Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Addunyaa gaarii dhiheenyatti dhufuuf ammuma qophaaʼuu dandeessa

Yeroon Lafti Jannata Itti Taatu Dhihaateera!

Yeroon Lafti Jannata Itti Taatu Dhihaateera!

Waaqayyo lafa kan uume ilmaan namootaa qajeeloo taʼan bara baraaf akka irra jiraataniifi. (Faarfannaa 37:29) Hiriyoota gaaʼelaa jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaaniin iddoo biqiltuu Eedan jedhamu keessa kaaʼuudhaan, isaanii fi sanyiiwwan isaanii lafa akka misoomsanii fi akka kunuunsan itti gaafatamummaa isaaniif kenneera.—Uumama 1:28; 2:15.

Kaayyoon Waaqayyoo lafti Jannata akka taatu ture; lafti yeroo harʼaatti irra jiraannu garuu Jannata miti. Taʼus, Waaqayyo yaada isaa hin jijjiirre. Maarree, kaayyoon isaa jalqabaa akka raawwatamu kan godhu akkamitti? Akkuma mata dureewwan darban irratti ilaalle Waaqayyo lafa hin balleessu. Kanaa mannaa, namoonni amanamoo taʼan akka irra jiraatan godha. Yeroo Waaqayyo waadaa gale raawwatutti haalli lafa irra jiraatu maal fakkaata?

Guutummaa lafaa mootummaa tokkotu bulcha

Dhiheenyatti, yeroo Mootummaan Waaqayyoo inni samii irraa ilmaan namootaa hunda bulchutti lafti iddoo jireenyaa nama gammachiisu taati; namoonni ishii irra jiraatanis walii galanii jiraatu, akkasumas hojii gaarii hojjetu. Waaqayyo lafa akka bulchuuf Yesuus Kiristoosiin muudeera. Bulchitoota yeroo harʼaa jiran hedduu irraa haala adda taʼeen, Yesuus fedhii namoota isa jalatti bulanii ni guuta. Bulchiinsi isaa jaalala irratti kan hundaaʼe dha; innis Mootii gaarii, gara laafessaa fi hin loogne dha.—Isaayyaas 11:4.

Namoonni lafa irra jiraatan hundi tokkummaa ni qabaatu

Namoonni addunyaa haaraa keessa jiraatan lammummaadhaan ykn sanyiidhaan wal hin qoqqoodan. Ilmaan namootaa hundi saba tokko taʼu. (Mulʼata 7:9, 10) Namoonni lafa irra jiraatan hundi Waaqayyoo fi namoota kaan ni jaallatu; akkasumas kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaa lafa ishii iddoo jireenyaa isaanii taate akka kunuunsaniif qabu galmaan gaʼuuf nagaadhaan waliin hojjetu.—Faarfannaa 115:16.

Haalli naannoo lafaa gaarii taʼa

Yommuu Mootummaan Waaqayyoo lafa bulchutti Uumaan keenya haala qilleensaa naannoo guutummaatti ni toʼata. (Faarfannaa 24:1, 2) Yesuus yeroo lafa irra turetti obomboleettii baayʼee cimaa taʼe salphaatti tasgabbeessuudhaan humna Waaqayyo isaaf kennetti fayyadamee maal gochuu akka dandaʼu argisiiseera. (Maarqos 4:39, 41) Bulchiinsa Kiristoos jalatti balaan uumamaa hin jiraatu. Yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchutti seera uumamaa wajjin wal simnee jiraanna.—Hoseʼaa 2:18.

Namni hundi fayya buleessa taʼa, nyaanni hedduunis ni jiraata

Namni hundi fayya buleessa taʼa. Eenyu iyyuu hin dhukkubsatu, hin dulloomu, akkasumas hin duʼu. (Isaayyaas 35:5, 6) Ilmaan namootaa akkuma hiriyoota gaaʼelaa jalqabaa iddoo biqiltuu Eedan keessa jiraachaa turanii naannoo bareedaa fi qulqulluu taʼe keessa jiraatu. Addunyaa haaraa keessatti akkuma Eedan lafti nyaata hedduu waan kennituuf, namoonni ishii irra jiraatan nyaata gaʼaa argatu. (Uumama 2:9) Akkuma Israaʼelota durii namoonni Jannata keessa jiraatan hundi ‘nyaata isaanii nyaatanii ni quufu.’—Leewwota 26:4, 5.

Nagaa fi tasgabbii dhugaan ni jiraata

Yeroo Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa bulchutti namoonni hundi nagaa ni argatu, walii isaaniittis gaarummaa ni argisiisu. Yeroo sanatti waraanni hin jiraatu, namni aangoo isaa karaa seeraan ala taʼeen itti fayyadamus hin jiraatu; namoonni hundi wanta isaan barbaachisu ni qabaatu. Kitaabni Qulqulluun waadaa, “Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu, eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu” jedhu qabateera.—Miikiyaas 4:3, 4.

Namoonni hundi mana jireenyaa gaarii fi hojii gammachiisaa ni qabaatu

Maatiin kam iyyuu, ‘Mana koo dhabuu nan dandaʼaa laata?’ jedhee hin yaaddaʼu; hojiin hojjennu hundis buʼaa gaarii argamsiisa. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti namoonni addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraatan, “akkanumaan hin dhamaʼan.”—Isaayyaas 65:21-23.

Barumsi gaariin ni jiraata

Kitaabni Qulqulluun waadaa, “[Lafti] dhugumaan beekumsa Yihowaatiin ni guutamti” jedhu qabateera. (Isaayyaas 11:9) Namoonni addunyaa haaraa keessa jiraatan waaʼee ogummaa Uumaa isaanii isa dhuma hin qabnee fi waaʼee wantoota babbareedoo inni uumee ni baratu. Beekumsa isaanii meeshaalee waraanaa hojjechuuf ykn namoota miidhuuf itti hin fayyadaman. (Isaayyaas 2:4) Kanaa mannaa, akkamitti nagaadhaan akka wajjin jiraatanii fi akkamitti lafa akka kunuunsan baratu.—Faarfannaa 37:11.

Jireenya bara baraa arganna

Waaqayyo yeroo hundumaa jireenyatti gammaduu akka dandeenyuuf, lafa of eeggannoo guddaadhaan uume. Inni namoonni bara baraaf lafa irra akka jiraatan barbaada. (Faarfannaa 37:29; Isaayyaas 45:18) Kaayyoon isaa inni jalqabaa akka raawwatamuufis, “bara baraaf duʼa ni liqimsa.” (Isaayyaas 25:8) Kitaabni Qulqulluun waadaa, “Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedhu qabateera. (Mulʼata 21:4) Waaqayyo namoonni hundi, jechuunis namoonni yeroo addunyaan hamaan kun balleeffamutti oolanii fi namoonni hedduun addunyaa haaraa keessatti duʼaa kaafaman bara baraaf akka jiraatan godha.—Yohaannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15.

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman addunyaa haaraa dhiheenyatti dhufu keessa jiraachuuf qophaaʼaa jiru. Namoonni kun cubbuu kan qaban taʼus, namoota Waaqayyo addunyaa haaraa keessa akka jiraatan barbaadu keessaa tokko taʼuuf carraaqqii gochaa jiru. Kana gochaa kan jiran akkamitti? Waaʼee Waaqa isaanii Yihowaa fi waaʼee Yesuus Kiristoos isa inni ergee barachuudhaani.—Yohaannis 17:3.

Badiisa addunyaa kanatti dhufu irraa ooltee addunyaa gaarii dhiheenyatti dhufu keessa jiraachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu. Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamee Kitaaba Qulqulluu akka si qoʼachiisu gaafadhu.