Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 23

“Maqaan Kee Haa Qulqullaaʼu”

“Maqaan Kee Haa Qulqullaaʼu”

“Yaa Waaqayyo, maqaan kee kan bara baraa ti.”—FAR. 135:13.

FAARFANNAA 10 Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa

QABIYYEE *

1-2. Dhimmaawwan xiyyeeffannaa Dhugaa Baatota Yihowaa harkisan kamfaʼi?

YEROO harʼaa dhimmawwan baayʼee barbaachisoo taʼan nu mudachaa jiru; isaanis ol aantummaa Waaqayyoo fi qulqulleeffamuu maqaa isaa ti. Dhugaa baatota Yihowaa waan taaneef, dhimmawwan xiyyeeffannaa namaa harkisan kana irratti mariʼachuun nu gammachiisa. Taʼus, ol aantummaan Waaqayyoo fi qulqulleeffamuun maqaa isaa dhimmawwan walitti dhufeenya hin qabne lama dhaa? Lakki.

2 Hundi keenya maqaan Waaqayyoo arrabsoo irraa qulqullaaʼuu akka qabu hubachuu qabna. Ol aantummaan Yihowaa ykn akkaataan inni itti bulchu karaa hundumaa irra caalu taʼuun isaa mirkaneeffamuu akka qabus baranneerra. Kanaafuu, dhimmawwan kun lamaan iyyuu barbaachisoo dha.

3. Maqaan Yihowaa jedhu maal dabalata?

3 Dhugaa dubbachuuf, maqaan Yihowaa jedhu waaʼee Waaqa keenya akkaataa inni itti bulchu dabalatee waan hundumaa of keessatti qabata. Kanaafuu, maqaan Yihowaa arrabsoo hundumaa irraa qulqullaaʼuun isaa dhimma baayʼee barbaachisaa dha yommuu jennu, akkaataan Yihowaan itti bulchus karaa hundumaa irra caalu taʼuun isaa mirkanaaʼuu qaba jechuu keenya dha. Maqaan Yihowaa akkaataa inni Waaqa Ol Aanaa hundumaa dandaʼu taʼuudhaan itti bulchu wajjin hariiroo cimaa qaba.—Saanduqa “ Wantoota Dhimmi Barbaachisaan of Keessatti Qabate” jedhu ilaali.

4. Faarfannaan 135:13 waaʼee maqaa Waaqayyoo maal jedha? Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

4 Maqaan Yihowaa jedhu adda dha. (Faarfannaa 135:13 dubbisi.) Maqaa Waaqayyoo baayʼee barbaachisaa kan godhe maali dha? Maqaan kun jalqaba irratti arrabsoon kan irra gaʼe akkamitti? Waaqayyo maqaa kana kan qulqulleesse akkamitti? Nuti hoo maqaa isaatiif falmuu irratti akkamitti gargaarsa gochuu dandeenya? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa ilaallu.

BARBAACHISUMMAA MAQAA

5. Waaʼee maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu yommuu yaadnu gaaffiin akkamii nutti uumamuu dandaʼa?

5 “Maqaan kee haa qulqullaaʼu.” (Mat. 6:9) Yesuus kadhannaa irratti kun dursi kennamuufii akka qabu dubbateera. Haa taʼu malee, jechoonni Yesuus dubbate hiika maalii qabu? Wanta tokko qulqulleessuu jechuun xurii irraa bilisa gochuu jechuu dha. Taʼus namoonni tokko tokko, ‘Maqaan Yihowaa duruma iyyuu qulqulluu dha mitii?’ jedhanii gaafatu taʼaa. Deebii kanaa argachuuf maqaan maal akka dabalatu yaaduu nu barbaachisa.

6. Maqaan gatii guddaa akka qabaatu kan godhu maali dha?

6 Maqaan tuuta qubeewwan waraqaa irratti barreeffaman ykn afaaniin waamaman caalaa waan dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun, “Badhaadhummaa guddaa irra, maqaa gaarii wayya” jechuudhaan wanta inni dubbatu hubadhaa. (Fak. 22:1; Lal. 7:1) Maqaan wanta gatii guddaa qabu akkasii kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas kun maqaa gaarii namni sun qabu, jechuunis wanta namoonni kaan waaʼee abbaa maqaa sanaa yaadan waan dabalatuufi dha. Kanaafuu, wanti iddoo guddaa qabu akkaataa maqichi itti barreeffamu ykn itti waamamu miti; kanaa mannaa, wanti iddoo guddaa qabu, namoonni kaan maqaa sana yommuu argan ykn dhagaʼan wanta gara sammuu isaaniitti dhufu dha.

7. Namoonni maqaa Waaqayyoo irratti wanta gaarii hin taane kan dubbatan akkamitti?

7 Namoonni waaʼee Yihowaa yommuu soba dubbatan, warri kaan waaʼee isaa wanta gadhee akka yaadan gochuuf yaalaa jiru. Namoonni wantoota gadhee akkasii yommuu argan Waaqayyoon komachuu fi maqaa isaa balleessuuf kakaʼu. Waaʼee Waaqayyoo yeroo jalqabaatiif wanti gadheen kan dubbatamee fi namoonni waaʼee isaa wanta gadhee akka yaadan gochuuf yaaliin kan godhame dhaaba Eeden keessatti ture. Mee wanta raawwatame kana irraa maal akka barannu haa ilaallu.

WAAQAYYOO JALQABA MAQAAN ISAA KAN BALLEEFFAME AKKAMITTI?

8. Addaamii fi Hewaan maal beeku turan? Gaaffiiwwan kaʼan hoo kamfaʼi?

8 Addaamii fi Hewaan maqaa Yihowaas taʼe waaʼee abbaa maqichaa dhugaawwan barbaachisoo taʼan beeku turan. Inni Uumaa isaanii akka taʼe, jireenya akka isaaniif kenne, akkasumas jannata bareedduu bakka jireenya isaanii taatee fi hiriyaa gaaʼelaa mudaa hin qabne akka isaaniif kenne beeku turan. (Uma. 1:26-28; 2:18) Haa taʼu malee, sammuu isaanii isa mudaa hin qabne wantoota Yihowaan isaaniif godhe hundumaa irratti xiinxaluuf itti fayyadamuu isaanii itti fufuu? Jaalalaa fi dinqisiifannaa qaama maqaan kun bakka buʼuuf qaban hoo guddifachuu isaanii itti fufuu? Deebiin gaaffiiwwan kanaa yeroo diinni Waaqayyoo isaan qoretti ifa taʼeera.

9. Akka Uumamni 2:16, 17 fi 3:1-5 jedhutti Yihowaan hiriyoota gaaʼelaa jalqabaatti maal dubbatee ture? Seexanni dhugaa jiru kan jalʼise akkamitti ture?

9 Uumama 2:16, 17 fi 3:1-5 dubbisi. Seexanni bofatti fayyadamee, “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” jechuudhaan Hewaaniin gaafate. Gaaffiin kun soba dhokataa summii dhokfamee wajjin wal fakkaatu of keessaa qabu ture. Wanti Waaqayyo dubbate muka tokko irraa kan hafe mukeetii hundumaa irraa nyaachuu akka dandaʼan ture. Addaamii fi Hewaan mukeetii gara garaa hedduu irraa nyaachuu dandaʼu turan. (Uma. 2:9) Eeyyee, Yihowaan dhuguma iyyuu arjaa dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo Addaamii fi Hewaan firii muka inni isaanitti hime tokkoo irraa akka hin nyaanne isaan dhorkee ture. Kanaafuu gaaffiin Seexanaa dhugaa jiru kan jalʼise ture. Seexanni Waaqayyo arjaa akka hin taane fakkeessee ture. Hewaan, ‘Waaqayyo wanta gaarii tokko na jalaa hambiseeraa?’ jettee yaaddee taʼuu dandaʼa.

10. Seexanni kallattiidhaan maqaa Waaqayyoo kan balleesse akkamitti? Kun hoo maal geessise?

10 Hewaan yeroo sanatti Yihowaan Bulchaa ishii akka taʼetti ilaaluu hin dhiisne turte. Qajeelfama ifaa Waaqayyoo kenne irra deebitee dubbachuudhaan Seexanaaf deebii kenniteetti. Itti dabaltees isaan mukicha tuquu illee akka hin qabne dubbatteetti. Akeekkachiisa Waaqayyo ajajamuu diduun duʼa akka geessisu kenne beekti turte. Seexanni garuu “Hin duutan” jedhee ishiidhaaf deebise. (Uma. 3:2-4) Seexanni sana booda dhoksaadhaan dubbachuu isaa itti hin fufne. Sana booda inni Yihowaan sobduu akka taʼe Hewaanitti himuudhaan kallattiidhaan maqaa Waaqayyoo balleesseera. Karaa kanaan Seexanni Diyaabiloos ykn maqaa balleessituu taʼe. Hewaan guutummaatti gowwoomte; ishiin Seexana amante. (1 Xim. 2:14) Ishiin Yihowaa caalaa isa amante. Kunis Hewaan murtoo baayʼee gadhee taʼe akka gootu salphaa ishiidhaaf godheera. Yihowaadhaaf ajajamuu diduuf murteessite. Firii Yihowaan akka hin nyaanne ishii dhowwe nyaachuu jalqabde. Sana booda ishiin Addaamiifis ni kennite.—Uma. 3:6.

11. Warri keenya jalqabaa maal gochuu dandaʼu turan? Taʼus maal utuu hin godhin hafaniiru?

11 Hewaan Seexanaaf deebii akkamii kennuu qabdi turte? Mee akkas akka jette godhii yaadi: “Ati eenyu akka taate hin beeku, taʼus ani Abbaa koo, Yihowaa beeka, akkasumas isa nan jaalladha, isa nan amanas. Wanta qabnu hundumaa Addaamii fi anaaf kan kenne isa dha. Ati waaʼee isaa wanta gadhee akkamii iyyuu dubbachuuf akkamitti ija jabaatte? Ana duraa deemi!” Yihowaan jechoota amanamummaa argisiisan akkasii intala jaallatamtuu irraa utuu dhagaʼeera taʼee hammam gammada ture! (Fak. 27:11) Taʼus Hewaan Yihowaadhaaf jaalala amanamaa hin qabdu turte; Addaamis amanamaa hin turre. Addaamii fi Hewaan Abbaa isaaniitiif jaalala akkasii dhabuu isaaniitiin kan kaʼe maqaan isaa akka hin balleeffamne utuu isaaf hin falmin hafaniiru.

12. Seexanni sammuu Hewaan keessatti shakkii kan uume akkamitti? Addaamii fi Hewaan hoo maal utuu hin godhin hafan?

12 Akkuma olitti ilaalle, Seexanni sammuu Hewaan keessatti shakkii uumuudhaan jalqabe. Qaama maqaa Yihowaa jedhuun bakka buufame akka shakkitu ishii taasise. Achiis Addaamii fi Hewaan maqaa Yihowaa soba Seexanaa isa hamaa taʼe irraa utuu hin eegin hafan. Abbaa isaanii Yihowaa irratti fincila akka kaasan yaada Seexanni isaaniif dhiheesse fudhachuuf of dhiheessan. Yeroo harʼaas Seexanni maluma kana fakkaatutti fayyadama. Maqaa isaa balleessuudhaan maqaa Yihowaa irratti haleellaa raawwata. Namoonni soba Seexanaa amanan bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa akka hin fudhanne dhiibaa isaan irra gaʼuuf salphaatti moʼamu.

YIHOWAAN MAQAA ISAA NI QULQULLEESSA

13. Hisqiʼel 36:23 ergaa ijoo Kitaaba Qulqulluu kan ibsu akkamitti?

13 Yihowaan maqaa balleessuu akkasii homaa utuu hin godhin akkasumaan callisee ilaalaa? Lakki, matumaa callisee hin ilaalu! Seenaan guutummaa Kitaaba Qulqulluu, Eeden keessatti arrabsoo maqaa isaa irra tuulame qulqulleessuuf akkaataa Yihowaan tarkaanfii itti fudhate irratti xiyyeeffata. (Uma. 3:15) Dhugaa dubbachuuf ergaa ijoo Kitaaba Qulqulluu akka kanatti aansee jiruun walitti qabnee kaaʼuu dandeenya: Yihowaan karaa Mootummaa Ilma isaatiin geggeeffamuun maqaa isaa qulqulleessa akkasumas qajeelummaa fi nagaan lafa irratti akka deebiʼu godha. Kitaabni Qulqulluun odeeffannoo Yihowaan maqaa isaa guutummaatti akkamitti akka qulqulleessu hubachuuf nu gargaaru qabateera.—Hisqiʼel 36:23 dubbisi.

14. Akkaataan Yihowaan fincila Eeden keessatti kaʼe itti qabe maqaa isaa kan qulqulleesse akkamitti?

14 Seexanni Yihowaan kaayyoo isaa akka galmaan hin geenye gochuuf wanta dandaʼe hunda godheera. Taʼus Seexanni irra deddeebiʼee utuu isaaf hin milkaaʼin hafeera. Seenaan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan akkamitti tarkaanfii akka fudhate argisiisa; tarkaanfiin kunis qaamni akka Yihowaa taʼe kan biraan akka hin jirre mirkaneessa. Dhugaa dha, fincilli Seexannii fi warri isa cinaa hiriiran hundi kaasan Yihowaa irratti dhiphina guddaa geessiseera. (Far. 78:40) Taʼus, Yihowaan haala rakkisaa kana ogummaa, obsaa fi haqaan qabeera. Kana malees, hundumaa akka dandaʼu karaawwan hedduudhaan humna isaa argisiiseera. Hunda caalaa immoo, jaalalli isaa wanta hojjete hundumaa irratti ifatti mulʼata. (1 Yoh. 4:8) Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuuf utuu wal irraa kutin hojjechaa tureera.

Seexanni Hewaanitti waaʼee Yihowaa soba dubbateera; akkasumas Diyaabilos jaarraawwan hedduudhaaf maqaa Waaqayyoo balleessuu isaas itti fufeera (Keeyyata 9-10, 15 ilaali) *

15. Seexanni yeroo harʼaa maqaa Waaqayyoo kan balleessu akkamitti? Kunoo maal geessisa?

15 Seexanni harʼas maqaa Waaqayyoo balleessaa jira. Namoonni Waaqayyo humna qabeessa, haqa qabeessa, ogeessaa fi jaalala qabeessa taʼuu isaa akka shakkan gochuudhaan namoota gowwoomsa. Fakkeenyaaf, Seexanni Yihowaan Uumaa akka hin taane namoota amansiisuuf yaala. Namoonni Waaqayyo akka jiru amananii yoo fudhatan immoo, Seexanni Waaqayyoo fi ulaagaan isaa bilisummaa kan nama dhabsiisuu fi haqa qabeessa akka hin taane isaan amansiisuuf yaala. Seexanni Yihowaan Waaqa gara laafina hin qabnee fi hamaa namoota ibidda qilee keessatti gubu akka taʼe illee namoota barsiisa. Namoonni maqaa balleessuu akkasii yommuu amanan, tarkaanfii itti aanu fudhachuuf, jechuunis bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa fudhachuu diduuf caalaatti kakaʼu. Seexanni guutummaatti hamma injifatamutti, duula maqaa balleessuu isaa itti fufa, atis Yihowaa irraa akka garagaltu gochuuf ni yaala. Ni milkaaʼaafii ree?

DHIMMA BARBAACHISAA KEESSATTI GAʼEE ATI QABDU

16. Wanta Addaamii fi Hewaan utuu hin godhin hafan isa kam gochuu dandeessa?

16 Yihowaan namoonni mudaa qaban maqaa isaa qulqulleessuu irratti gaʼee akka qabaatan isaaniif heyyameera. Kana jechuun wanta Addaamii fi Hewaan utuu hin godhin hafan gochuu dandeessa jechuu dha. Addunyaa namoota maqaa Yihowaa balleessanii fi isa arrabsaniin guutame keessa kan jiraattu taʼus, dhugaadhaaf falmuu fi waaʼee isaa dubbachuuf, jechuunis, Yihowaan qulqulluu, qajeelaa, gaarii fi jaalala qabeessa akka taʼe isaaf falmuu fi dubbachuuf carraa qabda. (Isa. 29:23) Bulchiinsa isaa deggeruu ni dandeessa. Bulchiinsi dhugumaan qajeelaa taʼee fi uumama hundumaaf nagaa fi gammachuu fidu kan isaa qofa akka taʼe dubbachuu ni dandeessa.—Far. 37:9, 37; 146:5, 6, 10.

17. Yesuus maqaan Abbaa isaa akka beekamu kan godhe akkamitti?

17 Maqaa Yihowaatiif yommuu falminu fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofna. (Yoh. 17:26) Yesuus maqaa Abbaa isaan kan beeksise, itti fayyadamuu qofaan utuu hin taʼin, maqaa gaarii Yihowaan qabuuf falmuudhaan ture. Fakkeenyaaf, Fariisota warra karaawwan adda addaatiin Yihowaan hamaa, wanta hedduu kan nama irraa barbaadu, fagoo kan taʼee fi gara laafessa akka hin taane fakkeessan mormeera. Yesuus namoonni Yihowaan sababa qabeessa, jaalala qabeessaa fi dhiifama kan godhu taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaareera. Kana malees, jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti akkaataa inni amalawwan Abbaa isaa guutummaatti calaqqise irraa namoonni Yihowaa akka beekan gargaareera.—Yoh. 14:9.

18. Sobaa fi maqaa balleessuu waaʼee Yihowaa dubbatamu akkamitti fashaleessuu dandeenya?

18 Nutis akkuma Yesuus Yihowaan Waaqa jaalala qabeessaa fi gaarummaa qabu akka taʼe namoota barsiisuudhaan wanta waaʼee isaa beeknu namootatti himuu ni dandeenya. Kana yommuu goonu sobaa fi maqaa balleessuu waaʼee Yihowaa dubbatamu ni fashaleessina. Maqaan isaa sammuu fi garaa namootaa keessatti qulqulluu akka taʼu gochuudhaan maqaa Yihowaa qulqulleessina. Nutis fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya. Cubbamootaa taanu illee kana gochuu ni dandeenya. (Efe. 5:1, 2) Dubbii fi gochi keenya Yihowaan dhugumaan amala akkamii akka qabu yommuu namootatti argisiisu, maqaa isaa qulqulleessuu irratti gaʼee keenya raawwanna. Namoonni waaʼee isaa ilaalcha dogoggoraa qaban akka sirreessan isaan gargaaruudhaan maqaa kana himta irraa bilisa goona. * Kana malees, namoonni cubbuu dhaalan amanamummaa isaanii eeguu akka dandaʼan mirkaneessina.—Iyo. 27:5.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya amala Yihowaan, jechuunis gaarummaa fi jaalala kan qabu taʼuu isaa akka hubatan isaan gargaaruu barbaanna (Keeyyata 18-19 ilaali) *

19. Isaayaas 63:7 galmi barumsa keenyaa inni guddaan maal taʼuu akka qabu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

19 Barumsa barbaachisaa hojii irra oolchuu dandeenyu kan biraas ilaali. Yihowaan uumama cufa bulchuuf mirga waan qabuu fi kunis guutummaatti sirrii waan taʼeef, dhugaa Kitaaba Qulqulluu namoota kaan yommuu barsiisnu, yeroo baayʼee ol aantummaa Waaqayyootiif xiyyeeffannaa guddaa kennina. Haa taʼu malee, seera Waaqayyoo irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa taʼus, galmi keenya inni guddaan warri kaan Abbaa keenya Yihowaa akka jaallatanii fi isaaf amanamoo akka taʼan gargaaruu dha. Kanaafuu, qaama maqaa Yihowaa jedhuun bakka buufameef xiyyeeffannaa kennuudhaan, amalawwan Yihowaa warra gaggaarii taʼan cimsinee ibsuun keenya barbaachisaa dha. (Isaayaas 63:7 dubbisi.) Karaa kanaan yommuu barsiisnu, warri kaan Yihowaaf amanamoo taʼuu waan barbaadaniif, akka isa jaallatanii fi isaaf ajajaman isaan gargaarra.

20. Mata duree itti aanu irratti maal qoranna?

20 Haa taʼu malee, amallii fi barumsi keenya maqaa Yihowaa sirriitti kan bakka buʼuu fi warri kaan isatti akka dhihaatan kan isaan gargaaru taʼuu isaa akkamitti mirkaneessuu dandeenya? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.

FAARFANNAA 2 Maqaan Kee Yihowaa Dha

^ key. 5 Uumamawwan yaaduu dandaʼan hunda dhimma barbaachisaa akkamiitu isaan mudachaa jira? Dhimma kana baayʼee barbaachisaa kan godhe maali dha? Nuun hoo kan ilaallatu akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa fi kanaa wajjin wal qabatan kan biroo hubachuun keenya hariiroo Yihowaa waliin qabnu cimsachuuf nu gargaara.

^ key. 18 Mirga Yihowaan maqaa kana qabaachuu isaa irratti qaamni gaaffii kaase waan hin turreef, yeroo tokko tokko barreeffamoonni keenya maqaan kun himata irraa bilisa taʼuun akka isa hin barbaachisne barsiisaa turaniiru. Haa taʼu malee, walgaʼii waggaa 2017 irratti hubannaan dabalataa argame ifa taʼeera. Dura taaʼaan walgaʼichaa akkas jedheera: “Gabaabaatti kaaʼuuf, maqaan Yihowaa akka mirkaneeffamu kadhachuun dogoggora miti; sababiin isaas, maqaa gaariin inni qabu mirkaneessuun barbaachisaa dha.”—Sagantaa Amajjii 2018 jw.org® irra jiru ilaali. LAAYIBRARII > JW BROADCASTING® jedhu jalaa argachuu dandeessa. (Amaariffa)

^ key. 62 IBSA FAKKII: Diyaabilos Waaqayyo sobduu akka taʼe Hewaanitti dubbachuudhaan maqaa Waaqayyoo balleesseera. Seexanni jaarraawwan hedduudhaaf yaadawwan sobaa, barumsa kan akka Waaqayyo hamaa akka taʼee fi namoota akka hin uumne ibsan babalʼisaa tureera.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu utuu geggeessuu amala Waaqayyootiif xiyyeeffannaa yommuu kennu.