Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

“Yihowaan Na Hin Irraanfanne”

“Yihowaan Na Hin Irraanfanne”

KANAN JIRAADHU, Guyaanaa ishii Kibbaa Ameerikaatti argamtutti, mandara Ooreelaa ishii gara jiraattota 2000 qabdu keessa dha. Mandarri kun bakka fagootti waan argamtuuf, dhaquun kan dandaʼamu xiyyaara xinnoo ykn bidiruudhaan qofa dha.

Bara 1983⁠ttin dhaladhe. Jireenya koo gara jalqabaatti fayya buleessan ture, taʼus, yeroo umuriin koo waggaa kudhan taʼu, guutummaa qaama kootti dhukkubbii cimaan natti dhagaʼamuu jalqabe. Gara waggaa lamaa booda, ganama kaʼeen sochoʼuu dadhabe. Miilla koo sochoosuuf cimsee kanan yaale taʼus, sochoosuu hin dandeenye. Guyyaa sanaa kaasee lammata deemuu hin dandeenye. Dhukkubni koo qaamni koo akka hin guddannes godheera. Amma iyyuu, akkuma ijoollummaa kootti qaamni koo xinnoo dha.

Ergan dhukkubsadhee manaa baʼuu dadhabee jiʼoota muraasa booda Dhugaa Baatonni lama dhufanii na gaafatan. Yeroo baayʼee yommuu namoonni dhufan nan dhokadhan ture, gaafa sana garuu dubartoonni sun akka na haasofsiisan tolen jedhe. Yeroo isaan waaʼee Jannataa dubbatan, wantan umurii koo gara waggaa shaniitti dhagaʼen yaadadhe. Yeroo sana, misiyooniin Jeteeroo jedhamuu fi Suriineem jiraatu jiʼatti al tokko mandara keenya dhufee abbaa koo Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisa ture. Jeteeroon gaarummaa guddaa natti argisiisa ture. Anis baayʼeen isa jalladha. Abbaa fi haati abbaa koos walgaʼiiwwan Dhugaa Baatotaa manadara keenyatti godhamu tokko tokko irratti akkan argamu na fuudhanii deemu turan. Kanaafuu, dubartoota guyyaa sana na gaafatan keessaa ishiin Filooreensi jedhamtu, dabalataan barachuu akkan barbaadu yeroo na gaafattu, eeyyeen jedhe.

Filooreensi abbaa manaa ishii waliin deebitee kan dhufte siʼa taʼu, lama taʼanii na qoʼachiisuu jalqaban. Achiis dubbisuu akkan hin dandeenye yommuu hubatan, dubbisuu akkan baradhu na gargaaran. Yeroo muraasa booda, dubbisuun dandaʼe. Guyyaa tokko hiriyoonni gaaʼelaa kun Suriineemitti tajaajiluuf akka ramadaman natti himan. Kan nama gaddisiisu Ooreelaatti namni qoʼannaa koo itti na fufsiisu tokko iyyuu hin jiru ture. Kan nama gammachiisu garuu Yihowaan na hin irraanfanne.

Utuma baayʼee hin turin qajeelchaan Filooyidi jedhamu Ooreelaa kan dhufe siʼa taʼu, utuu manaa gara manaa tajaajiluu anaa wajjin wal arge. Achiis yommuu inni waaʼee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu natti dubbatu nan seeqe. Innis “Maaliif seeqxe?” naan jedhe. Anis birooshura Waaqayyo Nurraa Maal Barbaada? jedhu qoʼadhee akkan xumuree fi kitaaba Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu * jedhu qoʼachuu akkan jalqaben itti hime. Qoʼannaan koo maaliif akka addaan cites nan ibseef. Achiis Filooyidi kutaa Kitaabichaa isa hafe na qoʼachiise, booda garuu innis bakka biraatti akka tajaajilu ramadame. Kanaafuu, ammas nama na qoʼachiisun dhabe.

Haa taʼu malee, bara 2004, Graanviilii fi Jooshuwaan warri qajeelchitoota addaa taʼan Ooreelaatti ramadaman. Isaanis manaa gara manaa utuu lallabanii naa wajjin wal argan. Achiis qoʼachuu akkan barbaadu yommuu na gaafatan nan seeqe. Kitaaaba, Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu jalqabumaa kaasanii akka na qoʼachiisan isaan nan gaafadhe. Wantuma barsiisonni koo duraanii na barsiisan wajjin wal fakkaatu, akka na barsiisan beekuun barbaade. Graanviiliin mandarichatti walgaʼiin godhamaa akka jiru natti hime. Gara waggaa kudhaniif manaa baʼee kan hin beekne taʼus, walgaʼicha irratti argamuun barbaade. Graanviiliin fuudhee wiilcheerii irra erga na kaaʼee booda dhiibee Galma Walgaʼiitti na geesse.

Yeroo booda, Graanviiliin Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookaraasii akkan hirmaadhu na jajjabeesse. Akkas jedhe: “Qaama miidhamaa taatus, dubbachuu garuu ni dandeessa. Guyyaa tokko haasaa sabaa nuuf kennita. Kanas akka gootu hin shakkisiisu.” Jajjabinni inni naaf kenne ofitti amanannaa akkan qabaadhu godheera.

Anis Graanviilii wajjin lallaba irratti hirmaachuun jalqabe. Haa taʼu malee, daandiiwwan mandarichaa hedduun buʼaa baʼii waan qabaniif, wiilcheeriidhaaf mijataa hin turre. Kanaafuu, Graanviiliin gaarii irra erga na kaaʼee booda, gaaricha dhiibee iddoo gara garaatti na geessa ture. Kun qophii baayʼee gaarii taʼe ture. Ebla 2005⁠tti nan cuuphame. Achiis utuma hin turin, Galma Walgaʼiitti kutaa barreeffamaa fi kutaa sagaleetti akkan hojjedhu obboloonni na leenjisan.

Kan nama gaddisiisu sana booda bara 2007⁠tti, abbaan koo balaa bidiruu isa mudateen duʼe. Maatiin keenya baayʼee gadde. Graanviiliin nu wajjin kadhate akkasumas Kitaaba Qulqulluu irraa yaada nama jajjabeessu nuuf dubbise. Waggaa lama booda immoo, Graanviiliin balaa bidiruutiin duʼuu isaatiin kan kaʼe gaddi kan biraa nu mudate.

Gumiin keenya ishiin xinnoon gadda irra jirtu jaarsa qabdu tokko kan dhabde siʼa taʼu, tajaajilaa gumii tokko qofatu hafeef. Inni michuu gaarii waan tureef, duuti Graanviilii baayʼee na miidhe. Inni karaa hafuuraa fi karaa qaamaa wanta na barbaachisu akkan guuttadhu amanamummaadhaan na gargaareera. Walgaʼii jalqabaa duʼa isaa booda ture irratti, Masaraa Eegumsaa Qoʼannaa akkan dubbisu ramadameen ture. Keeyyatawwan jalqabaa lamaan akkuma taʼetti kanan dubbise taʼus, sana booda, booʼuun jalqabe, imimmaan koos dhaabuu hin dandeenye. Waltajjii irraa buʼuunis na barbaachisee ture.

Obboleessi tokko nu gargaaruuf gumii kan biraatii yommuu Ooreelaa dhufu gadda koo irraa bayyanachuun jalqabe. Dabalataanis waajjirri damee qajeelchaa addaa Koojoo jedhamu nuuf erge. Kan nama gammachiisu haati koo fi obboleessi koo inni quxisuun qoʼachuu jalqaban, boodas ni cuuphaman. Achiis Bitootessa 2015 tajaajilaa gumii taʼeen muudame. Yeroo booda, haasaa sabaa koo isa jalqabaan dhiheesse. Guyyaa sana, seeqaa fi booʼaa yaada Graanviiliin waggoota hedduu dura, “Guyyaa tokko haasaa sabaa nuuf kennita. Kanas akka gootu hin shakkisiisu” jechuudhaan dubbate duubatti deebiʼeen yaade.

Karaa sagantaa JW Biroodkaastiingii, waaʼee Dhugaa Baatota haala ani keessa jiruu wajjin wal fakkaatu keessa jiranii hubadheera. Isaan qaama miidhamtoota taʼanis, jireenya hiika qabuu fi gammachiisaa jiraatu. Anis wantoota tokko tokko gochuu nan dandaʼa. Yihowaadhaaf wantan dandaʼu kennuu waanan barbaadeef, qajeelchaa yeroo hundaa taʼeera. Fulbaana 2019 wantan hin eegne tokkoon dhagaʼe! Jiʼa sana gumii keenya isa babalʼistoota gara 40 qabutti jaarsa taʼee akkan tajaajilu muudamuu koo nan bare.

Obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo na qoʼachiisanii fi tajaajila koo akkan raawwadhu na gargaaran nan galateeffadha. Hunda caalaa immoo Yihowaan waan na hin irraafanneef baayʼeen isa galateeffadha

^ key. 8 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼe; amma maxxanfamaa hin jiru.