Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 15

Naannoo Tajaajilaa Keessaniif Ilaalcha Akkamii Qabdu?

Naannoo Tajaajilaa Keessaniif Ilaalcha Akkamii Qabdu?

“Ija keessan ol kaasaa maasicha ilaalaa; midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera.”—YOH. 4:35.

FAARFANNAA 64 Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu

QABIYYEE *

1-2. Yesuus yaada Yohaannis 4:35, 36 irratti argamu kan dubbate maaliif taʼuu dandaʼa?

YESUUS maasiiwwan keessa deemaa ture; tarii kun maasii garbuu reefuu guddachaa jiru taʼuu hin oolu. (Yoh. 4:3-6) Midhaan kun gara jiʼa afurii booda haamaadhaaf ni gaʼa. Yesuus, “Ija keessan ol kaasaa maasicha ilaalaa; midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera” jechuudhaan wanta baramaa hin taane tokko dubbate. (Yohaannis 4:35, 36 dubbisi.) Maal jechuu isaa ture?

2 Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Yesuus waaʼee namoota walitti qabuu fakkeenyaan dubbachaa ture. Mee wanta yeroo kanatti taʼe ilaalaa. Walumaa galatti Yihudoonni namoota Samaariyaa ni jibbu turan; taʼus, Yesuus dubartii Samaariyaa tokkoof kan lallabe siʼa taʼu, ishiinis isa dhaggeeffatteetti! Yesuus yeroo waaʼee midhaan “bilchaatee haamaadhaaf gaʼe” sanaa dubbachaa turetti, namoonni Samaariyaa hedduun warri waaʼee Yesuus dubartittii irraa dhagaʼan sun caalaatti isa irraa barachuuf gara isaa dhufaa turan. (Yoh. 4:9, 39-42) Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko seenaa kana ilaalchisee, “Hawwiin namoonni kun qaban . . . akkuma midhaan haamaadhaaf gaʼee taʼuu isaanii kan argisiisu ture” jedheera.

Midhaan ‘bilchaatee haamaadhaaf akka gaʼe’ yoo nutti dhagaʼame maal gochuu qabna? (Keeyyata 3 ilaali)

3. Ilaalcha Yesuus namootaaf qabu yoo qabaattan, karaa caalaatti buʼa qabeessa taʼeen lallabuu kan dandeessan akkamitti?

3 Isin hoo namoota misiraachicha lallabdaniif ilaalcha akkamii qabdu? Akkuma midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼeetti isaan ilaaltuu? Taanaan wantoota sadii ni raawwattu; tokkoffaa, caalaatti miira ariitiitiin ni lallabdu. Waqtiin makaraa murtaaʼaa dha; yeroo balleessuu hin qabnu. Lammaffaa, namoota misiraachicha fudhatan yommuu argitan ni gammaddu. Kitaabni Qulqulluun, ‘namoonni yeroo makaraatti akka gammadan’ dubbata. (Isa. 9:3) Akkasumas sadaffaa, namni hundi barataa Yesuus taʼuu akka dandaʼu gootanii yaaddu; kanaafuu akkaataa dhiheenyaa keessan karaa fedhii nama sanaa hawwatuun ni jijijjiirtu.

4. Mata duree kana keessatti Phaawulos ergamaa irraa maal baranna?

4 Tarii duuka buutonni Yesuus tokko tokko namoonni Samaariyaa matumaa duuka buutota Yesuus hin taʼan jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa; inni garuu akkana jedhee hin yaanne. Kanaa mannaa, bartoota isaa taʼuu akka dandaʼan godhee yaadeera. Nutis namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran barattoota Kiristoos taʼuu akka dandaʼan goonee yaaduu nu barbaachisa. Phaawulos ergamaan gama kanaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Isa irraa maal barachuu dandeenya? Mata duree kana keessatti Phaawulos (1) waaʼee amantii namoota lallabeef sanaa beekuu kan dandaʼe, (2) fedhii isaanii hubachuu kan dandaʼee fi (3) barattoota Yesuus taʼuu akka dandaʼan godhee yaaduu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe ilaalla.

MAALITTI AMANU?

5. Phaawulos mana sagadaa keessatti namoota isa dhaggeeffatan hubachuu kan dandaʼe maaliifi?

5 Phaawulos yeroo baayʼee mana sagadaa Yihudootaa keessatti lallaba ture. Fakkeenyaaf, mana sagadaa Tasalonqeetti argamu keessatti, “sanbata sadiif Kitaabota Qulqulluu irraa dubbisee [Yihudootaa] wajjin mariʼate.” (HoE. 17:1, 2) Phaawulos mana sagadaa keessatti miirri tasgabbii isatti dhagaʼamee taʼuu hin oolu. Inni kan guddate amantii Yihudii keessatti ture. (HoE. 26:4, 5) Phaawulos Yihudoota waan hubateef, ija jabinaan isaaniif lallabuu dandaʼeera.—Filp. 3:4, 5.

6. Namoonni biyya Ateenaa kanneen bakka gabaa turan, warra Phaawulos mana sagadaa keessatti isaaniif lallabe irraa garaa garummaa akkamii qabu turan?

6 Phaawulos namoonni isa morman waan isa dirqisiisaniif gara Tasalonqeetti, achiis gara Beriyaatti baqatee gara Ateenaa dhaqe. Ammas, “Yihudootaa fi namoota Waaqayyoon waaqeffatan kaanii wajjin mana sagadaa keessatti, . . . mariʼachuu jalqabe.” (HoE. 17:17) Yommuu bakka gabaatti lallabaa turetti garuu dhaggeeffattoonni isaa namoota kan biroo turan. Warra isa dhaggeeffachaa turan keessaa falaastonnii fi namoonni Yihudoota hin taane warri ergaa Phaawulos akka ‘barumsa haaraatti’ ilaalan jiru turan. Isaanis, “Ati wantoota gurra keenyaaf keessummaa taʼan dubbachaa jirta” isaan jedhan.—HoE. 17:18-20.

7. Akka Hojiin Ergamootaa 17:22, 23, jedhutti Phaawulos akkaataa dhiheenyaa isaa irratti sirreeffama kan godhe akkamitti?

7 Hojii Ergamootaa 17:22, 23 dubbisi. Phaawulos ergaa isaa akkaataa Yihudoota mana sagadaa keessa turaniif lallabeen namoota Yihudoota hin taanee fi Ateenaa keessa turaniif hin lallabne. Phaawulos, ‘Namoonni Ateenaa keessa jiraatan kun maalitti amanu?’ jedhee of gaafatee taʼuu dandaʼa. Xiyyeeffannaadhaan wanta naannoo isaatti raawwatamu ilaaleera; akkasumas barsiifata amantii isaanii qalbeeffateera. Itti aansuudhaan, wanta akkaataa waaqeffannaa isaanii fi dhugaa Kitaabota Qulqulluu keessatti argamu wal fakkeessu argachuuf yaaleera. Namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko akkana jedheera: “Inni Yihudii Kiristiyaana taʼe waan tureef, Giriikonni Waaqayyoon hin waaqeffanne Waaqa ‘dhugaa’ Yihudootaa fi Kiristiyaanotaa akka hin waaqeffanne hubateera; Waaqni inni waaʼee isaa lallabu garuu namoota Ateenaatiif dhugumaan keessummaa akka hin taane ibsuuf yaalii godheera.” Kanaafuu, Phaawulos akkaataa dhiheenyaa isaa akka haala isaatti jijjiiruuf fedhii qaba ture. Ergaan isaa “Waaqa Hin Beekamne” isa isaan waaqeffachuuf yaalan irraa akka dhufe namoota Ateenaatti himeera. Namoonni Yihudoota hin taane Kitaabota Qulqulluu kan hin beekne taʼanis, Phaawulos isaanitti abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼe akka taʼanitti isaan ilaaleera; misiraachicha lallabuufis akkaataa dhiheenyaa isaa irratti sirreeffama godheera.

Fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan, wanta naannoo keessanitti argamu qalbeeffadhaa, akkaataa dhiheenyaa keessan akka haala isaatti jijjiiraa, namoonni barattoota taʼuu akka dandaʼan godhaa yaadaa (Keeyyata 8, 12, 18 ilaali) *

8. (a) Barsiifata amantii namoota naannoo tajaajilaa keessanitti argamanii hubachuu kan dandeessan akkamitti? (b) Namni tokko amantii mataa isaa akka qabu yoo dubbate, akkamitti deebii kennuu dandeessu?

8 Akkuma Phaawulos, wanta naannoo keessanitti argamu qalbeeffadhaa. Wantoota namoonni naannoo keessanitti argaman itti amanan hubadhaa. Abbaan manichaa mana isaa ykn konkolaataa isaa kan miidhagse akkamitti? Maqaan isaa, akkaataan uffannaa fi miidhaginaa isaa ykn jechoonni inni itti fayyadamu amantiin isaa maal akka taʼe ni ibsaa? Tarii amantii mataa isaa akka qabu kallattiidhaan isinitti himee taʼuu dandaʼa. Qajeelchituun addaa Filuturaa jedhamtu takka wanti akkasii yommuu ishii mudatetti, “Ani kanan dhufe amantii koo isin irratti feʼuuf utuu hin taʼin, waaʼee . . . isinitti himuufi” jechuudhaan deebii kenniti.

9. Nama amantii mataa isaa qabu wajjin dhimma irratti walii galtan akkamii argachuu dandeessu?

9 Nama amantii mataa isaa qabuu wajjin waaʼee maalii mariʼachuu dandeessu? Dhimma irratti walii galuu dandeessan argachuuf yaalaa. Tarii namni sun Waaqa tokko qofa kan waaqeffatu, Yesuus Fayyisaa ilmaan namootaa taʼuu isaa kan amanu ykn kan jiraannu yeroo hamaa dhiheenyatti badu keessa akka taʼe kan amanu taʼuu dandaʼa. Wantoota itti amantanii fi wal isin fakkeessan irratti hundaaʼuudhaan ergaa Kitaaba Qulqulluu karaa nama sana hawwachuu dandaʼuun dhiheessaa.

10. Maal gochuuf yaaluu qabna? Maaliif?

10 Namoonni wanta amantiin isaanii barsiisu hundumaatti amanu jechuu akka hin taane yaadadhaa. Kanaafuu, amantii namichaa erga beektanii booda illee, wantoota inni dhuunfaatti itti amanu hubachuuf yaalaa. Deeviid inni Awustiraaliyaa keessatti qajeelchaa addaa taʼee tajaajilu, “Yeroo ammaatti namoonni hedduun falaasamaa fi amantii isaanii walitti maku” jedheera. Donaaltaan ishiin Albaaniyaatti argamtu, “Namoonni argannu tokko tokko miseensa amantii tokkoo akka taʼan kan dubbatan taʼus, booda garuu dhugumaan Waaqayyotti akka hin amanne ni ibsu” jetteetti. Misiyooniin Arjantiinaatti argamu tokkos namoonni tokko tokko Sillaaseetti akka amanan kan dubbatan taʼus, Abbaan, Ilmii fi hafuurri qulqulluun Waaqa tokkicha akka taʼan dhugumaan kan hin amanne taʼuu isaanii hubateera. “Kana beekuun koo dhimma nama sanaa wajjin irratti walii gallu argachuun caalaatti salphaa akka naaf taʼu godha” jedheera. Kanaafuu, wanta namoonni dhugumaan itti amanan hubachuuf yaalii godhaa. Akkana yoo gootan isinis akkuma Phaawulos, “akaakuu namootaa hundaaf waan hundumaa” taʼuu ni dandeessu.—1 Qor. 9:19-23.

WANTOONNI ISAAN HAWWATAN MAAL FAʼI?

11. Akkuma Hojii Ergamootaa 14:14-17 irratti ibsametti Phaawulos namoota Lisxiraa keessa jiraatan karaa hawwachuu dandaʼuun ergaa isaa kan dhiheesse akkamitti?

11 Hojii Ergamootaa 14:14-17 dubbisi. Phaawulos wantoota dhaggeeffattoota isaa hawwatan hubateera, akkaataa dhiheenyaa isaas akka haala isaatti jijjiireera. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun inni Lisxiraa keessatti itti dubbachaa ture waaʼee Kitaabota Qulqulluu beekumsa xiqqoo kan qaban ykn homaa kan hin beekne turan. Kanaan kan kaʼes, Phaawulos karaa isaan hubachuu dandaʼaniin isaanitti dubbateera. Waaʼee waqtiilee firii qabanii fi dandeettii jireenyatti gammaduu dubbateera. Jechootaa fi fakkeenyota dhaggeeffattoonni isaa salphaatti hubachuu dandaʼanitti fayyadameera.

12. Wanta nama tokko hawwatu beekuu fi akkaataa dhiheenyaa keessanis akka haala isaatti jijjiiruu kan dandeessan akkamitti?

12 Fedhii namoota naannoo tajaajilaa keessan keessa jiranii beekuuf hubannaa qabaadhaa, akkaataa dhiheenyaa keessanis akka haala isaatti jijjiiraa. Yommuu gara nama tokkoo ykn gara mana isaa dhaqxan, wanti xiyyeeffannaa nama sanaa hawwatu maal akka taʼe beekuu kan dandeessan akkamitti? Ammas wanta naannoo keessanitti argamu qalbeeffadhaa. Tarii namni sun biqiltuu kunuunsaa, kitaaba dubbisaa, konkolaataa suphaa ykn hojii taʼe tokko hojjechaa jira taʼa. Haalli isaa mijataa yoo taʼe, maree jalqabuuf wanta inni gochaa jirutti maaliif hin fayyadamtan? (Yoh. 4:7) Uffannaan nama tokkoo illee waaʼee isaa wanta ibsu qaba; tarii lammummaa isaa, hojii isaa ykn garee ispoortii inni jaallatu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Gustaavoon akkana jedheera: “Dargaggeessa umuriin isaa waggaa 19 taʼee fi uffata isaa irraa fakkii weellisaa beekamaa taʼe tokko qabuu wajjin mariʼachuun jalqabe. Anis waaʼee fakkii sanaa isan gaafadhe, innis weellisaa kana kan jaallatu maaliif akka taʼe natti hime. Mareen sun Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isa kakaase, amma inni obboleessa keenya taʼeera.”

13. Karaa isaan tuquu dandaʼuun namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan afeeruu kan dandeessan akkamitti?

13 Namni tokko Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu yommuu isa afeertan, karaa isa hawwatuun akkana godhaa; qoʼannaan sun akkamitti akka isa gargaaru itti argisiisaa. (Yoh. 4:13-15) Fakkeenyaaf, obboleettiin Pooppii jedhamtu tokko gara mana dubartii fedhii argisiiste tokkootti akka seentu afeeramte. Pooppiin waraqaa ragaa dubartittiin piroofeesara waaʼee barsiisuu baratte taʼuu ishii argisiisu keenyan irratti yommuu ilaaltu, nutis qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu fi walgaʼiiwwan keenyatti fayyadamnee namoota akka barsiisnu dubbatte. Dubartittiinis qoʼannaa jalqabuuf walii galte, guyyaa itti aanutti gara walgaʼii deemte, achiis utuu baayʼee hin turin walgaʼii aanaa irratti argamte. Waggaa tokko booda ni cuuphamte. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namoota ani deddeebii gaaffii godhuuf xiyyeeffannaa isaanii kan harkisu maalidha? Sagantaa Kitaaba Qulqulluu itti qoʼannu karaa isaan tuquu dandaʼuun ibsuu nan dandaʼaa?’

14. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yommuu geggeessitan tokkoon tokkoon barataatiif akka taʼu gootanii dhiheessuu kan dandeessan akkamitti?

14 Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu erga jalqabdanii booda, akkaataa guddinaa fi fedhii barataa keessanii sammuutti qabachuudhaan tokkoon tokkoon qoʼannaa geggeessitaniif qophii godhaa. Yommuu qophooftanis caqasoota dubbistan, viidiyoowwan argisiistanii fi fakkiiwwan dhugaa Kitaaba Qulqulluu ibsuuf itti fayyadamtan murteessaa. ‘Keessumaa wanti xiyyeeffannaa barataa kanaa harkisuu fi garaa isaa tuqu maalidha?’ jedhaa of gaafadhaa. (Fak. 16:23) Albaaniyaatti dubartiin qajeelchituu Filooraa jedhamtuu wajjin qoʼachaa turte tokko, “Barumsa waaʼee duʼaa kaʼuu ibsu fudhachuu hin dandaʼu” jechuudhaan cimsitee dubbatte. Filooraan barumsa kana akka fudhattu ishii hin dirqisiisne. Achiis, “Jalqaba, Waaqa isa abdii duʼaa kaʼuu kana kenne beekuu akka qabdu natti dhagaʼame” jetteetti. Yeroo sanaa jalqabee Filooraan tokkoon tokkoon qoʼannaa isaanii irratti waaʼee jaalala, ogummaa fi humna Yihowaa cimsitee ibsiti turte. Boodas qoʼannaan ishii salphaatti duʼaa kaʼuutti ni amante. Yeroo ammaatti ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa hinaaffaa qabdu dha.

BARATTOOTA TAʼUU AKKA DANDAʼAN GODHAA YAADAA

15. Akka Hojiin Ergamootaa 17:16-18 jedhutti, gochawwan Giriikota durii Phaawulosiin jeeqan warra kamfaa turan? Taʼus inni warra Ateenaatti abdii kan hin kutanne maaliifi?

15 Hojii Ergamootaa 17:16-18 dubbisi. Phaawulos warri Ateenaa magaalaan isaanii waaqolii tolfamoodhaan, halalummaa fi falaasama namoota Waaqayyotti hin amanneen kan guutamte taʼus isaanitti abdii hin kutanne; arrabsoon isaaniis isaaniif lallabuu akka dhiisu isa hin goone. Phaawulos mataan isaa iyyuu, ‘Waaqayyoon kan arrabsu, saba isaa kan ariʼuu fi kan of tuulu’ kan ture taʼus, Kiristiyaana taʼeera. (1 Xim. 1:13) Yesuus Phaawulos jijjiiramuu akka dandaʼu akkuma hubate, Phaawulosis warri Ateenaa jijjiiramuu akka dandaʼan hubateera. Amanannaan isaa kunis dogoggora hin turre.—HoE. 9:13-15; 17:34.

16-17. Namoonni akkaataa guddinaa garaa garaa qaban barattoota Yesuus taʼuu akka dandaʼan kan argisiisu maali dha? Fakkeenya kenni.

16 Jaarraa jalqabaatti namoonni akkaataa guddinaa garaa garaa qaban barattoota Yesuus taʼaniiru. Phaawulos Kiristiyaanota magaalaa Giriikotaa kan taate Qorontos keessatti argamaniif yommuu barreessetti, miseensonni gumii sanaa tokko tokko yeroo taʼe tokkotti yakkamtoota ykn jireenya addaggummaa jibbisiisaa taʼe jiraachaa akka turan dubbateera. Achiis, “Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan. Haa taʼu malee, . . . dhiqamtanii qulqullooftaniittu” jedheera. (1 Qor. 6:9-11) Utuu isin taʼee namoonni kun jijjiiramuu fi barattoota Yesuus taʼuu akka dandaʼan hubachuu dandeessu turtanii?

17 Yeroo ammaatti namoonni hedduun barattoota Yesuus taʼuuf jecha jijjiirama barbaachisu gochuuf fedhii qabu. Fakkeenyaaf, Awustiraaliyaa keessatti qajeelchaa addaa kan taate Yukiinaan akaakuun namootaa hundi ergaa Kitaaba Qulqulluu fudhachuu akka dandaʼan hubatteetti. Yeroo tokko bakka hojiitti shamarree qaama tumattee fi uffata balʼaa uffatte tokko argite. Yukiinaan akkana jetteetti: “Yeroo muraasaaf mameen ture, haa taʼu malee ishii wajjin dubbachuun jalqabe. Achiis Kitaaba Qulqulluudhaaf fedhii guddaa akka qabduu fi wantoonni qaama ishii irratti tumatte tokko tokko caqasawwan Kitaaba Faarfannaa irraa fudhataman akka taʼan nan hubadhe!” Sana booda dubartiin tun qoʼachuu fi walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu jalqabde. *

18. Namootatti murteessuu kan hin qabne maaliifi?

18 Yesuus midhaan bilchaatee haamaadhaaf akka gaʼe godhee kan yaade namoonni hedduun akka isa duukaa buʼan waan abdateef turee? Matumaa. Kitaabni Qulqulluun kan isatti amanan namoota muraasa akka taʼan raajii dubbatee ture. (Yoh. 12:37, 38) Kana malees, Yesuus garaa namootaa dubbisuuf dandeettii dinqisiisaa taʼe qaba ture. (Mat. 9:4) Haa taʼu malee, namoota muraasa isatti amanan irratti xiyyeeffateera, akkasumas namoota hundumaatiif hinaaffaadhaan lallabeera. Nuti warri garaa namootaa dubbisuu hin dandeenye immoo naannoo tajaajilaa keenyattis taʼe namootatti murteessuu irraa of qusachuudhaan caalaatti akkana gochuu hin qabnuu? Kanaa mannaa, barattoota taʼuu akka dandaʼan godhaa yaadaa. Maarki inni Burkiinaa Faassootti misiyoonii taʼee tajaajilu kana ilaalchisee akkana jedheera: “Namoonni ani guddina ni godhu jedhee yaadu yeroo baayʼee qoʼachuu isaanii ni dhaabu. Namoonni guddina hin godhan jedhee yaadu garuu akka gaariitti guddina argisiisu. Kanaafuu, hafuurri Yihowaa akka nu qajeelchu heyyamuun keenya gaarii akka taʼe baradheera.”

19. Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessatti argaman akkamitti ilaaluu qabna?

19 Jalqaba irratti naannoo tajaajilaa keenya keessa namoonni akka midhaan bilchaatee haamaadhaaf gaʼee taʼan hedduu akka hin taane isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanta Yesuus barattoota isaatiin jedhe yaadadhaa. Midhaanichi bilchaatee haamaadhaaf gaʼeera. Namoonni jijjiiramuu fi barattoota Kiristoos taʼuu dandaʼu. Yihowaan barattoota jijjiiramuu dandaʼan kana akka ‘badhaadhummaatti’ ilaala. (Hag. 2:7) Nutis akkuma Yihowaa fi Yesuus namoota ilaalanitti kan isaan ilaallu yoo taʼe, akkaataa guddinaa isaanii fi wantoota xiyyeeffannaa isaanii harkisan beekuuf yaalii goona. Akka alagaatti utuu hin taʼin, obbolootaa fi obboleettota keenya taʼuu akka dandaʼanitti isaan ilaalla.

FAARFANNAA 57 Akaakuu namootaa hundumaaf lallabuu

^ key. 5 Ilaalchi naannoo tajaajilaa keenyaaf qabnu akkaataa itti lallabnuu fi itti barsiisnu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Mata dureen kun Yesuusii fi Phaawulos ergamaan warra isaan dhaggeeffataniif ilaalcha akkamii akka qaban akkasumas amantii, fedhii fi dandeettii namoota argannuu tilmaama keessa galchuudhaan fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 17 Mata dureewwan walitti aansanii baʼanii fi “Kitaabni qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhan namoonni hammam jijjiiramuu akka dandaʼan fakkeenya hedduu qabataniiru. Mata dureewwan walitti aansanii baʼan kun hamma bara 2017⁠tti Masaraa Eegumsaa irratti baʼu turan. Yeroo ammaatti jw.org® irratti baʼuu isaanii itti fufaniiru. WAAʼEE KEENYA > MUUXANNOOWWAN jedhu jalaa ilaali.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Abbaan manaa fi haati manaa tokko manaa gara manaatti yommuu tajaajilan, (1) mana akka gaariitti qabamee fi abaaboodhaan miidhagfame; (2) maatii ijoolleen keessatti argaman; (3) mana keessisaas taʼe alli isaa akka gaariitti hin qabamne, akkasumas (4) maatii amantii tokko hordofu argatan. Nama barataa taʼuu dandaʼu eessaa argachuu dandeessu?