Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 22

Kennaawwan Ijaan hin Argamneef Dinqisiifannaa Qabdan Argisiisaa

Kennaawwan Ijaan hin Argamneef Dinqisiifannaa Qabdan Argisiisaa

“Iji keenya . . . wantoota hin mulʼanne irratti akka xiyyeeffatu goona. Sababiin isaas, wantoonni mulʼatan yeroo muraasaaf turu; wantoonni hin mulʼanne garuu bara baraaf jiraatu.”—2 QOR. 4:18.

FAARFANNAA 45 Wantan Garaa Kootti Yaadu

QABIYYEE *

1. Yesuus waaʼee qabeenyawwan samii maal jedhe?

IJAAN kan argaman kennaawwan hunda miti. Siruma iyyuu kennaan hunda irra caalu ijaan kan hin argamne dha. Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraa irratti waaʼee qabeenyawwan samii warra qabeenya lafaa irra baayʼee caalanii caqasee ture. Itti dabaluudhaanis dhugaa, “Bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa” jedhu dubbateera. (Mat. 6:19-21) Garaan keenya wanta bakka guddaa kenninuuf duukaa akka buunu nu kakaasa. Waaqayyo biratti maqaa ykn ejjennoo gaarii qabaachuudhaan “samii irratti qabeenya” kuufanna. Yesuus qabeenyawwan kun matumaa baduu ykn hatamuu akka hin dandeenye ibseera.

2. (a) Akka 2 Qorontos 4:17, 18, irratti ibsametti Phaawulos maal irratti akka xiyyeeffannu nu gorse? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

2 Phaawulos ergamaan, ‘iji keenya wantoota hin mulʼanne irratti akka xiyyeeffatu akka goonu’ nu gorseera. (2 Qorontos 4:17, 18 dubbisi.) Wantoonni hin mulʼanne kun eebbawwan addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti argannu kan dabalatani dha. Mata duree kana keessatti kennaawwan ijaan hin mulʼannee fi yeroo ammaatti faayidaa irraa argachaa jirru afur ilaalla: isaanis, michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu, mirga kadhannaa, gargaarsa hafuura qulqulluu fi tajaajila keenya irratti gargaarsa samii irraa argannu dha. Kana malees, qabeenyawwan hin mulʼanne kanaaf dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

MICHUMMAA YIHOWAA WAJJIN QABNU

3. Kennaan ijaan hin argamnee fi hunda irra caalu maali dha? Kun taʼuu kan dandaʼe hoo akkamitti?

3 Kennaan hunda irra caaluu fi ijaan hin argamne michummaa Yihowaa wajjin qabnu dha. (Far. 25:14) Waaqayyo namoota cubbamoo taʼanii wajjin michummaa uumuu fi guutummaatti qulqulluu taʼee itti fufuu kan dandaʼe akkamitti? Aarsaan furii Yesuus kaffale ‘cubbuu namoota addunyaa kanaa waan balleessuuf’ kana gochuu ni dandaʼa. (Yoh. 1:29) Yihowaan kaayyoon inni ilmaan namootaatiif Fayyisaa tokko qopheessuuf qabu akka hin fashaloofne dursee beeka ture. Waaqayyo namoota Yesuus duʼuu isaa dura turanii wajjin michummaa uumuu kan dandaʼe kanaafi.—Rom. 3:25.

4. Namoota Kiristiyaanummaa dura michoota Waaqayyoo turan tokko tokko ibsi.

4 Mee waaʼee namoota Kiristiyaanummaa dura michoota Waaqayyoo taʼuu dandaʼan tokko tokkoo ilaalaa. Abrahaam nama amantii guddaa akka qabu argisiise dha. Abrahaam erga duʼee waggaa 1,000 booda Yihowaan “fira [“michuu,” NW] koo” jedhee isa waameera. (Isa. 41:8) Kanaafuu, duuti illee Yihowaa michoota isaa irraa addaan baasuu hin dandaʼu. Abrahaam sammuu Yihowaa keessatti jiraataa dha. (Luq. 20:37, 38) Fakkeenyi kan biraan immoo Iyoobi. Yihowaan samii keessatti gumii maleekotaa duratti waaʼee Iyoob amantii guutuudhaan dubbateera. Yihowaan Iyoobiin, “Hirʼina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, waan hamaa irraas goruu dha” jedheera. (Iyo. 1:6-8) Yihowaan Daaniʼel isa biyya waaqoliin ormaa itti waaqeffataman keessatti gara waggaa 80tiif amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajile ilaalchisee hoo maaltu itti dhagaʼamee ture? Maanguddoon kun Waaqayyo duratti “guddaa jaallatamaa” taʼuu isaa maleekonni siʼa sadii isaaf mirkaneessaniiru. (Dan. 9:23; 10:11, 19) Yihowaan guyyaa michoota isaa jaallatamoo warra duʼan itti duʼaa kaasu hawwiidhaan akka eeggatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Iyo. 14:15.

Karaan kennaawwan ijaan hin argamneef dinqisiifannaa akka qabnu itti argisiisuu dandeenyu keessaa tokko tokko kam faʼi? (Keeyyata 5 ilaali) *

5. Yihowaa wajjin michummaa cimaa uumuuf maal gochuutu barbaachisa?

5 Yeroo ammaatti namoonni mudaa qaban meeqa Yihowaa wajjin michummaa uumuu dandaʼaniiru? Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kana gochuu dandaʼaniiru. Kana beekuu kan dandeenye addunyaa maratti dhiironni, akkasumas dubartoonnii fi ijoollee baayʼeen amala isaaniitiin michoota Waaqayyoo taʼuu akka barbaadan argisiisaa waan jiraniifi. Yihowaan “Warra qajeelota taʼanii wajjin . . . michummaa cimaa qaba.” (Fak. 3:32, NW) Namoonni kun michummaa kana uumuu kan dandaʼan aarsaa furii Yesuus irratti amantii waan qabaniifi. Yihowaan kana irratti hundaaʼuudhaan akka isaaf of murteessinuu fi akka cuuphamnu gaarummaadhaan nuuf heyyama. Tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan kana yommuu fudhannu, Kiristiyaanota miliyoonaan lakkaaʼaman warra of murteessuu fi cuuphamuudhaan qaama uumama cufa keessatti hunda irra caaluu wajjin “michummaa cimaa” uuman keessaa tokko taana!

6. Michummaa Waaqayyoo wajjin qabnuuf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Michummaa Waaqayyoo wajjin qabnuuf iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma Abrahaamii fi Iyoob warra waggoota dhibbaa oliif Waaqayyoof amanamoo taʼanii jiraataniitti, nutis sirna moofaa kana keessatti yeroo hammamiitiif iyyuu Yihowaa kan tajaajille yoo taʼe amanamoo taanee jiraachuu qabna. Akkuma Daaniʼel, nutis lubbuu keenya caalaa walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnuuf iddoo guddaa kennuu qabna. (Dan. 6:7, 10, 16, 22) Gargaarsa Yihowaatiin, rakkoowwan nu mudatan akkamii iyyuu moʼuu fi michummaa cimaa isaa wajjin qabnu eegnee jiraachuu dandeenya.—Filp. 4:13.

KENNAA KADHANNAA

7. (a) Akka Fakkeenyi 15:8 jedhutti, Yihowaan waaʼee kadhannaa keenyaa maaltu itti dhagaʼama? (b) Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti?

7 Kennaan ijaan hin argamne kan biraan kadhannaa dha. Michoonni walitti dhihaatan yaada isaanii fi miira isaanii waliif ni ibsu. Kun michummaa Yihowaa wajjin qabnuu wajjin haala wal qabateen ni hojjetaa? Eeyyee! Yihowaan karaa Dubbii isaa nutti dubbata, achi keessattis yaada isaa fi miira isaa nuuf ibseera. Nutis kadhannaadhaan isatti dubbanna, akkasumas yaada keenya isa dhokataa fi miira keessa keenya jiru isaaf ibsuu dandeenya. Yihowaan kadhannaa keenya dhagaʼuun isatti tola. (Fakkeenya 15:8 dubbisi.) Yihowaan Michuu jaalala qabeessa waan taʼeef, kadhannaa keenya dhagaʼuu qofa utuu hin taʼin deebiis nuu kenna. Yeroo tokko tokko dafnee deebii arganna. Yeroo tokko tokko immoo waaʼee dhimma tokkoo kadhachuu keenya itti fufuu qabna taʼa. Haa taʼu malee, yeroo sirrii taʼettii fi karaa hunda irra caaluun kadhannaa keenyaaf deebii akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Dhugaa dha, deebiin Waaqayyo nuuf kennu isa nuti eegne irraa adda taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, rakkina tokko nuu balleessuu mannaa, ogummaa fi jabina ‘jabaannee dhaabbachuuf’ nu dandeessisu nuu kennuu dandaʼa.—1 Qor. 10:13.

(Keeyyata 8 ilaali) *

8. Kennaa kadhannaatiif dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Kennaa kadhannaa isa gatiidhaan hin shallagamneef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko gorsa Waaqayyoo isa, “Utuu gargar hin kutin kadhadhaa” jedhu hojii irra oolchuudhaani. (1 Tas. 5:17) Yihowaan akka kadhannu nu hin dirqisiisu. Kanaa mannaa, mirga filannaa keenya nuuf kabaja, akkasumas ‘kadhannaatti akka jabaannu’ nu jajjabeessa. (Rom. 12:12) Kanaafuu, guyyaa guutuu irra deddeebinee kadhachuudhaan dinqisiifannaa qabnu argisiisuu dandeenya. Dhugaa dha, kadhannaa keenya keessatti Yihowaa galateeffachuu fi jajachuu irraanfachuu hin qabnu.—Far. 145:2, 3.

9. Obboleessi tokko waaʼee kadhannaa maaltu itti dhagaʼame? Ati hoo maaltu sitti dhagaʼama?

9 Yeroo dheeraa Yihowaa yommuu tajaajilluu fi karaawwan itti inni kadhannaa keenyaaf deebii nuu kennu yommuu arginu, dinqisiifannaan kadhannaadhaaf qabnu ni guddata. Mee fakkeenya Kiriis isa waggoota 47f tajaajila yeroo guutuu keessa turee haa ilaallu. Akkana jedheera: “Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf ganama barii yommuun kaʼu baayʼeen gammada. Ganama yommuu aduun baatuu fi wanti hundi bareedaa taʼetti Yihowaatti dubbachuun baayʼee nama haaressa! Kun immoo mirga kadhannaa dabalatee, kennaawwan isaa hundumaatiif akkan isa galateeffadhu na kakaasa. Achiis dhuma guyyaa sanaatti ergan kadhadhee booda sammuu qulqulluu qabaadhee yommuun ciisu baayʼeen gammada.”

KENNAA HAFUURA QULQULLUU

10. Hafuura qulqulluudhaaf bakka guddaa kennuu kan qabnu maaliifi?

10 Kennaan ijaan hin argamnee fi bakka guddaa kennuufii qabnu kan biraan immoo humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. Yesuus hafuura qulqulluu argachuuf akka kadhannu nu jajjabeesseera. (Luq. 11:9, 13) Yihowaan karaa hafuura isaa ‘humna humna caalu’ nuu kenna. (2 Qor. 4:7; HoE. 1:8) Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin rakkina nu irra gaʼuu dandaʼu kam iyyuu moʼuu dandeenya.

(Keeyyata 11 ilaali) *

11. Hafuurri qulqulluun kan nu gargaaru karaa kamiini?

11 Hafuurri qulqulluun tajaajila Waaqayyoo irratti hojii nuuf kenname raawwachuuf nu gargaara. Hafuurri Waaqayyoo dandeettii qabnu nuu fooyyessuu dandaʼa. Itti gaafatamummaa Kiristiyaana taʼuudhaan qabnu raawwachuuf nu dandeessisa. Tajaajila Waaqayyoo irratti buʼaawwan gaggaarii argachuu kan dandeenye hafuurri isaa waan nu gargaareef qofa akka taʼe beekna.

12. Akka Faarfannaan 139:23, 24 jedhutti hafuurri qulqulluun maal gochuuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya?

12 Hafuura Waaqayyootiif bakka guddaa akka kenninu karaan itti argisiisnu kan biraan immoo, hafuurichi yaadawwan ykn fedhiiwwan dogoggoraa garaa keenya keessa jiran akkamii iyyuu beekuuf akka nu gargaaru kadhachuu dha. (Faarfannaa 139:23, 24 dubbisi.) Kadhannaa akkanaa yoo dhiheessine, Yihowaan karaa hafuura isaa yaada ykn fedhii dogoggoraa qabnu akka hubannu nu gargaaruu dandaʼa. Yaada ykn fedhii dogoggoraa akka qabnu yoo hubanne, hafuurri Waaqayyoo jabina yaada ykn fedhii kana mormuuf nu gargaaru akka nuu kennu kadhachuu qabna. Akka kanaan wanta Yihowaan hafuura qulqulluu nuu kennuudhaan nu gargaaruu isaa akka dhaabu godhu akkamii iyyuu raawwachuu irraa fagaachuuf murtoo gochuu keenya argisiisna.—Efe. 4:30.

13. Dinqisiifannaa hafuura qulqulluudhaaf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Wanta hafuurichi bara keenyatti raawwate irratti yaaduudhaan, dinqisiifannaa hafuura qulqulluudhaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Yesuus gara samiitti ol baʼuu isaa dura, barattoota isaatiin, “Yommuu hafuura qulqulluu fudhattan humna ni argattu; . . . hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” jedheera. (HoE. 1:8) Jechoonni kun karaa dinqisiisaa taʼeen raawwatamaniiru. Gargaarsa hafuura qulqulluutiin waaqeffattoonni Yihowaa gara miliyoona saddeetii fi walakkaa taʼan addunyaa mara irraa walitti qabamaniiru. Kana malees, hafuurri qulqulluun amalawwan gaggaarii kanneen akka jaalalaa, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, dansummaa, amantii, garraamummaa fi of toʼachuu jiran akka horannu waan nu gargaaruuf jannata hafuuraatti ni gammanna. Amalawwan kun ‘firii hafuuraa’ ti. (Gal. 5:22, 23) Dhuguma iyyuu hafuurri qulqulluun kennaa gatii guddaa qabu dha!

TAJAAJILA KEENYA IRRATTI GARGAARSA SAMII IRRAA ARGANNU

14. Tajaajila irratti yommuu hirmaannu deggersa ijaan hin mulʼanne akkamii arganna?

14 Yihowaa fi kutaa jaarmiyaa isaa isa samii ‘wajjin hojjechuudhaan’ kennaa ijaan hin argamne arganneerra. (2 Qor. 6:1) Yeroo hojii barattoota gochuu irratti hirmaannu hundumaatti kana gochaa jirra. Phaawulos waaʼee ofii isaa fi namoota hojii kana irratti hirmaatanii yommuu dubbatu, “Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha” jedheera. (1 Qor. 3:9) Tajaajila Kiristiyaanaa irratti yommuu hirmaannu Yesuus wajjinis hojjechaa jirra jechuu dha. Yesuus, “Saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa” jechuudhaan duuka buutota isaa erga ajajee booda, “Isinii wajjinan jira” jechuu isaa yaadadhaa. (Mat. 28:19, 20) Maleekonni hoo nuu wajjin jiruu? “Misiraachoo bara baraa warra lafa irra jiraataniif” yommuu lallabnutti qajeelfama maleekotaa argachuun eebba guddaa mitii?—Mul. 14:6.

15. Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu Yihowaan tajaajila keenya irratti shoora guddaa akka taphatu argisiisu tokko dubbadhu.

15 Gargaarsa samii irraa argannuun maal raawwachuu dandeenya? Ergaa Mootummichaa yommuu facaasnutti sanyiiwwan tokko tokko garaa ergicha fudhatu irra buʼanii biqilu. (Mat. 13:18, 23) Sanyiiwwan dhugaa kun akka guddatanii fi firii akka godhatan kan godhu eenyu dha? Yesuus, “Abbaan . . . yoo isa harkise” malee namni kam iyyuu duuka buutuu isaa taʼuu akka hin dandeenye ibseera. (Yoh. 6:44) Kitaabni Qulqulluun fakkeenya kun dhugaa taʼuu isaa argisiisu qabateera. Yeroo Phaawulos magaalaa Filiphisiiyusii alatti tuuta dubartootaa tokkoof dhugaa baʼetti wanta taʼe yaadadhaa. Isaan keessaa dubartii Liidiyaa jedhamtu tokko ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaanis wanta Phaawulos dubbatu xiyyeeffannaadhaan akka dhaggeeffattu garaa ishii akka gaariitti ishiidhaaf bane” akka jedhu qalbeeffadhaa. (HoE. 16:13-15) Akkuma Liidiyaa, Yihowaan namoota miliyoonaan lakkaaʼaman kan biroos harkiseera.

16. Milkaaʼina tajaajila irratti argannu kamiif iyyuu eenyuun galateeffachuu qabna?

16 Milkaaʼina tajaajila irratti argannu kamiif iyyuu galateeffamuu kan qabu eenyu dha? Phaawulos gumii Qorontosiif, “Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, kan guddise garuu Waaqayyo dha; kanaaf, ulfina argachuu kan qabu Waaqayyo isa guddisu malee, isa dhaabus taʼe isa bishaan obaasu miti” jedhee yommuu barreessetti gaaffii kanaaf deebii kenneera. (1 Qor. 3:6, 7) Akkuma Phaawulos, nutis milkaaʼina tajaajila irratti argannu kamiif iyyuu yeroo hundumaa Yihowaa galateeffachuu qabna.

17. Waaqayyo, Kiristoosii fi maleekotaa ‘wajjin hojjechuuf’ mirga arganneef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Waaqayyo, Kiristoosii fi maleekotaa ‘wajjin hojjechuuf’ mirga arganneef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Misiraachicha warra kaanitti himuuf carraa arganne hundumaatti fayyadamuudhaan kana gochuu dandeenya. Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu hedduun kan jiran siʼa taʼu, isaan keessaa inni tokko “bakka namoonni itti walgaʼanii fi manaa gara manaa” deemnee dhugaa baʼuu dha. (HoE. 20:20) Kana malees, obboloonni hedduun karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼuu jaallatu. Nama hin beekne tokko yommuu argatan gaarummaadhaan nagaa isa gaafatu, achiis marii jalqabuuf yaalii godhu. Namichi deebii gaarii yoo kenne, malaan ergaa Mootummichaa isatti himu.

(Keeyyata 18 ilaali) *

18-19. (a) Sanyiiwwan dhugaa bishaan kan obaasnu akkamitti? (b) Muuxannoo Yihowaan nama Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko kan gargaare akkamitti akka taʼe argisiisu dubbadhu.

18 Namoota ‘Waaqayyoo wajjin hojjennu’ waan taaneef sanyii dhugaa facaasuu qofa utuu hin taʼin bishaanis obaasuu qabna. Namni tokko fedhii akka qabu yommuu argisiisu, nama sana hordofnee gargaaruuf ykn namni taʼe tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu isa jalqabsiisuu yaadatti qabatee akka isa argatu gochuuf qophii gochuu qabna. Yommuu qoʼannaa isaa itti fufu, namichi yaada isaa fi miira isaa irratti jijjiirama akka godhu Yihowaan akkamitti isa gargaaraa akka jiru yommuu arginu ni gammanna.

19 Mee fakkeenya Raafaalaalaanii isa Afriikaa Kibbaa jiraatuu fi falfala raawwachaa turee haa ilaallu. Wanta yeroo qoʼatutti Kitaaba Qulqulluu irraa barate ni jaallate. Abbootii durii warra duʼanii wajjin wal qunnamuu ilaalchisee wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu yommuu dubbisu garuu yaada kana fudhachuun baayʼee isatti ulfaate. (Kes. 18:10-12) Achiis Waaqayyo ilaalcha isaa akka sirreessu heyyame. Yeroo booda kana gochuun isaa wanta ittiin jiraatu kan isa dhabsiisu taʼus, falfala raawwachuu isaa ni dhaabe. Raafaalaalaaniin inni yeroo ammaatti umuriin isaa waggaa 60 taʼe akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii akkan argadhu na gargaaruu dabalatee karaawwan hedduu gargaarsa waan naaf godhaniif baayʼeen isaan galateeffadha. Akka Dhugaa Baatuu cuuphame tokkootti tajaajila irratti hirmaachuu akkan dandaʼuuf, jireenya qulqulluu akkan jiraadhu waan na gargaareef hundumaa caalaa Yihowaa nan galateeffadha.”

20. Maal gochuuf murteessiteetta?

20 Mata duree kana keessatti kennaawwan ijaan hin argamne afur irratti mariʼanneerra. Kennaawwan kana keessaa inni hunda irra caalu Yihowaan Michuu hunda caalaa nutti dhihaatu taʼuu isaa ti. Kun immoo kennaawwan ijaan hin argamne kan biroo, jechuunis, kadhannaadhaan isatti dhihaachuu, gargaarsa hafuura qulqulluu argachuu, akkasumas tajaajila keenya irratti samii irraa gargaarsa argachuuf nu dandeessisa. Kanaafuu, kennaawwan ijaan hin argamne kanaaf dinqisiifannaa qabnu guddifachuuf murtoo haa goonu. Yihowaan Michuu gaarii akkanaa waan nuu taʼeef yeroo hundumaa isa galateeffachuu irraa duubatti jechuu hin qabnu.

FAARFANNAA 145 Waadaa Waaqayyo Jannata Fiduuf Gale

^ key. 5 Mata duree darbe irratti waaʼee kennaawwan Waaqayyo irraa argamanii fi ijaan argamuu dandaʼan hedduu mariʼanneerra. Mata dureen kun immoo kennaawwan ijaan arguu hin dandeenyee fi kennaawwan kanaaf akkamitti dinqisiifannaa qabnu argisiisuu akka dandeenyu ibsa. Akkasumas dinqisiifannaa Madda kennaawwan kanaa kan taʼe Yihowaadhaaf qabnu nuu guddisa.

^ key. 58 IBSA FAKKII: (1) Obboleettiin takka uumamawwan Yihowaa utuu ilaaltuu, michummaa Yihowaa wajjin qabdu irratti yommuu xiinxaltu.

^ key. 60 IBSA FAKKII: (2) Obboleettiin tun Yihowaan jabina dhugaa baʼuuf ishii gargaaru akka ishiidhaaf kennu yommuu kadhattu.

^ key. 62 IBSA FAKKII: (3) Hafuurri qulqulluun obboleettiin tun ergaa Mootummichaa karaa al idilee taʼeen warra kaanitti akka himtu ishii gargaareera.

^ key. 64 IBSA FAKKII: (4) Obboleettiin tun dubartii karaa al idilee taʼeen dhugaa baateefii turte sana yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistu. Obboleettiin tun gargaarsa maleekotaatiin hojii lallabuu fi barattoota gochuu yommuu raawwattu.