Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?

Addunyaan kun Yoom Balleeffama? Yesuus Maal Jedhe?

Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle Kitaabni Qulqulluun waaʼee badiisa addunyaa yeroo dubbatu lafti ykn ilmaan namootaa akka balleeffaman dubbachuu isaa miti. Kanaa mannaa, sirni mancaʼaan yeroo ammaa jiruu fi warri isa deggeran hundi akka balleeffaman argisiisa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun sirni hamaan kun yoom akka balleeffamu ni dubbataa?

WANTA YESUUS BADIISA ADDUNYAA ILAALCHISEE DUBBATE LAMA ILAALI:

“Egaa, isin guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa.”—MAATEWOS 25:13.

“Guyyaan murteeffame sun yoom akka taʼe waan hin beekneef, yeroo hunda xiyyeeffannaadhaan hordofaa, dammaqinaanis eegaa.”—MAARQOS 13:33.

Kanaafuu, namni lafa irra jiru kam iyyuu dhumni sirna kanaa yoom akka dhufu hin beeku. Haa taʼu malee, Waaqayyo “guyyaa . . . fi saʼaatii” sirni kun itti balleeffamu murteesseera. (Maatewos 24:36) Kana jechuun badiisni addunyaa dhihaachuu isaa beekuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Yesuus taʼeewwan badiisni addunyaa dhihaachuu isaa argisiisan maalfaa akka taʼan barattoota isaatti himeera.

MALLATTOO

Taʼeewwan kun mallattoo “dhuma sirna kanaa” ti. Yesuus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa; akkasumas hanqinni nyaataa fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa” jedheera. (Maatewos 24:3, 7) Kana malees, Yesuus “golfaan,” jechuunis dhukkubni daddarbaan akka jiraatu dubbateera. (Luqaas 21:11) Taʼeewwan Yesuus raajiidhaan dubbate yeroo raawwataman argaa jirtaa?

Waraanonni badiisa guddaa geessisan, beelli, kirkirri lafaa fi dhukkuboonni ciccimoon yeroo harʼaatti namoota irratti miidhaa geessisaa jiru. Fakkeenyaaf, bara 2004⁠tti, kirkirri lafaa cimaan Garba Hindii keessatti kaʼe obomboleettiin namoota gara 225,000 taʼan galaafate akka uumamu godheera. Weerarri dhibee Kooviid 19 waggaa sadi keessatti addunyaa maratti namoota gara miliyoona 6.9 taʼan galaafateera. Yesuus taʼeewwan kun dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa kan argisiisan akka taʼan dubbateera.

“GUYYOOTA DHUMAA”

Kitaabni Qulqulluun yeroo dhumni dhufuu isaa dura jiru “guyyoota dhumaa” jedhee waama. (2 Pheexiros 3:3, 4) Ximotewos Lammaffaan 3:1-5 guyyoota dhumaatti ilmaan namootaa karaa naamusaa akka mancaʼan dubbata. (Saanduqa, “ Wantoota Badiisa Addunyaa Dura Taʼan” jedhu ilaali.) Namoonni yeroo harʼaa jiran ofittoo, sassatoo, gara jabeeyyii fi jaalala kan hin qabne taʼuu isaanii hubatteettaa? Kunis ragaa badiisni addunyaa baayʼee dhihaachuu isaa argisiisu dha.

Guyyoonni dhumaa hammam dheeratu? Kitaabni Qulqulluun guyyoonni dhumaa ‘yeroo gabaabaadhaaf’ qofa akka turan dubbata. Achiis Waaqayyo “warra lafa mancaasan” ni balleessa.—Mulʼata 11:15-18; 12:12.

YEROON LAFTI JANNATA ITTI TAATU DHIHAATEERA!

Waaqayyo guyyaa fi saʼaatii sirna hamaa kana itti balleessu murteesseera. (Maatewos 24:36) Wanti nama gammachiisu kan biraan immoo, Waaqayyo ‘namni tokko illee akka badu hin barbaadu.’ (2 Pheexiros 3:9) Ilmaan namootaa ulaagaalee isaa wajjin wal simanii akka jiraataniif carraa isaaniif kenneera. Maaliif? Badiisa addunyaa kanatti dhufu irraa oollee addunyaa haaraa lafti jannata itti taatu keessa akka jiraannu waan barbaaduufi.

Waaqayyo namoonni addunyaa haaraa Mootummaan isaa fidu keessa jiraachuuf gaʼumsa akka qabaataniif, addunyaa maratti sagantaa barumsaa isaan gargaaru qopheesseera. Yesuus misiraachoon waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbatu “guutummaa lafaa irratti” akka lallabamu dubbateera. (Maatewos 24:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman abdii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru lallabuu fi namoota barsiisuudhaan saʼaatii biliyoonaan lakkaaʼamu dabarsu. Yesuus dhumni dhufuu isaa dura duulli lallabaa kun addunyaa maratti akka geggeeffamu dubbateera.

Bulchiinsi ilmaan namootaa baduuf jedha. Kan nama gammachiisu garuu, badiisa addunyaa kanatti dhufu irraa ooltee lafa jannata taatuu fi Waaqayyo abdachiise irra jiraachuu ni dandeessa. Mata dureen itti aanu addunyaa sana keessa jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa.

Raajiin Yesuus “guyyoota dhumaa” ilaalchisee dubbate abdii nuu kenna