Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 16

Dhaggeeffadhaa, Hubadhaa, Gara Laafinas Argisiisaa

Dhaggeeffadhaa, Hubadhaa, Gara Laafinas Argisiisaa

“Wanta alaan mulʼatu ilaaltanii murteessuu dhiisaa; kanaa mannaa murtii qajeelaa murteessaa.”—YOH. 7:24.

FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu

QABIYYEE *

1. Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee dhugaa nama jajjabeessu akkamii ibsa?

NAMOONNI bifa kee, boca fuula kee ykn guddina qaama kee irratti hundaaʼanii akka sitti murteessan ni barbaaddaa? Akka hin barbaanne beekamaa dha. Maarree Yihowaan wanta namoonni ijaan argan irratti hundaaʼee kan nutti hin murteessine taʼuu isaa beekuun keenya nama hin jajjabeessuu? Fakkeenyaaf, Saamuʼel yommuu ilmaan Isey argetti wanta Yihowaan ilaale hin ilaalle. Yihowaan ilmaan Isey keessaa tokko mootii Israaʼel akka taʼu Saamuʼelitti himee ture. Garuu namni mootii taʼu kun eenyu? Saamuʼel ilma angafaa Isey kan taʼe Eeliyaabiin yommuu argu, “Dhugumaan inni Waaqayyoof dibamu kunoo, fuula isaa dura in ijaajja” jedhe. Eeliyaab mootii fakkaata ture. “Waaqayyo garuu Saamuʼeliin, ‘Ani waanan isa tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin!’” jedhe. Kana irraa maal baranna? Yihowaan itti fufuudhaan, “Namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala” jedhe.—1 Sam. 16:1, 6, 7.

2. Akkuma Yohaannis 7:24 irratti caqasame, wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee nama tokkotti murteessuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

2 Namoota mudaa qaban waan taaneef hundi keenya wanta alaan mulʼatu irratti hundoofnee warra kaanitti murteessuuf ni qoramna. (Yohaannis 7:24 dubbisi.) Haa taʼu malee, ija keenyaan ilaaluudhaan waaʼee nama tokkoo wanta baayʼee beekuu hin dandeenyu. Kana fakkeenyaan ibsuuf, doktarri dandeettii fi muuxannoo qabu illee ija isaatiin qofa ilaaluudhaan waaʼee nama dhukkubsate tokkoo wanta baayʼee beekuu hin dandaʼu. Seenaa yaalii fayyaa, miira ykn mallattoo nama dhukkubsate sanaa beekuuf xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu qaba. Doktarri sun keessa qaama dhukkubsataa sanaa ilaaluuf namni sun Raajii akka kaʼu illee ajajuu dandaʼa. Taʼuu baannaan dhukkuba sanaaf yaalii dogoggoraa gochuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, wanta alaan mulʼatu ilaaluudhaan qofa obbolootaa fi obboleettota keenya guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Keessa namummaa isaanii hubachuuf yaalii gochuu qabna. Dhugaa dha, garaa namootaa dubbisuu hin dandeenyu; kanaafuu, matumaa akka Yihowaatti haala namootaa hubachuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Yihowaa fakkaachuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Akkamitti?

3. Seenaan Kitaaba Qulqulluu mata duree kana keessatti argamu fakkeenya Yihowaa hordofuuf kan nu gargaaru akkamitti?

3 Yihowaan warra isa waaqeffatan kan qabu akkamitti? Isaan dhaggeeffata. Akkaataa guddinaa fi haala isaanii tilmaama keessa ni galcha. Akkasumas gara laafina isaanitti argisiisa. Yihowaan Yoonaasiin, Eeliyaasiin, Aggaarii fi Looxiin akkamitti akka qabe qoruudhaan, nutis akkaataa obbolootaa fi obboleettota keenya itti qabnu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

XIYYEEFFANNAADHAAN DHAGGEEFFADHAA

4. Yoonaasiin karaa dogoggoraatiin hubachuu kan dandeenyu maaliif taʼu dandaʼa?

4 Yoonaasiin ilaalchisee wanta hundumaa waan hin beekneef inni nama amanamaa hin taane akka taʼe goonee yaaduu dandeenya. Yoonaas Nanawwee keessatti labsii murtii akka labsuuf Yihowaan kallattiidhaan isa ajajee ture. Inni garuu ajajamuu mannaa, doonii yaabbatee kallattii faallaa taʼen, ‘fuula Waaqayyoo duraa baqate.’ (Yon. 1:1-3) Utuu isin taatanii Yoonaasiif hojii isaaf kenname akka raawwatu carraa kan biraa isaaf ni kennitu turtanii? Taʼu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan Yoonaas carraa kan biraa argachuu akka qabu yaadeera.—Yon. 3:1, 2.

5. Jechoota inni dubbatee fi Yoonaas 2:1, 2, 9 irratti galmaaʼe irraa waaʼee Yoonaas maal barattu?

5 Yoonaas kadhannaa isaa keessatti dhugumaan nama akkamii akka ture ibseera. (Yoonaas 2:1, 2, 9 dubbisi.) Yoonaas kadhannaawwan hedduu dhiheessee akka ture hin shakkisiisu. Kadhannaawwan kana keessaa tokko inni nama hojii isaaf kenname dhiisee baqate qofa akka hin taane hubachuuf nu gargaara. Jechoonni isaa inni nama gad of qabu, nama galateeffatuu fi Yihowaadhaaf ajajamuuf murtoo godhe akka ture argisiisu. Yihowaan wanta Yoonaas raawwate qofa ilaaluu mannaa, kadhannaa isaatiif deebii kenneera, akkasumas akka raajiitti isatti fayyadamuu isaa itti fufeera!

Dhugaawwan jiran yoo hubanne, caalaatti gara laafina argisiisuu ni dandeenya (Keeyyata 6 ilaali) *

6. Xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf carraaqqii gochuun keenya sirrii kan taʼe maaliifi?

6 Xiyyeeffannaadhaan warra kaan dhaggeeffachuuf kan gad of qabnuu fi obsa qabeeyyii taʼuun nu barbaachisa. Yoo xinnaate sababii sadiin kan kaʼe kana gochuuf carraaquun keenya sirrii dha. Tokkoffaa, jarjarree waaʼee namootaa murtoo dogoggoraa irra gaʼuuf carraan qabnu ni xiqqaata. Lammaffaa, miiraa fi kakaʼumsa obboleessa keenyaa hubachuu ni dandeenya; kun immoo caalaatti akka isaaf gaddinu nu gargaara. Sadaffaan immoo namni sun waaʼee ofii isaa wanta tokko akka baratu isa gargaaruu dandeenya. Yeroo tokko tokko miira keenya dubbiidhaan hamma ibsinutti dhugumaan wanta nutti dhagaʼamu hubachuu hin dandeenyu. (Fak. 20:5) Jaarsi Eeshiyaatti argamu tokko akkana jedheera: “Yeroon utuu hin dhaggeeffatin dubbachuudhaan dogoggora itti raawwadhe nan yaadadha. Obboleettiin tokko walgaʼii irratti deebii kennitu fooyyessuun akka ishii barbaachisu ittan hime. Yeroo booda, dubbisuuf akka rakkattuu fi deebii kennuun carraaqqii guddaa gochuu akka ishii gaafatu nan hubadhe.” Jaarsoliin hundi gorsa kennuu isaanii dura ‘dubbicha dhagaʼuun’ isaanii baayʼee barbaachisaa dha!—Fak. 18:13.

7. Wanta Yihowaan Eliyaasiif godhe irraa maal barattu?

7 Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko akkaataa guddinaa, aadaa ykn amala isaaniitiin kan kaʼe waaʼee miira isaanii dubbachuun isaan rakkisa. Wanta garaa isaanii keessa jiru ifatti akka nutti himan haala isaa salphaa isaaniif gochuu kan dandeenyu akkamitti? Eliyaas yeroo Iizaabel jalaa baqatetti Yihowaan maal akka isaaf godhe yaadadhaa. Eliyaas maaltu akka itti dhagaʼamu guutummaatti Abbaa isaa isa samiitti dubbachuun guyyoota hedduu itti fudhateera. Yihowaan xiyyeeffannaadhaan isa dhaggeeffateera. Achiis Eliyaasiin kan jajjabeesse siʼa taʼu, hojii barbaachisaa tokkos isaaf kenneera. (1 Mot. 19:1-18) Obboloonnii fi obboleettonni keenya sodaa malee nuu wajjin dubbachuun yeroo isaanitti fudhachuu dandaʼa; haa taʼu malee, miira isaanii isa dhugaa hubachuu kan dandeenyu akkana yoo godhan qofa dha. Obsa argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa kan hordofnu yoo taʼe, akka nu amanan gochuu dandeenya. Achiis miira isaanii ibsuuf yommuu qophaaʼanitti, xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuu qabna.

OBBOLOOTAA FI OBBOLEETTOTA KEESSAN BEEKAA

8. Akka Uumamni 16:7-13 jedhutti, Yihowaan Aggaariin kan gargaare akkamitti?

8 Aggaar ishiin tajaajiltuu Saaraayi taate Abraamiif akka haadha manaatti erga kennamtee booda gocha gowwummaa raawwatte. Aggaar yommuu ulfooftetti Saaraayi ishii ijoollee hin qabne tuffachuu jalqabde. Haalli isaa hamaa taʼuu isaatiin kan kaʼe Saaraayi Aggaariin manaa ni ariite. (Uma. 16:4-6) Mudaa kan qabnu waan taaneef akka ilaalcha keenyaatti Aggaar dubartii tuffatamtuu wanta ishiidhaaf malu argatte akka taate goonee yaaduu dandeenya. Yihowaan garuu Aggaariin ilaalchisee akkas itti hin dhagaʼamne. Maleekaa isaa gara ishiitti ergeera. Maleekaan sun yommuu ishee argetti ilaalcha ishii akka sirreessitu ishii gargaareera, akkasumas ishii eebbiseera. Aggaaris Yihowaan ishii ilaalaa akka jiruu fi haala ishiin keessa jirtu hundumaa akka beeku itti dhagaʼameera. Aggaar, ‘Waaqa isa na ilaalu’ jettee isa waamuuf kakaateetti.—Uumama 16:7-13 dubbisi.

9. Waaqayyo Aggaariin haala akkasiitiin kan qabe maal tilmaama keessa galcheeti?

9 Yihowaan waaʼee Aggaar maal hubateera? Akkaataa guddinaa ishii fi wanta ishiin keessa darbite hundumaa guutummaatti beeka ture. (Fak. 15:3) Aggaar dubartii biyya Gibxii maatii Ibrootaa keessa jiraattu turte. Yeroo tokko tokko nama biyya ormaa akka taate itti dhagaʼama turee? Tarii maatii ishii fi biyya ishii yaaddee turtee laata? Haati manaa Abraam ishii qofa hin turre. Yeroodhaaf namoonni amanamoo turan tokko tokko haadha manaa tokkoo ol qabu turan. Haa taʼu malee, kun kaayyoo Yihowaa isa jalqabaa hin turre. (Mat. 19:4-6) Kanaafuu, qophiin akkanaa hinaaffaa fi mufannaa uumuun isaa kan nama ajaaʼibsiisu miti. Yihowaan Aggaar Saaraayiin tuffachuu ishii akka laayyootti kan hin ilaalle taʼus, akkaataa guddinaa ishii fi haala ishiin keessa turte tilmaama keessa akka galche mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Obbolootaa fi obboleettota kee akka gaariitti beeki (Keeyyata 10-12 ilaali) *

10. Obbolootaa fi obboleettota keenya caalaatti beekuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Nutis wal hubachuuf yaaluudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keessan caalaatti beekaa. Walgaʼii duraa fi booda isaanii wajjin haasaʼaa, waliin tajaajilaa, akkasumas kan dandaʼamu taanaan nyaata isaan afeeraa. Akkana yoo gootan, obboleettiin namatti hin dhihaanne fakkaattu takka ija laafettii taʼuu ishii, obboleessi qabeenya akka jaallatu gootanii yaaddan tokko nama keessummaa simatu taʼuu isaa ykn maatiin barfatee gara gumii dhufu tokko mormiin irra gaʼaa kan jiru taʼuu isaa ni hubattu taʼa. (Iyo. 6:29) Dhugaa dha, ‘dhimma namoota kaanii keessa galuu’ hin qabnu. (1 Xim. 5:13) Haa taʼu malee, waaʼee obboloota keenyaa wantoota tokko tokko beekuu fi haalawwan amala isaanii irratti dhiibbaa godhan hubachuun keenya gaarii dha.

11. Jaarsoliin akka gaariitti hoolota beekuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Keessumaa jaarsoliin obbolootaa fi obboleettota tika isaanii jala jiran beekuun isaan barbaachisa. Mee fakkeenya obboleessa Artar jedhamuu fi ilaaltu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilu tokkoo ilaalaa. Innii fi jaarsi tokko obboleettii ija laafettii fi namatti hin dhihaanne fakkaattu takka gaafatan. Artar akkana jedheera: “Abbaan manaa ishii wal fuudhanii baayʼee utuu hin turin ishii irraa akka duʼe hubanne. Haalawwan rakkisaan ishii mudatus, ijoollee durbaa karaa hafuuraa ciccimoo taʼan lama guddisteetti. Amma garuu ijji ishii kan dadhabe siʼa taʼu, dhiphina sammuutiinis rakkachaa jirti. Haa taʼu malee, jaalalli Yihowaadhaaf qabduu fi amantiin isa irratti qabdu cimaa taʼee itti fufeera. Fakkeenya gaarii obboleettii tanaa irraa wanta barannu hedduu akka qabnu hubanneerra.” (Filp. 2:3) Ilaaltuun ol aanaa aanaa kun fakkeenya Yihowaa hordofaa ture. Yihowaan hoolota isaa fi rakkina isaan keessa jiran ni beeka. (Bau. 3:7) Jaarsoliin akka gaariitti hoolota beekan warra kaan caalaa isaan gargaaruu dandaʼu.

12. Obboleettiin Yiip Yii jedhamtu obboleettii gumii keessatti argamtu takka hubachuun ishii kan ishii fayyade akkamitti?

12 Akkaataa guddinaa Kiristiyaana isin aarsu tokkoo yommuu beektan, nama sanaaf gadduun keessan hin oolu. Mee fakkeenya tokko ilaalaa. Yiip Yiin ishiin Eeshiyaa keessa jiraattu akkana jetteetti: “Obboleettiin gumii koo keessa jirtu takka iyyitee dubbatti. Obboleettiin tun amala gaarii akka hin qabne natti dhagaʼama ture. Yommuun ishii wajjin tajaajilu garuu, gabaa keessatti qurxummii gurguruudhaan warra ishii gargaaraa akka turten hubadhe. Namoonni akka ishii irraa bitaniif sagalee ishii ol kaastee dubbachuu qabdi turte.” Itti dabaluudhaanis, “Obbolootaa fi obboleettota koo hubachuuf akkaataa guddinaa isaanii beekuun akka na barbaachisu hubadheera” jetteetti. Akka gaariiti obboloota keessan beekuun carraaqqii gochuu gaafata. Taʼus, garaa keessan balʼistanii banuuf gorsa Kitaaba Qulqulluu yoo hordoftan, Yihowaa isa ‘akaakuu namoota hundumaa’ jaallatu fakkaattu.—1 Xim. 2:3, 4; 2 Qor. 6:11-13.

GARA LAAFINA ARGISIISAA

13. Akkuma Uumama 19:15, 16 irratti ibsametti, Loox yeroo mametti maleekonni maal godhan? Maaliif?

13 Loox yeroo baayʼee murteessaa taʼe tokkotti, qajeelfama Yihowaatiif dafee utuu hin ajajamin hafeera. Maleekonni lama gara Loox dhufanii maatii isaa Sodoom keessaa akka baasu isatti himan. Maaliif? “Nuyi iddoo kana balleessuuf jenna” isaan jedhan. (Uma. 19:12, 13) Guyyaa itti aanu ganama Looxii fi maatiin isaa amma iyyuu mana isaanii keessa turan. Kanaafuu, maleekonni sun ammas Looxiin ni akeekkachiisan. ‘Inni garuu qaqqabachaa [ykn mamaa] ture.’ Tarii Loox dantaa kan hin qabne darbees kan hin ajajamne akka taʼe goonee yaanna taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan isatti abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, “Gara laafina Yihowaan isaaf qabuun kan kaʼe” maleekonni sun harka maatii isaa qabanii magaalattii keessaa gad isaan baasan.—Uumama 19:15, 16, NW dubbisi. *

14. Yihowaan Looxitti gara laafina kan argisiise maaliif taʼuu dandaʼa?

14 Yihowaan Looxitti gara laafina kan argisiise sababa tokko tokko waan qabuuf taʼuu dandaʼa. Tarii Loox mana isaa gadhiisee baʼuuf kan mame namoota magaalattiidhaa alatti argaman waan sodaateef taʼuu dandaʼa. Kana malees, balaawwan kan biroonis jiru turan. Tarii Loox mootota lamaan warra sulula tokko biratti boollawwan reenjii keessatti kufaniis beekuu hin oolu. (Uma. 14:8-12) Loox abbaa manaa fi abbaa ijoollee waan taʼeef, waaʼee maatii isaa yaaddaʼee taʼuu qaba. Kana malees Loox sooressa waan tureef, Sodoom keessaa mana gaarii qabaachuu hin oolu. (Uma. 13:5, 6) Dhugaa dha, wantoota kana keessaa tokko illee Loox yeruma sana Yihowaadhaaf ajajamuu dhiisuuf sababa taʼuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaan dogoggora Loox irratti qofa hin xiyyeeffanne, kanaa mannaa, akka ‘nama qajeelaatti’ isa ilaaleera.—2 Phe. 2:7, 8.

Warra kaan dhaggeeffachuudhaan, akkamitti gara laafina argisiisuu akka dandeenyu baranna (Keeyyata 15-16 ilaali) *

15. Gocha nama tokkoo irratti hundoofnee murteessuu mannaa, maal gochuu qabna?

15 Gocha nama tokkoo irratti hundooftanii murteessuu mannaa, namichi maaltu akka itti dhagaʼamu hubachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa. Veronikaan ishiin Awurooppaatti argamtu kana gochuuf yaalii gooteetti. Akkana jetteetti: “Obboleettiin takka yeroo hunda kan mufatte fakkaatti turte. Warra kaan irraa adda of baasti turte. Yeroo tokko tokko ishiitti dhihaachuu nan sodaadhan ture. Haa taʼu malee, ‘Utuun haala ishii keessa jira taʼee, michuun na barbaachisa ture’ jedheen yaade. Kanaafuu, maaltu akka ishiitti dhagaʼamu gaafachuuf nan murteesse. Ishiinis wanta garaa ishii keessa jiru natti himuu jalqabde. Amma waaʼee ishii caalaatti wanta baayʼee hubachuu dandaʼeera.”

16. Gara laafina argisiisuuf Yihowaan akka nu gargaaru kadhachuu kan qabnu maaliifi?

16 Qaamni guutummaatti nu hubatu Yihowaa qofa dha. (Fak. 15:11) Kanaafuu, wanta inni ilaalu warra kaan keessatti ilaaluuf, akkasumas akkamitti gara laafina isaanitti argisiisuu akka dandeessan akka hubattan akka isin gargaaru isa gaafadhaa. Obboleettiin Anzelaa jedhamtu caalaatti warra kaanitti gara laafina argisiisuuf kadhannaan ishii gargaareera. Obboleettiin gumii ishii keessatti argamtu takka warra kaanii wajjin walii galuun ishii rakkisa ture. Anzelaan akkana jetteetti: “Ishii ceephaʼuuf ariifachuu fi ishii irraa fagaachuun baayʼee salphaa taʼuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, Yihowaan obboleettii kanatti gara laafina argisiisuuf akka na gargaarun isa gaafadhe.” Maarree Yihowaan kadhannaa Anzelaan dhiheessite dhagaʼeeraa? Itti fufuudhaan akkana jetteetti: “Waliin tajaajila kan baane siʼa taʼu, sana booda saʼaatii muraasaaf wajjin haasofne. Anis gara laafinaan ishiin dhaggeeffadhe. Amma ishiidhaaf jaalala guddaan qaba, akkasumas ishii gargaaruuf kutadheera.”

17. Maal gochuuf murtoo gochuu qabna?

17 Obbolootaa fi obboleettota gara laafina itti argisiisuu qabdan filachuu hin dandeessan. Hundi isaanii akkuma Yoonaas, Eliyaas, Aggaarii fi Loox rakkinni isaan mudateera. Haalawwan tokko tokko keessatti ofuma isaaniitii rakkina ofitti fidaniru. Dhugaa dubbachuuf, hundi keenya iyyuu yeroo ta‵e tokkotti akkas gooneerra. Kanaafuu, Yihowaan miira walii akka hubannu nu gaafachuun isaa sirrii dha. (1 Phe. 3:8) Yihowaadhaaf yommuu ajajamnu maatii keenya isa dinqisiisaa fi balʼaa taʼe gidduutti tokkummaan akka cimu gumaacha goona. Kanaafuu, obbolootaa fi obboleettota keenya dhaggeeffachuuf, irraa barachuu fi gara laafina itti argisiisuuf murtoo haa goonu.

FAARFANNAA 87 Kottaa Haaromaa

^ key. 5 Namoota mudaa qaban waan taaneef, waaʼee namootaa fi kakaʼumsa isaanii dafnee tilmaamuuf qoramna. Yihowaan garuu ‘garaa ilaala.’ (1 Sam. 16:7) Mata dureen kun Yihowaan akkamitti jaalalaan kakaʼee Yoonaasiin, Eliyaasiin, Aggaarii fi Looxiin akka gargaare ibsa. Akkasumas akkaataa obbolootaa fi obboleettota keenya itti qabnu irratti fakkeenya Yihowaa akka hordofnu nu gargaara.

^ key. 13 Uumama 19:15, 16 (NW): “Yommuu lafti ifuu jalqabus maleekonni Looxiin ariifachiisanii, ‘Kaʼi! Ati cubbuu magaalattiitiin akka hin balleeffamnetti, haadha manaa tee fi ijoollee durbaa kee lamaan warra si bira jiran fudhadhuu baʼi!’ isaan jedhan. Yommuu inni mamuttis, gara laafina Yihowaan isaaf qabuun kan kaʼe namoonni sun harka isaa, harka haadha manaa isaa fi harka ijoollee durbaa isaa lamaanii cimsanii qabuudhaan magaalattiidhaa alatti isaan baasan.”

^ key. 53 IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon tokko obboleessi dargaggeessa taʼe tokko barfatee gara gumii dhufuu isaatti aareera; booda garuu obboleessi kun kan barfate konkolaataan isaa waan rukutameef taʼuu isaa hubata.

^ key. 55 IBSA FAKKII: Ilaaltuun ol aanaa garee tajaajilaa tokko jalqaba irratti obboleettiin takka kan namatti hin dhihaanne akka taate godhee kan yaade taʼus, booda garuu ija laafettii fi namoota akka gaariitti hin beekne gidduu yommuu taatu kan dhiphattu akka taate hubateera.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka obboleettii kan biraa akka gaariitti beekuuf yommuu waliin yeroo dabarsitutti, yeroo jalqabaatiif Galma Mootummaa keessatti yommuu wal argan nama amalli ishii jijjiiramuu fi kan namaaf hin yaanne akka taate gootee yaaddee turte; booda garuu obboleettiin tun akkana akka hin taane hubatteetti.