Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 20

Yeroo Ammaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?

Yeroo Ammaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?

“Namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru, kanaanis jireenyi isaa in dhuma.”—DAN. 11:45.

FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira

QABIYYEE *

1-2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

KAN JIRAANNU guyyoota dhumaa sirna kanaa keessa akka taʼe yeroo kam iyyuu caalaa ragaawwan hedduu qabna. Dhiheenyatti Yihowaa fi Yesuus mootummoota Mootummicha morman hundumaa ni balleessu. Kun taʼuu isaa dura garuu, mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa walii isaanii fi saba Waaqayyoo wajjin wal loluu isaanii itti fufu.

2 Mata duree kana keessatti raajii Daaniʼel 11:40–12:1 irratti galmeeffame qoranna. Yeroo ammaatti mootiin kaabaa eenyu akka taʼe baranna, akkasumas rakkina fuula keenya dura jiru amanannaadhaan moʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe mariʼanna.

MOOTIIN KAABAA HAARAAN NI KAʼE

3-4. Mootii kaabaa taʼee kan kaʼe eenyu dha? Ibsi.

3 Bara 1991⁠tti Tokkummaan Sooviyeet erga kufee booda, sabni Waaqayyoo naannoo balʼaa sana keessa jiraatan ‘xinnoo gargaaramaniiru,’ jechuunis bilisummaa argataniiru. (Dan. 11:34) Kanaan kan kaʼes, bilisummaadhaan lallabuu dandaʼaniiru; utuu baayʼee hin turinis lakkoofsi babalʼistoota biyyoota Kooministii duraanii keessa jiraachaa jiranii kumaatama hedduudhaan dabaleera. Suutuma suuta Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa taʼanii kaʼaniiru. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, bulchiinsi mootii kaabaa ykn mootii kibbaa taʼu wantoota sadii gochuu qaba, isaanis (1) kallattiidhaan saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisa, (2) diina Yihowaa fi diina saba isaa taʼuu isaa gocha isaatiin argisiisa, akkasumas (3) mootii isa kaan wajjin wal morka.

4 Yeroo ammaatti mootiin kaabaa Raashiyaa fi michoota ishiiti kan jennu maaliif akka taʼe hubadhaa. (1) Hojii lallabaa dhorkuu fi obboloota biyyoota isaan toʼatan keessa jiraatanii fi kumaatamaan lakkaaʼaman ariʼachuudhaan kallattiidhaan saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa godhaniiru. (2) Gochawwan kun Yihowaa fi saba isaa akka jibban kan argisiisani dha. (3) Mootii kibbaa, jechuunis Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa wajjin wal morkachaa turaniiru. Mee amma Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa kan taʼan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

MOOTIIN KAABAA FI MOOTIIN KIBBAA WAL DHIIBUU ISAANII ITTI FUFU

5. Daaniʼel 11:40-43, irratti waaʼee yeroo isa kamiitu ibsame? Yeroo sanatti hoo maaltu raawwatame?

5 Daaniʼel 11:40-43 * dubbisi. Kutaan raajii kanaa bara dhumaa ilaalchisee yaadawwan ijoo taʼan kan qabate dha. Caqasni kun wal morkii mootii kibbaa fi mootii kaabaa gidduu jiru kan addeessu dha. Akkuma Daaniʼel dursee dubbatetti, bara dhumaatti mootiin kibbaa mootii kaabaa wajjin “wal ni dhiiba” ykn “gaanfa isaa gaanfa isaa keessa ni galcha.”—Dan. 11:40; milj.

6. Ragaan mootonni lamaan wal dhiibaa akka jiran argisiisu maali dha?

6 Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa addunyaa irratti mootummaa hunda caalaa humna guddaa qabu taʼuu waan barbaadaniif wal morkachuu isaanii itti fufu. Fakkeenyaaf Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Tokkummaan Sooviyeetii fi michoonni ishii biyyoota Awurooppaa hedduu irratti yommuu ol aantummaa argatanii turanitti wanta raawwatame haa ilaallu. Gochi mootii kaabaa kun mootiin kibbaa dhaabbata raayyaa waraanaa addunyaa, Waldaa Kakuu Waraanaa Kaaba Atilaantikii (NATO) jedhamu akka hundeessu isa dirqisiise. Mootiin kaabaa meeshaawwan waraanaa gatii guddaa qaban qopheessuudhaan mootii kibbaa wajjin wal dorgomuu isaa itti fufeera. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa biyyoota Afriikaa, Eeshiyaa fi Laatiin Ameerikaa keessatti humnoota diinota walii taʼan deggeruudhaan karaa al kallattii taʼeen wal waraananiiru. Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaa fi michoonni ishii addunyaa mara irratti biyyoota humna guddaa qaban taʼaniiru. Kompiitaratti fayyadamuudhaanis mootii kibbaa wajjin wal lolaa jiru. Mootonni kun dinagdee fi sirna siyaasaa walii balleessuuf yaaduudhaan sagantaa kompiitaraa balaa geessisutti fayyadamaa akka jiran wal himatu. Akkuma Daaniʼel raajiidhaan dubbatetti immoo mootiin kaabaa saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu isaa itti fufeera.—Dan. 11:41.

MOOTIIN KAABAA “BIYYA BAREEDDUU TAATETTI NI SEENA”

7. ‘Biyyi bareedduun’ maali dha?

7 Daaniʼel 11:41 akka jedhutti mootiin kaabaa “biyya bareedduu taatetti” ni seena. Biyyi sun maali dha? Bara duriitti biyyi Israaʼel ‘biyya hundumaa caalaa miidhagduu’ akka taatetti ilaalamti turte. (His. 20:6) Haa taʼu malee, wanti hunda caalaa adda ishii godhe bakka waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamu taʼuu ishii ti. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee irraa jalqabee sabni Yihowaa guutummaa lafaa irratti waan argamaniif, ‘biyyi’ sun biyya kallattiidhaan bakka tokkotti argamtu taʼuu hin dandeessu. Kanaa mannaa, yeroo ammaatti “biyya bareedduu” kan jedhame jannata hafuuraa waaqeffannaa sabni Yihowaa karaa walgaʼii fi tajaajila dirree Yihowaadhaaf dhiheessan dabalatee sochiiwwan isaan godhan kan argisiisu dha.

8. Mootiin kaabaa gara “biyya bareedduu taatetti” kan seene akkamitti?

8 Guyyoota dhumaatti mootiin kaabaa irra deddeebiʼee gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera. Fakkeenyaaf yommuu Naazii Jarmaniin mootii kaabaa taʼetti, keessumaa yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin sun saba Waaqayyoo ariʼachuu fi isaan ajjeesuudhaan gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera. Waraana Addunyaa Lammaffaa booda yommuu Tokkummaan Sooviyeet mootii kaabaa taʼetti, mootiin sun saba Waaqayyoo ariʼachuu fi mana isaanii irraa fagaatanii akka deeman isaan dirqisiisuudhaan gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera.

9. Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaanii fi michoonni ishii gara “biyya bareedduu taatetti” kan seenan akkamitti?

9 Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaanii fi michoonni ishiis gara “biyya bareedduu taatetti” seenaniiru. Akkamitti? Bara 2017⁠tti mootiin kaabaa amma jiru kun hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkeera, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya tokko tokko mana hidhaatti galcheera. Hiika Addunyaa Haaraa dabalatee barreeffamoota keenya dhorkeera. Kana malees waajjira damee keenya isa Raashiyaatti argamu, Galmawwan Walgaʼii keenyaa fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa keenya fudhateera. Tarkaanfiiwwan kana booda, bara 2018⁠tti Qaamni Ol Aanaan, Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa akka taʼan ibse. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa yommuu ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼutti illee mootummaa kam iyyuu loluuf ykn garagalchuuf yaalii hin godhan. Kanaa mannaa, keessumaa yommuu isaan murtoo bilisummaa waaqeffannaa keenyaa tuquu dandaʼu godhanitti “warra aangoo qaban hundaaf” akka kadhannu gorsa Kitaabni Qulqulluun nuu kennu ni hordofna.—1 Xim. 2:1, 2.

MOOTIIN KAABAA MOOTII KIBBAA NI BALLEESSAA?

10. Mootiin kaabaa mootii kibbaa ni balleessaa? Ibsi.

10 Raajiin Daaniʼel 11:40-45 irratti ibsame adda durummaadhaan sochii mootiin kaabaa godhu irratti kan xiyyeeffatu dha. Kana jechuun mootii kibbaa ni balleessa jechuu dhaa? Matumaa. Yommuu Yihowaa fi Yesuus mootummoota namootaa hundumaa waraana Armaagedoonitti balleessanitti mootiin kibbaa “lubbuudhaan” ni jiraata. (Mul. 19:20) Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Raajiiwwan Daaniʼelii fi kitaabni Mulʼataa maal akka argisiisan hubadhaa.

Waraanaa Armaagedoon irratti Mootummaan Waaqayyoo inni dhagaatti fakkeeffame, bulchiinsa namootaa isa as irratti fakkii guddaatti fakkeeffame ni balleessa (Keeyyata 11 ilaali)

11. Daaniʼel 2:43-45 maal argisiisa? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

11 Daaniʼel 2:43-45 dubbisi. Daaniʼel raajichi mootummoota namootaa duraa duubaan kaʼanii fi saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisan ibseera. Mootummoonni kun akka kutaa garaa garaa fakkii sibiilaa guddaa tokkootti ibsamaniiru. Mootummoota namaa warra duraa duubaan kaʼan sana keessaa inni dhumaa miila fakkii sanaa isa sibiila dhoqqee supheetiin makame irraa tolfametti fakkeeffameera. Miilli sun Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa argisiisa. Raajiin kun yommuu Mootummaan Waaqayyoo mootummoota namaa rukutee balleessutti Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa bulchaa akka jiru argisiisa.

12. Mataa torbaffaan bineensichaa maal argisiisa? Kana beekuun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?

12 Yohaannis ergamaanis mootummoota addunyaa duraa duubaan kaʼanii fi saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisanii turan ibseera. Yohaannis mootummoota kana bineensa mataa torba qabutti fakkeesseera. Mataa torbaffaan bineensa sanaa Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa argisiisa. Bineensi sun sana booda mataa kan biraa waan hin biqilchineef, yaada kana hubachuun keenya barbaachisaa dha. Kiristoosii fi humnoonni isaa warri samii keessa jiran mataa torbaffaa kanaa fi bineensicha yommuu balleessanitti mataa torbaffaan kun yeroo kanatti bulchuu irratti argama. *Mul. 13:1, 2; 17:13, 14.

MOOTIIN KAABAA DHIHEENYATTI MAAL GODHA?

13-14. ‘Goog inni biyya Maagoog’ eenyu dha? Saba Waaqayyoo irratti haleellaa akka banu kan isa kakaasu hoo maal taʼuu dandaʼa?

13 Raajiin Hisqiʼel barreesse yeroo guyyoota dhumaa mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa bulchanitti wanta raawwatamuu dandaʼu ilaalchisee hamma tokko hubannaa nuuf kenna. Raajiiwwan Hisqiʼel 38:10-23; Daaniʼel 2:43-45; 11:44–12:1; fi Mulʼata 16:13-16, 21 irratti argaman waaʼee yeroo wal fakkaatuu fi taʼee wal fakkaatu tokkoo kan ibsan fakkaata. Kun dhugaa yoo taʼe immoo wantoonni armaan gadii ni raawwatamu jennee yaanna.

14 Rakkinni guddaan erga jalqabee yeroo muraasa booda ‘mootonni guutummaa lafaa’ sabootaa wajjin tokkummaa uumu. (Mul. 16:13, 14; 19:19) Kitaabni Qulqulluun tokkummaa sabootaa kana “Goog isa biyya Maagoog” jedhee waama. (His. 38:2) Tokkummaan sabootaa kun saba Waaqayyoo hundumaa irratti haleellaa bana, guutummaatti isaan balleessuufis yaalii godha. Haleellaa kana akka banu kan isa kakaasu maali dha? Yeroo kana ilaalchisee Yohaannis ergamaan cabbiin akka malee guddaa taʼe diinota saba Waaqayyoo irratti yommuu roobu arguu isaa dubbateera. Cabbiin fakkeenyaan ibsame kun, tarii ergaa murtii cimaa taʼee fi sabni Yihowaa labsan kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Goog inni biyya Maagoog saba Waaqayyoo haxaaʼee lafa irraa balleessuuf yaaduudhaan isaan irratti haleellaa akka banu kan isa kakaasu ergaa kana taʼuu dandaʼa.—Mul. 16:21.

15-16. (a) Daaniʼel 11:44, 45 waaʼee taʼee isa kamii kan ibsu taʼuu dandaʼa? (b) Mootii kaabaa fi saboota kutaa Goog isa Biyya Maagoog taʼan kaan irra maaltu gaʼa?

15 Ergaa cimaan kunii fi haleellaa cimaan diinonni Waaqayyoo banan wanta Daaniʼel 11:44, 45 (dubbisi) irratti ibsamee wajjin tokko taʼuu dandaʼa. Caqasa kana irratti Daaniʼel “oduun inni baʼa-biiftuutii fi gara bitaatii [“kaabaatii,” NW] dhagaʼu” mootii kaabaa isa “aarii guddaadhaan” baʼu sana akka naasisu dubbateera. Mootiin kaabaa “namoota baayʼee fixuu” barbaada. As irratti “baayʼee” kan jedhame saba Yihowaa kan argisiisu fakkaata. * Tarii Daaniʼel as irratti haleellaa xumuraa saba Waaqayyoo hundumaa irratti banamu ibsuu isaa taʼuu dandaʼa.

16 Haleellaan mootiin kaabaa mootummoota addunyaa warra kaanii wajjin godhu kun, Waaqni Hundumaa Dandaʼu waraana Armaagedoon akka banu isa kakaasa. (Mul. 16:14, 16) Yeroo sanatti mootiin kaabaa saboota kutaa Goog isa biyya Maagoog taʼan kaanii wajjin ni balleeffama, “namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru.”—Dan. 11:45.

Yesuus Kiristoosii fi raayyaawwan waraanaa isaa warri samii keessa jiran waraana Armaagedoonitti addunyaa hamaa Seexanaa ni balleessu, saba Waaqayyoo immoo badiisa irraa ni oolchu (Keeyyata 17 ilaali)

17. Mikaaʼel ‘inni guddichi’ Daaniʼel 12:1 irratti ibsame eenyu? Maal raawwata?

17 Kitaaba Daaniʼel irratti caqasni itti aansee jiru mootiin kaabaa fi michoonni isaa akkamitti akka balleeffaman, akkasumas nuti akkamitti badiisa irraa akka oollu ilaalchisee ibsa balʼaa kenna. (Daaniʼel 12:1 dubbisi.) Caqasni kun hiika maalii qaba? Maqaan Mikaaʼel jedhu maqaa kan biraa Yesuus Kiristoos inni Mootii keenya taʼee bulchaa jiru ittiin waamamu dha. Inni bara 1914⁠tti yeroo Mootummaan isaa samii irratti hundeeffame irraa jalqabee saba Waaqayyootiif ‘dhaabbateera.’ Inni dhiheenyattis ‘ni dhaabbata’ ykn waraana Armaagedoonitti tarkaanfii murteessaa taʼe fudhata. Waraanni sun yeroo Daaniʼel seenaa keessatti ‘rakkina argamee hin beekne’ jechuudhaan ibse itti xumuramu taʼa. Raajiin Yohaannis inni kitaaba Mulʼataa irratti galmeeffame yeroo waraana Armaagedoon dura jiru “rakkina guddaa” jechuudhaan ibseera.—Mul. 6:2; 7:14.

MAQAAN KEE ‘MACAAFICHA KEESSATTI NI CAAFAMAA’ LAATA?

18. Yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu kan dandeenyu maaliifi?

18 Daaniʼelii fi Yohaannis namoonni Yihowaa fi Yesuusiin tajaajilan rakkina argamee hin beekne kana irraa akka oolan waan nuu mirkaneessaniif, yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu dandeenya. Daaniʼel namoonni badiisa irraa oolan maqaan isaanii ‘macaaficha keessatti akka caafamu’ dubbateera. (Dan. 12:1) Maqaan keenya kitaabicha keessatti akka barreeffamu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus isa Hoolaa Waaqayyoo taʼe irratti amantii akka qabnu ifatti argisiisuu qabna. (Yoh. 1:29) Waaqayyoof of murteessuu keenya argisiisuuf cuuphamuun nu barbaachisa. (1 Phe. 3:21) Akkasumas warri kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan Mootummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisuu qabna.

19. Amma maal gochuu qabna? Maaliif?

19 Yeroon kun yeroo amanannaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti qabnu itti guddifannu dha. Yeroon kun yeroo Mootummaa Waaqayyoo itti deggerru dha. Akkana yoo goone, yommuu mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa Mootummaa Waaqayyootiin balleeffamanitti badiisa irraa ni oolla.

FAARFANNAA 149 Faarfannaa Injifannoo

^ key. 5 Yeroo ammaatti ‘mootiin kaabaa’ eenyu dha? Kan balleeffamu hoo akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya amantii keenya cimsa, akkasumas qorumsawwan dhiheenyatti nu mudataniif of qopheessuuf nu gargaara.

^ key. 5 Daaniʼel 11:40-43, NW: “Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa isaa wajjin wal ni dhiiba; mootiin kaabaa gaariiwwan fardaa, abbootii fardeenii fi dooniiwwan hedduudhaan akka obomboleettiitti isa irratti ni dhufa; inni biyyootatti ni seena; akka lolaattis isaan keessa ni dhangalaʼa. Inni biyya bareedduu taatetti ni seena; biyyoonni hedduunis akka gufatan ni godhamu. Haa taʼu malee, Edoomii fi Moʼaab, akkasumas Amoonota keessaa kutaan inni guddaan harka isaa jalaa ni oolu. Inni biyyoota irratti harka isaa diriirsuu isaa itti fufa; biyyi Gibxiis harka isaa jalaa hin ooltu. Inni qabeenyawwan dhokfaman, warqii fi meetii, akkasumas miʼawwan Gibxii warra gatii guddaa qaban hundumaa irratti aangoo ni qabaata. Warri Liibiyaa fi warri Itoophiyaas faana isaa duukaa ni buʼu.”

^ key. 12 Daaniʼel 2:36-45 fi Mulʼata 13:1, 2, irratti ibsa dabalataa argachuuf maxxansa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2012, ful. 7-19 ilaali.

^ key. 15 Odeeffannoo dabalataa argachuuf maxxansa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2015, ful. 29-30 ilaali.