Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Fakkeenyi 24:16, “Namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa” jedha. Kun nama irra deddeebiʼee cubbuutti kufu, garuu immoo Waaqayyo dhiifama isaaf godhu argisiisaa?

Yaadni caqasni kun dabarsu kana miti. Kanaa mannaa, nama rakkinni isa mudachuu isaatiin kufuu fi bayyannachuudhaan deebiʼee kaʼu argisiisa.

Yaada naannoo caqasa kanaa jiru ilaali: “Mana nama qajeelaa biratti hamminaan riphxee hin eeggatin; Bakka boqonnaa isaa hin balleessin. Sababiin isaas, namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa, Namni hamaan garuu rakkina isa irra gaʼuun ni gufata. Diinni kee yommuu kufu hin gammadin, Yommuu inni gufatus garaan kee hin gammadin.”—Fak. 24:15-17.

Namoonni tokko tokko lakkoofsi 16 nama irra deddeebiʼee cubbuutti kufuu fi booda garuu deebiʼee bayyanatu argisiisa jedhanii yaadu. Qeesonni Biritaaniyaa lama “lallabdoonni bara duriis taʼan, bara keenya jiran caqasa kana al hedduu” karaa kanaan akka fayyadaman barreessaniiru. Qeesonni kun itti dabaluudhaan, ilaalchi akkasii, ‘namni gaariin tokko cubbuu cimaadhaan kufuu dandaʼa, taʼus, matumaa jaalala Waaqayyoof qabu hin dhabu, yeroo kufu hundattis yaada geddarachuudhaan deebiʼee kaʼa’ yaada jedhu dabarsa jedhaniiru. Yaadni akkasii nama cubbuu irraa fagaachuu hin barbaanne tokko gammachiisu dandaʼa. Irra deddeebiʼee yoo cubbuu hojjete iyyuu Waaqayyoo yeroo hundumaa akka isaaf dhiisu yaaduu dandaʼa.

Haa taʼu malee, ergaan lakkoofsa 16 kana miti.

Jechi afaan Ibrootaa lakkoofsa 16 fi 17 irratti “kufuu” jedhamee hiikame karaa gara garaatiin hojii irra ooluu dandaʼa. Kallattiin kufuu, jechuunis sangaan tokkoo daandii irratti kufuu, namni tokko baaxii irraa kufuu ykn dhagaa xinnoon lafatti kufuu argisiisuu dandaʼa. (Kes. 22:4, 8; Amo. 9:9) Jechi kun fakkeenyaanis akka armaan gadiitti itti hojjetamuu dandaʼa: “Yihowaan yommuu daandii namaatti gammadu, Tarkaanfii isaa isaaf ni qajeelcha. Yihowaan harkaan waan isa deggeruuf, Inni yoo kufe illee hin gombifamu.”—Fr. 37:23, 24; Fak. 11:5; 13:17; 17:20.

Haa taʼu malee, yaada Piroofeesar Ediwaardi Piluumpitreen dubbatan hubadhu: “Jechi afaan Ibrootaa kufuu argisiisu cubbuutti kufuu argisiisuuf matumaa itti hojjetamee hin beeku.” Hayyuu kan biraan immoo lakkoofsa 16 akka itti aanutti ibsaniiru: “Saba Waaqayyoo rakkisuun gatii hin qabu, injifatamuu dhas; sababiin isaas isaan ni milkaaʼu, cubbamoonni garuu hin milkaaʼan!”

Eeyyee, Fakkeenyi 24:16 “kufuu” yommuu jedhu cubbuutti kufuu utuu hin taʼin, rakkinni irra deddeebiʼee nama irra gaʼuu argisiisa. Sirna hamaa amma jiru keessatti namni qajeelaan tokko dhibeen fayyaa ykn rakkinni kan biraan isa mudachuu dandaʼa. Mootummaa irraa illee ariʼatamni cimaan isa irra gaʼuu dandaʼa. Taʼus, Waaqayyo akka isa deggeruu, akkasumas akka dandamatuu fi milkaaʼina akka argatu akka isa gargaaru isatti amanamuu dandaʼa. ‘Saba Waaqayyootiif wantoonni tokko tokko yommuu milkaaʼan argee hin beekuu?’ jedhii of gaafadhu. Maaliifi? ‘Yihowaan warra kufuuf jedhan hundumaa akka deggeru, Warra gombifaman hundumaas akka ol kaasu’ mirkanaaʼoo dha.—Fr. 41:1-3; 145:14-19.

‘Namni qajeelaan’ namoonni kaan rakkachuu isaaniitti hin gammadu. Kanaa mannaa, ‘warri Waaqa dhugaa sodaatan isa sodaachuu isaaniitiin kan kaʼe gaarii akka isaaniif taʼu beeku’ isaatiin gammada.—Lal. 8:11-13; Iyo. 31:3-6; Fr. 27:5, 6.