Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 17

“Michoota Jedhee Isin Waameera”

“Michoota Jedhee Isin Waameera”

“Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera.”—YOH. 15:15.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

QABIYYEE *

1. Nama tokkoo wajjin michummaa gaarii kan uumtan akkamitti?

YEROO BAAYʼEE, nama argattan tokkoo wajjin michummaa gaarii uumuuf tarkaanfiin inni jalqabaa nama sanaa wajjin yeroo dabarsuu dha. Yommuu waliin haasoftan, akkasumas yommuu yaadaa fi muuxannoo walitti himtan michoota walii ni taatu. Yommuu Yesuusii wajjin michummaa gaarii uumnutti garuu haalawwan rakkisoon nu mudatu. Haalawwan rakkisoo nu mudatan kana keessaa tokko tokko maal faʼi?

2. Haalli rakkisaan nu mudatu inni jalqabaa maali dha?

2 Haalli rakkisaan nu mudatu inni jalqabaa qaamaan Yesuusiin kan hin argine taʼuu keenya dha. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa hedduun rakkinni wal fakkaatu isaan mudateera. Taʼus Pheexiros ergamaan, “Isin matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu. Amma isa kan hin argine yoo taʼe illee isatti ni amantu” jedheera. (1 Phe. 1:8) Kanaafuu, Yesuusiin qaamaan utuu hin argin isaa wajjin michummaa cimaa uumuun ni dandaʼama jechuu dha.

3. Haalli rakkisaan nu mudatu inni lammaffaan maali dha?

3 Haalli rakkisaan nu mudatu inni lammaffaan immoo Yesuusitti dubbachuu kan hin dandeenye taʼuu keenya dha. Yommuu kadhannu, Yihowaatti dubbanna. Maqaa Yesuusiin akka kadhannu beekamaa dha; taʼus, kallattiidhaan isatti hin dubbannu. Siruma iyyuu Yesuus isatti kadhannaa akka dhiheessinu hin barbaadu. Maaliif? Sababiin isaas, kadhannaan bifa waaqeffannaa siʼa taʼu, waaqeffatamuu kan qabu immoo Yihowaa qofa dha. (Mat. 4:10) Haa taʼu malee, jaalala Yesuusiif qabnu ibsuu ni dandeenya.

4. Haalli rakkisaan nu mudachuu dandaʼu inni sadaffaan maali dha? Mata duree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

4 Haalli rakkisaan nu mudatu inni sadaffaan Yesuus samii keessa kan jiraatu taʼuu isaa ti; kanaafuu, isaa wajjin yeroo dabarsuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, qaamaan isaa wajjin taʼuun utuu nu hin barbaachisin waaʼee Yesuus wanta hedduu beekuu dandeenya. Michummaa isaa wajjin qabnu cimsachuuf wantoota gochuu dandeenyu afur ilaalla. Jalqaba garuu, Kiristoosii wajjin michummaa cimaa uumuun barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe haa qorru.

MICHOOTA YESUUS TAʼUUN KAN NU BARBAACHISU MAALIIFI?

5. Michoota Yesuus taʼuu kan qabnu maaliifi? (Saanduqawwan “ Michummaan Yesuus Wajjin Qabnu Michuu Yihowaa Taʼuuf nu Gargaara” akkasumas “ Gaʼee Yesuusiif Ilaalcha Madaalamaa Qabaadhaa” jedhu ilaali.)

5 Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo barbaanne michoota Yesuus taʼuu qabna. Maaliif? Mee sababiiwwan lama qofa haa ilaallu. Tokkoffaa, Yesuus barattoota isaatiin, ‘Sababiin isaas, isin waan na jaallattaniif Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin ni jaallata’ jedheera. (Yoh. 16:27) Kana malees, “Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yoh. 14:6) Yesuusii wajjin michummaa cimaa utuu hin qabaatin michuu Yihowaa taʼuuf yaaluun balbalaan ala gara gamoo tokkootti seenuuf yaaluu wajjin wal fakkaata. Yesuus, “balbala hoolotaa” akka taʼetti of ibsuudhaan fakkeenya wal fakkaatutti fayyadameera. (Yoh. 10:7) Sababiin inni lammaffaan immoo, Yesuus amalawwan Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Barattoota isaatiin, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedheera. (Yoh. 14:9) Kanaafuu, karaan Yihowaa itti beeknu inni guddaan waaʼee jireenya Yesuus qorachuu dha. Waaʼee Yesuus barachaa yommuu deemnu jaalalli isaaf qabnu ni guddata. Michummaan Yesuusii wajjin qabnu yommuu guddatu immoo, jaalalli Abbaa isaatiif qabnu ni cima.

6. Sababiin Yesuusii wajjin michummaa uumuun barbaachisaa itti taʼe inni kan biraan maali dha? Ibsi.

6 Kadhannaan keenya akka dhagaʼamuuf Yesuusii wajjin michummaa qabaachuu qabna. Kun immoo, xumura kadhannaa keenya irratti barsiifataan jecha, “maqaa Yesuusiin” jedhu itti dabaluu caalaa wanta gaafatu qaba. Yihowaan kadhannaa keenya dhagaʼuuf akkamitti Yesuusitti akka fayyadamu hubachuu qabna. Yesuus barattoota isaatiin, “Wanta isin maqaa kootiin kadhattan hunda ani isiniif nan raawwadha” jedheera. (Yoh. 14:13) Kadhannaa keenya kan dhagaʼuu fi kan deebisu Yihowaa taʼus, murtoo isaa akka raawwachiisu Yesuusiif aangoo kenneera. (Mat. 28:18) Kanaafuu, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu isaa dura, gorsa Yesuus kenne hojii irra oolchuu fi dhiisuu keenya ni ilaala. Fakkeenyaaf Yesuus, “Cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo isaaniif gootan, Abbaan keessan inni samii irraas dhiifama isiniif godha; cubbuu namoonni isin irratti hojjetaniif dhiifama isaaniif hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu” jedheera. (Mat. 6:14, 15) Maarree akkuma Yihowaa fi Yesuus gaarummaadhaan nu qabanitti nutis warra kaan gaarummaadhaan qabuun keenya barbaachisaa mitii?

7. Aarsaa furii Yesuus irraa faayidaa kan argatan eenyu faʼi?

7 Namoonni aarsaa furii isaa irraa faayidaa argatan warra Yesuusii wajjin michummaa cimaa qaban qofa dha. Kana akkamitti beekna? Yesuus, ‘michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee akka kennu’ dubbateera. (Yoh. 15:13) Namoonni amanamoon Yesuus gara lafaa dhufuu isaa dura jiraatan waaʼee isaa barachuu fi isa jaallachuu qabu. Namoonni akka Abrahaam, Saaraa, Musee fi Rahaab jiran duʼaa ni kaafamu; haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa warri qajeeloo taʼan kun illee jireenya bara baraa argachuuf Yesuusii wajjin michummaa uumuun isaan barbaachisa.—Yoh. 17:3; HoE. 24:15; Ibr. 11:8-12, 24-26, 31.

8-9. Akkuma Yohaannis 15:4, 5 irratti ibsame, michummaan Yesuusii wajjin qabnu maal akka goonu nu dandeessisa? Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuun keenya hoo barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

8 Yesuusii wajjin misiraachoo Mootummichaa labsuu fi barsiisuu irratti hirmaachuudhaan gammachuu arganna. Yesuus yeroo lafa irra turetti barsiisaa jedhamee waamama ture. Gara samiitti erga deebiʼee booda mataa gumii taʼuudhaan hojii lallabuu fi barsiisuu kana geggeessuu isaa itti fufeera. Hamma dandaʼametti namoonni hedduun isaa fi Abbaa isaa akka beekan gargaaruuf carraaqqii gootan ni ilaala, ni dinqisiifatas. Sirumaa, hojii kana raawwachuu kan dandeenyu gargaarsa Yihowaa fi Yesuusiin qofa dha.—Yohaannis 15:4, 5 dubbisi.

9 Kitaabni Qulqulluun Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne Yesuusiif jaalala qabaachuu fi jaalala kana eegnee jiraachuu akka qabnu ifatti nu barsiisa. Kanaafuu, michoota Yesuus taʼuuf wantoota gochuu qabnu afur haa ilaallu.

YESUUSII WAJJIN MICHUMMAA QABAACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

(1) Caalaatti isa beekuudhaan, (2) akkaataa inni itti yaaduu fi wantoota tokko tokko itti raawwatu hordofuudhaan, (3) obboloota Kiristoos gargaaruudhaan, akkasumas (4) qophiiwwan gumii deggeruudhaan michoota Yesuus taʼuu dandeenya (Keeyyata 10-14 ilaali) *

10. Yesuusii wajjin michummaa qabaachuuf tarkaanfiin inni jalqabaa maali dha?

10 (1) Yesuusiin beekaa. Wangeelota Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis dubbisuudhaan isa beekuu dandeenya. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee jireenya Yesuus dubbatan irratti yommuu xiinxallu, gaarummaadhaan namoota qabuu isaatiin kan kaʼe Yesuusiin ni jaallanna, ni kabajnas. Fakkeenyaaf, inni Gooftaa isaanii kan ture taʼus, barattoota isaa akka garbootaatti hin ilaalle. Kanaa mannaa, wanta keessa isaatti itti dhagaʼamuu fi miira isaa isaaniif ibseera. (Yoh. 15:15) Yesuus yommuu isaan gaddanitti gaddeera, isaan wajjinis booʼeera. (Yoh. 11:32-36) Mormitoonni isaa illee, inni warra ergaa isaa fudhataniif michuu akka ture amananii fudhataniiru. (Mat. 11:19) Akkaataa inni barattoota isaa itti qabe hordofuudhaan fakkeenya Yesuus yoo hordofne, walitti dhufeenyi warra kaanii wajjin qabnu ni fooyyaʼa, caalaatti wanta qabnutti gammannee kan jiraannu taana, akkasumas dinqisiifannaan Kiristoosiif qabnu ni guddata.

11. Michoota Yesuus taʼuuf tarkaanfii inni lammaffaan maali dha? Tarkaanfii kana fudhachuun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

11 (2) Akkaataa Yesuus itti yaaduu fi wantoota tokko tokko itti raawwatu hordofaa. Akkaataa inni itti yaadu caalaatti yommuu beeknuu fi hordofnu, michummaan isaa wajjin qabnu ni cima. (1 Qor. 2:16) Fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mee fakkeenya tokko qofa ilaalaa. Yesuus waaʼee of gammachiisuu caalaa waaʼee warra kaan gargaaruu yaada ture. (Mat. 20:28; Rom. 15:1-3) Ilaalcha akkasii waan qabuufis, inni nama fedha ofii aarsaa godhuu fi warra kaaniif dhiifama godhu ture. Wanta namoonni waaʼee isaa dubbataniin salphaatti hin aaru ture. (Yoh. 1:46, 47) Kana malees, dogoggora namoonni kanaan dura raawwatan irratti hundaaʼuudhaan yeroo hunda akkuma sana akka taʼanitti isaan hin ilaalu ture. (1 Xim. 1:12-14) Yesuus, “Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Isinis, “Obbolootaa fi obboleettota koo wajjin nagaa qabaachuuf wantan dandaʼu hunda gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofaan jiraa?” jettanii of gaafachuun keessan gaarii dha.

12. Michoota Yesuus taʼuuf tarkaanfii inni sadaffaan maali dha? Tarkaanfii kana fudhachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

12 (3) Obboloota Kiristoos gargaaraa. Yesuus wanta obboloota isaa dibamoo taʼaniif goonu akka isaaf gochaa jirrutti ilaala. (Mat. 25:34-40) Hunda caalaa karaan dibamtoota itti gargaaruu dandeenyu, hojii Mootummichaa labsuu fi bartoota gochuu ilaalchisee ajaja Yesuus duuka buutonni isaa akka raawwatan kenne irratti guutummaatti hirmaachuudhaani. (Mat. 28:19, 20; HoE. 10:42) Obboloonni Kiristoos duula lallabaa yeroo ammaatti addunyaa maratti balʼinaan hojjetamaa jiru kana raawwachuu kan dandaʼan ‘hoolonni kan biraan’ yoo isaan gargaaran qofa dha. (Yoh. 10:16) Isinis kutaa hoolota kan biraa yoo taatan, yeroo hojii kana irratti hirmaattan hundatti dibamtootaa wajjin qofa utuu hin taʼin Yesuusii wajjin michummaa cimaa akka qabdan argisiistu.

13. Gorsa Yesuus isa Luqaas 16:9 irratti argamu hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Hojii isaan geggeessan kana qabeenya keenyaan deggeruudhaanis michuu Yihowaa fi Yesuus taʼuu ni dandeenya. (Luqaas 16:9 dubbisi.) Fakkeenyaaf, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuu dandeenya; kun immoo hojii misiraachicha lallabuu isa iddoowwan fagootti hojjetamu qarshiidhaan deggeruu, galmawwan waaqeffannaa dhugaa deggeran ijaaruu fi suphuu, akkasumas warra qabeenya isaanii dhabaniif gargaarsa gochuu dabalata. Kana malees, gumii keenya qarshiidhaan gargaaruu fi warra gargaarsi akka isaan barbaachisu beeknu deggeruu dandeenya. (Fak. 19:17) Kanneen kun karaa obboloota Kiristoos gargaaruu itti dandeenyu dha.

14. Akkuma Efesoon 4:15, 16 irratti ibsame, michuu Yesuus taʼuuf tarkaanfii inni arfaffaan maali dha?

14 (4) Qophiiwwan gumii Kiristiyaanaa deggeraa. Warra karaa hafuuraa akka nu eegan muudamanii wajjin wal gargaarree yommuu hojjennu, walitti dhufeenyi Yesuus isa mataa gumii taʼee wajjin qabnu ni cimsanna. (Efesoon 4:15, 16 dubbisi.) Fakkeenyaaf, yeroo ammaatti Galmawwan Mootummaa hundi guutummaatti faayidaa irra akka oolan gochuuf yaalii gochaa jirra. Kanaan kan kaʼes, gumiiwwan tokko tokko gumiiwwan kaanii wajjin walitti makamaniiru; naannoowwan tajaajilaa irrattis sirreeffamni godhameera. Qophiin kun qarshii jaarmiyaa Yihowaatiif buusii godhame hedduu qusachuuf gargaareera. Haa taʼu malee, kun babalʼistoonni tokko tokko haala haaraa kanaa wajjin sirreeffama akka godhan isaan gaafateera. Babalʼistoonni amanamoo taʼan kun gumii taʼe tokkoo wajjin waggoota hedduu kan tajaajilan, obbolootaa fi obboleettota achi jiranii wajjinis michummaa cimaa kan uuman taʼuu dandaʼu. Amma garuu, gumii kan biraa keessatti akka tajaajilan gaafatamaniiru. Maarree Yesuus barattoonni amanamoo taʼan kun qophii kana akka deggeran yommuu argu hammam gammada laata?

BARA BARAAF MICHOOTA YESUUS TAʼAA

15. Michummaan Yesuusii wajjin qabnu gara fuulduraatti kan guddatu akkamitti?

15 Warri hafuura qulqulluudhaan dibaman dhaaltota Mootummaa Waaqayyoo taʼanii tajaajiluudhaan bara baraaf Yesuusii wajjin taʼuuf abdii qabu. Isaan isa arguu, isaa wajjin dubbachuu, akkasumas isaa wajjin yeroo dabarsuudhaan Kiristoosii wajjin ni taʼu. (Yoh. 14:2, 3) Warri lafa irra jiraachuuf abdii qabanis jaalalaa fi xiyyeeffannaa Yesuus ni argatu. Isaan Yesuusiin kan hin argine taʼus jireenya Yihowaa fi Yesuus isaaniif qopheessanitti yommuu gammadan walitti dhufeenyi isa wajjin qaban yeroo kam iyyuu caalaa ni cima.—Isa. 9:6, 7.

16. Michoota Yesuus taʼuudhaan eebbawwan akkamii arganna?

16 Affeerrii Yesuus michoota isaa akka taanu nuu dhiheesse yommuu fudhannu eebbawwan hedduu arganna. Fakkeenyaaf, jaalalaa fi gargaarsa inni yeroo ammaatti nuu godhu irraa faayidaa arganna. Bara baraaf jiraachuuf carraa arganneerra. Hundumaa caalaa immoo, michummaan Yesuusii wajjin qabnu qabeenya hunda irra caalu jechuunis, Abbaa isaa Yihowaa wajjin dhuunfaatti michummaa cimaa akka qabaannu nu gargaara. Dhuguma iyyuu michoota Yesuus taʼuun keenya mirga guddaa dha!

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

^ key. 5 Ergamoonni waggoota muraasaaf Yesuusii wajjin dubbachaa fi hojjechaa waan turaniif michoota gaarii isaaf taʼaniiru. Yesuus nutis michoota isaa akka taanu barbaada, taʼus rakkoowwan ergamoota irra hin geenye nu irra ni gaʼu. Mata dureen kun rakkoowwan kana keessaa tokko tokko maal akka taʼan, akkasumas Yesuusii wajjin michummaa gaarii uumuu fi michummaa kana eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 55 IBSA FAKKII: (1) Yeroo waaqeffannaa maatiitti waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus qoʼachuu dandeenya. (2) Gumii keessatti obboloota keenyaa wajjin nagaa uumuuf carraaqqii goona. (3) Guutummaatti tajaajila irratti hirmaachuudhaan, obboloota Kiristoos gargaaruu dandeenya. (4) Gumiiwwan yommuu walitti makaman murtoo jaarsolii deggeruu dandeenya.