Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Itti Gaafatamummaa Keessaan Hinaaffaadhaan Raawwadhaa!

Itti Gaafatamummaa Keessaan Hinaaffaadhaan Raawwadhaa!

MICHUU keessan tokko irraa xalayaan nama jajjabeessu yommuu isin gaʼu maaltu isinitti dhagaʼama? Ximotewos inni Kiristiyaana taʼe xalayaan akkasii Phaawulos ergamaa irraa isaaf ergameera; xalayaan kun yeroo ammaatti kutaa Kitaaba Qulqulluu 2 Ximotewos jedhamee beekama. Ximotewos iddoo tasgabbaaʼaa taaʼee wanta michuun isaa isaaf barreesse dubbisuuf hawwee akka ture hin shakkisiisu. Tarii Ximotewos akkas jedhee yaadee taʼuu dandaʼa: ‘Phaawulos haala akkamii keessa jira? Gorsa itti gaafatamummaa koo baʼuuf na gargaaru naa ergeeraa? Xalayaan kun tajaajila koo fi warra kaan gargaaru irratti milkaaʼina argachuuf na gargaaraa?’ Akkuma itti aansinee ilaallu, Ximotewos xalayaa barbaachisaa kana irraa deebii gaaffiiwwan kanaa fi yaadawwan kan biroo argateera. Ammaaf garuu, gorsa barbaachisaa xalayaan kun qabate irraa qabxiiwwan ijoo muraasa haa ilaallu.

“WANTOOTA HUNDUMAA DANDAʼEE JIRAACHUU KOO ITTAN FUFA”

Ximotewos jechoota jalqabaa xalayaa kanaa dubbisu yommuu jalqabu, Phaawulos baayʼee akka isaaf yaadu hubatee taʼuu qaba. Phaawulos miira hoʼaadhaan, “ilma koo isa jaallatamaa” isaan jedheera. (2 Xi. 1:2) Ximotewos Dh.K.B. gara bara 65 yeroo xalayaan kun isa gaʼetti, tarii umurii waggoota 30man keessatti kan argamu siʼa taʼu, jaarsa muuxannoo qabu ture. Inni waggaa kudhanii oliif Phaawulosii wajjin hojjeteera, waan hedduus barateera.

Ximotewos, Phaawulos amanamummaadhaan rakkina damdamachaa akka jiru beekuun isaa guddaa isa jajjabeessee taʼuu qaba. Roomaatti funcaadhaan hidhamee duʼa eeggachaa jira. (2 Xi. 1:15, 16; 4:6-8) Ximotewos, “Wantoota hundumaa dandaʼee jiraachuu koo ittan fufa” yaada jedhu irraa ija jabina Phaawulos hubachuu dandaʼa. (2 Xi. 2:8-13) Nutis fakkeenya Phaawulos jabaatee dhaabachuudhaan taʼe irraa jabina argachuu dandeenya.

‘KENNAA KEE AKKA IBIDDAATTI QABSIISI’

Phaawulos itti gaafatamummaa tajaajila Waaqayyoo keessatti qabuuf iddoo guddaa akka kennu Ximotewosiin gorseera. Ximotewos ‘kennaa Waaqayyo biraa argate akka ibiddaatti akka qabsiisu’ barbaadee ture. (2 Xi. 1:6) Phaawulos, “kennaa” ibsuuf jecha Kaarisimaa jedhu fayyadameera. Jechi afaan Giriikii kun kennaa tolaa, jechuunis gatii dadhabbii kan hin taanee fi kan nuuf hin malle kan argisiisu dha. Ximotewos kennaa kana kan argate gumii wajjin haala wal qabateen yommuu tajaajila addaatiif adda baafametti ture.—1 Xi. 4:14.

Phaawulos, Ximotewos kennaa kanaan maal akka godhu jajjabeesse? Ximotewos yaada ‘akka ibiddaatti qabsiisi’ jedhu yommuu dubbisu ibidda manaa, barbadaa qofa qabu yaadee taʼuu dandaʼa. Barbadaan kun akka bobaʼuu fi hoʼa dabalataa akka kennuuf qabsiifamuu qaba. Galmeen jechootaa tokko akka jedhetti, jechi afaan Giriikii (a·na·zo·py·reʹo) jedhuu fi Phaawulos fayyadame kun, “qabsiisuu, kakaasuu, bobeessuu” kan argisiisu siʼa taʼu, akka fakkeenyaatti, “hinaaffaadhaan hojii tokko deebisanii jalqabuu” argisiisa. Kanaafuu, Phaawulos, Ximotewos ‘Itti gaafatamummaa isaa raawwachuuf wanta dandaʼu hunda akka godhu’ isa gorsuu isaa ture. Nutis tajaajila keenya guutummaatti raawwachuuf wanta dandeenye hunda gochuu qabna.

‘WANTA GAARII IMAANAADHAAN SITTI KENNAME EEGI’

Ximotewos xalayaa michuu isaa irraa isa gaʼe kana dubbisuu isaa yommuu itti fufu, yaada tajaajila isaa irratti buʼa qabeessa taʼuuf isa gargaaru kan biraa argateera. Phaawulos, “Wanta gaarii imaanaadhaan sitti kenname kana hafuura qulqulluu isa nu keessa jiraatuun eegi” jedhee isaaf barreesseera. (2 Xi. 1:14) Wanti imaanaadhaan Ximotewositti kenname maal ture? Phaawulos lakkoofsa 13 irratti, dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru “dubbii gaarii” jedheera. (2 Xi. 1:13) Ximotewos tajaajilaa waan taʼeef, gumii keessattis taʼe, gumiidhaa alatti dhugaa lallabuu qaba. (2 Xi. 4:1-5) Dabalataanis Ximotewos hoolota Waaqayyoo akka tiksuuf jaarsa taʼee muudameera. (1 Ph. 5:2) Ximotewos hafuura Yihowaa fi Dubbii isaatti amanamuudhaan, wanta imaanaadhaan isatti kenname, jechuunis dhugaa akka barsiisuuf itti kenname sana eeguu qaba.—2 Xi. 3:14-17.

Harʼas, dhugaan namootatti himnu imaanaadhaan nutti kennameera. (Mat. 28:19, 20) Dinqisiifannaa wanta imaanaadhaan nutti kenname kanaaf qabnu eegnee jiraachuuf kadhannaatti jabaachuu fi barsiifata qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu gaarii qabaachuu qabna. (Rom. 12:11, 12; 1 Xi. 4:13, 15, 16) Dabalataanis jaarsa taanee akka tajaajillu ykn tajaajila yeroo guutuu irratti akka hirmaannu itti gaafatamummaa qabna taʼa. Itti gaafatamummaan akkasii akka gad of qabnuu fi gargaarsa Waaqayyootti akka amanamnu nu taasisuu qaba. Kanaafuu, wanta imaanaadhaan nutti kenname kanaaf iddoo guddaa kennuu fi itti gaafatamummaa kana baʼuuf gargaarsa Yihowaatti amanamuudhaan eeguu dandeenya.

“NAMOOTA AMANAMOO TAʼANITTI IMAANAADHAAN KENNI”

Itti gaafatamummaan Ximotewosiif kenname isa qofa kan ilaallatu hin turre. Warra kaanis kan ilaallatu ture. Phaawulos, Ximotewosiin, “wantoota ana irraa dhageesse . . . , namoota amanamoo taʼanitti imaanaadhaan kenni; isaan immoo warra kaan barsiisuuf gaʼumsa ni qabaatu” jedhee kan gorse kanaaf ture. (2 Xi. 2:2) Eeyyee, Ximotewos obboloota kaan irraa barachuu fi wanta barate immoo isaan barsiisuu qaba ture. Ilaaltuun ol aanaa gumii Kiristiyaanaa keessa jiru kam iyyuu akkas gochuuf carraaquun isaa baayʼee barbaachisaa dha. Ilaaltuu ol aanaa gaariin tokko beekumsa waaʼee hojii tokkoo qabu hin dhoksu. Kanaa mannaa, warri kaan hojicha hojjechuu akka dandaʼan barsiisa. Hojicha na caalaatti beeku ykn na caalaatti hojjetu jedhee hin sodaatu. Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaan tokko waaʼee hojii tokkoo wanta buʼuuraa qofa hin barsiisu. Warri inni leenjisu dandeettii waa madaaluu akka guddifatanii fi hubannaa balʼaa akka qabaatan, jechuunis bilchaatoo akka taʼan gargaaruu barbaada. Karaa kanaan, ‘namoonni amanamoon’ inni barsiisu, gumiidhaaf faayidaa guddaa argamsiisu.

Ximotewos xalayaa Phaawulos irraa isa gaʼe kanaaf iddoo guddaa akka kenne beekamaa dha. Ximotewos gorsa gaarii xalayicha keessa jiru irra deddeebiʼee akka dubbisee fi itti gaafatamummaa isaa raawwachuuf akkamitti akka fayyadamu xiinxalee akka ture yaaduu dandeenya.

Nutis gorsa kana itti hojjechuu barbaanna. Akkamitti? Kennaa keenya akka ibiddaatti qabsiisuu, wanta imaanaadhaan nutti kenname eeguu fi muuxannoo fi beekumsa keenya warra kaaniif hiruuf carraaquu ni dandeenya. Akka kanaan, akkuma Phaawulos Ximotewosiin hubachiise, ‘tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu’ dandeenya.—2 Xi. 4:5.