Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 27

Hamma Yaaduu Qabdan Caalaa Waaʼee Ofii Keessanii hin Yaadinaa

Hamma Yaaduu Qabdan Caalaa Waaʼee Ofii Keessanii hin Yaadinaa

“Namni isin gidduu jiru hundi . . . sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa.”—ROM. 12:3.

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

QABIYYEE *

1. Filiphisiyus 2:3 akka jedhutti gad of qabuun warra kaanii wajjin hariiroo gaarii akka qabaannu kan nu gargaaru akkamitti?

YIHOWAAN yeroo hunda wanta hunda caalaa gaarii nuuf taʼe akka beeku hubachuudhaan, gad of qabnee ulaagaa isaatiif bitamna. (Efe. 4:22-24) Gad of qabuun fedhii Yihowaa kan ofii keenyaa akka caalchisnuu fi warri kaan akka nu caalaan goone akka yaadnu nu kakaasa. Kanaan kan kaʼes, Yihowaa fi namoota hidhata amantii keenyaa wajjin hariiroo gaarii qabaanna.—Filiphisiyus 2:3 dubbisi.

2. Phaawulos ergamaan maaltu sirrii akka taʼe ibseeraa? Mata duree kana keessatti maal qoranna?

2 Of eeggannoo gochuu baannaan garuu, namoonni of tuuloo fi ofittoon sirna Seexanaa keessa jiran dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. * Kiristiyaanota Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko irra balaan akkasii gaʼee taʼuu dandaʼa; kanaafuu, Phaawulos ergamaan, “Namni isin gidduu jiru hundi . . . sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa” jedhee warra Roomaatiif barreesseera. (Rom. 12:3) Phaawulos waaʼee ofii keenya hamma tokko yaaduun sirrii akka taʼe dubbateera. Haa taʼu malee, gad of qabuun ofii keenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf nu gargaara. Mata dureen kun kallattiiwwan sadii gad of qabuun hamma yaaduu qabnu caalaa waaʼee ofii keenyaa akka hin yaadne itti nu gargaaru ibsa. Isaanis, (1) gaaʼela keenya, (2) mirga tajaajilaa keenyaa fi (3) akkaataa weebsaayitii hawaasaatti fayyadamnu dha.

GAAʼELA KEESSAN KEESSATTI KAN GAD OF QABDAN TAʼAA

3. Gaaʼela keessatti walitti buʼiinsi jiraachuu kan dandaʼu maaliifi? Namoonni tokko tokko rakkina kana furuuf kan yaalan hoo akkamitti?

3 Yihowaan gaaʼela kan hundeesse, abbaa manaa fi haadha manaatiif madda gammachuu akka taʼuufi. Taʼus, hundi keenya iyyuu mudaa kan qabnu waan taaneef, walitti buʼuun keenya hin oolu taʼa. Siruma iyyuu, Phaawulos warri gaaʼela godhatan hamma tokko rakkinni akka isaan irra gaʼu akka eegan barreesseera. (1 Qor. 7:28) Namoonni tokko tokko yeroo hunda hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin wal falmu, akkasumas nuti namoota waliif taanu hin turre jedhanii yaadu. Addunyaan dhiibbaa isaan irratti gochaa jira yoo taʼe immoo, furmaanni isaa wal hiikuu akka taʼe yaadu. Ofii isaanii qofa irratti xiyyeeffatu, akkasumas gammachuu argachuu kan dandaʼan yoo wal hiikan qofa akka taʼe yaadu.

4. Maal gochuu irraa fagaachuu qabna?

4 Gaaʼelli keenya milkaaʼina akka hin qabne goonee yaadu irraa fagaachuu qabna. Akka Kitaaba Qulqulluutti wal hiikuuf sababa kan taʼu ejja qofa akka taʼe beekna. (Mat. 5:32) Kanaafuu, yommuu rakkinni Phaawulos waaʼee isaa barreesse nu mudatu, of tuuluun, ‘Gaaʼelli kun fedhiiwwan koo naaf guutaa jiraa? Jaalalan argachuu qabu argachaan jiraa? Nama kan biraa wajjin yoon gaaʼela godhadhe gammachuu kana caalu nan argadhaa?’ jennee yaaduu akka jalqabnu akka nu taasisu heyyamuu hin qabnu. Gaaffiiwwan kunneen keessatti kan xiyyeeffatame of irratti akka taʼe hubadhaa. Ogummaan addunyaa wanta garaan keessan jedhu akka hordoftanii fi gaaʼela keessan diiguu yoo taʼe illee, wanta isin gammachiisu akka gootan isinitti hima. Ogummaan Waaqayyoo, ‘faayidaa warra kaaniis malee, faayidaa ofii keenyaa qofa yaaduu’ akka hin qabne dubbata. (Filp. 2:4) Yihowaan gaaʼela keessan akka diigdan utuu hin taʼin, akka oolchitan isin irraa barbaada. (Mat. 19:6) Inni ofii keessan utuu hin taʼin, jalqaba isa akka yaaddan barbaada.

5. Efesoon 5:33 akka jedhutti abbaan manaa fi haati manaa walii isaanii akkamitti qabuutu isaan irra jira?

5 Abbaan manaa fi haati manaa jaalalaa fi kabaja walitti argisiisu qabu. (Efesoon 5:33 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluu fudhachuu irra kennuu irratti akka xiyyeeffannu nu barsiisa. (HoE. 20:35) Hiriyoonni gaaʼelaa jaalalaa fi kabaja akka walitti argisiisan amala kamtu isaan gargaara? Deebiin isaa gad of qabuu kan jedhu dha. Abbaan manaa fi haati manaa gad of qaban, faayidaa ofii isaanii utuu hin taʼin, faayidaa “nama kaanii” barbaadu.—1 Qor. 10:24.

Hiriyoonni gaaʼelaa gad of qaban wal morkachuu mannaa wal gargaaranii hojjetu (Keeyyata 6 ilaali)

6. Yaada Istiivanii fi Istiifaaniin kennan irraa maal barattu?

6 Gad of qabuun hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan hedduun gaaʼela isaanii irraa gammachuu hedduu akka argatan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, abbaan manaa Istiivan jedhamu akkas jedheera: “Kan wal deggertan yoo taʼe, keessumaa yeroo rakkinaatti, walii wajjin hojjettu. ‘Wanti anaaf gaarii taʼe maali dha?’ jettanii yaadu irra ‘Wanti nuuf gaarii taʼe maali dha?’” jettanii yaaddu. Haati manaa isaa Istiifaaniinis akkasuma ishiitti dhagaʼama. Akkas jetteetti: “Namni kam iyyuu nama yeroo hunda falmuu jaallatuu wajjin jiraachuu hin barbaadu. Yommuu walitti buʼiinsi uumamu rakkinicha adda baasna. Achiis ni kadhanna, qorannaa goona, akkasumas irratti mariʼanna. Rakkinicha hiikuuf carraaqna malee wal falmuuf hin yaallu.” Abbaan manaa fi haati manaa hamma yaaduu qaban caalaa waaʼee ofii isaanii yommuu yaaduu dhiisan, faayidaa guddaa argatu.

GUUTUMMAATTI ‘GAD OF QABUUDHAAN’ YIHOWAA TAJAAJILAA

7. Obboleessi tokko mirga tajaajilaa yommuu fudhatu ilaalcha akkamii qabaachuu qaba?

7 Karaa dandeenyu kamiin iyyuu Yihowaa tajaajiluu akka mirgaatti ilaalla. (Far. 27:4; 84:10) Obboleessi tokko mirga tajaajilaa addaatiif yoo of dhiheessuu dandaʼe kun isa galateeffachiisa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaqu tokko hojii gaarii hawwa” jedha. (1 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, itti gaafatama sana yommuu fudhatu, waaʼee ofii isaa hamma yaaduu qabu caalaa yaaduu hin qabu. (Luq. 17:7-10) Galmi isaa gad of qabuudhaan warra kaan tajaajiluu taʼuu qaba.—2 Qor. 12:15.

8. Fakkeenya Diyooxiraaxis, Uziyaa fi Abiishaalom irraa maal baranna?

8 Kitaabni Qulqulluun fakkeenya akeekkachiisaa namoota waaʼee ofii isaanii hamma yaaduu qaban caalaa yaadanii ibsu qabateera. Diyooxiraaxis of gugguddisuudhaan gumicha keessatti “dura buʼaa” taʼuuf yaalee ture. (3 Yoh. 9) Uziyaan of tuulummaadhaan hojii Yihowaan akka inni hojjetu isa hin ramadne hojjechuu yaalee ture. (2 Sen. 26:16-21) Abiishaalom mootii taʼuu waan barbaadeef, haxxummaadhaan deggersa sabichaa argachuuf yaalee ture. (2 Sam. 15:2-6) Akkuma seenaawwan kun ifatti argisiisanitti, Yihowaan namoota ulfina ofii isaanii barbaadan kanatti hin gammanne. (Fak. 25:27) Oolee bulee, of tuulummaa fi iddoo guddaa barbaaduun badiisa geessisa.—Fak. 16:18.

9. Yesuus fakkeenya akkamii nuuf taʼa?

9 Fakkeenyota akeekkachiisaa kana irraa haala faallaa taʼeen, Yesuus, “bifa Waaqayyootiin kan ture taʼus, aangoo Waaqayyoo saamuuf, jechuunis Waaqayyoo wajjin qixxee taʼuuf hin yaanne.” (Filp. 2:6) Yesuus inni Yihowaatti aansee aangoo guddaa qabu waaʼee ofii isaa hamma yaaduu qabu caalaa hin yaadne. Barattoota isaatiin, “Namni guddaa jedhamu, isa hunda keessan irra akka xinnaatu godhee of yaadu dha” jedheera. (Luq. 9:48) Qajeelchitoota, tajaajiltoota gumii, jaarsolii fi ilaaltota ol aanaa aanaa fakkeenya Yesuus hordofuudhaan gad of qabanii wajjin tajaajiluun eebba guddaa dha! Tajaajiltoonni Yihowaa gad of qaban, miira jaalalaa jaarmiyaa Waaqayyoo adda baasee beeksisuuf gumaacha godhu.—Yoh. 13:35.

10. Rakkoowwan gumii keessa jiraniif furmaanni akka hin kennamne yoo sitti dhagaʼame maal gochuu qabda?

10 Haa taʼu malee, gumii keessa rakkinni tokko akka jiruu fi dhimmichaaf furmaanni akka hin kennamne yoo sitti dhagaʼame hoo? Gungumuu mannaa warra dura buutota taʼan deggeruudhaan akka gad of qabdu argisiisuu dandeessa. (Ibr. 13:17) Kana gochuuf akka si gargaaruuf akkas jedhii of gaafadhu: ‘Rakkoowwan ani arge dhuguma rakkinoota ciccimoo sirreeffamuu qabani dhaa? Kana sirreessuuf yeroo sirriin amma dhaa? Rakkoowwan kana sirreessuuf aangoo qabaa? Tokkummaan akka dagaagu haqaan yaalaan jira moo, of beeksisuuf carraaqqii gochaan jira?’

Namoonni itti gaafatamni isaanitti kenname dandeettii isaaniitiin qofa utuu hin taʼin, amala gad of qabuu isaaniitiinis beekamuu qabu (Keeyyata 11 ilaali) *

11. Akka Efesoon 4:2, 3 jedhutti, gad of qabanii Yihowaa tajaajiluun buʼaa akkamii qaba?

11 Yihowaan dandeettii caalaa gad of qabuudhaaf, buʼa qabeessa taʼuu caalaa tokkummaadhaaf iddoo guddaa kenna. Kanaafuu, gad of qabuudhaan Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeessu hunda godhi. Akkas gochuudhaan, gumii keessatti tokkummaan akka dagaagu goota. (Efesoon 4:2, 3 dubbisi.) Dammaqinaan tajaajili. Wanta gaarii isaaniif gochuudhaan karaa warra kaan tajaajiluu itti dandeessu barbaadi. Warra itti gaafatama hin qabne dabalatee, hundumaa keessummummaa simadhu. (Mat. 6:1-4; Luq. 14:12-14) Gad of qabdee gumii wajjin yommuu hojjettu, namoonni kaan dandeettii kee qofa utuu hin taʼin, amala gad of qabuu akka qabdus ni hubatu.

WEEBSAAYITII HAWAASAA YOMMUU FAYYADAMTAN AKKA GAD OF QABDAN ARGISIISAA

12. Kitaabni Qulqulluun michoota akka qabaannu nu jajjabeessaa? Ibsi.

12 Yihowaan miseensota maatii fi michoota keenyaa wajjin taʼuudhaan akka gammadnu godhee nu uume. (Far. 133:1) Yesuus michoota gaarii qaba ture. (Yoh. 15:15) Kitaabni Qulqulluun faayidaa michoota dhugaa qabaachuun qabu ni ibsa. (Fak. 17:17; 18:24) Kana malees, namoota irraa adda of baasuun gaarii akka hin taane nutti hima. (Fak. 18:1) Namoonni hedduun weebsaayitiin hawaasaa karaa michoota hedduu argachuu fi miira kophummaa hambisuuf gargaaru akka taʼe itti dhagaʼama. Taʼus, mala wal qunnamtii kana fayyadamuu ilaalchisee of eeggachuu qabna.

13. Namoonni weebsaayitii hawaasaa fayyadaman tokko tokko kophummaa fi dhiphinaaf kan saaxilaman maaliifi?

13 Namoonni wantoota weebsaayitii hawaasaa irra kaaʼaman sakattaʼuudhaan yeroo dheeraa dabarsan dhuma irratti miirri kophummaa itti dhagaʼamuu fi dhiphachuu akka dandaʼan qorannoowwan ni ibsu. Maaliif? Wanti kanaaf sababa taʼuu dandaʼu tokko suuraan namoonni yeroo baayʼee weebsaayitii hawaasaa irra kaaʼan, jireenya isaanii keessaa muraasa qofa, jechuunis suuraa filatamaa ofii isaanii, michoota isaanii fi iddoowwan gammachiisoo daawwatan argisiisan qofa dha. Namni suuraawwan kana ilaalu tokko, jireenyi isaa ykn ishii kan isaanii wajjin yommuu wal bira qabamu, gad aanaa, darbees nuffisiisaa akka taʼe yaaduu dandaʼa. Obboleettiin umuriin ishii waggaa 19 taʼe tokko, “Warri kaan dhuma torbanitti yeroo baayʼee gammachiisaa akka dabarsan, ani immoo mana keessatti yeroo nuffisiisaa akkan dabarse yommuun ilaalu, gammachuu dhabuun jalqaba” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti.

14. Gorsi 1 Pheexiros 3:8 irra jiru weebsaayitii hawaasaa fayyadamuu irratti akkamitti nu gargaara?

14 Dhugaa dha, weebsaayitiin hawaasaa kaayyoo gaariidhaaf tajaajiluu dandaʼa; fakkeenyaaf, maatii fi michootaa keenyaa wajjin akka wal qunnamnu nu gargaara. Haa taʼu malee, namoonni wantoota tokko tokko weebsaayitii hawaasaa irra kan kaaʼan dinqisiifatamuuf jedhanii akka taʼe hubatteettaa? Ergaan isaan dabarsuu barbaadan “Mee na ilaali” kan jedhu fakkaata. Tokko tokko suuraa isaanii ykn kan warra kaanii ilaalchisee dubbii arrabsoo fi qaanessaa taʼe illee ni barreessu. Kun immoo gad of qabuu fi miira warra kaaniitiif yaaduu Kiristiyaanonni akka horatan jajjabeeffamanii wajjin wal faallessa.—1 Pheexiros 3:8 dubbisi.

Wanta tokko intarneetii irratti yoo baaste, wanti sun akka ati of jajju argisiisa moo akka gad of qabdu argisiisa? (Keeyyata 15 ilaali)

15. Kitaabni Qulqulluun of guguddisuu irraa akka fagaannu akkamitti nu gargaaruu dandaʼa?

15 Weebsaayitii hawaasaa kan fayyadamtu yoo taʼe akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yaanni ani barreessu, suuraan ykn viidiyoon ani kaaʼu warri kaan akkan of jajutti akka yaadan godhaa? Warri kaan akka hinaafan gochaan jira?’ Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Wanti addunyaa keessa jiru hundi, jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa fi qabeenya ofii argisiifachuun Abbaa irraa utuu hin taʼin addunyaa irraa madda.” (1 Yoh. 2:16) Maxxansi Kitaaba Qulqulluu kan biraa tokko yaada, “qabeenya ofii argisiifachuu” jedhu, “iddoo guddaa argachuu kan barbaadan fakkaatanii mulʼachuu” jedhee hiikeera. Kiristiyaanonni warra kaan irra akka caalan isaanitti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, gorsa Kitaaba Qulqulluun isa, “Egaa wal morkii kakaasuu fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu” jedhu hordofu. (Gal. 5:26) Gad of qabuun, of guguddisuu isa hafuura addunyaa taʼeen akka hin qabamne nu gargaara.

‘SAMMUU FAYYAA AKKA QABDAN KARAA ARGISIISUUN YAADAA’

16. Of tuuluu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

16 Namoonni of tuulan “sammuu fayyaa” waan hin qabneef, amala gad of qabuu horachuu qabna. (Rom. 12:3) Namoonni of tuulan falmuu fi iddoo guddaa argachuu jaallatu. Yaadnii fi gochi isaanii yeroo baayʼee ofii isaanis taʼe warra kaan akka miidhan taasisa. Ilaalcha isaanii jijjiiruu baannaan, Seexanni sammuu isaanii jaamsuu fi mancaasuu dandaʼa. (2 Qor. 4:4; 11:3) Faallaa kanaatiin immoo, namni gad of qabu tokko sammuu fayyaa qaba. Ofii isaatiif ilaalcha madaalamaa waan qabuuf, warri kaan karaa hedduudhaan akka isa caalan ni hubata. (Filp. 2:3) Akkasumas ‘Waaqayyo warra of tuulan akka mormuu fi warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa akka kennu’ beeka. (1 Phe. 5:5) Namoonni sammuu fayyaa qaban Yihowaan akka isaan mormu hin barbaadan.

17. Kan gad of qabnu taanee itti fufuuf maal gochuu qabna?

17 Amala gad of qabuu qabaannee itti fufuuf, gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Namummaa moofaa gochawwan isaa hundumaa wajjin of irraa baasaa gataa; akkasumas namummaa haaraa . . . uffadhaa” jedhu hojii irra oolchuu qabna. Kun carraaqqii guddaa gochuu gaafata. Fakkeenya Yesuus qoʼachuu fi hamma nuuf dandaʼame dhiheenyatti hordofuuf carraaquu qabna. (Qol. 3:9, 10; 1 Phe. 2:21) Taʼus, kana gochuun faayidaa guddaa nuuf argamsiisa. Amala gad of qabuu yommuu horannu, jireenyi maatii keenya ni fooyyaʼa, gumii keessatti tokkummaan akka dagaagu goona, akkasumas weebsaayitii hawaasaa karaa dogoggoraatiin fayyadamuu irraa akkamitti akka fagaannu ni hubanna. Hunda caalaa immoo eebbaa fi surraa Yihowaa arganna.

FAARFANNAA 117 Gaarummaa

^ key. 5 Yeroo harʼaa addunyaa namoota of tuuloo fi ofittoo taʼaniin guutame keessa jiraanna. Ilaalchi isaanii kun akka nutti hin darbine of eeggachuu qabna. Mata dureen kun kallattiiwwan waaʼee ofii keenyaa hamma yaaduu qabnu caalaa darbinee yaaduu itti hin qabne sadii ibsa.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Namni of tuulu tokko waaʼee warra kaanii caalaa waaʼee ofii isaa garmalee yaada. Kanaaf, namni of tuulu tokko ofittoo dha. Gama biraatiin gad of qabuun namni tokko ofittoo akka hin taane isa gargaara. Gad of qabuu jechuun, of tuulummaa ykn koora irraa bilisa taʼuu fi hunda caalaa barbaachisaa akka taʼanitti yaaduu dhiisuu jechuu dha.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Jaarsi walgaʼii naannoo irratti haasaa kennuu fi obboloota kaaniif qajeelfama kennuu irratti dandeettii qabu tokko, tajaajila irratti hirmaachuu fi Galma Walgaʼii qulqulleessuu irrattis dursa akka fudhatu mirga argate dinqisiifachuu qaba.