Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaan kun ni Badaa?

Addunyaan kun ni Badaa?

Kitaabni Qulqulluun waaʼee badiisa addunyaa akka dubbatu beekta taʼa. (1 Yohaannis 2:17) Maarree kun sanyiin ilmaan namootaa lafa irraa akka badan kan argisiisu dhaa? Lafti ona taatee akka haftu ykn guutummaatti akka balleeffamtu hoo kan argisiisu dhaa?

DEEBIIN KITAABNI QULQULLUUN GAAFFIIWWAN LAMAAN KANAAF KENNU ‘LAKKI!’ KAN JEDHU DHA

Wanti hin Badne Maali Dha?

ILMAAN NAMOOTAA

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Waaqayyo “bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan [lafa] hin uumne.”—ISAAYYAAS 45:18.

LAFA

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Dhaloonni ni darba, dhaloonni ni dhufa, lafti garuu bara baraaf jiraatti.”—LALLABA 1:4.

MAAL JECHUU DHA? Kitaabni Qulqulluun lafti akka hin balleeffamnee fi yeroo hundumaa iddoo jireenyaa akka taatu dubbata. Maarree, badiisa addunyaa jechuun maal jechuu dha?

MEE YAADI: Kitaabni Qulqulluun badiisa addunyaa kanaa wanta bara Nohitti taʼee wajjin wal bira qabee ibsa. Yeroo sanatti “lafti jeequmsaan . . . guutamtee” turte. (Uumama 6:13) Noh garuu qajeelaa ture. Kanaafuu, Waaqayyo Nohii fi maatii isaa oolchee, namoota hamoo immoo bishaan badiisaatiin balleesse. Kitaabni Qulqulluun wanta yeroo sanatti taʼe yommuu dubbatu, “Addunyaan yeroo sana ture bishaaniin yommuu liqimfametti badeera” jedha. (2 Pheexiros 3:6) Kun addunyaan yeroo sana ture baduu isaa argisiisa. Haa taʼu malee, kan balleeffame maali dha? Lafa utuu hin taʼin, namoota hamoo lafa irra turan sana dha. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun waaʼee badiisa addunyaa yommuu dubbatu, lafti kun akka balleeffamtu dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, namoonni hamoon lafa irra jiraatanii fi sirni isaanii akka badu argisiisa.

Wanti Badu Maali Dha?

RAKKINAA FI HAMMINA

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan; bakka isaan turan ni ilaalta, isaan garuu achitti hin argaman. Garraamonni garuu lafa ni dhaalu, nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.”—FAARFANNAA 37:10, 11.

MAAL JECHUU DHA? Bishaan badiisaa bara Nohitti gaʼe, akka hin deebinetti guutummaatti hammina hin balleessine. Bishaan badiisaa boodas namoonni hamoon jireenyi nama hundumaatti akka hammaatu godhaniiru. Dhiheenyatti garuu, Waaqayyo hammina guutummaatti ni balleessa. Akkuma faarfatichi jedhe, “namoonni hamoon hin jiraatan.” Waaqayyo Mootummaa isaa isa samii irra taaʼee ilmaan namootaa qajeeloo taʼan bulchutti fayyadamee hammina guutummaatti ni balleessa.

MEE YAADI: Mootummoonni yeroo ammaatti addunyaa kana bulchan Mootummaa Waaqayyoo ni deggeruu? Kitaabni Qulqulluun mootummoonni kun Mootummaa Waaqayyoo akka hin deggerre dubbata. Kanaa mannaa, gowwummaadhaan Mootummaa Waaqayyoo mormu. (Faarfannaa 2:2) Kun hoo maal isaan irraan geessisa? Mootummaan Waaqayyoo mootummoota ilmaan namootaa hundumaa ni balleessa, “kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.” (Daaniʼel 2:44) Haa taʼu malee, bulchiinsi ilmaan namootaa balleeffamuu kan qabu maaliifi?

Bulchiinsi Ilmaan Namootaa BALLEEFFAMUU QABA

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Namni “yommuu [deemu] ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu.”—ERMIYAAS 10:23.

MAAL JECHUU DHA? Ilmaan namootaa kan uumaman akka ofiin of bulchaniif miti. Ilmaan namootaa namoota bulchuus taʼe, rakkina isaaniitiif furmaata kennuu hin dandaʼan.

MEE YAADI: Barreeffamni Biritaanikaa Akkaadaamik jedhamu, “Mootummoonni hiyyummaa, beela, dhukkuba, balaa uumamaa fi waraana ykn jeequmsaaf furmaata kennuu waan dandaʼan hin fakkaatu” jedheera. Itti fufuudhaanis, “Namoonni tokko tokko . . . rakkoowwan kanaaf furmaata kennuun kan dandaʼamu guutummaan addunyaa mootummaa tokko jalatti yoo bule qofa akka taʼe dubbatu” jedheera. Haa taʼu malee, mootummoonni ilmaan namootaa hundi tokko yoo taʼan illee, addunyaa kana kan bulchu ilmaan namootaa cubbamoo taʼan hamma taʼetti rakkoowwan olitti caqasaman balleessuu hin dandaʼan. Rakkoowwan addunyaa irra jiran hunda guutummaatti balleessuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa dha.

Kanaafuu, akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti namoonni gaarii taʼan badiisa addunyaa kanaa, jechuunis badiisa sirna kanatti dhufu sodaachuun isaan hin barbaachisu. Kanaa mannaa, addunyaan mancaʼe kun addunyaa haaraa Waaqayyo fiduun waan bakka buufamuuf gammaduu qabu!

Kun kan raawwatamu yoomi? Mata dureen itti aanu deebii Kitaabni Qulqulluun kennu ibsa.