Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

“Kunoo, Nuti Jirra! Nu Ergaa!”

“Kunoo, Nuti Jirra! Nu Ergaa!”

IDDOO babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tarii immoo biyya alaa deemuudhaan tajaajila kee balʼifachuuf yaadaa jirtaa? Taanaan, muuxannoo obboleessa Jaakii fi obboleettii Maarliin irraa fayyadamuu dandeessa taʼa.

Jaakii fi Maarliin bara 1988 eegalee tajaajila yeroo guutuu keessa jiru. Haala haaraatti baruudhaan kan beekaman siʼa taʼu, Guwaadelooppii fi Fireenchi Giyaanaa keessatti ramaddii gara garaa hedduun isaaniif kennameera. Yeroo ammaatti iddoon kun lamaanuu waajjira damee Faransaayi jala jira. Mee Jaakii fi Maarliin gaaffiiwwan muraasa haa gaafannu.

Tajaajila yeroo guutuu akka jalqabdan wanti isin kakaase maali dha?

Maarliin: Ijoollummaa kootti Guwaadelooppi keessatti, yeroo baayʼee guyyaa guutuu haadha tiyya ishii Dhugaa Baatuu hinaaffaa qabdu turte wajjinan tajaajila ture. Namoota nan jaalladha, kanaaf barumsa koo akkuman xumureen bara 1985⁠tti, qajeelchaa taʼeen tajaajiluu jalqabe.

Jaak: Yeroon dargaggeessa turetti, tajaajiltoota yeroo guutuu tajaajila jaallataniin marfameen ture. Yeroo manni barumsaa cufamu qajeelchaa gargaaraa taʼeen tajaajila ture. Dhuma torbaniitti, yeroo tokko tokko qajeelchitoota wajjin tajaajiluuf atoobisii yaabbannee gara naannoo isaanii deemna. Guyyaa guutuu tajaajilaa erga oollee booda, dhuma irratti gara qarqara galaanaa deemna. Guyyoonni sun baayʼee nama gammachiisu turan!

Bara 1988⁠tti Maarliin wajjin gaaʼela erga godhannee utuma baayʼee hin turin, akkanan ofiin jedhe, ‘Itti gaafatamummaa hin qabnu, kanaaf caalaatti tajaajila keenya balʼifachuuf maaliif hin hojjennu?’ Anis Maarliin wajjin qajeelchaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Waggaa tokko booda, mana barumsaa qajeelchitootaa irratti erga hirmaannee booda qajeelchitoota addaa taanee ramadamne. Gara Fireenchi Giyaanaa akka deemnu affeeramuu keenya dura, Guwaadelooppi keessatti hojiiwwan gammachiisoo taʼan hedduu qabna turre.

Waggoottan darban keessatti ramaddiiwwan hedduun isiniif kennameera. Haala haaraatti baruuf maaltu isin gargaare?

Maarliin: Obboloonni Betʼel isa Fireenchi Giyaanaa jiru keessa jiran caqasni keenya inni nuti jaallannu Isaayaas 6:8 taʼuu isaa ni beeku. Kanaaf yeroo nuuf bilbilan yeroo baayʼee, “Caqasa jaallatan ni yaadattuu?” jedhanii nutti qoosuudhaan jalqabu. Nutis kana jechuun ramaddii haaraan nuu kennamuuf akka jedhu taʼuu isaa beekna. Kanaafuu, “Kunoo nuti, jirra! Nu ergaa!” jennaan.

Ramaddii haaraa nuuf kenname isa kanaan duraa wajjin wal bira hin qabnu, sababiin isaas wanta qabnu akka hin dinqisiifanne nu gochuu dandaʼa. Nutis obbolootaa fi obboleettota keenya beekuuf dursa fudhanna.

Jaak: Kanaan dura, michoonni keenya nuuf yaaduudhaan isaan wajjin akka turru waan barbaadaniif akka hin deemne nu amansiisuuf yaalu turan. Haa taʼu malee, yommuu Guwaadelooppi dhiisnee baanetti obboleessi tokko yaada Yesuus Maatewos 13:38 irratti galmeeffamee jiruu fi ‘Maasichi addunyaa dha’ jechuudhaan dubbate nu yaadachiise. Kanaaf, ramaddii haaraan yeroo nuuf kennamutti, iddoo kam iyyuu yoo jiraanne maasii tokko keessa tajaajilaa akka jirru of yaadachiisna. Hunda caalaa, wanti iddoo guddaa kenninu namootaa fi naannoo tajaajilaa nuuf kenname dha!

Iddoo itti ramadamne isa haaraa yommuu geenyu, warri kaan gammachuudhaan akka achi jiraachaa jiran hubanne. Kanaafuu, akka isaan jiraatanitti jiraachuuf yaalla. Nyaanni isaanii kan keenya irraa adda taʼuu dandaʼa, taʼus fayyaa keenyaaf of eeggannoo barbaachisaa taʼe gochuudhaan wanta isaan nyaatan nyaanna, akkasumas wantuma isaan dhugan dhugna. Waaʼee ramaddii haaraa nuuf kenname kam iyyuu yommuu dubbannu ilaalcha sirrii qabaachuuf carraaqqii goona.

Maarliin: Obboloota naannoo sanaa irraas wanta baayʼee baranneerra. Fireenchi Giyaanaa geenyee yeroo muraasa booda wanta nu muudate nan yaadadha. Roobni cimaan roobaa waan tureef, tajaajila baʼuuf hamma inni caamutti eeguu qabna jennee yaadne. Haa taʼu malee, obboleettiin takka akkana jettee na gaafatte, “Tajaajila baʼuudhaaf qophoofteettaa?” Anis dinqisiifannaadhaan, “Akkamitti?” jedheen deebiseef. Ishiinis, “Dibaabee kee fudhadhu, biskileetii keenyaan deemna” naan jette. Kanaaf, al tokkotti dibaabee qabachuu fi biskileetii oofuun bare. Utuun kana barachuu baadhee, yeroo waqtii roobaatti gonkumaa tajaajiluu hin dandaʼun ture!

Ramaddiin keessan gara siʼa 15 jijjiirameera. Iddoo kan biraa deemanii tajaajiluu ilaalchisee yaada warra kaan gargaaru qabduu?

Maarliin: Iddoo kan biraa deemuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Taʼus, yommuu tajaajilaa deebitu iddoo mana kee akka jirtu akka sitti dhagaʼamu godhu argachuun barbaachisaa dha.

Jaak: Ani yeroo hunda mana keenya isa haaraa keessa isaa qalama nan diba ture. Obboloonni waajjira damee ramaddii nuuf kenname irra yeroo dheeraa turuu akka hin dandeenye yommuu beekan, yeroo tokko tokko akkana jedhanii natti qoosu, “Jaak, yeroo kana qalama dibuudhaan of hin dhiphisin.”

Maarliin meeshaa walitti sassaabuu fi hidhuu sirriitti dandeessi! Wanta hunda saanduqa keessa kaaʼuudhaan “mana fincaanii,” “kutaa ciisichaa,” “kutaa nyaanni itti bilcheeffamu,” fi k.k.f. jechuudhaan mallattoo irratti gooti. Kanaafuu, yommuu mana keenya isa haaraatti gallu, salphaatti saanduqawwan keenya kutaa kutaa isaanitti galchina. Tokkoon tokkoon saanduqichaa keessa wanta jiru galmeessiteetti waan taʼeef, wanta nu barbaachisu dafnee arganna.

Maarliin: Sirriitti of qindeessuu waan baranneef, tajaajila irratti yeroodhaan hirmaanna.

‘Tajaajila keessan guutummaatti raawwachuuf’ yeroo keessan sagantaadhaan kan itti fayyadamtan akkamitti?—2 Xim. 4:5.

Maarliin: Wiixata ni boqonna, akkasumas walgaʼii gumiitiif qophoofna. Kibxata irraa eegalee immoo tajaajila baana.

Jaak: Jiʼa jiʼaan saʼaatiin nu irraa barbaadamu kan jiru taʼus, nuti garuu isa irratti hin xiyyeeffannu. Tajaajilli wanta jireenya keenya keessatti iddoo guddaa kenninuufi dha. Manaa erga baanee jalqabee hamma deebinutti namoota argannu hundumaa haasofsiisuuf carraaqqii goona.

Maarliin: Fakkeenyaaf, bashannanaaf yommuu deemnutti yeroo hunda tiraaktota fudhadheen deema. Namoonni tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya kan isaanitti hin himne taʼu illee, dhufanii barreeffama nu gaafatu. Kanaaf, akkaataa itti uffannuu fi amala keenyaaf of eeggannoo goona. Namoonni wantoota akkasii ni hubatu.

Jaak: Ollaa gaarii taʼuudhaanis dhugaa ni baana. Lafa irraa waraqaa nan kaasa, meeshaa kosii nan qulqulleessa, akkasumas iddoo biqiltuu naannoo mana keenyaa jiru nan kunuunsa. Ollaawwan keenya wantoota kana ni hubatu, akkasumas yeroo tokko tokko “Kitaaba Qulqulluu naaf kennuu dandeessaa?” jedhanii na gaafatu.

Naannoowwan fagootti yeroo baayʼee ni lallabdu. Deemsa keessan keessatti wanti adda taʼee fi isin yaadattan jiraa?

Jaak: Giyaanaa keessatti naannoowwan tajaajilaa tokko tokko deemuun rakkisaa dha. Yeroo baayʼee torban tokko keessatti kiilomeetira 600 daandii rakkisaa taʼe irra deemuun nu barbaachisa ture. Yeroon bosona Amaazoon naannoo Seent Eelii jedhamu keessa deemne hin irraanfatamu. Konkolaataa daandii rakkisaa taʼeef tolfameenii fi doonii motoraatiin deemuun saʼaatii dheeraa nutti fudhata ture. Namoonni baayʼeen achi jiraatan warqii baasu turan. Barreeffamoota keenyaaf dinqisiifannaa waan qabaniif warqii hin dhiqamne muraasa buusii godhanii nuuf kennu turan! Galgala, viidiyoowwan jaarmiyichaa keessaa isa tokko isaanitti argisiisna. Namoonni naannoo sana jiran hedduun ni ilaalu turan.

Maarliin: Dhiheenyatti, Jaak Kaamoopitti haasaa Ayyaana Yaadannoo akka isaaniif kennu gaafatamee ture. Achi gaʼuudhaaf, Laga Oyaapook irra saʼaatii afuriif doonii motoraatiin deemne. Yeroo baayʼee nama gammachiisu ture.

Jaak: Bakka bishaan lagicha keessa jiru itti hirʼatutti saffisni bishaanichaa waan dabaluuf, balaa qabaachuu dandaʼa. Doonichi iddoo saffisni bishaanii itti dabalu bira yeroo gaʼutti ilaaluun baayʼee nama gammachiisa. Namichi doonii oofu muuxannoo gaarii kan qabu taʼuu qaba. Taʼus, yeroo gammachiisaa ture. Dhugaa Baatonni 6 qofti kan jiran taʼus, Hindoota Ameerikaa muraasa dabalatee namoonni gara 50 taʼan Ayyaana Yaadannoo irratti argamaniiru!

Maarliin: Dargaggoonni caalaatti Yihowaadhaaf kennuu barbaadan, muuxannoowwan akkasii hedduutu isaan eeggata. Haalawwan akkasii keessatti Yihowaatti amanamuu qabdu, amantiin keessanis ni cima. Yeroo baayʼee Yihowaan akkamitti akka nu gargaare hubanneerra.

Qooqawwan baayʼee barattaniittu. Kana gochuun isiniif salphaa turee?

Jaak: Matumaa. Qooqawwan kana barachuu kanan dandaʼe barachuun barbaachisaa waan tureefi. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu dhiheessuu jalqabuu koo dura illee, Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa Afaan Siraanantoongootiin * geggeessuun qaba ture! Akkamitti akkan geggeesse obboleessa tokkon gaafadhe. Innis, “Yeroo tokko tokko jechoota muraasa dubbattu nuti kan hin hubanne taʼus, baayʼee gaarii ture” naan jedhe. Ijoolleen gargaarsa guddaa naaf godhaniiru. Dogoggora yeroon raawwadhu natti himu, warri guguddoon garuu akkas hin godhan ture. Ijoollee irraa wanta baayʼee baradheera.

Maarliin: Naannoo tokkotti, Afaan Fireenchi, Poortugaalii fi Siraanantoongootiin barattoota Kitaaba Qulqulluu nan qaba ture. Obboleettiin takka qooqa ulfaataa taʼeen jalqabee achii immoo qooqa naaf salphaa taʼeen akkan xumuru gorsa naaf kennite. Yeroo booda, ogummaa gorsi kun naaf argamsiise nan hubadhe.

Guyyaa tokko, jalqaba irratti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Siraanantoongootiin achii immoo Afaan Poortugaaliinan geggeessa ture. Qoʼannaa koo isa lammaffaa yommuun jalqabu obboleettiin ana wajjin jirtu akkana naan jette, “Maarliin, rakkinni tokko uumameera natti fakkaata!” Dubartii biyya Biraaziil taate takka Afaan Poortugaaliin ishii haasofsisuu mannaa, Afaan Siraanantoongootiin haasofsiisaa akkan jirun hubadhe!

Warra kanaan dura isaan wajjin tajaajilaa turtan biratti baayʼee jaallatamtu. Obboloota wajjin hariiroo akkasii uumuu kan dandeessan akkamitti?

Jaak: Fakkeenyi 11:25 akkana jedha: “Namni arjaan in lalisa.” Warra kaan wajjin yeroo dabarsuu fi wantoota tokko tokko isaaniif gochuu irraa duubatti hin jennu. Galma Walgaʼii suphuu ilaalchisee namoonni tokko tokko, “Isa kana babalʼistoonni haa hojjetan” naan jedhu turan. Haa taʼu malee, “Anis babalʼisaa dha. Kanaafuu, hojiin hojjetamu yoo jiraate, anis achitti argamuun barbaada” jedheen deebisa. Hundi keenya iyyuu yeroon kophaa taʼuu itti barbaannu kan jiru taʼus, kophaa taʼuu barbaaduun keenya warra kaaniif wanta gaarii gochuu akka nu hin dhowwine yeroo baayʼee of yaadachiisna.

Maarliin: Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf dhuunfaatti akka isaaniif yaannu argisiisuuf carraaqqii goona. Karaa kanaan, obboloonni ijoollee isaaniitiif nama kunuunsa godhu ykn nama mana barumsaatii ijoollee isaaniif fidu yoom akka barbaadan beekna. Achiis, isaan gargaaruuf, sagantaawwan keenya irratti sirreeffama goona. Kanaafuu, yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti isaan gargaaruuf qophaaʼoo taʼuudhaan, warra kaan wajjin walitti dhufeenya gaarii uumuu dandeenyeerra.

Bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluu keessaniin eebbawwan akkamii argattaniittu?

Jaak: Tajaajila yeroo guutuu keessa jiraachuu keenyaan eebbawwan hedduu arganneerra. Yeroo baayʼee wantoota garaa garaa Yihowaan uume dinqisiifachuuf carraa qabna. Haalli rakkisaan jiraatus, iddoo kam iyyuu yoo taane gargaarsi saba Waaqayyoo akka nu wajjin jiru waan beeknuuf nagaa sammuu qabna.

Dargaggeessa yeroon turetti, Fireenchi Giyaanaatti loltuu taʼuu diduu kootiin kan kaʼe hidhameen ture. Guyyaa tokko misiyoonii taʼee deebiʼuu fi akka tajaajilaa tokkootti hidhamtoota deemeen gaafadha jedhee matumaa yaadee hin beeku. Dhuguma iyyuu, Yihowaan nu eebbisuudhaan arjummaa nutti argisiiseera!

Maarliin: Gammachuun koo inni guddaan warra kaaniif of kennuu koo ti. Tajaajila Yihowaa keessa jiraachuu keenyatti ni gammanna. Gaaʼelli keenyas akka cimu godheera. Yeroo tokko tokko, Jaak hiriyoota gaaʼelaa jajjabinni isaan barbaachisu nyaata isaan affeeruu akka dandeenyu na gaafata. Yeroo baayʼee, “Anis wanta si wajjin wal fakkaatu yaadaan ture!” jechuudhaanan deebisa. Yeroo baayʼee wanta wal fakkaatu yaadna.

Jaak: Dhiheenyatti, dhibee pirosteet kaansariitiin qabameera. Maarliin dhagaʼuu kan hin barbaanne taʼus, akkanan ishiidhaan jedha: “Giiftii too, amma iyyuu hin dulloomne, garuu dhiheenyatti yoon duʼe, jireenya koo wanta gatii guddaa qabu gochuuf akkan itti fayyadame beeka, kunis gammachuu naaf argamsiisa.”—Uma. 25:8.

Maarliin: Yihowaan balbalawwan nuti hin eegne nuuf baneera, akkasumas wantoota matumaa nuti hin yaadne akka hojjennu nuuf heyyameera. Dhuguma iyyuu, jireenyi keenya wantoota gaggaarii taʼaniin guutameera. Waaqayyotti guutummaatti amanamuudhaan, bakka jaarmiyaan isaa akka deemnu nu gaafate kam iyyuu ni deemna!

^ key. 32 Siraanantoongoon makaa afaanota Ingiliffaa, Dachi, Poortugaalii fi afaanota Afrikaa siʼa taʼu, garbootaan kan uumame dha.