Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 13

Cimsaa Wal Jaalladhaa

Cimsaa Wal Jaalladhaa

“Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa.”1 PHE. 1:22.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

QABIYYEE *

Yesuus galgala isa dhumaa ergamoota isaa wajjin dabarsetti waaʼee jaalalaa jabeessee ibseera (Keeyyata 1-2 ilaali)

1. Yesuus barattoota isaatiif ajaja akkamii kenne? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

YESUUS galgala duʼuu isaa dura turetti barattoota isaatiif ajaja tokko kennee ture. Akkana isaaniin jedhe: “Akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa.” Itti dabaluudhaanis, “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” isaaniin jedhe.—Yoh. 13:34, 35.

2. Wal jaallachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

2 Yesuus barattoonni isaa warri dhugaan jaalala akka isaa kan argisiisan yoo taʼe ifatti adda baafamanii akka beekaman dubbateera. Yaadni kun jaarraa jalqabaatti akkuma dhugaa ture yeroo harʼaas dhugaa dha. Yeroo rakkisaa taʼutti illee wal jaallachuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe kanaafi.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

3 Mudaa kan qabnu taʼuun keenya cimsinee wal jaallachuun akka nutti ulfaatu godha. Taʼus, fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaquu qabna. Mata duree kana keessatti jaalalli nagaa kan uumnu, namoota kan wal hin caalchisnee fi keessummoota kan simannu taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla. Mata duree kana yommuu qoʼattan, ‘Obbolootaa fi obboleettota haalli rakkisaan utuma jiruu jaalala walitti argisiisuu isaanii itti fufan irraa maal barachuun dandaʼa?’ jedhaa of gaafadhaa.

NAGAA KAN UUMTAN TAʼAA

4. Maatewos 5:23, 24 akka jedhutti obboleessa nutti gadde wajjin nagaa uumuu kan qabnu maaliifi?

4 Yesuus obboleessa nutti gadde tokko wajjin nagaa uumuun barbaachisaa taʼuu isaa barsiiseera. (Maatewos 5:23, 24 dubbisi.) Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaachuu akka qabnu ibseera. Yihowaan obboloota keenya wajjin nagaa uumuuf wanta dandeenyu hunda yommuu goonu ni gammada. Haaloo kan qabannuu fi nagaa uumuuf carraaqqii gochuu kan didnu yoo taʼe waaqeffannaa keenya hin fudhatu.—1 Yoh. 4:20.

5. Obboleessi tokko nagaa uumuun akka isatti ulfaatu wanti godhe maali dha?

5 Nagaa uumuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maaliifi? Mee wanta Maarki * mudate haa ilaallu. Obboleessi tokko yommuu isa ceephaʼuu fi waaʼee isaa wanta hamaa warra gumii keessa jiranitti yommuu dubbatu baayʼee miidhamee ture. Maarree Maarki maal godhe? “Of toʼachuu dadhabee waanan tureef aariidhaanan itti dubbadhe” jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera. Yeroo booda garuu Maarki wanta godhetti gaabbuudhaan obboleessa sana dhiifama gaafachuu fi isa wajjin deebiʼee nagaa uumuuf yaalii godhe. Haa taʼu malee, carraaqqii godhus obboleessichi nagaa uumuu hin barbaadne. Jalqaba irratti, Maarki akkana jedhee yaade, ‘Nagaa uumuu hin barbaadu taanaan ani carraaqqii gochuu koo kanan itti fufu maaliifi?’ Haa taʼu malee, ilaaltuun ol aanaan aanaa isaanii abdii akka hin kutanne isa jajjabeesse. Maarki maal godhe ree?

6. (a) Maarki nagaa uumuuf carraaqqii gochuu isaa kan itti fufe akkamitti? (b) Maarki gorsa Qolosaayis 3:13,14 irratti argamu hojii irra kan oolche akkamitti?

6 Maarki ilaalcha isaa yommuu qoru, amala gad of qabuu akka hin qabnee fi qajeelaa akka of godhu hubate. Ilaalcha isaa jijjiiruun akka isa barbaachisus ni hubate. (Qol. 3:8, 9, 12) Gad of qabuudhaan obboleessa sana bira deemee amala argisiiseef irra deebiʼee dhiifama isa gaafate. Kana malees, Maarki baayʼee akka gaabbee fi isa wajjin akka haaraatti michummaa uumuu akka barbaadu xalayaa barreessee isa gaafate. Maarki kennaa xinnoo obboleessi sun itti gammada jedhee yaade illee isaaf kenneera. Kan nama gaddisiisu garuu, obboleessi sun haaloo qabachuu isaa itti fufe. Haa taʼu malee, Maarki ajaja Yesuus obboleessa isaa akka jaallatuu fi dhiifama akka godhuuf kenne eeguu isaa itti fufeera. (Qolosaayis 3:13, 14 dubbisi.) Carraaqqii nuti nagaa uumuuf goonu namoonni yeroo fudhachuu didanitti illee, jaalalli Kiristiyaanaa inni dhugaan dhiifama gochuu fi buʼaa gaarii argachuuf kadhachuu keenya akka itti fufnu nu gargaara.—Mat. 18:21, 22; Gal. 6:9.

Namni tokko yoo nutti gadde nama sana wajjin deebinee nagaa uumuuf wanta baayʼee gochuun nu barbaachisuu dandaʼa (Keeyyata 7-8 ilaali) *

7. (a) Yesuus maal akka goonu nu jajjabeesse? (b) Obboleettiin takka haalli rakkisaan akkamii ishii mudateera?

7 Yesuus karaa nuti akka qabamnu barbaannuun warra kaan akka qabnu nu jajjabeesseera. Itti dabaluudhaanis jaalala keenya namoota deebisanii nu jaallachuu dandaʼan qofatti argisiisuudhaan daangessuu akka hin qabne dubbateera. (Luq. 6:31-33) Yeroo baayʼee kan hin mudanne taʼus, namni gumii keessa jiru tokko yoo isin irraa fagaatee fi nagaa isin gaafachuu yoo dide hoo? Haalli akkasii Laaraa mudatee ture. Akkana jetteetti: “Obboleettiin takka nagaa na gaafachuu didde, maaliif akka taʼe garuu hin beeku. Kunis baayʼee na dhiphise, gumii deemuunis na hin gammachiisu ture.” Jalqaba irratti Laaraan akkana jettee yaadde: ‘Ani balleessaa hin qabu. Warri gumii keessa jiran kaanis obboleettiin sun amala addaa argisiisaa akka jirtu itti dhagaʼameera.’

8. Laaraan nagaa uumuuf maal goote? Muuxannoo ishii irraa hoo maal baranna?

8 Laaraan nagaa uumuuf tarkaanfii fudhatte. Gara Yihowaatti kadhannaa kan dhiheessite yommuu taʼu, obboleettii sana haasofsiisuufis ni murteessite. Waaʼee rakkinichaa erga haasaʼanii booda wal hammatan, akkasumas nagaa uuman. Wanti hundi gaarii fakkaata ture. Laaraan akkana jetteetti: “Yeroo booda garuu obboleettiin sun amala kanaan dura natti argisiisaa turte ammas argisiisuu jalqabde. Baayʼee abdii kutadheen ture.” Jalqaba irratti Laaraan gammachuu argachuu kan dandeessu obboleettiin sun ilaalcha ishii yoo jijjiirte qofa akka taʼe ishiitti dhagaʼamee ture. Yeroo booda garuu Laaraan wanti gaariin ishiin gochuu dandeessu obboleettii sana jaalalaan qabuu ishii itti fufuu fi ‘tola dhiifama ishiidhaaf gochuu’ akka taʼe hubatte. (Efe. 4:32–5:2) Laaraan jaalalli Kiristiyaanaa inni dhugaan, ‘miidhaa isa irra gaʼe galmeessee akka hin qabanne, waan hundumaa akka dandaʼu, waan hundumaa akka amanu, waan hundumaa akka abdatuu fi yeroo hunda jabaatee akka dhaabbatu’ yaadatte. (1 Qor. 13:5, 7) Laaraan nagaa sammuu ishii deebistee argatteetti. Yeroo booda obboleettiin sun ishiitti dhihaachuu jalqabde. Obbolootaa fi obboleettota keessan wajjin nagaadhaan jiraachuu fi isaan jaallachuu keessan yommuu itti fuftan ‘Waaqni jaalalaa fi nagaa isinii wajjin akka taʼu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—2 Qor. 13:11.

NAMOOTA WAL HIN CAALCHISINAA

9. Hojii Ergamootaa 10:34, 35 akka jedhutti namoota wal caalchisuu kan hin qabne maaliifi?

9 Yihowaan namoota wal hin caalchisu. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35 dubbisi.) Nutis namoota kan wal hin caalchisne yoo taʼe, ijoollee isaa taʼuu keenya argisiisna. Ajaja nama akka ofii keenyaatti akka jaallannuuf nuu kennameef ni ajajamna, nageenya maatii hafuuraa keenyas ni eegna.—Rom. 12:9, 10; Yaq. 2:8, 9.

10-11. Obboleettiin takka miira dogoggoraa qabdu kan moote akkamitti?

10 Namoota wal caalchisuu dhiisuun namoota tokko tokkoof salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, mee wanta obboleettii Ruut jedhamtu mudate haa ilaallu. Ijoollummaa ishiitti namni biyya kan biraa taʼe tokko maatii ishii irratti wanta gadhee taʼe raawwatee ture. Maarree kun dhiibbaa kan ishii irratti godhe akkamitti? Ruut akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti: “Waaʼee biyya sanaa wanta hunda nan jibba ture. Obbolootaa fi obboleettota illee dabalatee namoonni biyya sanaa hundi tokko akka taʼan natti dhagaʼama ture.” Ruut miira dogoggoraa kana kan moote akkamitti ree?

11 Ruut miira dogoggoraa qabdu wajjin qabsoo gochuu akka qabdu hubatte. Biyya sana ilaalchisee muuxannoowwanii fi gabaasawwan Kitaaba Waggaa irratti baʼan dubbiste. Akkana jetteetti: “Namoota biyya sanaatiif ilaalcha sirrii qabaachuuf carraaqqiin godhe. Obboloonnii fi obboleettonni Yihowaadhaaf hinaaffaa akka qaban hubachuun jalqabe. Isaanis kutaa waldaa obbolummaa addunyaa maraa keenya akka taʼan ifa naaf taʼe.” Yeroo booda Ruut wanta dabalataa gochuun akka ishii barbaachisu hubatte. Akkana jetteetti: “Yeroon obbolootaa fi obboleettota biyya sanaa wajjin wal argu hundatti isaanitti dhihaachuuf carraaqqii adda taʼen godha. Isaan haasofsiisuu fi caalaatti isaan baruu dandaʼeera.” Maarree buʼaan isaa maal ture? Ruut akkana jetteetti: “Yeroo booda miirri dogoggoraa ani qabu ni bade.”

“Guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala” guddaa yoo qabaanne namoota wal caalchisuu irraa ni fagaanna (Keeyyata 12-13 ilaali) *

12. Obboleettiin Saaraa jedhamtu rakkina akkamii qabdi turte?

12 Namoonni tokko tokko utuu hin hubatin nama wal caalchisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Saaraan sanyii namootaa, maallaqa isaan qaban ykn itti gaafatamummaa jaarmiyicha keessatti qaban irratti hundooftee namootatti waan hin murteessineef nama akka wal hin caalchisne ishiitti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, “Namoota akkan wal caalchisu hubachuun jalqabe” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti. Karaa kamiin? Saaraan maatii barate keessaa waan dhufteef namoota akka ishii taʼan wajjin hariiroo uumuu filatti turte. Yeroo tokko michuu ishii tokkoon akkana jettee turte: “Obbolootaa fi obboleettota baratanitti nan dhihaadha. Warra hin baranne irraa immoo nan fagaadha.” Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Saaraan ilaalcha ishii jijjiiruun ishii barbaachisa ture. Akkamitti?

13. Akkaataa Saaraan ilaalcha ishii itti jijjiirte irraa maal baranna?

13 Ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko Saaraan ilaalcha ishii akka qortu ishii gargaare. Akkana jetteetti: “Tajaajila ani amanamummaadhaan raawwadhuuf, yaada ani kennuu fi beekumsa Kitaaba Qulqulluu kootiif na galateeffate. Achiis beekumsi keenya yommuu guddachaa deemu amaloota Kiristiyaanaa kan akka gad of qabuu, humna ofii beekuu fi gara laafinaa horachuunis akka nu barbaachisu naaf ibse.” Saaraan gorsa ilaaltuun ol aanaa aanaa sun ishiidhaaf kenne hojii irra oolchite. Akkana jetteetti: “Wanti hundumaa caalaa barbaachisaa taʼe gaarummaa fi jaalala qabaachuu keenya akka taʼe hubadheera.” Kanaan kan kaʼes, Saaraan obbolootaa fi obboleettota ishii karaa adda taʼeen ilaaluu jalqabde. Akkana jetteetti: “Amaloonni Yihowaa biratti gatii guddaa akka qabaatan isaan taasisan kamfaa akka taʼan hubachuufan yaale.” Nuti hoo? Barumsa qabnuun kan kaʼe warra kaan irra akka caallu akka nutti dhagaʼamu matumaa hin barbaannu! “Guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala” guddaa kan qabnu yoo taʼe, namoota wal caalchisuu irraa ni fagaanna.—1 Phe. 2:17.

KEESSUMMOOTA SIMADHAA

14. Ibroota 13:16 akka jedhutti keessummoota yommuu simannu Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

14 Yihowaan keessummaa simachuuf iddoo guddaa kenna. (Ibroota 13:16 dubbisi.) Keessattuu namoota rakkatan gargaaruu kutaa waaqeffannaa keenya keessaa tokko akka taʼetti ilaala. (Yaq. 1:27; 2:14-17) Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun ‘keessummoota simachuu akka amaleeffannu’ nu jajjabeessa. (Rom. 12:13) Keessummoota yommuu simannu akka isaaniif yaannu, isaan jaallannuu fi michoota isaanii taʼuu akka barbaannu argisiisna. Wanta nyaatamuu fi dhugamu ykn yeroo fi xiyyeeffannaa keenya warra kaaniif yommuu kenninu Yihowaan ni gammada. (1 Phe. 4:8-10) Haa taʼu malee, wantoonni keessummaa simachuun ulfaataa akka nutti taʼu gochuu dandaʼan jiraachuu dandaʼu.

“Kanaan dura keessummoota hin simadhun ture, amma garuu jijjiirameera, gammachuu hedduus argadheera” (Keeyyata 16 ilaali) *

15-16. (a) Namoonni tokko tokko keessummaa simachuu irraa duubatti kan jedhan maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Eediit keessummaa simachuuf fedhii akka qabaattu kan ishii gargaare maali dha?

15 Haala keessa jirruun kan kaʼe keessummoota simachuu irraa duubatti jenna taʼa. Mee fakkeenya obboleettii abbaan manaa irraa duʼee fi Eediit jedhamtuu haa ilaallu. Dhugaa Baatuu taʼuu ishii dura warra kaan wajjin baayʼee walitti dhihaachuu hin barbaaddu turte. Eediit warri kaan keessummoota simachuuf haala gaarii irra akka jiran ishiitti dhagaʼama ture.

16 Eediit Dhugaa Baatuu erga taatee booda ilaalcha ishii irratti jijjiirama goote. Keessummoota simachuufis tarkaanfii fudhatte. Akkana jetteetti: “Galmi Walgaʼii keenya inni haaraan yommuu ijaaramu jaarsi gumii tokko waaʼee hiriyoota gaaʼelaa hojicha irratti gargaarsa gochuuf dhufanii tokko natti hime, akkasumas torban lamaaf ana bira buufachuu akka dandaʼan na gaafate. Yihowaan dubartii Saraaphtaa abbaan manaa irraa duʼe sana akkamitti akka eebbise nan yaadadhe.” (1 Mot. 17:12-16) Eediit hiriyoota gaaʼelaa kana keessummeessuuf walii galte. Maarree eebba argatteettii? Akkana jetteetti: “Hiriyoonni gaaʼelaa kun torban lamaaf qofa utuu hin taʼin jiʼa lamaaf na bira turaniiru. Yeroo sanatti michummaa cimaa uumuu dandeenyeerra.” Eediit gumii keessaa michoota dhihoo argachuudhaanis eebbifamteetti. Yeroo ammaatti qajeelchituu taatee kan tajaajiltu siʼa taʼu, warri ishii wajjin tajaajilan boqochuuf gara mana ishii yommuu dhufan ni gammaddi. Akkana jetteetti: “Warra kaaniif kennuun miirri gaariin akka natti dhagaʼamu taasisa! Dhugaa dubbachuuf kana gochuu kootiin eebbawwan hedduu argadheera.”—Ibr. 13:1, 2.

17. Luukii fi haati manaa isaa maal hubatan?

17 Kanaan dura keessummoota simachaa turre taʼa, taʼus gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu ni dandeenyaa? Fakkeenyaaf, Luukii fi haati manaa isaa hiriyoota gaaʼelaa keessummoota simatani dha. Warra isaanii, firoottanii fi michoota isaanii, akkasumas ilaaltuu ol aanaa aanaa fi haadha manaa isaa mana isaaniitti affeeruu amaleeffatanii turan. Haa taʼu malee, Luuk, “Namoota nutti dhihaatan qofa affeeraa akka jirru hubanne” jechuudhaan dubbateera. Luukii fi haati manaa isaa keessummoota simachuu irratti fooyyaʼiinsa kan godhan akkamitti ree?

18. Luukii fi haati manaa isaa keessummoota simachuu irratti fooyyaʼiinsa kan godhan akkamitti?

18 Luukii fi haati manaa isaa yaada Yesuus, “Warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan badhaasa maalii argattu?” jechuudhaan dubbate irratti erga xiinxalanii booda ilaalcha isaanii jijjiiran. (Mat. 5:45-47) Fakkeenya Yihowaa isa hundumaaf arjaa taʼee hordofuun akka isaan barbaachisu hubatan. Kanaafuu, obbolootaa fi obboleettota kanaan dura hin affeerre affeeruuf murteessan. Luuk akkana jedheera: “Amma hundi keenya yeroowwan akkasiitti baayʼee gammanna. Hundi keenya akka jajjabaannee fi walii keenyattis taʼe Yihowaatti akka dhihaanne nutti dhagaʼama.”

19. Barattoota Yesuus akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Maal gochuuf murteessiteetta?

19 Cimsinee wal jaallachuun nagaa kan uumnu, namoota kan wal hin caalchisnee fi keessummoota kan simannu taʼuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalleerra. Miira sirrii hin taane kam iyyuu moʼuu fi obbolootaa fi obboleettota keenya cimsinee garaadhaa jaallachuu qabna. Akkas kan goonu yoo taʼe, gammadoo taana, akkasumas dhugumaan barattoota Yesuus akka taane argisiisna.—Yoh. 13:17, 35.

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

^ key. 5 Yesuus jaalalli mallattoo Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisu akka taʼe dubbateera. Jaalalli obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu nagaa kan uumnu, namoota kan wal hin caalchisnee fi keessummoota kan simannu taʼuuf nu kakaasa. Kun yeroo hunda salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Mata duree kana keessatti garaadhaa cimsinee wal jaallachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.

^ key. 5 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka nagaa uumuuf carraaqqii yommuu gootu. Jalqaba irratti ishiidhaaf kan hin milkoofne taʼus carraaqqii gochuu ishii itti fufte. Carraaqqiin ishiin jaalala argisiisuuf goote dhuma irratti ni milkaaʼeef.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon tokko warri gumii keessa jiran of irraa addaan akka isa baasan itti dhagaʼame.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Obboleettiin kanaan dura keessummaa simachuu irraa duubatti jechaa turte ilaalcha ishii jijjiirte, kunis gammachuu ishii ishiidhaaf dabale.