Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaan Kana Irra Wayyu Nu Barbaachisa!

Addunyaan Kana Irra Wayyu Nu Barbaachisa!

Barreessaa ol aanaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼe Antooniyoo Gutereez, “Addunyaan keessa jiraannu jeequmsaan kan guutame dha” jedheera. Yaada kana irratti walii hin galtuu?

Oduuwwan dhageenyu gabaasawwan nama dhiphisaniin kan guutamani dha

  • Dhukkubaa fi weerara dhibee

  • Balaawwan uumamaa

  • Hiyyummaa fi beela

  • Faalamaa fi hoʼi addunyaa dabaluu isaa

  • Yakka, jeequmsaa fimalaanmaltummaa

  • Waraana

Dhuguma iyyuu, addunyaan kana irra wayyu nu barbaachisa. Addunyaa:

  • Dhukkubni keessa hin jirre

  • Namni hundi nageenyaa fi tasgabbii itti qabaatu

  • Nyaanni irraa hafaan keessa jiraatu

  • Haala naannoo dhukkubaaf namasaaxilu hin qabne

  • Namni hundi haqa itti argatu

  • Nagaadhaan guutame

Haa taʼu malee, addunyaan kana irra wayyu nu barbaachisa yeroo jennu maal jechuu keenya dha?

Addunyaa amma keessa jiraachaa jirru irra maaltu gaʼa?

Addunyaa kana irra wayyu keessa jiraachuuf maal gochuu dandeenya?

Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun gaaffiiwwan kanaa fi kana fakkaataniif deebii nama jajjabeessuu fi Kitaabni Qulqulluun kennu maal akka taʼe ibsa.