Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?

Kadhannaan Maal Siif Gochuu Dandaʼa?

Paamelaan dhukkubni cimaan waan ishii qabeef yaalii fayyaa buʼa qabeessa argachuu barbaadde. Taʼus jabina dhukkuba ishii dandaʼuuf ishii gargaaru argachuufis Waaqayyotti kadhannaa dhiheessite. Maarree kadhannaan ishii gargaareeraa?

Paamelaan akkas jetteetti: “Kaansarii na qabe yeroon yaalamaa turetti sodaa guddaan natti dhagaʼamee ture. Taʼus, yommuun Yihowaatti kadhannaa dhiheessu, miirri tasgabbii waan natti dhagaʼameef sirriitti yaaduun jalqabe. Amma iyyuu dhukkubbii cimaan kan natti dhagaʼamu taʼus, kadhannaan ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaaraa jira. Namoonni wanta natti dhagaʼamu yommuu na gaafatan, ‘Fayyummaan natti hin dhagaʼamu, garuu ilaalcha gaarii qaba’ jedheen deebisa.”

Dhugaa dha, kadhachuudhaaf hanga rakkinni cimaan nu mudatutti eeguu hin qabnu. Xinnaas taʼe guddaa hundi keenya haalli rakkisaan nu mudata, rakkoowwan keenya dandamachuufis yeroo baayʼee gargaarsi akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama. Kadhannaan nu gargaaruu dandaʼaa?

Kitaabni Qulqulluun, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, Innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu” jedha. (Faarfannaa 55:22) Kun yaada baayʼee nama jajjabeessu dha! Kanaafuu, kadhannaan kan si gargaaru akkamitti? Karaa sirrii taʼeen Waaqayyotti yommuu kadhannaa dhiheessitu, inni haala rakkisaa si mudate dandamachuuf wanta si gargaaru siif kenna.—Saanduqa, “ Wanta Kadhannaan Siif Argamsiisuu Dandaʼu” jedhu ilaali.