Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 32

Gad Of Qabuu fi Humna Kee Beekuudhaan Waaqa Kee Wajjin Deddeebiʼi

Gad Of Qabuu fi Humna Kee Beekuudhaan Waaqa Kee Wajjin Deddeebiʼi

‘Gad of deebisuudhaan Waaqa kee wajjin deddeebiʼi.’—MIk. 6:8.

FAARFANNAA 31 Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi

QABIYYEE *

1. Amala gad of qabuu Yihowaa ilaalchisee Daawit maal jedhe?

YIHOWAAN dhuguma gad of qaba jechuu ni dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya. Daawit yeroo taʼe tokkotti, “Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, anatti gad dhi’aachuun [“gad of qabuun,” NW] kees na guddise” jechuudhaan dubbateera. (2 Sam. 22:36; Far. 18:35) Tarii Daawit guyyaa Saamuʼel raajichi mootii Israaʼel gara fuulduraa dibuuf gara mana abbaa isaa dhufee ture yaadee taʼuu dandaʼa. Daawiti ilmaan saddeet keessaa isa xinnaa kan ture taʼus, Saaʼol Mooticha akka bakka buʼu Yihowaan kan filate isa ture.—1 Sam. 16:1, 10-13.

2. Mata duree kana keessatti maal qorra?

2 Daawit miira faarfataan tokko Yihowaa ilaalchisee, “gara bantiiwwan waaqaatti, gara lafaattis gad fageessee [“gad jedhee,” NW] in ilaala. Isa gad-deebiʼaa awwaara keessaa ol in kaasa, isa dhabaa ol in fuudha, warra gurguddootaa wajjin, akka taaʼu ni godha” jechuudhaan ibsee wajjin akka walii galu ifa dha. (Far. 113:6-8) Mata duree kana keessatti, jalqaba, yeroo Yihowaan gad of qabuu itti argisiise qoruudhaan, waaʼee amala kanaa barumsawwan barbaachisoo tokko tokko baranna. Sana booda, Saaʼol Mooticha, Daaniʼel raajichaa fi Yesuus irraa waaʼee humna ofii beekuu maal barachuu akka dandeenyu qorra.

FAKKEENYA YIHOWAA IRRAA MAAL BARANNA?

3. Yihowaan kan nu qabu akkamitti? Kunoo maal mirkaneessa?

3 Yihowaan akkaataa waaqeffattoota isaa mudaa qaban itti qabuun akka gad of qabu argisiiseera. Inni waaqeffannaa isaaf dhiheessinu fudhachuu qofa utuu hin taʼin, akka michoota isaatti nu ilaala. (Far. 25:14, NW) Isaa wajjin michuu taʼuu akka dandeenyuuf, Yihowaan Ilmi isaa cubbuu keenyaaf aarsaa akka taʼu nuuf kennuudhaan dursa fudhateera. Eeyyee, araaraa fi gara laafina guddaa nutti argisiiseera!

4. Yihowaan maal nuuf kenneera? Maaliif?

4 Karaa Yihowaan amala gad of qabuu itti argisiise kan biraas haa ilaallu. Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, dandeettii akkaataa jireenyaa keenya filachuu utuu nuuf hin keniin nu uumuu ni dandaʼa ture. Taʼus akkas hin goone. Akka bifa isaatti nu uume akkasumas mirga filannaa nuuf kenne. Nuti waan isa jaallannuu fi faayidaa isaaf ajajamuun qabu waan hubannuuf, namoota iddoo guddaa hin qabne yoo taane illee, garaadhaa kakaanee akka isa tajaajillu barbaada. (Kes. 10:12; Isa. 48:17, 18) Yihowaan gama kanaan akka gad of qabu waan argisiiseef baayʼee isa galateeffanna!

Fakkii Yesuusiin samii irratti argisiisu. Warri isaa wajjin bulchan tokko tokko isa bira jiru. Waliin taʼanii maleekota hedduu ilaalaa jiru. Maleekonni tokko tokko hojii isaanii raawwachuuf gara lafaa dhaqaa jiru. Yihowaan warra fakkii kana irratti mulʼatan hundaaf aangoo kenneera (keeyyata 5 ilaali)

5. Yihowaan gad of qaboo akka taanu akkamitti nu barsiisa? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

5 Yihowaan akkaataa itti nu qabuun akka gad of qabnu nu barsiisa. Yihowaan uumama cufa keessatti Qaama hunda caalaa ogeessa taʼe dha. Taʼus, yaada warri kaan dhiheessan fudhachuuf fedhii qaba. Fakkeenyaaf, Yihowaan Ilmi isaa wantoota hundumaa uumuu irratti akka isa gargaaru isaaf heyyameera. (Fak. 8:27-30; Qol. 1:15, 16) Akkasumas Yihowaan hundumaa kan dandaʼu taʼus, warra kaaniif hamma tokko aangoo kenneera. Fakkeenyaaf, Yesuus Mootii Mootummichaa akka taʼu isa muudeera; namoota 144,000 warra Yesuus wajjin bulchaniifis hamma tokko aangoo ni kenna. (Luq. 12:32) Dhugaa dha, Yihowaan Yesuus Mootii fi Luba Ol Aanaa akka taʼu isa leenjiseera. (Ibr. 5:8, 9) Warra Yesuusii wajjin bulchanis hojii isaanii akka raawwatan ni leenjisa, taʼus, hojii kana erga isaaniif kennee booda, waan hundumaa jala deemee hin toʼatu. Kanaa mannaa, fedhii isaa akka raawwatan isaan ni amana.—Mul. 5:10.

Warra kaan leenjisuu fi hojii isaaniif kennuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofna (Keeyyata 6-7 ilaali) *

6-7. Warra kaaniif itti gaafatamummaa kennuu ilaalchisee Abbaa keenya isa samii irraa maal baranna?

6 Abbaan keenya inni samii, inni gargaarsi warra kaanii isa hin barbaachisne, warra kaaniif aangoo kan kennu erga taʼee, nuti hoo kana caalaa gochuu hin qabnuu! Fakkeenyaaf, ati mataa maatii ykn jaarsa gumiidhaa? Warra kaaniif hojii kennuu fi jala deemtee akka toʼattu miira sitti dhagaʼamu dandamachuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofi. Fakkeenya Yihowaa yommuu hordoftu, hojichi akka hojjetamu gochuu qofa utuu hin taʼin, warra kaan leenjisuu fi ofitti amanannaan isaanii akka dabalu gochuu ni dandeessa. (Isa. 41:10) Warri hamma tokko aangoo qaban Yihowaa irraa barumsa kan biraa akkamii barachuu dandaʼu?

7 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan yaada ilmaan isaa warri maleekota taʼan dhiheessan dhagaʼuun akka isa gammachiisu argisiisa. (1 Mot. 22:19-22) Warra kan taatan, fakkeenya Yihowaa akkamitti hordofuu dandeessu? Yeroo sirrii taʼutti, hojiin tokko akkamitti hojjetamuu akka qabu yaada akka kennan ijoollee keessan gaafadhaa. Gaarii yoo taʼe, yaada isaan kennan hordofaa.

8. Yihowaan Abrahaamii fi Saaraatti obsa kan argisiise akkamitti?

8 Amalli gad of qabuu Yihowaan qabu obsa isaa irrattis mulʼateera. Fakkeenyaaf, tajaajiltoonni isaa murtoo inni godhe irratti yommuu kabajaan gaaffii kaasan obsa argisiiseera. Murtoo inni Sodoomii fi Gomoraa balleessuuf godhe ilaalchisee Abrahaam yaaddoo qabu yommuu ibsu isa dhaggeeffateera. (Uma. 18:22-33) Kana malees, haadha manaa Abrahaam Saaraa wajjin haala wal qabateen maal akka godhe yaadadhu. Saaraan erga dulloomtee booda akka ulfooftu abdii inni kennetti yommuu ishiin kolfitu hin mufanne ykn hin aarre. (Uma. 18:10-14) Kanaa mannaa, Saaraa ulfinaan qabeera.

9. Warrii fi jaarsoliin fakkeenya Yihowaa irraa maal barachuu dandaʼu?

9 Warraa fi jaarsolii kan taatan, fakkeenya Yihowaa irraa maal barachuu dandeessu? Namoonni aangoo keessan jala jiran murtoo isin gootan irratti walii galuu yoo didan maal gootu? Yeruma sana tarkaanfiin fudhattan isaan sirreessuu dhaa? Moo ilaalcha isaanii hubachuuf yaaltu? Namoonni aangoo qaban fakkeenya Yihowaa yommuu hordofan, maatiiwwanii fi gumiiwwan akka fayyadaman beekamaa dha. Hamma ammaatti fakkeenya Yihowaa irraa waaʼee gad of qabuu maal akka barannu ilaalleerra. Amma immoo, fakkeenyota Dubbii Waaqayyoo keessatti galmeeffaman irraa waaʼee humna ofii beekuu maal akka barannu haa ilaallu.

FAKKEENYA WARRA KAANII IRRAA MAAL BARANNA?

10. Yihowaan nu barsiisuuf fakkeenya warra kaanitti kan fayyadamu akkamitti?

10 Yihowaan ‘barsiisaan keenya’ inni Guddichi fakkeenyota barumsa irraa argannu Dubbii isaa keessatti nuuf galmeessiseera. (Isa. 30:20, 21) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota humna ofii beekuu dabalatee amalawwan Waaqayyoon gammachiisan argisiisan irratti yommuu xiinxallu barumsa arganna. Akkasumas wanta namoota amalawwan gaggaarii taʼan kana utuu hin argisiisin hafan mudate qoruudhaan barumsa arganna.—Far. 37:37; 1 Qor. 10:11.

11. Fakkeenya gadhee Saaʼol taʼe irraa maal baranna?

11 Wanta Saaʼol Mooticha irra gaʼe irratti xiinxali. Jalqaba irratti dargaggeessa humna isaa beeku ture. Humni isaa daangaa akka qabu hubatee kan ture siʼa taʼu, itti gaafatamummaa dabalataa fudhachuuf illee dubbatti jedhee ture. (1 Sam. 9:21; 10:20-22) Taʼus, Saaʼol yeroo booda of tuuluudhaan wanta gochuuf isaaf hin heyyamamne raawwateera. Amala gadhee kana mootii taʼee utuma baayʼee turin argisiise. Yeroo tokko Saamuʼel raajicha yommuu eegaa turetti obsa dhabe. Saaʼol humna isaa beekuudhaan Yihowaan saba isaatiif tarkaanfii akka fudhatu isatti amanamuu mannaa, kana gochuuf aangoo kan hin qabne taʼus aarsaa dhiheesse. Kanaan kan kaʼes, Saaʼol Yihowaa biratti fudhatama dhabe, boodas mirga mootii taʼee itti fufuuf qabu dhabe. (1 Sam. 13:8-14) Fakkeenya akeekkachiisaa kana irraa barachuudhaan of tuulummaa irraa fagaachuun keenya ogeeyyii nu taasisa.

12. Daaniʼel akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

12 Fakkeenya gadhee Saaʼol irraa haala faallaa taʼeen, fakkeenya gaarii Daaniʼel raajichi nuuf taʼe haa ilaalu. Daaniʼel jireenya isaa guutuu, tajaajilaa Waaqayyoo yeroo hundumaa qajeelfama Yihowaa barbaadu taʼuudhaan, nama gad of qabuu fi humna isaa beeku taʼee jiraateera. Fakkeenyaaf, Yihowaan abjuu Nebukadnezaar akka hiiku yommuu isatti fayyadametti, Daaniʼel ofuma isaatiin akka hiike hin dubbanne. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan, ulfinaa fi kabaja hundumaa Yihowaadhaaf kenneera. (Dan. 2:26-28) Kana irraa barumsa akkamii arganna? Obboloonni haasaa nuti kenninu dhaggeeffachuu ni jaallatu yoo taʼe ykn tajaajila irratti hamma tokko milkaaʼina arganneerra yoo taʼe, ulfina hundumaa Yihowaadhaaf kennuu akka qabnu yaadachuu barbaanna. Wantoota kana gargaarsa Yihowaa malee raawwachuu akka hin dandeenye gad of qabuudhaan amannee fudhachuu qabna. (Filp. 4:13) Ilaalcha akkasii yommuu qabaannu fakkeenya Yesuus isa gaariis hordofaa jirra jechuu dha. Akkamitti?

13. Wanta Yesuus Yohaannis 5:19, 30 irratti dubbate irraa waaʼee humna ofii beekuu maal baranna?

13 Yesuus Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabne kan ture taʼu illee Yihowaatti amanameera. (Yohaannis 5:19, 30 dubbisi.) Abbaa isaa isa samii irraa aangoo butee fudhachuuf matumaa yaalii godhee hin beeku. Filiphisiyus 2:6 Yesuus, “Aangoo Waaqayyoo saamuuf, jechuunis Waaqayyoo wajjin qixxee taʼuuf hin yaadne” jedha. Yesuus Ilma bitamu waan tureef, humni isaa daangaa akka qabu hubateera, aangoo Abbaa isaas kabajeera.

Yesuus daangaa aangoo isaa beekeera, daangaa isaa irras hin darbine (Keeyyata 14 ilaali)

14. Yesuus wanta aangoo isaatii ol taʼe tokko akka raawwatu yommuu gaafatame akkamitti deebii kenne?

14 Barattoonni Yaaqoobii fi Yohaannis jedhaman haadha isaanii wajjin gara Yesuus dhaqanii mirga inni kennuuf aangoo hin qabne akka isaaniif kennu yommuu isa gaafatan Yesuus akkamitti deebii akka kenne hubadhaa. Yesuus yeruma sana mamii tokko malee, namoota Mootummicha keessatti mirga isaa fi bitaa isaa taaʼan kan murteessu Abbaa isaa isa samii qofa akka taʼe dubbateera. (Mat. 20:20-23) Yesuus humna isaa akka beeku argisiiseera. Kan gad of qabu ture. Wanta Yihowaan akka raawwatu isa ajaje irra matumaa darbee hin beeku. (Yoh. 12:49) Fakkeenya gaarii Yesuus nuuf taʼe akkamitti hordofuu dandeenya?

Amala gad of qabuu Yesuus argisiise akkamitti hordofuu dandeenya? (Keeyyata 15-16 ilaali) *

15-16. Gorsa Kitaaba Qulqulluu 1 Qorontos 4:6 irra jiru hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Gorsa Kitaaba Qulqulluu 1 Qorontos 4:6 irra jiru hojii irra oolchuudhaan, akkuma Yesuus akka gad of qabnu argisiisna. Achi irratti ‘Wantoota barreeffaman irra hin darbinaa’ jedhamneerra. Kanaafuu, gorsa yommuu gaafatamnu, yaada mataa keenyaa babalʼisuu ykn akkasumaan wanta jalqaba sammuu keenyatti dhufe matumaa dubbachuu hin barbaannu. Kanaa mannaa, gorsa Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya warra Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan keessa jiran irratti akka xiyyeeffatan gochuu qabna. Karaa kanaan humni keenya daangaa akka qabu amannee akka fudhanne argisiisna. Gad of qabuudhaan, ‘ajajawwan qajeeloo’ Isa Hundumaa Dandaʼu sanaatiif beekamtii kennina.—Mul. 15:3, 4.

16 Yihowaadhaaf ulfina kennuu malees, amala gad of qabuu argisiisuuf sababiiwwan gaggaarii kan biroo qabna. Amma immoo, gad of qabuu fi humna keenya beekuun gammachuu argachuu fi warra kaanii wajjin walii gallee jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla.

GAD OF QABUU FI HUMNA KEENYA BEEKUUN KAN NU FAYYADU AKKAMITTI?

17. Namoonni gad of qabanii fi humna isaanii beekan gammadoo kan taʼan maaliifi?

17 Kan gad of qabnuu fi humna keenya kan beeknu yoo taʼe, gammadoo taʼuun keenya hin oolu. Maaliif? Humni keenya daangaa akka qabu yommuu hubannu, gargaarsa warri kaan nuuf godhaniif ni galateeffanna, akkasumas gammachuudhaan fudhanna. Fakkeenyaaf, haala yeroo Yesuus namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman kudhan fayyisetti ture yaadaa. Dhukkuba hamaa, jechuunis dhukkuba namichi ofuma isaatiin matumaa fayyuu hin dandeenye kana irraa isa fayyisuu isaatiif Yesuusiin galateeffachuuf kan deebiʼe isaan keessaa tokko qofa ture. Namichi gad of qabuu fi humna isaa beeku kun gargaarsa argateef galateeffateera, Waaqayyoofis ulfina kenneera.—Luq. 17:11-19.

18. Gad of qabuu fi humna keenya beekuun warra kaanii wajjin walii gallee jiraachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Roomaa 12:10)

18 Namoonni gad of qabanii fi humna isaanii beekan warra kaanii wajjin walii galu, akkasumas carraan isaan michoota dhihoo qabaachuuf qaban balʼaadha. Maaliif? Namoonni kaan amalawwan gaggaarii akka qaban amananii fudhatu, akkasumas amanannaa isaan irratti qabaatu. Namoonni gad of qabanii fi humna isaanii beekan, warri kaan hojii isaaniif kenname hunda irratti yommuu milkaaʼina argatan ni gammadu, isaan galateeffachuu fi isaan kabajuufis yeroo isaanitti hin fudhatu.—Roomaa 12:10 dubbisi.

19. Sababiiwwan koora irraa fagaachuu itti qabnu tokko tokko kamfaʼi?

19 Faallaa kanaatiin immoo, namoonni of tuulan ofii isaaniitiif faarsamuu waan filataniif, warra kaan galateeffachuun isaanitti ulfaata. Warra kaanii wajjin wal bira of qabuu fi hafuurri wal morkii akka babalʼatu gochuu barbaadu. Namni of tuulu yeroo baayʼee warra kaan leenjisuu fi aangoo isaaniif kennuu mannaa, warri kaan sirriitti hin hojjetan ilaalcha jedhu waan qabuuf, ofii isaatiif hojjechuu akka qabu yaada. Namni of tuulu yeroo baayʼee warra kaan caala iddoo guddaa qabaachuu barbaada, warri kaan wanta isa irra wayyu yommuu hojjetanis ni hinaafa. (Gal. 5:26) Namoonni akkasii yeroo baayʼee michummaa itti fufiinsa qabu hin qaban. Koora akka qabnu yoo hubanne, amalli gadheen kun nu keessatti akka hidda gad hin fageeffanneef, ‘sammuu keenya haaressuuf’ Yihowaan akka nu gargaaru garaadhaa isa kadhachuu qabna.—Rom. 12:2.

20. Kan gad of qabnuu fi humna keenya beeknu taʼuu kan qabnu maaliifi?

20 Yihowaan fakkeenya nuuf taʼuu isaatiif baayʼee isa galateeffanna. Akkaataa inni tajaajiltoota isaa itti qabe irraa amala gad of qabuu isaa hubanneera, fakkeenya isaa hordofuus ni barbaanna. Dabalataanis, fakkeenyota gaarii Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman, namoonni humna isaanii beekanii fi mirga Waaqayyoo wajjin deddeebiʼuu argatan nuuf taʼan hordofuu barbaanna. Yeroo hundumaa Yihowaadhaaf ulfinaa fi kabaja isaaf malu haa kenninu. (Mul. 4:11) Taanaan, nutis Abbaa keenya isa samii namoota gad of qabanii fi humna isaanii beekan jaallatuu wajjin deddeebiʼuuf mirga arganna.

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

^ key. 5 Namni gad of qabu araara qabeessaa fi gara laafessa dha. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan kan gad of qabu dha jechuu dandeenya. Akkuma mata dureen kun ibsutti fakkeenya Yihowaa irraa gad of qabuu barachuu ni dandeenya. Kana malees, Saaʼol Mooticha, Daaniʼel raajichaa fi Yesuus irraa waaʼee humna of beekuu maal akka barannu ni qorra.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Jaarsi tokko naannoo tajaajilaa hojjechuu irratti yeroo fudhatee obboleessa dargaggeessa tokko leenjisaa jira. Booda, jaarsi kun wanta dargaggeessichi hojjetu hunda toʼachuu mannaa, hojicha ofuma isaatiin akka hojjetu isaaf dhiisa.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Obboleettiin tokko sirna gaaʼelaa waldaatti raawwatamu irratti akka argamtu afeerraa ishiidhaaf dhihaate fudhachuun sirrii taʼuu isaa jaarsa tokko yommuu gaafattu. Jaarsi kun yaada mataa isaa kennuu mannaa, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu tokko tokko ishii wajjin ilaale.