Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 31

“Magaalaa Hundee Dhugaa Qabu” Eeggachaa Jirtaa?

“Magaalaa Hundee Dhugaa Qabu” Eeggachaa Jirtaa?

“Inni magaalaa hundee dhugaa qabu, isa Waaqayyo pilaanii isaa qopheessee fi ijaare sana eeggata ture.”—IBR. 11:10.

FAARFANNAA 22 Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe Haa Dhufu!

QABIYYEE *

1. Namoonni hedduun wantoota akkamii aarsaa godhaniiru? Aarsaa kana kan kaffalan hoo maaliifi?

YEROO HARʼAA sabni Waaqayyoo miliyoonaan lakkaaʼaman aarsaa kaffalaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni hedduun qeentee taʼanii jiraachuuf filataniiru. Warri gaaʼela godhatanis ijoollee godhachuu dhiisuuf murteessaniiru. Maatiiwwan tokko tokkos jireenya isaanii salphaa godhaniiru. Hundi isaanii murtoo kana kan godhan sababii barbaachisaa tokkoof, jechuunis hamma dandaʼan Yihowaa tajaajiluuf jedhanii ti. Wanta qabanitti gammadanii jiraatu, Yihowaan wanta dhugumaan isaan barbaachisu hunda akka isaaniif kennus amanannaa qabu. Maarree abdii kutachuu dandaʼu laata? Lakki! Akka isaan abdii hin kutanne maaliif mirkanaaʼoo taana? Sababiin isaas, Yihowaan Abrahaam isa, ‘namoota amantii qaban hundaaf abbaa taʼe’ eebbiseera.—Rom. 4:11.

2. (a) Akka Ibroonni 11:8-10, 16, jedhutti Abrahaam Uriin dhiisee deemuuf fedhii kan qabaate maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Abrahaam jireenya mijataa Ur keessatti jiraachuu dandaʼu fedhiidhaan dhiisee baʼeera. Maaliif? “Magaalaa hundee dhugaa qabu” eeggachaa waan tureefi. (Ibroota 11:8-10, 16 dubbisi.) ‘Magaalaan’ kun maali dha? Abrahaam magaalaa gara fuulduraatti ijaaramu kana yommuu eeggachaa turetti haalli rakkisaa akkamii isa mudateera? Abrahaamii fi namoota yeroo harʼaatti fakkeenya isaa hordofan fakkaachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

‘MAGAALAAN HUNDEE DHUGAA QABU’ MAALI DHA?

3. Magaalaan Abrahaam eeggachaa ture maali dha?

3 Magaalaan Abrahaam eeggachaa ture Mootummaa Waaqayyoo ti. Mootummaan kun Yesuus Kiristoosii fi Kiristiyaanota dibamoo 144,000 taʼaniin kan hundaaʼe dha. Phaawulos Mootummaa kana “magaalaa Waaqayyo jiraataa, jechuunis Yerusaalem ishii samii” jedhee waameera. (Ibr. 12:22; Mul. 5:8-10; 14:1) Yesuus barattoonni isaa, akkuma fedhiin Waaqayyoo samii irratti raawwatame, lafa irrattis akka raawwatamuuf, Mootummaan kun akka dhufu akka kadhatan barsiiseera.—Mat. 6:10.

4. Akka Uumamni 17:1, 2, 6 jedhutti Abrahaam waaʼee magaalattii ykn Mootummaa Waaqayyo abdachiise sanaa hangam beeka ture?

4 Abrahaam Mootummaan Waaqayyoo akkamitti akka gurmaaʼu balʼinaan beeka turee? Lakki. Jaarraawwan hedduudhaaf odeeffannoon kun “iccitii qulqulluu” taʼee tureera. (Efe. 1:8-10; Qol. 1:26, 27) Taʼus, Abrahaam sanyii isaa keessaa tokko tokko mootota akka taʼan beekee ture. Yihowaan kana ilaalchisee waadaa isaaf galeera. (Uumama 17:1, 2, 6 Dubbisi.) Abrahaam waadaa Waaqayyo gale irratti amantii cimaa waan qabuuf, Isa Dibame ykn Masiihicha, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu akkuma waan argeetti ilaalee ture. Kanaan kan kaʼes, Yesuus Yihudoota bara isaatti turaniin, “Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera” jedheera. (Yoh. 8:56) Ifatti hubachuun akka dandaʼamu, Abrahaam sanyiiwwan isaa Mootummaa deggersa Yihowaa qabu akka hundeessan beekee ture, akkasumas hamma Yihowaan waadaa kana raawwatutti eeguuf fedhii qaba ture.

Abrahaam waadaa Yihowaan gale irratti amantii akka qabu kan argisiise akkamitti? (Keeyyata 5 ilaali)

5. Abrahaam magaalaa Waaqayyo pilaanii isaa qopheesse eeggachaa akka ture akkamitti beekna?

5 Abrahaam magaalaa ykn mootummaa Waaqayyo pilaanii isaa baase eeggachaa akka ture kan argisiise akkamitti? Tokkoffaa, Abrahaam lammii mootummaa lafa irraa kam iyyuu hin taane. Iddoo tokko qofa jiraachuu mannaa bakka tokkoo gara bakka biraatti deemaa jiraateera, akkasumas mootii kam iyyuu hin deggerre. Dabalataanis Abrahaam mootummaa mataa isa hundeessuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, Yihowaadhaaf ajajameera; hamma inni waadaa gale raawwatuttis eegeera. Abrahaam akkas gochuudhaan Yihowaa irratti amantii guddaa akka qabu argisiiseera. Mee haala rakkisaa isa mudatee ture tokko tokko haa qorru, akkasumas fakkeenya isaa irraa maal akka barannu haa ilaallu.

ABRAHAAM HAALLI RAKKISAAN AKKAMII ISA MUDATEERA?

6. Ur magaalaa akkamii turte?

6 Abrahaam dhiisee kan baʼe magaalaa eegumsa qabdu, kan namoonni baratanii fi sooreyyii taʼan keessa jiraatan akkasumas jireenyaaf mijooftuu taate ture. Magaalattiin dallaa cimaa kan qabduu fi kallattii sadiin boʼoo gugguddaa bishaaniin guutameen kan marfamte turte. Namoonni Ur barreessuu fi herregaa irratti dandeettii guddaa qabu turan. Barreeffamoonni daldalaa hedduun bakka kanaa waan argamaniif, magaalaan kun giddu gala daldalaa taʼuu hin ooltu. Manneen dhuunfaa suphee irraa kan hojjetaman siʼa taʼu, girgiddaan isaanii kan lassanamanii fi nooraa kan dibaman turan. Manneen kana keessaa tokko tokko kutaa 13 ykn 14 kan qaban siʼa taʼu, mooraan isaanii dhaagaadhaan kan afame turan.

7. Abrahaam Yihowaan isaafis taʼe, maatii isaatiif eegumsa akka godhu kan amanate maaliif ture?

7 Abrahaam Yihowaan isaafis taʼe maatii isaatiif eegumsa akka godhu amanannaa qaba ture. Maaliif? Abrahaamii fi Saaraan dirree Kanaʼaan keessa jiraachuuf jedhanii, mana isaanii isa magaalaa Uritti argamuu fi eegumsaa fi haala mijataa qabu dhiisanii akka baʼaan yaadadhu. Maatiin isaaniis taʼe isaan dallaawwan ciccimoo fi boʼoowwan bishaanii gugguddaadhaan eegumsa argachuu hin dandaʼan. Kanaa mannaa, amma haleellaa diinotaatiif saaxilamanii jiru.

8. Abrahaam yeroo tokko maal dandamachuun isa barbaachisee ture?

8 Abrahaam fedha Waaqayyoo raawwachaa kan ture taʼus, yeroo tokko maatii isaa sooruun isatti ulfaatee ture. Beela cimaa biyya Yihowaan akka keessa jiraatu itti isa erge irra gaʼe dandamachuun isa barbaachisee ture. Beelli sun baayʼee hamaa waan tureef, Abrahaam yeroo muraasaaf maatii isaa fudhatee Gibxiitti galuuf murteesse. Taʼus, utuu inni Gibxiin jiruu Faraʼoon bulchaan biyyichaa haadha manaa isaa irraa fudhate. Hamma Yihowaan, Saaraa akka isaaf deebisu Faraʼooniin amansiisutti dhiphina Abrahaamitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu mee yaadi.—Uma. 12:10-19.

9. Abrahaam maatii isaa keessatti rakkinni akkamii isa mudatee ture?

9 Maatii Abrahaam keessa rakkinni cimaan jira ture. Saaraan haati manaa isaa ishiin jaallatamtuun dhala hin qabdu turte. Kanaafuu, waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif gaddanii turan. Yeroo booda, Saaraan tajaajiltuun ishii Aggaar Abrahaamii fi ishiidhaaf ijoollee akka deessuuf, Abrahaamiif kennite. Taʼus, Aggaar yommuu Ishmaaʼeliin ulfooftu Saaraa tuffachuu jalqabde. Haalli kun baayʼee ulfaataa waan taʼeef, Saaraan Aggaariin manaa ariite.—Uma. 16:1-6.

10. Ishmaaʼelii fi Yisihaaqiin ilaalchisee amanannaa Abrahaam Yihowaa irratti qabu wanti qore maal ture?

10 Yeroo booda Saaraan ulfooftee ilma inni Yisihaaq jedhee moggaase Abrahaamiif deesse. Abrahaam ilmaan isaa lamaanuu Ishmaaʼelii fi Yisihaaqiin ni jaallata ture. Taʼus, Ishmaaʼel Yisihaaq irratti wanta dogoggoraa waan raawwateef, Abrahaam Ishmaaʼelii fi Haggaariin manaa baasuuf dirqame. (Uma. 21:9-14) Yeroo booda Yihowaan, Abrahaam Yisihaaqiin aarsaa godhee akka isaaf dhiheessu gaafate. (Uma. 22:1, 2; Ibr. 11:17-19) Yeroo lamaanitti iyyuu, Abrahaam ilmaan isaa lamaaniif yeroo booda Yihowaan wanta gaarii akka godhu isatti amanamuu qaba ture.

11. Abrahaam Yihowaa obsaan eeggachuun kan isa barbaachise maaliif ture?

11 Yeroo kana hundatti Abrahaam Yihowaa obsaan eeggachuu barachuu qaba ture. Yeroo innii fi maatiin isaa Uriin dhiisanii baʼan umuriin isaa 70 ol taʼuu hin oolu. (Uma. 11:31–12:4) Gara waggaa dhibbaatiif immoo biyyaa Kanaʼaan keessa asii fi achi deemaa dunkaana keessa jiraate. Abrahaam umurii isaa waggaa 175⁠tti duʼe. (Uma. 25:7) Taʼus, waadaa Yihowaan biyya inni keessa adeemaa ture sanyii isaatiif kennuuf gale yommuu raawwatamu hin argine. Kana malees, magaalichi, jechuunis Mootummaan Waaqayyoo yommuu hundeeffamu hin argine. Taʼus, Abrahaam ‘bara quufee akka duʼe’ ibsameera. (Uma. 25:8) Rakkoowwan kun hundi kan isa irra gaʼan taʼus, Abrahaam amantii cimaa qabaatee jiraateera akkasumas gammachuudhaan Yihowaa eeggateera. Kana hundumaa dandaʼee kan jiraate maaliif? Guutummaa jireenya isaa hundatti Yihowaan eegumsa waan isaaf godhee fi akka michuu isaatti waan isa kunuunseef ture.—Uma. 15:1; Isa. 41:8; Yaq. 2:22, 23.

Akkuma Abrahaamii fi Saaraa tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran amantii fi obsa kan argisiisan akkamitti? (Keeyyata 12 ilaali) *

12. Maal eeggachaa jirra? Kanatti aansee hoo maal qorra?

12 Nutis akkuma Abrahaam magaalaa hundee dhugaa qabdu eeggachaa jirra. Taʼus, magaalicha gara fuulduratti yommuu ijaaramu arguuf miti. Mootummaan Waaqayyoo bara 1914⁠tti kan hundeeffame siʼa taʼu, samii guutummaatti toʼateera. (Mul. 12:7-10) Haa taʼu malee, yommuu inni guutummaatti lafa toʼatu eeggachaa jirra. Kun yommuu raawwatamu arguuf eeggachaa yommuu jirru kanatti, haalawwan hedduu Abrahaamii fi Saaraa mudatanii turanii wajjin wal fakkaatan dandamachuun nu barbaachisa. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran fakkeenya Abrahaam hordofuu dandaʼaniiruu? Seenaawwan jireenyaa Masaraa Eegumsaa irratti baʼan namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun akkuma Abrahaamii fi Saaraa amantii fi obsa akka qaban argisiisu. Mee seenaawwan kana keessaa muraasa haa qorru, akkasumas isaan irraa maal akka barannu haa ilaallu.

FAKKEENYA ABRAHAAM HORDOFUU

Biil Waalden aarsaa kaffaluuf fedhii kan qabu siʼa taʼu eebba Yihowaas argateera

13. Muuxannoo obboleessa Waalden irraa maal barattan?

13 Aarsaa kaffaluuf fedhii qabaadhaa. Magaalaa Waaqayyoo, jechuunis Mootummichaaf, jireenya keenya keessatti dursa kan kenninu yoo taʼe, fakkeenya Abrahaam isa Waaqayyoon gammachiisuuf aarsaa kaffale sanaa hordofuu qabna. (Mat. 6:33; Mar. 10:28-30) Fakkeenya obboleessa Biil Waaldeen hubadhaa. * Bara 1942 yommuu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu jalqabetti, Yunivarsiitii Yuunaayitid Isteetis tokko irraa arkiteekcharaal injinariingiitiin digiriidhaan eebbifamuu jala gaʼee ture. Piroofeesarri Biil yommuu inni eebbifamu hojii akka argatu qophii isaaf godhee kan ture taʼus, inni garuu kana fudhachuu dideera. Biil hojii qarshii hedduu isaaf argamsiisu fudhachuu kan dide Waaqayyoon guutummaatti tajaajiluuf jedhee akka taʼe ibseera. Achiis utuma hin turin Biil loltuu taʼee akka tajaajilu ajajame. Innis tole akka hin jenne kabajaan isaaniif ibse, kanaafuu, doolaara Ameerikaa 10,000 akka kaffaluu fi waggaa shan akka hidhamu itti murteeffame. Taʼus, waggaa sadii booda gadhiifame. Booda mana barumsaa Giilʼaad akka hirmaatu kan afeerame siʼa taʼu, Afriikaatti misiyoonii taʼee tajaajileera. Biil Eevaa wajjin gaaʼela kan godhate siʼa taʼu, waliin taʼanii Afriikaa keessatti tajaajilaniiru, kun immoo aarsaa kaffaluu isaan gaafateera. Boodas haadha Biil kunuunsuuf gara Yunaayitid Isteetisitti deebiʼan. Biil waaʼee guutummaa jireenya isaa akka kanatti ibseera: “Yihowaan waggoota 70 oliif tajaajila isaa keessatti akka natti fayyadamu mirga dinqisiisaa argachuu koo yommuun yaadu imimmaan ija koo guuta. Tajaajila isaa hojii koo godhachuu akkan dandaʼu waan na qajeelcheef yeroo baayʼeen isa galateeffadha.” Atoo tajaajila yeroo guutuu hojii kee godhachuu ni dandeessaa?

Eleniinii fi Aristootaliis Appoostooliidis Yihowaan akka isaan jabeesse isaanitti dhagaʼameera

14-15. Muuxannoo obboleessa Aristootaliisii fi haadha manaa isaa irraa maal baranna?

14 Jireenyi keessan rakkina irraa bilisa akka taʼu hin eeginaa. Fakkeenya Abrahaam irraa warri jireenya isaanii guutuu Yihowaa tajaajiluuf murteessan illee, rakkinni akka isaan mudatu baranna. (Yaq. 1:2; 1 Phe. 5:9) Kun dhugaa taʼuun isaa muuxannoo Aristootaliis Appoostooliidis irratti akkamitti akka mulʼate ilaalaa. * Bara 1946 Giriikiitti kan cuuphame Siʼa taʼu, bara 1952 obboleettii Elenii jedhamtuu fi galma kan isaa wajjin wal fakkaatu qabdu kaadhimate. Taʼus, Eleniin kan dhukkubsatte siʼa taʼu, xannacha sammuu akka qabdu beekame. Xannachi kun kan baafame taʼus, erga wal fuudhanii waggoota muraasa booda itti deebiʼe. Doktaroonni ammas yaalii baqaqsanii hodhuu ishiidhaaf kan godhan taʼus, Eleniin qaamni ishii gar tokko ni hadoode, akkasumas sirriitti dubbachuu dadhabde. Ishiin kan dhukkubsattuu fi yeroo sanatti mootummaan ariʼatama geessisaa kan ture taʼus, hinaaffaadhaan tajaajiluu ishii itti fufteetti.

15 Aristootaliis waggaa 30 oliif haadha manaa isaa kunuunseera. Yeroo kanatti jaarsa gumii kan ture siʼa taʼu, miseensa koree galma walgaʼii gurguddaa taʼee hojjeteera, Galma Walgaʼii Guddaa tokkos ijaaruu irratti gargaarsa godheera. Achiis bara 1987 Eleniin utuu lallabaa jirtuu balaa cimaan ishii irra gaʼe. Waggaa sadiif of wallaaltee kan turte siʼa taʼu, achiis ni duute. Aristootaliis walumaa galatti muuxannoo isaa akka itti aanutti ibseera: “Waggoota hedduudhaaf rakkoowwan baayʼeen na irra gaʼaniiru, isaan keessaa tokko tokko tasa kan gaʼanii fi kan hin eegamne turan. Kanaafuu jabaadhee dhaabachuu fi wanti tokko illee abdii akka na hin kutachiisne murtoo gochuun na barbaachisee ture. Taʼus, rakkoowwan kana akkan moʼuuf Yihowaan yeroo hunda jabina naaf kenneera.” (Far. 94:18, 19) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra utuma rakkinni isaan irra gaʼuu wanta dandaʼan hunda isaaf godhan baayʼee jaallata!

Odirii Haayidiin ilaalcha sirrii qabaachuu ishii itti fufuudhaan gara fuulduraa irratti xiyyeeffatteetti

16. Obboleessi Noor haadha manaa isaatiif gorsa gaarii akkamii kenne?

16 Wanta fuulduraatti taʼu irratti xiyyeeffadhaa. Abrahaam badhaasa Yihowaan isaaf kennu irratti xiyyeeffachuun isaa haala rakkisaa isa mudate moʼuuf isa gargaareera. Obboleettiin Odirii Haayidi abbaan manaa ishii inni jalqabaa Naataan Noor kaansariidhaan kan duʼee fi abbaan manaa ishii inni lammaffaan Gileen Haayidiin dhukkuba Alzaayimeeriitiin kan qabame taʼus, ilaalcha sirrii akkasii qabaachuuf yaalii gooteetti. * Yaadni obboleessi Naataan Noor duʼuu isaa torban muraasa dura dubbate akka ishii gargaare dubbatteetti. Akkas jetteetti: “Naataan, ‘duʼa booda abdiin keenya mirkanaaʼaa waan taʼeef, matumaa lammata dhiphachuun nu hin barbaachisu,’ jechuudhaan na yaadachiisee ture. Achiis, ‘Badhaasni kee achi waan jiruuf, waaʼee gara fuulduraa yaadi’ jedhee na gorse. . . . Itti dabalees, ‘jireenyi kee warra kaaniif waa gochuu irratti akka xiyyeeffatu godhi. Kunis gammachuu akka argattu si gargaara’ naan jedhe.” Warra kaaniif wanta gaarii gochuu irratti xiyyeeffachuu fi ‘abdichatti gammaduuf’ kun nuufis gorsa baayʼee gaarii taʼe dha!—Rom. 12:12.

17. (a) Yeroo gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuuf sababii gaarii qabna kan jennu maaliif? (b) Fakkeenya Miikiyaas 7:7 irratti ibsame hordofuun eebba gara fuulduraa argachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

17 Yeroo harʼaa, yeroo kam iyyuu caalaa gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuuf sababa gaʼaa qabna. Haalawwan addunyaa, kutaa xumuraa guyyoota dhumaa sirna kanaa keessa akka jirru ifatti argisiisu. Yeroo dhihoo booda, magaalaan ishiin hundee dhugaa qabdu guutummaatti lafa akka toʼattu eeguun nu hin barbaachisu. Eebbawwan hedduu argannu keessaa inni tokko namoonni jaallannu yommuu duʼaa kaʼan arguu dha. Yeroo sanatti Yihowaan Abrahaamii fi maatii isaa gara jireenyaatti deebisuudhaan, amantii fi obsa inni argisiiseef isa badhaasa. Atoo isaan simachuuf achitti ni argamtaa? Akka Abrahaam Mootummaa Waaqayyootiif aarsaa gochuuf fedhii yoo qabaatte, utuma rakkinni si irra gaʼuu amantii kee yoo eeggattee fi obsaan Yihowaa eeggachuu yoo baratte achitti argamuu ni dandeessa.—Miikiyaas 7:7 dubbisi.

FAARFANNAA 74 Faarfannaa Mootummichaa faarfadhaa!

^ key. 5 Raawwii waadaa Waaqayyo nuuf gale eeguun obsa keenya, darbees amantii keenya qoruu dandaʼa. Murtoo waadaa Yihowaan nuuf gale obsaan eeguuf goone cimsachuu ilaalchisee Abrahaam irraa maal baranna? Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran tokko tokko hoo fakkeenya gaarii akkamii nuuf taʼu?

^ key. 13 Seenaan jireenyaa obboleessa Waalden Masaraa Eegumsaa Muddee 1, 2013 fuula 8-10 irratti argama. (Amaariffa)

^ key. 14 Seenaa jireenyaa obboleessa Appoostooliidis Masaraa Eegumsaa Guraandhala 1, 2002 ful. 24-28 irraa ilaali. (Amaariffa)

^ key. 16 Seenaan jireenyaa obboleettii Haayidiin Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2004 ful. 23-29 irraa ilaali. (Amaariffa)

^ key. 56 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa maanguddoota taʼan haalli rakkisaan isaan mudatus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. Abdii Yihowaan isaaniif kenne irratti xiyyeeffachuudhaan amantiin isaanii cimaa taʼe akka itti fufu godhaaniiru.