Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yesuus Luba Ol Aanaa kan taʼe yoomi? Yeroo kakuu haaraan itti raggaasifamee fi hojii irra oole gidduu hoo garaa garummaan jiraa?

Ragaan akka argisiisutti, Yesuus Luba Ol Aanaa kan taʼe Dh.K.B. bara 29 yeroo cuuphametti dha. Kana akkamitti beekna? Yesuus yeroo cuuphametti, iddoo aarsaa isa fakkeenyaan ibsame irratti lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheessuuf “fedhii” akka qabu argisiiseera. (Gal. 1:4; Ibr. 10:5-10) Iddoon aarsaa kutaa mana qulqullummaa keessatti iddoo guddaa kan qabu waan tureef, manni qulqullummaa hafuuraa kan jalqabes yeroo Yesuus cuuphametti taʼuu hin oolu. Manni qulqullummaa hafuuraa Yihowaa inni guddaan, wantoota aarsaa Yesuus irratti hundaaʼuudhaan karaa sirrii taʼeen akka isa waaqeffachuu dandeenyuuf godhaman hunda kan argisiisu dha.—Mat. 3:16, 17; Ibr. 5:4-6.

Manni qulqullummaan hafuuraa inni guddaan luba ol aanaa qabaachuun isa barbaachisa ture. Gaʼee kana raawwachuuf, Yesuus “hafuura qulqulluu fi humnaan” dibameera. (HoE. 10:37, 38; Mar. 1:9-11) Haa taʼu malee, Yesuus duʼuu isaa fi duʼaa kaʼuu isaa dura Luba Ol Aanaa taʼee muudamuu isaa akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Fakkeenya Aaronii fi namoota isa booda Seera Musee jalatti luboota ol aanaa taʼanii tajaajilan yommuu qorrutti sababii quubsaa taʼe arganna.

Akka seerichi ajajutti Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqullaaʼaa jalqaba godoo qulqullaaʼaa keessa, booda immoo Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqullaaʼaa mana qulqullummaa keessa ture seenuu kan dandaʼu luba ol aanaa qofa dha. Iddoon Hundumaa Caalaa Qulqullaaʼaa taʼe kun Iddoo Qulqullaaʼaa irraa adda kan baafame golgaadhaan ture. Lubni ol aanaan golgaa sana bira darbee kan seenu Guyyaa Araaraatti qofa dha. (Ibr. 9:1-3, 6, 7) Akkuma Aaronii fi namoonni isa booda kallattiidhaan godoo qulqullaaʼaa “golgaa keessa” seenuu isaanii dura luboota ol aanaa taʼanii muudaman, Yesuusis duʼee “golgaa keessaan, jechuunis karaa foon isaa” gara jireenya samiitti seenuu isaa dura Luba Ol Aanaa mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa taʼee muudamuu qaba. (Ibr. 10:20) Kanaan kan kaʼes, Phaawulos ergamaan Yesuus “luba ol aanaa taʼee” akka dhufuu fi “dunkaana isa guddaa fi hunda caalutti, isa harkaan hin hojjetamne” keessa darbee “gara samiitti” akka seenu dubbateera.—Ibr. 9:11, 24.

Yeroo kakuu haaraan itti raggaasifamee fi hojii irra oole gidduu garaa garummaan hin jiru. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus gara samiitti ol baʼuudhaan jireenya isaa isa mudaa hin qabne nuuf jedhee yommuu dhiheessu, tarkaanfiiwwan kakuun inni haaraa akka raggaasifamu ykn fudhatama akka argatu taasisan sadii keessaa isa jalqabaa fudhateera. Kakuunis haaluma kanaan hojii irra oola ture. Tarkaanfiiwwan kunneen kamfaʼi?

Tokkoffaa, Yesuus Yihowaa duratti dhihaata; lammaffaa, Yesuus gatii aarsaa isaa Yihowaa duratti dhiheessa; achiis sadaffaa, Yihowaan gatii dhiiga Yesuus isa dhangalaʼe fudhata. Hamma tarkaanfiiwwan kunneen fudhatamanitti kakuu haaraan hojii irra hin oolu.

Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan gatii aarsaa Yesuus yoom akka fudhate kallattiidhaan hin dubbatu. Kanaan kan kaʼes, yeroo kakuu haaraan itti raggaasifamee fi yeroo hojii irra oole kana jennee dubbachuu hin dandeenyu. Taʼus, Yesuus ayyaana Phenxeqostee guyyaa kudhan dura gara samiitti akka ol baʼe beekna. (HoE. 1:3) Yeroo gabaabaa sana gidduutti yeroo taʼe tokkotti gatii aarsaa isaa Yihowaa Isa isa harkaa fudhatetti dhiheesseera. (Ibr. 9:12) Dhugaan kunis guyyaa Phenxeqosteetti karaa ifatti mulʼatuun mirkaneeffameera. (HoE. 2:1-4, 32, 33) Yeroo kanatti kakuun inni haaraas hundeeffamee hojjechuu akka jalqabe ifa dha.

Gabaabaadhumatti, kakuu inni haaraan kan raggaasifamee fi kan hojii irra oole Yihowaan erga gatii dhiiga Yesuus isa dhangalaʼe fudhatee booda dha. Kakuun sun Yesuus isa Luba Ol Aanaa taʼee fi isa Gidduu Galeessa isaa taʼee tajaajiluun hojii isaa jalqabeera.—Ibr. 7:25; 8:1-3, 6; 9:13-15.