Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 43

Yihowaan Jaarmiyaa Isaa Geggeessaa Jira

Yihowaan Jaarmiyaa Isaa Geggeessaa Jira

‘Hafuura kootiin malee humnaan miti, aangoodhaanis miti, kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.’—ZAK. 4:6.

FAARFANNAA 40 Ati Eenyuuf Jiraatta?

QABIYYEE *

1. Kiristiyaanni cuuphame tokko maal gochuu isaa itti fufuu qaba?

CUUPHAMTEETTAA? Taanaan amantii Yihowaa irratti qabduu fi fedhii jaarmiyaa isaa wajjin tajaajiluuf qabdu namoota duratti argisiisteetta. * Dhugaadha, amantiin Yihowaa irratti qabdu guddachuu isaa itti fufuu qaba. Kana malees, Yihowaan yeroo harʼaa jaarmiyaa isaatti fayyadamaa akka jiru amanannaa qabdu guddifachuu kee itti fufuu qabda.

2-3. Yihowaan yeroo harʼaa jaarmiyaa isaa kan geggeessu akkamitti? Fakkeenya kenni.

2 Yeroo harʼaa Yihowaan karaa amala isaa, kaayyoo isaa fi ulaagaa isaa calaqqisiisuun jaarmiyaa isaa geggeessaa jira. Mee amma amalawwan Yihowaa jaarmiyaa isaa irratti mulʼatan sadii haa ilaallu.

3 Tokkoffaa, ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu.’ (HoE. 10:34) Jaalalli, Yihowaan Ilma isaa “namoota hundumaatiif furii” godhee akka kennu isa kakaaseera. (1 Xim. 2:6; Yoh. 3:16) Yihowaan namoonni hedduun furicha irraa akka fayyadaman gargaaruuf, warra dhaggeeffachuuf fedhii qaban hundaaf misiraachoo akka lallabaniif kan fayyadamu saba isaatti dha. Lammaffaa, Yihowaan Waaqa nagaa fi seera qabeessa dha. (1 Qor. 14:33, 40) Kanaafuu waaqeffattoonni isaa karaa nagaa fi seera qabuun isa tajaajilu jennee eeguu dandeenya. Sadaffaa, Yihowaan “Barsiisaa [Guddicha]” dha. (Isa. 30:20, 21) Kanaaf, jaarmiyaan isaa gumii keessattis taʼe, tajaajila irratti Dubbii isaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame barsiisuu irratti xiyyeeffata. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa amalawwan Yihowaa sadan kana kan argisiisan akkamitti? Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiran hoo amalawwan kana akkamitti argisiisaa jiru? Yeroo harʼaa yommuu jaarmiyaa Yihowaa wajjin tajaajiltu hafuurri qulqulluun kan si gargaaru akkamitti?

WAAQAYYO NAMOOTA WAL HIN CAALCHISU

4. Hojiin Ergamootaa 1:8 akka jedhutti Yesuus duuka buutonni isaa maal akka raawwatan ajajeera? Gargaarsa akkamii argatu?

4 Jaarraa jalqabaatti. Ergaan Yesuus lallabe ilmaan namootaa hundumaaf abdii kenneera. (Luq. 4:43) Yesuus duuka buutonni isaa hojii inni jalqabe akka itti fufan jechuunis, “hanga andaara lafaatti” dhugaa akka baʼan isaan ajajeera. (Hojii Ergamootaa 1:8 dubbisi.) Taʼus, hojii kana jabina isaaniitiin akka hin raawwanne beekamaa dha. Hafuura qulqulluu, isa “gargaaraa” taʼee fi Yesuus waadaa isaaniif gale argachuu qabu turan.—Yoh. 14:26; Zak. 4:6.

5-6. Hafuurri Qulqulluun duuka buutota Yesuus kan gargaare karaawwan kamiini?

5 Duuka buutonni Yesuus Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti hafuura qulqulluu fudhataniiru. Gargaarsa hafuura kanaatiin yeruma sana lallabuu kan eegalan siʼa taʼu, yeroo gabaabaa keessatti namoonni kumaan lakkaaʼaman misiraachoo fudhataniiru. (HoE. 2:41; 4:4) Yommuu ariʼatamni kaʼetti barattoonni sodaadhaaf harka kennuu mannaa gargaarsa argachuuf gara Waaqayyootti garagalaniiru. “Garboonni kee ija jabina guddaadhaan dubbii kee dubbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaari” jedhanii kadhataniiru. Achiis hafuura qulqulluudhaan guutamanii, ‘dubbii Waaqayyoo ija jabinaan dubbatan.’—HoE. 4:18-20, 29, 31.

6 Barattoonni Yesuus haala rakkisaa kan biraas qabu turan. Koppiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo sana jiran muraasa turan. Wantoonni yeroo harʼaa qoʼannaadhaaf itti fayyadamnu yeroo sana hin jiran turan. Barattoonni namoota afaan gara garaa hedduu dubbataniif lallabuu qabu turan. Rakkoowwan kun hundi utuma jiranii, barattoonni hinaaffaa qaban kun, hojii waan hin dandaʼamne fakkaatu kana, jechuunis misiraachicha waggoota kudhaniin lakkaaʼaman gidduutti, “uumama samiidhaa gad jiru hundatti” lallabaniiru.—Qol. 1:6, 23.

7. Tajaajiltoonni Yihowaa waggaa 100 ol dura wanta Waaqayyo isaan irraa eegu kan beekan akkamitti ture? Wanti isaan godhan hoo maal ture?

7 Bara keenyatti. Yihowaan saba isaa geggeessuu fi humna isaaniif kennuu isaa itti fufeera. Dhugaa dha, qajeelfamni kun gara caalaan isaa kan argamu Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame irraa ti. Dubbii isaa kana keessatti waaʼee tajaajila Yesuus wanta galmeeffamee jiruu fi ajaja duuka buutonni isaa hojii inni jalqabe akka itti fufan kenne arganna. (Mat. 28:19, 20) Barruun Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1881 akkas jedhee ture: “Yihowaan kabaja namootaa akka argannuuf ykn sooreyyii akka taanuuf nu hin filanne ykn nu hin muudne, kanaa mannaa, wanta qabnu hundatti fayyadamnee misiraachicha akka lallabnuufi.” Buukleetiin Hojichi Eenyutti Imaanaadhaan Kenname jedhuu fi 1919⁠tti maxxanfame akkas jedhee ture: “Wanti hojjetamu hedduun jira, taʼus, kun hojii Gooftaati, inni jabina nu barbaachisu nuuf kenna.” Eeyyee, akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, obboloonni kun hafuurri qulqulluun namoota akaakuu hundumaatiif akka lallaban akka isaan gargaaru amanuudhaan, jabaatanii hojjetaniiru. Nutis amanannaa wal fakkaatu qabaachuu keenya itti fufna.

Jaarmiyaan Yihowaa misiraachicha babalʼisuuf meeshaawwan filatamoo taʼanitti fayyadama (Keeyyata 8-9 ilaali)

8-9. Jaarmiyaan Yihowaa misiraachicha babalʼisuuf malawwan akkamii fayyadameera?

8 Jaarmiyaan Yihowaa misiraachicha babalʼisuuf meeshaawwan filatamoo taʼanitti fayyadameera. Meeshaawwan kun barreeffamoota maxxanfaman, “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshinii,” foonoogiraafota, konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qaban, raadiyoo fi yeroo dhihoodhaa as immoo kompiitaraa fi Intarneetii dabalatu. Kana malees, jaarmiyaan Waaqayyoo hojii hiikkaa guddaa seenaa keessatti taʼee hin beekne raawwachaa jira. Maaliif? Akaakuun namootaa hundi afaan isaaniitiin misiraachicha akka dhagaʼaniifi. Yihowaan namoota wal hin caalchisu; misiraachichi, “saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf” akka labsamu raajii dubbateera. (Mul. 14:6, 7) Inni namoonni hundi ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan barbaada.

9 Tarii appaartaamaa eegumsa cimaa qabu keessa waan jiraataniif, namoota argachuun hin dandaʼamne ilaalchisee hoo? Jaarmiyaan Yihowaa namoota akkasiitiif caalaatti lallabuuf, bifa lallabaa uummataaf dhugaa baʼuun itti dandaʼamu garagaraa yaaleera. Fakkeenyaaf, bara 2001⁠tti Qaamni Ol Aanaan Faransaayitti, yeroo booda immoo iddoo kaanitti gaarii barreeffamaa fi karaawwan kan biroo barreeffamoota argisiisuun itti dandaʼamu fayyadamuu heyyameera. Buʼaan gaariinis argameera. Bara 2011 Yunaayitid Isteetisitti, Magaalaa Niiwu Yoorki bakka namoonni baayʼatanitti sagantaa haaraan jalqabameera. Waggaa jalqabaatti kitaabonni 102,129 fi barruuleen 68,911 raabsamaniiru. Akkasumas namoonni 4,701 qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu gaafataniiru! Hafuurri qulqulluun hojii kana deggeraa akka jiru ifatti hubachuun ni dandaʼama. Kanaafuu, Qaamni Ol Aanaan addunyaa maratti gaarii barreeffamaa fayyadamuu heyyameera.

10. Tajaajila keenya fooyyeffachuuf maal gochuu dandeenya?

10 Wanta gochuu dandeessu. Leenjii Yihowaan gumii Kiristiyaanaa keessatti kennu irraa guutummaatti fayyadami. Dhaabbataadhaan garee tajaajilaa kee wajjin tajaajili. Taanaan, gama si barbaachisuun dhuunfaatti gargaarsa argachuu dandeessa akkasumas fakkeenya gaarii warra kaanii irraas jajjabina ni argatta. Haala rakkisaa dandaʼuudhaan tajaajiluu kee itti fufi. Akkuma caqasa mata duree kana irratti ibsame, fedha Waaqayyo kan raawwannu, humna ofii keenyaatiin utuu hin taʼin, hafuura qulqulluudhaani. (Zak. 4:6) Kana malees, hojiin hojjechaa jirru kan Yihowaati.

YIHOWAAN WAAQA NAGAA FI SEERA QABEESSAA DHA

11. Qaamni ol aanaan jaarraa tokkoffaatti ture, sabni Waaqayyoo gurmaaʼee akka itti fufuuf tokkummaadhaan kan hojjete akkamitti?

11 Jaarraa jalqabaatti. Qaamni ol aanaan Yerusaalem jiru saba Waaqayyoo gidduu nagaa fi sirni akka jiraatu gochuuf tokkummaadhaan hojjeteera. (HoE. 2:42) Fakkeenyaaf, Dh.K.B. bara 49⁠tti dhimma dhaqna qabaa irratti wal dhabiinsi yeroo uumametti, qaamni ol aanaan qajeelfama hafuura qulqulluutiin dhimmicha irratti mariʼateera. Dhimma kana irratti gumiiwwan ilaalcha gara garaa qabaatanii itti fufaniiru utuu taʼee, hojii lallabaa irratti buʼa qabeeyyii hin taʼan turan. Ergamoonnii fi maanguddoonni Yihudoota taʼanis, aadaan Yihudootaa ykn namoonni aadaa kana babalʼisan dhibbaa isaan irratti akka godhu hin heyyamne. Kanaa mannaa, qajeelfama argachuuf gara Dubbii Waaqayyoo fi hafuura isaatti garagalaniiru. (HoE. 15:1, 2, 5-20, 28) Buʼaan isaa hoo maal ture? Yihowaan murtoo isaanii waan eebbiseef nagaanii fi tokkummaan akka jiraatu godheera, akkasumas hojiin lallabaa caalaatti babalʼateera.—HoE. 15:30, 31; 16:4, 5.

12. Yeroo harʼaatti Jaarmiyaa Yihowaa keessa sirnii fi nagaan akka jiru wanti argisiisuu maalidha?

12 Bara keenyatti. Jaarmiyaan Yihowaa saba Yihowaa gidduutti nagaanii fi sirni akka jiraatu gochuuf hojjechaa tureera. Bara 1895⁠tti, barruun Zaayansi Waach Taawar eendi Heeraaldi oov Kiraayistis Pirazansii jedhamuu fi Sadaasa 15 baʼe mata duree “Haala Gaarii Taʼeen, Akkasumas Karaa Seera Qabuun” jedhuu fi 1 Qorontos 14:40 irratti hundaaʼe qabatee ture. Mata durichi, “Ergamoonni seeraan jiraachuu ilaalchisee gumii jaarraa jalqabaatiif waan hedduu barreessaniiru . . . ‘Wantoonni dursanii barreeffaman barumsa akka irraa argannuuf barreeffaman’ yaada jedhu sirriitti hordofuun barbaachisaa dha” jedhee ture. (Rom. 15:4) Eeyyee, sirnii fi nagaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduu ture yeroo harʼaattis, jaarmiyaa Yihowaa keessatti mulʼachaa jira. Fakkeenyaan ibsuuf: Gumii kan biraa ykn biyya kan biraa illee deemtee Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa yoo hirmaatte, qoʼannaan kun akkamitti akka gaggeeffamuu fi mata dureen qoʼatamu isa kam akka taʼe beekuu dandeessa. Yeruma sana, akka waan gumii kee keessa jirtutti sitti dhagaʼama! Tokkummaa akkasii argamsiisuu kan dandaʼuu hafuura Waaqayyoo qofa dha.—Sef. 3:9.

13. Yaanni Yaaqoob 3:17 irra jiru gaaffiiwwan akkamii akka of gaafannu nu kakaasa?

13 Wanta gochuu dandeessu. Yihowaan sabni isaa ‘hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeganii’ akka itti fufan barbaada. (Efe. 4:1-3) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Gumii keessatti nagaa fi tokkummaan akka dagaagu gochaan jiraa? Warra dura buutota taʼaniif nan ajajamaa? Keessumaa gumii keessatti itti gaafatamummaa kanan qabu yoo taʼe, warri kaan amantii na irratti gatuu dandaʼuu? Saʼaatii nan kabajaa? Warra kaan gargaaruu fi isaan tajaajiluuf hoo nan hawwaa? (Yaaqoob 3:17 dubbisi.) Karaa taʼe tokkon qaawwi akka jiru yoo hubatte, fooyyaʼiinsa gochuuf hafuurri qulqulluun akka si gargaaru kadhadhu. Hafuurichi eenyummaa kee fi gocha kee irratti caalaatti dhibbaa akka godhu yoo heyyamte, obboloonnii fi obboleettonni caalaatti si jaallattu akkasumas iddoo siif kennu.

YIHOWAAN NU BARSIISA AKKASUMAS NU HIDHACHIISA

14. Akka Qolosaayis 1:9,10 jedhutti, Yihowaan saba isaa jaarraa jalqabaa kan barsiise akkamitti?

14 Jaarraa jalqabaatti. Yihowaan saba isaa barsiisuun baayʼee isa gammachiisa. (Far. 32:8) Inni akka isa beekan, isa jaallatanii fi akka ijoollee isaa jaallatamootti bara baraaf akka jiraatan barbaada. Kun hundi barumsa inni nu kennuu alaatti wanta dandaʼamu miti. (Yoh. 17:3) Yihowaan saba isaa barsiisuuf gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti fayyadameera. (Qolosaayis 1:9, 10 dubbisi.) Hafuurri Qulqulluun inni “gargaaraa” taʼee fi Yesuus waadaa nuuf gales gaʼee guddaa raawwateera. (Yoh. 14:16) Hafuurichi barattoonni Dubbii Waaqayyoo irraa hubannaa gadi fagoo akka argatanii fi akkuma yeroo booda Wangeelota irratti galmaaʼee jiru wantoota hedduu Yesuus dubbatee fi raawwate akka yaadatan isaan gargaareera. Beekumsi kun amantii fi jaalala Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Waaqayyoo fi Ilma isaaf akkasumas walii isaaniif qaban cimseera.

15. Yihowaan waadaa Isaayyaas 2:2,3 irratti gale karaawwan kamiin yommuu raawwatu argiteetta?

15 Bara keenyatti. Yihowaan “bara booddeetti” sabni lafa irraa hundinuu karaa isaa barachuuf gara tulluu isaa isa fakkeenyaan ibsametti akka yaaʼan raajii dubbatee ture. (Isaayyaas 2:2, 3 dubbisi.) Raajiin kun yommuu raawwatamu argaa jirra. Waaqeffannaan dhugaa waaqeffannaa sobaa kam irra iyyuu caalee mulʼachaa jira. Akkasumas Yihowaan nyaata hafuuraa filatamaa fi hedduu taʼe nuuf kennaa jira. (Isa. 25:6) Inni karaa ‘garbicha amanamaa fi ogeessaatiin’ nyaata hafuuraa hedduu fi gosa addaa adda jechuunis barreeffamoota, haasaawwan, viidiyoowwan animeeshinii fi viidiyoowwan kaan nuuf dhiheessaa jira. (Mat. 24:45) Nutis akkuma Eliihuu isa michuu Iyyoob taʼee fi “barsiisaan akka [Waaqayyo] eenyu ree?” jedhee nutti dhagaʼama.—Iyo. 36:22.

Dhugaan akka si amansiisuu godhi, jireenya kee keessattis hojii irra oolchi (Keeyyata 16 ilaali) *

16. Karaa hafuuraa guddina gochuuf maal gochuu dandeessa?

16 Wanta gochuu dandeessu. Hafuurri qulqulluun wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbistee fi qoʼatte akka hojii irra oolchitu si gargaara. Akkuma Faarfatichaa, “Ani siif amanamee akkan deddeebi’utti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!” jedhii kadhadhu. (Far. 86:11) Nyaata hafuuraa Yihowaan karaa dubbii isaa fi jaarmiyaa isaa nuuf dhiheessus soorachuu kee itti fufi. Taʼus, galmi kee beekumsa sassaabuu qofa miti. Dhugaan akka si amansiisuu fi jireenya kee keessatti hojii irra oolchuu barbaadda. Hafuurri Yihowaa kana akka gootu si gargaara. Atis obbolootaa fi obboleettota kee jajjabeessuu barbaadda. (Ibr. 10:24, 25) Maaliif? Isaan maatii hafuuraa kee waan taʼaniifi. Hafuurri Waaqayyo Walgaʼiiwwan gumii irratti yaada garaadhaa madde akka kennituu fi yoo kutaa qabaatte immoo wanta dandeessu hunda akka gootu akka si gargaaru kadhadhu. Akkas gochuudhaan, “hoolota” isaanii warra gatii guddaa qaban akka jaallattu Yihowaa fi Ilma isaatti argisiista.—Yoh. 21:15-17.

17. Jaarmiyaa Yihowaa amanamummaadhaan akka deggertu karaawwan kamiin argisiisuu dandeessa?

17 Dhiheenyatti, jaarmiyaan lafa irratti hafu isa hafuura Waaqayyootiin gaggeeffamu qofa dha. Kanaafuu, jaarmiyaa Yihowaa wajjin hinaaffaadhaan hojjedhu. Namoota argattu hundumaaf misiraachicha lallabuudhaan akka wal hin caalchisne argisiisi. Gumii keessatti tokkummaan akka jiraatu gochuudhaan, seeraa fi nagaa ilaalchisee jaalala inni qabu hordofi. Akkasumas nyaata hafuuraa filatamaa inni dhiheessu guutummaatti soorachuudhaan Barsiisaa kee Guddicha dhaggeeffadhu. Taanaan, addunyaan Seexanaa kun yommuu badu, sodaan sitti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, warra amanamummaadhaan jaarmiyaa Yihowaa wajjin tajaajilan keessaa tokko taʼuu dandeessa.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

^ key. 5 Yihowaan yeroo harʼaa jaarmiyaa isaa geggeessaa akka jiru mirkanaaʼaa taateettaa? Mata duree kana keessatti Yihowaan gumii Kiristiyaanaa isa jalqabaa akkamitti akka geggeessee fi yeroo harʼaas saba isaa akkamitti geggeessaa akka jiru ilaalla.

^ key. 1 IBSA JECHAA: Jaarmiyaan Yihowaa inni uumama cufaa, kutaa samii irraa fi kutaa lafaa irraa qaba. Mata duree kana keessatti jechi “jaarmiyaa” jedhu kutaa isa lafa irraa argisiisa.

^ key. 52 IBSA FAKKII: Obboleettii qajeelchituun tokko viidiyoo namoota biyyoota gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajilan argisiisu erga ilaaltee booda fakkeenya isaanii hordofuuf kakaate. Boodas galma bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf baafatte irra ni geesse.