Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Of Toʼachuu—Yihowaa Biratti Fudhatama Argachuuf Amala Barbaachisu

Of Toʼachuu—Yihowaa Biratti Fudhatama Argachuuf Amala Barbaachisu

“Durbiin koo na loluu yommuu jalqabu, morma isaa qabeen isa hudhuu jalqabe. Isa ajjeesuu barbaadeen ture.”—Pool.

“Mana keessatti waanuma xinnoottan aara. Miʼa manaas taʼe ashaangulliitii waanan argadhe kam iyyuu nan caccabsa.”—Maarkoo.

Nuti akka namoota kanaatti hin aarru taʼa. Taʼus, hundi keenya yeroo tokko tokko of toʼachuun nutti ulfaata. Kun kan taʼe, adda durummaadhaan Addaam nama jalqabaa irraa fedhii cubbuu raawwachuu waan dhaalleefi dha. (Rom. 5:12) Akkuma Poolii fi Maarkoo namoonni tokko tokko miira isaanii toʼachuun isaan rakkisa. Warri kaan immoo yaada isaanii toʼachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Wanta isaan sodaachisu irratti xiinxalu ykn yeroo baayʼee yaada dogoggoraa wajjin qabsaaʼu. Kaan immoo ejja akka raawwatan, alkoolii garmalee akka dhugan ykn qoricha sammuu hadoochuu akka fudhatan dhiibbaa isaan irra gaʼu moʼuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa.

Namoonni yaadni isaanii, fedhiin isaanii fi gochi isaanii toʼannaadhaa ala akka taʼu heyyaman jireenya isaanii mancaasu. Taʼus nuti kana irraa fagaachuu ni dandeenya. Akkamitti? Amala of toʼachuu horachuudhaani. Kana gochuuf akka nu gargaaruuf mee gaaffiiwwan sadii haa qorannu: Isaanis, (1) Of toʼachuun maali dha? (2) Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (3) Amala kutaa ‘firii hafuuraa’ taʼe kana akkamitti horachuu dandeenya? (Gal. 5:22, 23) Akkasumas yeroo tokko tokko of toʼachuun kan nu rakkisu yoo taʼe dhuunfaatti maal gochuu akka dandeenyu ilaalla.

OF TOʼACHUUN MAALI DHA?

Namni amala of toʼachuu qabu tokko miira itti dhagaʼame hundumaa irratti hundaaʼee tarkaanfii hin fudhatu. Kanaa mannaa karaa Waaqayyoon gaddisiisuun dubbachuu fi waa gochuu irraa of qusata.

Yesuus amala of toʼachuu argisiisee akka ture beekamaa dha

Yesuus of toʼachuun maal akka dabalatu nutti argisiiseera. Kitaabni Qulqulluun, “Inni yommuu isa arrabsan deebisee hin arrabsine. Yommuu dhiphatettis hin doorsisne; kanaa mannaa isa qajeelummaadhaan murteessu Sanatti imaanaadhaan of kenne” jedha. (1 Phe. 2:23) Yesuus muka dhiphinaa irratti fannifamee utuu inni jiruu yeroo diinonni isaa itti qoosan amala of toʼachuu kana argisiiseera. (Mat. 27:39-44) Geggeessitoonni amantii jibba qaban dubbii isaatiin kiyyootti isa galchuuf yeroo yaalanittis baayʼee akka of toʼatu argisiiseera. (Mat. 22:15-22) Yihudoonni aaran tokko tokko isa rukutuuf yeroo dhagaa fudhatanittis fakkeenya guddaa kaaʼeera. Yesuus haaloo baʼuu mannaa, “dhokatee mana qulqullummaa keessaa baʼee deeme.”—Yoh. 8:57-59.

Fakkeenya Yesuus hordofuu ni dandeenyaa? Eeyyee, hamma tokko ni dandeenya. Pheexiros ergamaan, “Kiristoos faana isaa dhiheenyatti akka hordoftan fakkeenya isiniif dhiisuudhaan isiniif jedhee dhiphateera” jedhee barreesseera. (1 Phe. 2:21) Cubbamoota taanu illee, of toʼachuu irratti fakkeenya Yesuus dhiheenyatti hordofuu ni dandeenya. Kana gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

OF TOʼACHUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Yihowaa biratti fudhatama argachuuf amala of toʼachuu qabaachuu nu barbaachisa. Yeroo dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa kan tajaajille taanu illee, wanta goonuu fi wanta dubbannu irratti of hin toʼannu taanaan michummaa isaa wajjin qabnu dhabuu dandeenya.

Mee Musee isa yeroo sanatti “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa ture” ilaali. (Lak. 12:3) Museen waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif guungummii Israaʼelootaa obsaan erga dandaʼee booda, of toʼachuu dadhabe. Hanqina bishaaniitiin kan kaʼe ammas yeroo isaan guunguman ni aare. Museen, “Isin warra didduu nana mee dhagaʼaa! Amma egaa nuyi kattaa kana keessaa bishaan isiniif baafnaa ree?” jechuudhaan gara jabinaan sabichatti dubbate.”—Lak. 20:2-11.

Museen utuu of hin toʼatin hafe. Yihowaan madda bishaan dinqiidhaan argame sanaa taʼuu isaa utuu hin beeksisin hafe. (Far. 106:32, 33) Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Biyyatti Abdachiifamtetti akka galu isaaf hin heyyamne. (Lak. 20:12) Museen miira isaa utuu hin toʼatin hafuu isaatti hanga guyyaa duʼeetti gaabbee taʼuu hin oolu.—Kes. 3:23-27.

Barumsa akkamii arganna? Dhugaa keessa yeroo dheeraadhaaf kan turre taʼus, namoota nu aarsan ykn sirreeffamni isaan barbaachisutti karaa kabaja hin qabneen matumaa dubbachuu hin qabnu. (Efe. 4:32; Qol. 3:12) Dhugaa dha, yeroo umuriin keenya dabalaa deemu, darbee darbee obsa qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus Musee yaadadhaa. Tajaajila yeroo dheeraadhaaf amanamummaadhaan raawwanne, matumaa of toʼachuu dadhabuudhaan balleessuu hin barbaannu. Amala barbaachisaa kana horachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

AMALA OF TOʼACHUU HORACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhaa. Maaliifi? Of toʼachuun kutaa firii hafuura Waaqayyoo waan taʼee fi Yihowaan hafuura isaa warra isa kadhataniif waan kennuufi dha. (Luq. 11:13) Yihowaan karaa hafuura isaa humna nu barbaachisu nuuf kennuu dandaʼa. (Filp. 4:13) Kana malees, jaalala isa kutaa firii hafuuraa taʼee fi amala of toʼachuu keenya cimsachuuf nu barbaachisu akka horannu nu gargaaruu ni dandaʼa.—1 Qor. 13:5.

Wanta amala of toʼachuu keessan laaffisu akkamii irraa iyyuu fagaadhaa

Wanta amala of toʼachuu keessan laaffisu akkamii iyyuu of irraa fageessaa. Fakkeenyaaf, Intarneetii fi bashannana amala dogoggoraa argisiisu irraa fagaadhaa. (Efe. 5:3, 4) Eeyyee, wanta dogoggora akka hojjennu nu qoruu dandaʼu akkamii iyyuu of irraa fageessuu qabna. (Fak. 22:3; 1 Qor. 6:12) Fakkeenyaaf, namni wanta naamusaan ala taʼe raawwachuuf qoramu tokko kitaabotaa fi fiilmiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan irraa guutummaatti fagaachuu qaba.

Gorsa kana hojii irra oolchuun nutti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Taʼus, nuti carraaqqii yoo goone Yihowaan humna of toʼachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. (2 Phe. 1:5-8) Inni yaada, dubbii fi gocha keenya akka toʼannu nu gargaara. Poolii fi Maarkoon warri olitti ibsaman lamaanuu miira aarii isaanii toʼachuu waan dandaʼaniif kanaaf fakkeenya dha. Mee obboleessa utuu konkolaataa oofaa jiruu yeroo baayʼee aarii isaa toʼachuun isa rakkisu, darbees warra kaanii wajjin walitti buʼu tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Obboleessi kun maal godhe? Akkas jedheera: “Guyyaa guyyaadhaan cimseen kadhadha. Mata dureewwan waaʼee of toʼachuu ibsan nan qoʼadhe akkasumas caqasoota na gargaaruu dandaʼan yaadatti nan qabadhe. Amala kana horachuuf waggoota hedduudhaaf kanan carraaqe taʼus, amma iyyuu guyyaa guyyaadhaan of tasgabbeessuuf galma baafachuun koo na gargaara. Beellama yeroon qabutti akkan hin ariifanneef durseen baʼa.”

DARBEE DARBEE OF TOʼACHUU YOO DADHABNE

Yeroo tokko tokko hundi keenya of toʼachuu dadhabuu dandeenya. Yeroo akkasiitti kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaachuuf qaanaʼuu dandeenya taʼa. Taʼus, caalaatti kadhachuu kan qabnu yeroo kanatti dha. Kanaafuu, yeruma sana kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaadhaa. Dhiifama argachuuf cimsaa kadhadhaa, gargaarsa gaafadhaa, dogoggora akkasii irra deebitanii akka hin raawwanne murteessaa. (Far. 51:9-11) Yihowaan kadhannaa isin araara argachuuf garaadhaa dhiheessitan hin tuffatu. (Far. 102:17) Yohaannis ergamaan dhiigni Ilma Waaqayyoo “cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa” jechuudhaan nu yaadachiiseera. (1 Yoh. 1:7; 2:1; Far. 86:5) Yihowaan namoonni tajaajiltoota isaa taʼan irra deddeebiʼanii dhiifama akka godhan isaan ajajuu isaa yaadadhaa. Kanaafuu, Yihowaan nuufis akkasuma dhiifama akka godhu mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya.—Mat. 18:21, 22; Qol. 3:13.

Museen lafa onaa keessatti yeroo muraasaaf utuu of hin toʼatin yommuu hafetti Yihowaan gaddee ture. Taʼus, Yihowaan dhiifama isaaf godheera. Dubbiin Waaqayyoos Museen nama amantiidhaan fakkeenya guddaa nuuf taʼu akka taʼe dubbata. (Kes. 34:10; Ibr. 11:24-28) Yihowaan, Biyyatti Abdachiifamtetti akka seenu Museedhaaf hin heyyamne. Taʼus, inni lafa jannata taatu keessatti isa simatee, abdii jireenya bara baraa isaaf ni kenna. Nutis amala of toʼachuu barbaachisaa taʼe kana horachuuf carraaquu keenya yoo itti fufne abdii akkasii qabaachuu ni dandeenya.—1 Qor. 9:25.