Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nama Gaarii Taʼuun Kee Egeree Amansiisaa Siif Argamsiisuu ni Dandaʼaa?

Nama Gaarii Taʼuun Kee Egeree Amansiisaa Siif Argamsiisuu ni Dandaʼaa?

Bara duriitii kaasee namoonni baayʼeen egeree amansiisaa qabaachuuf nama gaarii ykn nama naamusa qabu taʼuun akka isaan gargaaru isaanitti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, namoonni Eeshiyaa keessa jiraatan hedduun wanta barsiisaa falaasamaa kan taʼe Konfiishiyas (Dh.K.D. 551-479), “Wanta akka si irratti godhamu hin barbaanne namoota irratti hin godhin” jechuudhaan dubbateef iddoo guddaa kennu. *

DAANDII NAMOONNI HEDDUUN HORDOFAN

Yeroo ammaatti iyyuu namoonni hedduun egeree amansiisaa qabaachuuf amala gaarii qabaachuun murteessaa akka taʼe amanu. Kanaafuu, warra kaan kabajuuf, naamusa gaarii qabaachuuf, iddoo hawaasa isaanii keessatti qaban eeguuf, akkasuma qalbii gaarii qabaachuuf carraaqqii godhu. Dubartiin Veetnaam jiraattuu fi Liin jedhamtu, “Nama amanamtuu yoon taʼe eebba akkan argadhu cimseen amana” jetteetti.

Namoonni tokko tokko amantaa isaaniitiin kan kaʼe wanta gaarii gochuuf kakaʼu. Namichi Taayiwaan jiraatuu fi Shuuyuun jedhamu, “Namni tokko wanta gaarii yoo raawwate erga duʼee booda eebba bara baraa akka argatu, wanta gaarii hin taane yoo raawwate immoo akka dhiphatu baradheen ture” jedheera.

BUʼAAN ISAA MAALI DHA?

Namootaaf waan gaarii gochuun keenya faayidaa hedduu akka nuuf argamsiisu beekamaa dha. Haa taʼu malee, namoonni garaa qajeelaadhaan kakaʼanii warra kaaniif waan gaarii gochuuf yaalan hedduun yeroo hunda akka yaadanitti buʼaa gaarii hin argatan taʼa. Dubartiin Hoongi Koongi jiraattuu fi Siyuu Piingi jedhamtu akkana jetteetti: “Namoonni wanta gaarii raawwatan eebba kan argatan yeroo hunda akka hin taane jireenya koo keessatti argeera. Maatii koo kunuunsuu fi waan gaarii raawwachuuf wanta naaf dandaʼame hunda godheera. Taʼus, gaaʼelli koo ni diigame; abbaan manaa koo anaa fi ilma koo dhiisee deeme.”

Namoonni hedduun amantaan namoonni gaarii akka taʼan kan gargaaru yeroo hunda akka hin taane hubataniiru. Dubartiin Jaappaan jiraattuu fi Etsiikoo jedhamtu akkana jetteetti: “Dhaabbata amantaa tokko keessatti hoggantuu sochiiwwan dargaggoonni irratti hirmaataniin taʼe. Namoonni amantaa koo hordofan tokko tokko jireenya naamusaan ala taʼe akka jiraatan, aangoo argachuuf akka wal morkatanii fi maallaqa waldaatti karaa sirrii hin taaneen akka fayyadaman yommuun beeku baayʼeen naʼe.”

“Maatii koo kunuunsuu fi waan gaarii gochuuf wanta naaf dandaʼame hunda godheera. Taʼus, gaaʼelli koo ni diigame; abbaan manaa koo anaa fi ilma koo dhiisee deeme.”—SIYUU PIINGI, HOONGI KOONGI

Namoonni amantaa isaanitti cimoo taʼanii fi wanta gaarii gochuuf yaalan tokko tokko wanti hamaan isaan irra gaʼuu isaatiin kan kaʼe abdii kutataniiru. Vaan ishiin Veetnaam jiraattus miirri akkasii ishiitti dhagaʼameera. Akkana jetteetti: “Gara fuulduraatti eebba akkan argadhuuf, guyyaa guyyaadhaan kuduraa, abaaboo fi nyaata biteen abbootii keenya warra duʼaniif aarsaa dhiheessa. Waggoota hedduudhaaf wantoota gaggaarii fi duudhaawwan amantaa hedduu raawwachaa kanan ture taʼus, abbaan manaa koo baayʼee dhukkubsate. Intalli tiyya ishiin biyya alaatti barachaa turtes umurii dargaggummaa ishiitti duute.”

Maarree, nama gaarii taʼuun egeree amansiisaa hin argamsiisu taanaan, wanti egeree amansiisaa argamsiisu maali dha? Deebii gaaffii kanaa argachuuf, qajeelfamni amansiisaa taʼe, jechuunis maddi odeeffannoo deebii gaaffiiwwan keenyaa argachuuf nu gargaaruu fi daandii egeree amansiisaatti geessu nutti argisiisu nu barbaachisa. Qajeelfama akkasii eessaa argachuu dandeenya?

^ key. 2 Barumsa Konfiishiyas ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Mankind’s Search for God jedhamu irraa boqonnaa 7, keeyyata 31-35 ilaali; kitaabichi www.pr418.com irratti ni argama.