluu dubbatan garaa kee guutuudhaan amanuu qabda jechuu isaa ture. Dhugaawwan kun humna guddaa kan qabanii fi garaa kee tuquu kan dandaʼani dha. (Ibr. 4:12) Mee isaan keessaa muraasa isaanii irra deebinee haa ilaallu.

10-11. Abbaa ilaalchisee dhugaawwan kamfaa baratteetta, akkasumas fudhatteetta?

10 Mee yeroo itti dhugaawwan waaʼee Abbaa ibsan, jechuunis ‘maqaan isaa Yihowaa’ akka taʼe, inni ‘guutummaa lafaa irratti Isa Hundaa Olii taʼuu’ isaa fi inni qofti ‘Waaqa dhugaa’ taʼuu isaa baratte yaadadhu. (Far. 83:18, NW; Er. 10:10) Inni Uumaa keenya dha; akkasumas “fayyisuun kan Yihowaa ti.” (Far. 3:8, NW; 36:9) Inni cubbuu fi duʼa jalaa akka oollu qophii nuuf godheera; abdii jireenya bara baraas nuuf kenneera. (Yoh. 17:3) Of murteessuu fi cuuphamuun kee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuu kee argisiisa. (Isa. 43:10-12) Sana booda maatii waaqeffattoota addunyaa maraa warra maqaa Waaqayyootiin waamamuu fi maqaa kana warra kaanitti beeksisuu isaaniitiin boonan keessaa tokko taata.—Far. 86:12.

11 Abbaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu hubachuun mirga guddaa dha! Dhugaawwan gatii guddaa qaban kana yommuu fudhattu, garaan kee Yihowaadhaaf akka of murteessituu fi akka cuuphamtu si kakaasa.

12-13. Ilma ilaalchisee dhugaawwan akkamii baratteetta, akkasumas fudhatteetta?

12 Ilma ilaalchisee dhugaawwan armaan gadii yommuu baratte maaltu sitti dhagaʼame? Yesuus uumama cufa keessatti qaama sadarkaa lammaffaa qabu dha. Inni Furii keenya dha. Fedhii isaatiin lubbuu isaa nuuf kenneera. Furicha irratti amantii akka qabnu gocha keenyaan yommuu argisiisnu, cubbuun keenya nuuf dhiifama, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaanna, akkasumas jireenya bara baraa ni arganna. (Yoh. 3:16) Yesuus Luba Ol Aanaa keenya dha. Inni furicha irraa akka fayyadamnuu fi Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannu nu gargaaruu barbaada. (Ibr. 4:15; 7:24, 25) Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, Yihowaan karaa isaa Maqaa isaa ni qulqulleessa, hammina ni balleessa, akkasumas Jannata dhufu keessatti eebbawwan bara baraa ni fida. (Mat. 6:9, 10; Mul. 11:15) Yesuus fakkeenya keenya dha. (1 Phe. 2:21) Fedhii Waaqayyoo raawwachuuf guutummaatti of kennuudhaan fakkeenya nuuf taʼeera.—Yoh. 4:34.

13 Yesuusiin ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu yommuu fudhattu, Ilma Waaqayyoo isa jaallatamaa jaallachuu jalqabda. Jaalalli kun immoo akkuma Yesuus jireenya kee fedhii Waaqayyoo raawwachuuf akka itti fayyadamtu si kakaasa. Kunis Yihowaadhaaf akka of murteessituu fi akka cuuphamtu si dirqisiisa.

14-15. Hafuura Qulqulluu ilaalchisee dhugaawwan akkamii baratteetta, akkasumas fudhatteetta?

14 Hafuura qulqulluu ilaalchisee dhugaawwan armaan gadii yommuu baratte maaltu sitti dhagaʼame? Hafuurri qulqulluun qaama utuu hin taʼin, humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu akka barreessan namoota kakaasuuf hafuura qulqulluutti fayyadameera; hafuurri kun Kitaaba Qulqulluu hubachuu fi wanta achi irraa dubbisne hojii irra oolchuuf nu gargaara. (Yoh. 14:26; 2 Phe. 1:21) Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee ‘humna humna caalu’ nuuf kenna. (2 Qor. 4:7) Hafuurri qulqulluun humna misiraachoo lallabuuf, qorumsa moʼuuf, miira abdii kutachuu dandamachuu fi rakkina moʼuuf nu gargaaru nuuf kenna. Amalawwan gaggaarii warra ‘firiiwwan hafuuraa’ taʼan argisiisuuf nu gargaara. (Gal. 5:22) Waaqayyo warra isatti amanamanii fi garaadhaa isa kadhataniif hafuura isaa kana bilisaan ni kenna.—Luq 11:13.

15 Waaqeffattoonni Yihowaa yommuu isa tajaajilanitti gargaarsa hafuura Qulqulluu akka argatan beekuun isaanii hammam nama jajjabeessa! Hafuura Qulqulluu ilaalchisee dhugaawwan baratte yommuu fudhattu Waaqayyoof of murteessuu fi cuuphamuu akka qabdu sitti dhagaʼama.

16. Marii hamma yoonaatti goone irraa maal baranne?

16 Waaqayyoof yommuu of murteessituu fi cuuphamtu tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachaa jirta. Akkuma olitti baranne, rakkoowwan nu mudatan moʼuu fi wantoota tokko tokko dhiisuuf fedhii qabaachuu qabna. Haa taʼu malee, buʼaa aarsaa kaffaltu irra caalu ni argatta. Cuuphaan fayyina, akkasumas Waaqayyo duratti qalbii qulqulluu siif argamsiisa. Sababii inni guddaan cuphamuuf murtoo akka gootu si kakaasuu qabu jaalala Yihowaadhaaf qabdu dha. Abbaa, Ilmaa fi hafuura qulqulluu ilaalchisee wanta barattettis garaa kee guutuudhaan amanuu qabda. Wanta hamma yoonaatti baranne irratti hundaaʼuudhaan gaaffii, “Ani Cuuphamuuf qophaaʼeeraa? jedhuuf deebii akkamii kennita?

CUUPHAMUU KEE DURA MAAL GOCHUU SI BARBAACHISA?

17. Tarkaanfiiwwan gara cuuphaatti geessan tokko tokko kam faʼi?

17 Cuuphamuuf qophaaʼaa akka taate sitti dhagaʼameera yoo taʼe, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuuf tarkaanfiiwwan hedduu akka fudhatte hin shakkisiisu. * Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu keetiin kan kaʼe, Yihowaa fi Yesuusiin ilaalchisee beekumsa hedduu argatteetta. Amantii kee guddifatteetta. (Ibr. 11:6) Abdiiwwan Yihowaan kennee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanitti guutummaatti ni amanta; akkasumas aarsaa Yesuus irratti amantiin qabdu cubbuu fi duʼa irraa si oolchuu akka dandaʼu amanteetta. Cubbuu raawwatteef yaada geeddaratteetta; balleessaa raawwatteef garaadhaa gadditeetta, dhiifama akka sii godhuufis Yihowaa kadhatteetta. Jireenya kee irratti jijjiirama guddaa gooteetta; daandii hamaa kanaan dura hordofaa turte jibbitee dhiisteetta, akkasumas karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuu jalqabdeetta. (HoE 3:19) Waaʼee amantii kee warra kaanitti himuuf hawwii guddaa qabda. Babalʼisaa hin cuuphamne taʼuuf gaʼeessa taateetta; miseensota gumii wajjinis lallabuu jalqabdeetta. (Mat. 24:14) Tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan kana waan fudhatteef Yihowaan sitti ni boona. Garaa isaa ciibsiteetta.—Fak. 27:11.

18. Cuuphamuu kee dura wantoota kan biroo akkamii gochuun si barbaachisa?

18 Cuuphamuu kee dura, wantoonni gochuu qabdu kan biroonis jiru. Akkuma armaan olitti baranne Waaqayyoof of murteessuu qabda. Kadhannaa garaadhaa maddeen dhuunfaatti isatti dhihaadhu, jireenya kee fedha isaa raawwachuuf akka itti fayyadamtu waadaa isaaf gali. (1 Phe. 4:2) Achiis cuuphamuu akka barbaaddu qindeessaa qaama jaarsoliitti himi. Innis jaarsoliin muraasni akka si haasofsiisan gaafata. Wanti isaan si mariisisan si yaaddessuu hin qabu. Obboloonni jaallatamoon kun akka si beekanii fi akka si jaallatan hin shakkisiisu. Isaan barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kanaan dura baratte irratti sii wajjin mariʼatu. Barumsawwan kun sii galuu isaanii, akkasumas of murteessuu fi cuuphamuun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatte ilaaluu barbaadu. Achiis qophaaʼaa taʼuu kee irratti yoo walii galan, walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo itti aanu irratti cuuphamuu akka dandeessu sitti himu.

ERGA CUUPHAMTEE BOODA MAAL GOCHUU SI BARBAACHISA?

19-20. Erga cuuphamtee booda maal gochuu si barbaachisa? Kana gochuu kan dandeessu hoo akkamitti?

19 Erga cuuphamtee booda maal gochuu si barbaachisa? * Of murteessuun kakuu galuu akka taʼee fi Yihowaan kakuu kana akka eegdu kan si irraa barbaadu taʼuu isaa yaadadhu. Kanaafuu, erga cuuphamtee booda of murteessuu kee wajjin haala wal simuun jiraachuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

20 Gumii kee wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaadhu. Kiristiyaana cuuphame waan taateef, amma kutaa “waldaa obbolootaa” taateetta. (1 Phe. 2:17) Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessatti argaman maatii hafuuraa kee ti. Yeroo hunda walgaʼiiwwan irratti argamuudhaan, hariiroo isaanii wajjin qabdu ni cimsatta. Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisi, irrattis xiinxali. (Far. 1:1, 2) Kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko erga dubbistee booda, wanta dubbiste irratti gad fageenyaan xiinxaluuf yeroo ramadi. Sana booda dubbichi garaa kee ni tuqa. ‘Yeroo hunda kadhadhu.’ (Mat. 26:41) Kadhannaan garaadhaa dhiheessitu caalaatti gara Yihowaatti si dhiheessa. ‘Hundumaa dura mootummicha barbaaduu kee itti fufi.’ (Mat. 6:33) Jireenya kee keessatti hojii lallabaatiif dursa kennuudhaan kana gochuu ni dandeessa. Yeroo hunda tajaajila irratti hirmaachuudhaan, amantii cimaa qabaattee jiraachuu fi namoonni kaan daandii jireenya bara baraatti geessu akka argatan gargaaruu dandeessa.—1 Xim. 4:16.

21. Cuuphamuun kee wanta akkamiitiif karaa siif bana?

21 Murtoon Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuuf gootu, murtoo jireenya kee keessatti gootu kam iyyuu caalaa barbaachisaa taʼe dha. Kana gochuun aarsaa si kaffalchiisu akka qabu beekamaa dha. Kun wanta aarsaan kaffalamuufii qabudhaa? Eeyyee! Rakkinni addunyaa moofaa kana keessatti nu irra gaʼu kam iyyuu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” dha. (2 Qor. 4:17) Haala kana irraa adda taʼeen, cuuphamuun kee yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu akka jiraattu, gara fuulduraatti immoo “jireenya isa dhugaa” akka argattu karaa siif bana. (1 Xim. 6:19) Kanaafuu, of eeggannoodhaan gaaffii “Ani Cuuphamuuf qophaaʼeeraa?” jedhuuf deebii kennitu irratti kadhannaadhaan yaadi.

FAARFANNAA 50 Kadhannaa Of Murteessuu Koo Argisiisu

^ key. 5 Cuuphamuuf yaadaa jirtaa? Taanaan mata dureen kun keessumaa siif kan qophaaʼe dha. Barumsa barbaachisaa taʼe kana keessatti gaaffiiwwan ijoo taʼan muraasa irratti mariʼanna. Deebiin gaaffiiwwan kanaaf kennitu cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu kee beekuuf si gargaara.

^ key. 17 Kitaaba, Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 18 ilaali.

^ key. 19 Kitaabota lamaan Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? akkasumas Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhaman qoʼattee hin xumurre taanaan hamma isaan xumurtutti nama Kitaaba Qulqulluu si qayyabsiisuu wajjin qoʼachuu kee itti fufuu qabda.