Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 45

Warri Kaan Ajaja Kiristoos Akka Eegan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Warri Kaan Ajaja Kiristoos Akka Eegan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

‘Kanaafuu, dhaqaatii namoota barattoota koo godhaa, wanta ani isin ajaje hunda akka eegan isaan barsiisaa.’—MAT. 28:19, 20.

FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta

QABIYYEE *

1. Akka Maatewos 28:18-20 jedhutti Yesuus ajaja akkamii kenneera?

YESUUS erga duʼaa kaʼee booda, barattoota isaa Galiilaatti walitti qabamanitti mulʼatee ture. Wanta barbaachisaa isaanitti himu tokko qaba ture. Maal ture laata? Wanti inni dubbate Maatewos 28:18-20 irratti argama.—Dubbisi.

2. Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

2 Ajajni Yesuus barattoota gochuu ilaalchisee kenne, tokkoon tokkoon tajaajiltoota Waaqayyoo yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. Kanaafuu, gaaffiiwwan hojii Yesuus nuuf kennee wajjin wal qabatan sadii haa qorru. Tokkoffaa, barattoota haaraa ulaagaa Waaqayyoo barsiisuu malees, maal gochuu qabna? Lammaffaa, babalʼistoonni gumii hundi guddina hafuuraa barattoota Kitaaba Qulqulluutiif gumaacha gochuu kan dandaʼan akkamitti? Sadaffaa, obboloonni keenya qabbanaaʼan deebiʼanii hojii barattoota gochuu irratti akka hirmaatan akkamitti gargaaruu dandeenya?

AKKA EEGAN ISAAN BARSIISAA

3. Yesuus ajaja kenne irratti qajeelfama akkamii ifa godheera?

3 Ajajni Yesuus kenne ifa dha. Wantoota inni ajaje namoota barsiisuu qabna. Taʼus, qabxii barbaachisaa tokko dagachuu hin qabnu. Yesuus, ‘Wanta ani isin ajaje hunda isaan barsiisaa’ hin jenne. Kanaa mannaa, ‘wanta ani isin ajaje hunda akka eegan isaan barsiisaa’ jedhe. Qajeelfama Yesuus hojii irra oolchuuf, qoʼattoonni keenya maal akka raawwatan barsiisuu fi akkamitti akka raawwatan isaanitti argisiisuu qabna. (HoE. 8:31) Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

4. Ajaja tokko eeguu jechuun maal jechuu dha? Fakkeenyaan ibsi.

4 Ajaja tokko ‘eeguu’ jechuun ajaja sana hojii irra oolchuu jechuu dha. Namni tokko wanta Kiristoos ajaje akka eegu ykn hojii irra akka oolchu akkamitti barsiisuu akka dandeenyu ibsuuf, fakkeenya armaan gadii irratti yaadi. Namni konkolaachisuu barsiisu tokko, barataan isaa seera tiraafikii akka eegu akkamitti barsiisa? Barsiisichi jalqaba seerawwan daandii daree keessatti barsiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, barattoonni isaa seerawwan sana akkamitti akka eegan barsiisuuf tarkaanfii kan biraa fudhachuu qaba. Barattoonni isaa daandii kokolaataa qabu irra yommuu oofanii fi wanta baratan hojii irra oolchuuf yommuu yaalan isaanii wajjin deemee itti argisiisuu qaba. Fakkeenya kana irraa maal baranna?

5. (a) Yohaannis 14:15 fi 1 Yohaannis 2:3 akka jedhutti barattoota Kitaaba Qulqulluu keenya maal akka godhan barsiisuu qabna? (b) Barattoota keenyaaf akkamitti qajeelfama kennuu akka dandeenyu ilaalchisee fakkeenyota kenni.

5 Namoota kaan yommuu qoʼachiisnu wanta Waaqayyo nu irraa eegu isaan barsiisna. Taʼus, kana caalaa wanta dabalataa gochuu qabna. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya wanta baratan jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti hojii irra akka oolchan barsiisuu qabna. (Yohaannis 14:15; 1 Yohaannis 2:3 dubbisi.) Barattoonni keenya qajeelfama Kitaaba Qulqulluu mana barumsaatti, bakka hojiitti ykn yeroo bashananan akkamitti hojii irra akka oolchan fakkeenya taʼuudhaan isaanitti argisiisuu dandeenya. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun akkamitti eegumsa akka nuuf godhe ykn murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf nu gargaare ilaalchisee wanta arganne tokko itti himuu dandeenya. Hafuurri qulqulluun akka isaan geggeessu barattoota keenyaa wajjin Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu dandeenya.—Yoh. 16:13.

6. Warri kaan ajaja Yesuus akka eegan barsiisuun maal dabalata?

6 Warri kaan ajaja Yesuus akka eegan barsiisuun maal dabalata? Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya fedha barattoota gochuuf qaban akka guddifatan isaan gargaaruu qabna. Barattoota tokko tokko yaadni hojii lallabaa irratti hirmaachuu jedhu isaan sodaachisuu dandaʼa. Kanaafuu, qajeelfama suutuma suuta hubannaa isaanii dabalu, garaa isaanii tuquu fi hojiidhaaf isaan kakaasu yommuu isaaniif kenninu obsa qabaachuu qabna. Barattoonni keenya fedhii misiraachicha warra kaanitti himuuf qaban akka guddifatan gargaaruuf mala akkamiitti fayyadamuu dandeenya?

7. Barataan tokko fedha misiraachicha warra kaanitti himuuf qabu akka guddifatu akkamitti gargaaruu dandeenya?

7 Gaaffiiwwan armaan gadii barataa keenya gaafachuu dandeenya: “Ergaa Mootummichaa fudhachuun kee jireenya kee gara gaariitti kan jijjiire akkamitti? Warri kaan ergaa kana dhagaʼuun akka isaan barbaachisu sitti dhagaʼamaa? Isaan gargaaruuf maal gochuu dandeessa?” (Fak. 3:27; Mat. 9:37, 38) Barataa keessanitti tiraaktota Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu Keessa jiran itti argisiisaa, achiis warra xiyyeeffannaa firoota, michoota ykn namoota isaa waliin hojjetan harkisuu dandaʼan akka filatu godhaa. * Tiraaktota kanas baayʼinaan kennaafii. Tiraaktii kana akkamitti warra kaaniif gaarummaadhaan kennuu akka dandeenyu shaakalaa. Dhugaa dha, barataan keenya babalʼisaa hin cuuphamne erga taʼee booda, isa leenjisuuf isaa wajjin tajaajiluu barbaanna.—Lal. 4:9, 10; Luq. 6:40.

BARATTOONNI KITAABA QULQULLUU GUDDINA AKKA GODHAN GUMICHI AKKAMITTI GARGAARA?

8. Barattoonni keenya Waaqayyoo fi namootaaf jaalala cimaa qabaachuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Saanduqa, “ Jaalala Barattoonni Keenya Waaqayyoof Qaban Akkamitti Guddisuu Dandeenya?” jedhus ilaali.)

8 Yesuus, ajaja inni kenne “hunda akka eegan” warra kaan akka barsiisnu nu ajajuu isaa sammuutti qabachuu qabna. Kun ajajawwan guguddaa lamaan, jechuunis Waaqayyoo fi namoota jaallachuu kan dabalatu siʼa taʼu, lamaanuu hojii lallabaa fi barattoota gochuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu. (Mat. 22:37-39) Walitti dhufeenyi isaanii maali dha? Hojii lallabaa irratti akka hirmaannu wanti nu kakaasu inni guddaan jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabnu dha. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko hojii lallabaa irratti hirmaachuu yaaduun isaan sodaachisuu akka dandaʼu ifa dha. Taʼus, barattoonni akkasii gargaarsa Yihowaatiin suutuma suuta sodaa namaa moʼuu akka dandaʼan isaaniif mirkaneessuu dandeenya. (Far. 18:1-3; Fak. 29:25) Saanduqni mata duree kana keessa jiru, barataan keenya jaalala Waaqayyoof qabu akka guddifatu gargaaruuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka dandeenyu ibsa. Akkasumas barattoonni haaraan jaalala isaanii akka guddifatan gargaaruuf gumichi maal gochuu dandaʼa?

9. Fakkeenyi waaʼee nama konkolaachisuu baratuu akka ibsutti, baratichi barumsa barbaachisaa kan baratu karaawwan kamiini?

9 Mee ammas fakkeenya waaʼee nama konkolaachisuu baratuu yaadaa. Barsiisaan isaa utuu isa bira taaʼuu yommuu oofu, karaawwan kamiin barachaa jira? Barsiisaa isaa dhaggeeffachuu fi konkolaachistoota of eeggannoodhaan oofan kaan ilaaluudhaani. Fakkeenyaaf, barsiisaan isaa konkolaachisaa gaarummaadhaan konkolaataa kan biraatiif dursa kennu itti argisiisuu dandaʼa. Yookiin immoo konkolaachisaa ibsaan isaa inni baayʼee ifu konkolaachistoota kaan arguu akka hin dhowwineef, amala gad of qabuu argisiisuudhaan xiqqeessu itti argisiisuu dandaʼa. Fakkeenyonni akkasii barumsa barbaachisaa yommuu konkolaachisu hojii irra oolchuu dandaʼu isa barsiisu.

10. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko guddina hafuuraa akka godhu maaltu isa gargaara?

10 Haaluma wal fakkaatuun, barataan Kitaaba Qulqulluu daandii jireenyaa irra deemuu eegale, barsiisaa isaa irraa qofa utuu hin taʼin, fakkeenya gaarii tajaajiltoota Yihowaa kaan irraas ni barata. Kanaafuu, barattoonni Kitaaba Qulqulluu guddina hafuuraa akka godhan gargaarsa guddaa kan godhu maali dha? Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu dha. Maaliif? Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii irratti kennamu, beekumsa isaanii guddisa, amantii isaanii cimsa, akkasumas jaalala Waaqayyoof qaban akka guddifatan gargaara. (HoE. 15:30-32) Kana malees, walgaʼii irratti barsiisonni Kitaaba Qulqulluu, barattoota isaanii obbolootaa fi obboleettota haala kan isaanii wajjin wal fakkaatu qabanii wajjin wal barsiisuu dandaʼu. Baratichi fakkeeya gaarii obbolootaa fi obboleettota gumii keessatti jaalala argisiisanii ilaaluu dandaʼa. Mee haala armaan gadii ilaalaa.

11. Barataan tokko gumii keessatti fakkeenyota akkamii hubachuu dandaʼa? Kunoo baraticha irratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼa?

11 Haati qeenxeen Barattuu Kitaaba Qulqulluu taate takka, obboleettii haala kan ishii wajjin wal fakkaatu keessa jirtu ilaalti. Carraaqqii cimaan obboleettiin tun ijoollee ishii xixinnoo qabattee Galma Walgaʼii dhuufuuf gootu, garaa barattuu kanaa ni tuqa. Barataan xuuxuu dhaabuuf qabsoo godhu tokko, babalʼisaa kanaan dura qabsoo akkasii gochaa turee fi amma garuu injifatee wajjin wal bara. Babalʼisichi jaalala Yihowaadhaaf qabu guddifachaa deemuun isaa ajaja Waaqayyoo raawwachuuf akkamitti akka isa kakaase baratichatti hima. (2 Qor. 7:1; Filp. 4:13) Baratichi muuxannoo babalʼisichaa erga dhaggeeffatee booda, obboleessichi “Atis dhaabuu ni dandeessa” yommuu isaan jedhu caalaatti amanannaa qabaata. Shamarreen barattuu Kitaaba Qulqulluu taate takka, shammarreen Dhugaa Baatuun tokko gammachuun ishii ifatti akka mulʼatu hubatti. Barattuun Kitaaba Qulqulluu kun gammachuu obboleettii shamarree kanaa arguun ishii, obboleettiin kun yeroo hunda maaliif gammachuu akka qabaatte caalaatti beekuu akka barbaaddu ishii taasise.

12. Namoonni gumii keessa jiran hundi barattoota Kitaaba Qulqulluu gargaaruu irratti gaʼee qabu kan jennu maaliifi?

12 Barattoonni Kitaaba Qulqulluu babalʼistoota amanamoo adda addaa wajjin yommuu wal baran, ajaja Yesuus Waaqayyoo fi namoota akka jaallannu kenne eeguu jechuun maal jechuu akka taʼe fakkeenya isaanii irraa baratu. (Yoh. 13:35; 1Xim. 4:12) Kana malees, akkuma olitti ilaalle, barataan Kitaaba Qulqulluu tokko, babalʼisaa rakkina baratichi qabuu wajjin wal fakkaatu qabu irraa barachuu dandaʼa. Baratichi fakkeenyota kana irraa barataa Kiristoos taʼuuf jijjiirama barbaachisu gochuu akka dandaʼu barata. (Kes. 30:11) Namni gumii keessa jiru hundi guddina hafuuraa barattoota Kitaaba Qulqulluutiif karaa gara garaa gumaacha gochuu dandaʼa. (Mat. 5:16) Barattoota Kitaaba Qulqulluu gumii irratti argaman jajjabeessuuf dhuunfaatti carraaqqii akkamii goota?

WARRA QABBANAAʼAN DEEBIʼANII AKKA TAJAAJILAN GARGAARAA

13-14. Yesuus ergamoonni isaa yommuu abdii kutatanitti maal godhe?

13 Obboloonnii fi obboleettonni keenya qabbanaaʼan ergama Kiristoos barattoota akka goonu kenne irratti deebiʼanii akka hirmaatan gargaaruu barbaanna. Akkaataan Yesuus ergamoota isaa abdii kutatan itti gargaare yeroo harʼaa maal gochuu akka dandeenyu argisiisa.

14 Yesuus ajjeefamuu isaa dura, xumura tajaajila isaa isa lafaa irratti, ergamoonni ‘hundi isa dhiisanii baqatanii’ turan. (Mar. 14:50; Yoh. 16:32) Yesuus ergamoonni isaa yeroo muraasaaf yommuu abdii kutatanitti maal godhe? Yesuus erga duʼaa kaʼee utuma baayʼee hin turin, ‘Hin sodaatinaa! Dhaqaatii [akkan duʼaa kaʼe] obboloota kootti himaa’ jedhee duuka buutota isaa tokko tokkotti himee ture. (Mat. 28:10a) Yesuus ergamoota isaatti abdii hin kutanne. Isaan isa dhiisanii kan deeman taʼus, inni amma iyyuu “obboloota koo” jedhee isaan waameera. Yesuus akkuma Yihowaa gara laafessaa fi dhiifama kan godhu ture.—2 Mo. 13:23.

15. Waaʼee obboloota tajaajila irratti hirmaachuu dhaabanii maaltu nutti dhagaʼama?

15 Nutis warra tajaajila irratti hirmaachuu dhaabaniif baayʼee yaadna. Isaan obbolootaa fi obboleettota keenya dha, nutis isaan jaallanna! Hojii obboloonni keenya kun kanaan dura jaalalaan kakaʼanii raawwatan ni yaadanna; tarii tokko tokko waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif tajaajilaniiru. (Ibr. 6:10) Dhugumaan isaan ni yaadna! (Luq. 15:4-7) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan akka isaaniif yaadnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

16. Obbolootaa fi obboleettota keenya qabbanaaʼaniif akka yaadnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

16 Miira hoʼaadhaan isaan afeeraa. Karaan Yesuus ergamoota isaa gaddan itti jajjabeesse tokko walgaʼii irratti akka argaman isaan afeeruu ture. (Mat. 28:10b; 1 Qo. 15:6) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaas, obboloonni qabbanaaʼan walgaʼii irratti argamaa hin jiran yoo taʼe, akka argaman isaan jajjabeessuu dandeenya. Walgaʼii irratti akka argaman siʼa hedduu irra deddeebine afeeruun akka nu barbaachisu ni hubanna. Yesuus barattoonni isaa afeerrii isaa fudhachuu isaaniitti akka gammade beekamaa dha.—Maatewos 28:16 fi Luqaas 15:6 wal bira qabii ilaali.

17. Namoonni qabbanaaʼan walgaʼii irratti yommuu argaman maal gochuu qabna?

17 Garaadhaa isaan simadhaa. Yesuus yeroo barattoota isaa wajjin wal arge akka gaariitti akka simataman akka isaanitti dhagaʼamu godheera; dursa fudhatees isaan haasofsiiseera. (Mat. 28:18) Namni qabbanaaʼe tokko yommuu gara Galma Walgaʼii dhufu akkamittiin simanna? Dursa fudhannee miira hoʼaadhaan isa simachuu qabna. Jalqaba irratti, maal dubbanna jennee yaaddaʼuu dandeenya. Taʼus, utuu isa hin qaanessiin, salphaadhumatti isa arguun keenya akka nu gammachiise itti himuu dandeenya.

18. Babalʼistoota qabbanaaʼan akkamitti jajjabeessuu dandeenya?

18 Garaadhaa isaan jajjabeessaa. Barattoonni Yesuus ergamni guutummaa addunyaatti akka lallaban isaaniif kenname isaan sodaachisee taʼuu dandaʼa. Yesuus, “Ani . . . guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira” jechuudhaan duuka buutota isaa jajjabeesseera. (Mat. 28:20) Kun duuka buutota isaa gargaareeraa? Eeyyee. Utuma baayʼee hin turin, hojii ‘misiraachoo barsiisuu fi lallabuudhaan’ qabamaniiru. (HoE. 5:42) Babalʼistoonni qabbanaanis jajjabinni isaan barbaachisa. Waaʼee deebiʼanii lallabuu yaaduun isaan sodaachisuu dandaʼa. Dirqama kophaa isaanii lallabu jechuu akka hin taane isaaniif mirkaneessuu dandeenya. Tajaajila irratti hirmaachuuf yommuu qophaaʼan isaanii wajjin tajaajiluu dandeenya. Deebiʼanii misiraachicha labsuu yommuu jalqabanitti gargaarsa nuti isaaniif goonu akka dinqisiifatan hin shakkisiisu. Warra qabbanaaʼan akka obbolootaa fi obboleettota keenyaatti ilaaluu fi qabuun keenya guutummaan gumichaa akka gammadu godha.

HOJII IMAANAADHAAN NUUF KENNAME FIIXAAN BAASUU BARBAANNA

19. Hawwiin garaa keenyaa maali dha? Maaliifi?

19 Barattoota gochuu keenya hamma yoomiitti itti fufuu qabna? Hanga dhuma sirna kanaatti. (Mat. 28:20; Ibsa jechootaa irraa, “Dhuma sirna kanaa” ilaali.) Hamma yeroo sanaatti lallabuu fi barattoota gochuu ni dandeenyaa? Kana gochuuf murteessineerra! ‘Warra jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban’ barbaaduuf yeroo, humnaa fi qabeenya keenya gammachuudhaan kennina. (HoE. 13:48) Kana yommuu goonu fakkeenya Yesuus hordofna. Yesuus akkas jedheera: “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu fi hojii isaa xumuruu dha.” (Yoh. 4:34; 17:4) Nutis hawwiin garaa keenyaa kana dha. Hojii imaanaadhaan nutti kenname xumuruu barbaanna. (Yoh. 20:21) Warra qabbanaaʼan dabalatee, warri kaanis hojii kana irratti hamma dhumaatti akka nu waliin itti fufan barbaanna.—Mat. 24:13.

20. Akka Filiphisiyus 4:13 jedhutti hojii Yesuus akka raawwannu nu ajaje fiixaan baasuu kan dandeenyu maaliifi?

20 Wanti Yesuus akka hojjennu nu ajaje salphaa miti. Taʼus, hojii kana hojjechaa kan jirru kophaa keenya miti. Yesuus nuu wajjiin akka taʼu waadaa nuuf galeera. Hojii barattoota gochuu nuuf kenname, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuudhaan’ akkasumas “Kiristoosii wajjin taanee” raawwanna. (1 Qo. 3:9; 2 Qo. 2:17) Kanaafuu, fiixaan baasuu dandeenya. Hojii kana raawwachuunii fi warri kaanis akkas akka godhan gargaaruun mirga guddaa dha akkasumas baayʼee nama gammachiisa.—Filiphisiyus 4:13 dubbisi.

FAARFANNAA 79 Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Barsiisa

^ key. 5 Yesuus duuka buutonni isaa barattoota akka godhanii fi wantoota inni isaan ajaje hunda eeguu warra kaan akka barsiisan qajeelfama isaaniif kenneera. Mata dureen kun qajeelfama Yesuus akkamitti hordofuu akka dandeenyu ibsa.

^ key. 7 As irratti koorniyaa dhiiraa kan fayyadamne, ibsuuf akka salphatuuf jennee ti.

^ key. 67 IBSA FAKKII: Obboleettiin qoʼannaa Kitaaba Qulqullu geggeesaa jirtu, qoʼattuun ishii jaalala Waaqayyoof qabdu guddifachuuf tarkaanfii fudhachuu qabdu ibsaafii jirti. Booda barattuun kun yaada qoʼachiistuu ishii irraa argatte sadii hojii irra oolchiti.