Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 14

Haleellaa Karaa Kaabaa Dhufu!

Haleellaa Karaa Kaabaa Dhufu!

‘Sabni tokko biyya koo irratti dhufeera.’—YOE. 1:6.

FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira

QABIYYEE *

1. Obboleessi keenya Raasilii fi michoonni isaa mala qoʼannaa akkamiitti fayyadamu turan? Malli kun buʼa qabeessa kan taʼe hoo maaliifi?

JAARRAA tokkoo ol dura obboleessi keenya Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa, jechuunis garee xinnoon barattoota Dubbii Waaqayyoo of keessatti qabate tokko walitti qabamuu jalqaban. Kitaabni Qulqulluun Yihowaa, Yesuus Kiristoos, haala namoonni duʼan keessatti argamanii fi furicha ilaalchisee dhugumaan maal akka barsiisu beekuu barbaadanii turan. Malli qoʼannaa isaanii salphaa ture. Namni tokko gaaffii tokko kaasa, achiis gareedhaan taʼanii caqasoota mata duree sanaa wajjin wal qabatan hunda irratti qorannaa godhu. Dhuma irrattis, wantoota qorannoodhaan argatan ni barreessu. Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban kun gargaarsa Yihowaatiin barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaatti iddoo guddaa kenninuuf hedduu argachuu dandaʼaniiru.

2. Raajii Kitaaba Qulqulluu tokko hubachuuf yommuu yaallutti wanti karaa dogoggoraatiin akka hubannu nu taasisu maal taʼuu dandaʼa?

2 Haa taʼu malee, barattoonni Kitaaba Qulqulluu kun barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko hubachuu irra raajii Kitaaba Qulqulluu tokko hubachuun ulfaataa akka taʼe utuma baayʼee hin turin hubatan. Kun kan taʼe maaliifi? Sababiin inni tokko raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee kan hubataman yeroo raawwatamaa jiranitti ykn erga raawwatamanii booda waan taʼeefi. Haa taʼu malee, sababiin kan biraanis jira. Raajii tokko sirriitti hubachuuf guutummaa raajichaa ilaaluu nu barbaachisa. Raajii sana keessaa isa tokko qofa irratti xiyyeeffannee isa hafe immoo kan dhiisnu yoo taʼe, karaa dogoggoraatiin hubachuu dandeenya. Gara duubaatti deebinee yommuu ilaallu raajii kitaaba Yoʼel keessatti argamu tokko wajjin haala wal qabateenis wanti taʼe kanuma fakkaata. Mee raajii kanaa fi hubannaa kanaan dura qabnu irratti sirreeffama gochuun kan barbaachise maaliif akka taʼe haa ilaallu.

3-4. Raajii Yoʼel 2:7-9 irratti argamu hanga ammaatti akkamitti hubanna turre?

3 Yoʼel 2:7-9 dubbisi. Yoʼel gurmuun hawaannisaa tokko biyya Israaʼel akka balleessu raajii dubbateera. Ilbiisonni kun ilkaanii fi mangaagaa isaanii isa akka leencaa taʼeen biqiltoota biyyattii keessa jiran hundumaa ni nyaatu! (Yoe. 1:4-6) Waggoota hedduudhaaf raajiin kun sabni Yihowaa akkuma gurmuu hawaannisaa dhaabbachuu hin dandeenyeetti lallabuu isaanii akka itti fufan kan argisiisudha jennee amanna turre. Hojiin kun ‘biyyattii’ irratti ykn namoota toʼannaa geggeessitoota amantii jala jiran irratti miidhaa cimaa geessisa jennee yaadna turre. *

4 Yaada Yoʼel 2:7-9 irra jiru qofa yoo dubbisne ibsi kun sirrii fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, guutummaa raajichaa yommuu ilaallu karaa kana irraa adda taʼeen hubachuun akka nu barbaachisu argina. Mee sababiiwwan kun itti taʼe afur haa ilaallu.

SABABIIWWAN ARFAN SIRREEFFAMA GOCHUUN ITTI BARBAACHISE

5-6. Caqasoota armaan gadii yommuu dubbisnu gaaffiin akkamii kaʼuu dandaʼa? (a) Yoʼel 2:20, (b) Yoʼel 2:25.

5 Tokkoffaa, weerara hawaannisaa kana ilaalchisee waadaa Yihowaan, “Isa kaabaa sana [hawaannisa] isin irraa nan fageessa” jechuudhaan gale hubadhaa. (Yoʼel 2:20, NW.) Gurmuun hawaannisaa kun Dhugaa Baatota Yihowaa ajaja Yesuus akka lallabanii fi barattoota akka godhaniif kenne raawwachaa jiran kan argisiisu erga taʼee, Yihowaan isaan fageessuuf waadaa kan gale maaliifi? (His. 33:7-9; Mat. 28:19, 20) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan kan fageessu tajaajiltoota isaa warra amanamoo utuu hin taʼin wanta ykn warra saba isaa jibbani dha.

6 Sababiin inni lammaffaan, yaada Yoʼel 2:25 irratti argamu dha. Caqasicha irratti Yihowaan akkana jedheera: “Isa gurmuun hawaannisaa, ilmaan hawaannisaa, geeriin hawaannisaa, qorophisii fi loltoonni jajjaboonni ani isinitti erge sun dur isin duraa fixan, amma iddootti isiniif nan deebisa.” Yihowaan wanta gurmuun hawaannisaa sun balleesse ‘iddootti akka isaaniif deebisu’ waadaa galuu isaa hubadhaa. Kun immoo gurmuun hawaannisaa kun labsitoota Mootummichaa kan argisiisu yoo taʼe, ergaan isaan labsan miidhaa kan geessisudha yaada jedhu dabarsa. Haa taʼu malee, ergaan kun lubbuu namootaa kan baraaruu fi namoonni hamoon yaada akka geeddaratan kan kakaasu dha. (His. 33:8, 19) Kunis eebba guddaa isaaniif argamsiisa!

7. Yaadni “sana booda” jedhuu fi Yoʼel 2:28, 29 irratti argamu maal hubachuuf nu gargaara?

7 Yoʼel 2:28, 29, NW * dubbisi. Sababiin inni sadaffaan duraa duuba taʼeewwan raajicha keessatti raawwataman wajjin wal qabata. Yihowaan, “Sana booda . . . hafuura koo nan dhangalaasa” jechuudhaan akka dubbate hubattanii? Gurmuun hawaannisaa sun hojii isaanii erga xumuranii booda jechuu dha. Gurmuun hawaannisaa kun labsitoota Mootummaa Waaqayyoo kan argisiisu erga taʼee, Yihowaan erga isaan dhugaa baʼanii xumuranii booda hafuura isaa kan isaan irratti dhangalaasu maaliifi? Dhugaan isaa gargaarsa hafuura qulqulluu isa humna Waaqayyoo taʼeen malee mormiin utuu isaan mudatuu, akkasumas hojii isaanii irratti dhorkaan illee utuu godhamuu waggoota hedduudhaaf lallabuu isaanii itti fufuu hin dandaʼan turan.

Obboleessi keenya J.F.Raazarfoordii fi tajaajiltoonni dibamtoota taʼan warri ol aantummaadhaan hojicha geggeessaa turan murtii Waaqayyo sirna hamaa kana irratti dabarsu ija jabinaan lallabaniiru (Keeyyata 8 ilaali)

8. Hawaannisoonni Mulʼata 9:1-11 irratti ibsaman eenyu bakka buʼu? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

8 Mulʼata 9:1-11 dubbisi. Mee amma immoo sababii isa arfaffaa haa ilaallu. Kanaan dura raajiin wal fakkaatu kitaaba Mulʼataa irratti waan argamuuf weerara hawaannisaa Yoʼel dubbate hojii lallabaa keenya wajjin wal qabsiisna turre. Raajii kana irratti gurmuun hawaannisaa fuulli isaanii kan namaa fakkaatuu fi mataa isaanii irraa “wanta gonfoo warqii fakkaatu” qaban ibsamaniiru. (Mul. 9:7) Isaan “namoota [diinota Waaqayyoo] chaappaa Waaqayyoo adda isaanii irraa hin qabne” jiʼa shaniif ni dhiphisu, kunis umurii giddu galeessaa hawaannisa tokkoo ti. (Mul. 9:4, 5) Kun tajaajiltoota Yihowaa warra dibamoo sirriitti kan ibsu fakkaata. Isaan sirna hamaa kana irratti murtii Waaqayyoo ija jabinaan kan labsan siʼa taʼu, kun immoo namoota addunyaa kana cinaa dhaabbatan hunda hin gammachiisu.

9. Hawaannisoota Yoʼel argee fi Yohaannis ibse gidduu garaa garummaa guddaa akkamiitu jira?

9 Dhugaa dha, raajii kitaaba Mulʼataa irratti ibsamee fi Yoʼel barreesse wanti wal fakkeessu jira. Haa taʼu malee, raajii kana lamaan gidduu garaa garummaa guddaatu jira. Raajii Yoʼel barreesse keessatti hawaannisoonni sun biqiltoota akka barbadeessan hubadhaa. (Yoe. 1:4, 6, 7) Mulʼata Yohaannis arge irratti garuu hawaannisoonni sun ‘biqiltoota lafaa akka hin miine isaanitti himameera.’ (Mul. 9:4) Hawaannisoonni Yoʼel arge karaa kaabaa dhufan. (Yoe. 2:20) Kan Yohaannis arge immoo qilee keessaa baʼan. (Mul. 9:2, 3) Hawaannisoonni Yoʼel ibse fageeffamaniiru. Kitaaba Mulʼataa irratti garuu hawaannisoonni sun akka fagaatan hin godhamne, kanaa mannaa hojii isaanii akka xumuran isaaniif heyyamameera. Yihowaa biratti fudhatama argachuun akka isaaniif hin malle wanti argisiisu hin jiru.—Saanduqa “ Raajiiwwan Waaʼee Hawaannisaa Dubbataman—Walfakkaatu Garuu Immoo Garaagara” jedhu ilaali.

 

10. Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu hawaannisoonni Yoʼel ibsee fi Yohaannis ibse wantoota garaa garaa akka bakka buʼan argisiisu kenni.

10 Garaa garummaa guddaan raajiiwwan kana lamaan gidduu jiru, raajiiwwan kun akka wal hin qabanne hubachuuf nu gargaara. Hawaannisni Yoʼel ibse hawaannisa kitaaba Mulʼataa keessatti ibsame wajjin tokko miti jechuu keenyaa? Eeyyee. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo tokko tokko mallattoon tokko karaa adda taʼeen yommuu hojii irra oolu hiika addaa qabaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Mulʼata 5:5 irratti Yesuus ‘Leenca gosa Yihudaa’ jedhamee waamameera, 1 Pheexiros 5:8 irratti immoo Diyaabilos “leenca baroodu” akka taʼetti ibsameera. Qabxiiwwan arfan irratti mariʼannee fi gaaffiiwwan kanaa wajjin wal qabatanii kaʼan, raajii Yoʼel kanaaf ibsi kan biraan barbaachisaa taʼuu isaa argisiisa. Ibsi kun maal taʼuu dandaʼa?

MAAL JECHUU DHA?

11. Yaadni Yoʼel 1:6 fi 2:1, 8, 11 irratti argamu eenyummaa hawaannisoota sanaa hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

11 Caqasoota raajii Yoʼel keessa jiran kaan gadi fageenyaan yommuu qorru, raajiin kun waaʼee haleellaa waraanaa tokkoo akka dubbatu hubanna. (Yoe. 1:6; 2:1, 8, 11) Yihowaan Israaʼeloota hin ajajamne adabuuf ‘loltoota jajjaboo’ (loltoota Baabilonitti) akka fayyadamu dubbateera. (Yoe. 2:25) Baabilononni kallattii kaabaatiin Israaʼeloota waan weeraraniif humni waraanaa kun “isa kaabaa” jedhamuun isaa sirrii dha. (Yoe. 2:20) Humni waraanaa kun gurmuu hawaannisaa sirriitti qindaaʼanii wajjin wal fakkeeffameera. Yoʼel isaan ilaalchisee akkana jedheera: “Tokkon tokkon [loltootaa] karaadhuma isaanii irra adeemu. . . . Fiiganii mandarattii irra in baʼu, masaraa irra in fiigu, manneetii in yaabbatu, akka hattuus qaawwa manaatiin ol in lixu.” (Yoe. 2:8, 9) Haala sana yaadaan ilaaluu dandeessuu? Bakka hunda loltoonni jiru. Bakki itti dhokatanis hin jiru. Goraadee Baabilonotaa jalaa namni tokko illee miliquu hin dandaʼu!

12. Raajiin Yoʼel hawaannisoota ilaalchisee dubbate kan raawwatame akkamitti?

12 Baabilononni (ykn Kaladoonni) Dh.K.D. bara 607⁠tti akkuma hawaannisootaa magaalaa Yerusaalem weeraran. Kitaabni Qulqulluun akkana jechuudhaan gabaasa: ‘Mootiin Baabilon dargaggoota isaanii billaadhaan in ajjeese; ijoollota dhiiraa fi ijoollota durbaa, warra dulloomanii fi warra lafa guuran hundumaaf garaa hin laafne; hunduma isaanii Waaqayyo harka mootii Baabilon kanatti dabarsee in kenne. Warri Baabilon yommus mana qulqullummaa ibiddaan in guban; dallaa mandara Yerusaalemis in diigan; akkasumas manneen mootummaa hundumaa ibiddaan gubanii, miʼa isaa isa gati-jabeessa caccabsanii in balleessan.’ (2 Sen. 36:17, 19) Baabilononni biyyattii weeraranii erga balleessanii booda namoonni biyyicha ilaalchisee, “Harka warra Baabilonitti kennameera, oneera, namni, horiinis keessa hin jiru” jechuu malee wanta biraa dubbachuu hin dandaʼan.—Er. 32:43.

13. Ermiyaas 16:16, 18 hiika akkamii akka qabu ibsi?

13 Yoʼel raajii kana erga dubbatee gara waggaa 200 booda Yihowaan Ermiyaasitti fayyadamee waaʼee haleellaa kanaa raajii tokko dubbateera. Weerartoonni sun Israaʼeloota gochawwan hamoo taʼan irratti hirmaatan of eeggannoodhaan akka barbaadanii fi hunda isaanii akka qaban dubbateera. “Waaqayyo, ‘Kunoo, akka qurxummiitti jara kana akka qabaniif qurxummi-qabduu baayʼee waamee nan fida; kana booddee immoo adamsitoota warra tulluu hundumaa fi gaara hundumaa irra, holqa dhagaa hundumaa keessas isaan adamsan isaanitti nan erga. Isaan wanta jibbisiisaa akka raqaatiin biyya koo waan xureessaniif . . . dachaa lama isaan nan adaba’ jedhe.” Galaannis taʼe bosonni weerara Baabilonotaa jalaa Israaʼeloota yaada hin geeddaranne dhoksuu hin dandaʼu.—Er. 16:16, 18.

BAKKATTI DEEBISUU

14. Raajiin Yoʼel 2:28, 29 irratti argamu kan raawwatame yoomi?

14 Kan nama gammachiisu, Yoʼel misiraachoos dubbateera. Biyyattiin deebitee ni misoomti. (Yoe. 2:23-26) Achiis, gara fuulduraatti yeroo taʼe tokkotti nyaanni hafuuraa gaʼaan ni jiraata. Yihowaan akkana jedheera: “Ani hafuura koo nama hundumaa irratti nan dhangalaasa; ilmaan keessanii fi intaloonni keessan raajii in dubbatu, . . . bara sanatti, ani hojjetoota koo warra dhiirotaa fi warra dubartootaa irratti iyyuu hafuura koo nan dhangalaasa.” (Yoe. 2:28, 29) Israaʼeloonni boojuu Baabilonii gara biyya isaaniitti akkuma deebiʼaniin hafuurri Waaqayyoo hin dhangalaane. Kanaa mannaa, kun kan raawwatame jaarraawwan hedduu booda Dh.K.B. bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti ture. Kana akkamitti beekna?

15. Hojii Ergamootaa 2:16, 17 akka jedhutti Pheexiros yaada Yoʼel 2:28 irra jiru irratti sirreeffama akkamii godheera? Kuni hoo maal argisiisa?

15 Pheexiros ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee raajiin Yoʼel 2:28, 29 irratti argamu wanta dinqisiisaa gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti taʼeen akka raawwatame dubbateera. Ganama sana gara saʼaatii sadiitti Waaqayyo hafuura isaa kan dhangalaase yommuu taʼu, namoonni hafuuricha fudhatanis waaʼee “hojiiwwan Waaqayyoo warra guguddaa” dubbachuu jalqaban. (HoE. 2:11) Pheexiros hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee raajii Yoʼel yommuu caqasu ibsa kana irraa xinnoo adda taʼetti fayyadameera. Sirreeffama akkamii akka inni godhe hubattaniittuu? (Hojii Ergamootaa 2:16, 17 dubbisi.) Pheexiros caqasicha yommuu jalqabu jechoota “sana booda” jedhutti fayyadamuu mannaa jechoota, “guyyoota dhumaatti” jedhutti fayyadameera, kunis guyyoota dhumaa sirna Yihudootaa kan argisiisu dha. Yeroo sanatti hafuurri Waaqayyoo “foon kan uffate hunda irratti” ni dhangalaʼa. Kun immoo raajiin Yoʼel raawwatamuu isaa dura yeroo dheeraan akka darbe argisiisa.

16. Jaarraa jalqabaatti hafuurri Waaqayyoo hojii lallabaa irratti dhiibbaa akkamii godheera? Yeroo harʼaatti hoo?

16 Hojiin lallabaa balʼinaan babalʼachuu kan jalqabe jaarraa jalqabaatti hafuurri Waaqayyoo karaa dinqisiisaa taʼeen erga dhangalaʼee booda dha. Dh.K.B. naannoo bara 61⁠tti yeroo Phaawulos ergamaan xalayaa isaa gara Qolosaayisitti barreessu misiraachichi “uumama samiidhaa gad jiru hundatti” akka lallabame dubbachuu dandaʼeera. (Qol. 1:23) Bara Phaawulositti ‘uumama hunda’ kan jedhu kutaawwan addunyaa Phaawulosii fi warri kaan keessa adeemuu dandaʼan kan argisiisu dha. Gargaarsa hafuura Yihowaa isa humna guddaa qabuun hojiin lallabaa yeroo harʼaa “hanga andaara lafaatti” baayʼee babalʼateera.— HoE. 13:47; saanduqa ‘ Hafuura Koo nan Dhangalaasa’ jedhu ilaali.

 

WANTI JIJJIIRAME MAALI DHA?

17. Raajii Yoʼel hawaannisoota ilaalchisee dubbate irratti hubannaan qabnu kan jijjiirame akkamitti?

17 Wanti jijjiirame maali dha? Amma raajii Yoʼel 2:7-9 irratti argamu ilaalchisee hubannaa caalaatti sirrii taʼe qabna. Gabaabumatti caqasoonni kun, hojii lallabaa keenya utuu hin taʼin, wanta loltoonni Baabilon Dh.K.D. bara 607⁠tti yommuu Yerusaalemiin weeraranitti raawwatan kan argisiisu dha.

18. Saba Yihowaa ilaalchisee wanti hin jijjiiramne maali dha?

18 Wanti hin jijjiiramne maali dha? Sabni Yihowaa tooftaa isaaniif dandaʼame kamitti iyyuu fayyadamanii bakka hundatti misiraachicha lallabuu isaanii itti fufu. (Mat. 24:14) Dhorkaan mootummaa kam iyyuu ergama akka lallabnuuf nuu kenname akka hin raawwanne nu dhoowwuu hin dandaʼu. Eebba Yihowaatiin yeroo kam iyyuu caalaa misiraachoo Mootummichaa ija jabinaan lallabaa jirra! Yihowaan raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu hubachuuf akka nu gargaaru gad of qabuudhaan isatti amanamuu keenya itti fufna, sababiin isaas inni yeroo sirrii taʼetti “gara dhugaa hundatti” akka nu qajeelchu amanannaa qabna!—Yoh. 16:13.

FAARFANNAA 97 Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa

^ key. 5 Waggoota hedduudhaaf raajiin Yoʼel boqonnaa 1 fi 2 irratti ibsame hojii lallabaa keenya isa yeroo harʼaatti raawwatamaa jiru akka argisiisu amanaa turre. Haa taʼu malee, sababiiwwan hubannaa kutaa raajii Yoʼel kana ilaalchisee qabnu irratti sirreeffama gochuun barbaachisaa taʼuu isaa ibsan afur jiru. Sababiiwwan kunneen maal faʼi?

^ key. 3 Fakkeenyaaf, Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2009 irraa mata duree “Uumamni Ogummaa Yihowaa Mulʼisa” jedhu keeyyata 14-16 ilaali.

^ key. 7 Yoʼel 2:28, 29 (NW): “Sana booda ani foon hundumaa irratti hafuura koo nan dhangalaasa, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan raajii ni dubbatu, maanguddoonni keessan abjuu ni abjootu, dargaggoonni keessanis mulʼata ni argu. Ani guyyoota sanatti garbootaa fi garbittiiwwan koo irratti illeehafuura koo nan dhangalaasa.”