Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qajeelfama Egeree Amansiisaa Qabaachuuf Nu Gargaaru Argachuu ni Dandeenyaa?

Qajeelfama Egeree Amansiisaa Qabaachuuf Nu Gargaaru Argachuu ni Dandeenyaa?

Akkuma mata dureewwan darban keessatti ibsametti, namoonni hedduun hireen, barumsi, qabeenyii fi nama gaarii taʼuun egeree gaarii qabaachuuf akka isaan gargaaru amanu. Haa taʼu malee, egeree keenya ilaalchisee wantoota kanatti amanamuun, akkuma iddoo hin beekne tokko dhaquuf kaartaa sirrii hin taaneetti fayyadamuu ti. Maarree, egeree keenya ilaalchisee qajeelfama amansiisaa argachuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Akkas jechuu miti.

QAJEELFAMA QAAMA HUNDUMAA CAALU IRRAA ARGAMU

Yommuu murtoo goonu yeroo baayʼee nama umuriidhaanis taʼe ogummaadhaan nu caalu mariisisna. Haaluma wal fakkaatuun, egeree keenya ilaalchisee Qaama umuriidhaanis taʼe ogummaadhaan nu caalu irraa qajeelfama amansiisaa argachuu ni dandeenya. Kitaaba waggoota 3,500 dura barreeffamuu eegale irraa gorsa isaa argachuu dandeenya. Kitaabni kunis Kitaaba Qulqulluu dha.

Wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu amanuu kan dandeessu maaliifi? Qaama hundumaa caalaa ogeessa taʼe irraa waan argameefi. Innis “[Isa] Bara Dheeraa Jiraate,” isa “bara baraa hamma bara baraatti [Waaqa taʼe]” dha. (Daaniʼel 7:9; Faarfannaa 90:2) “Inni Uumaa samiiwwanii fi Waaqa dhugaa taʼe, inni lafa tolche” isa dha. (Isaayyaas 45:18) Maqaan isaa Yihowaa akka taʼes nutti himeera.—Faarfannaa 83:18.

Kitaabni Qulqulluun kan dhufe Uumaa namoota hundumaa irraa waan taʼeef, aadaa ykn sanyii tokko isa kan biraa irra hin caalchisu. Gorsi isaa yeroon kan itti hin darbinee fi namoota biyya kam iyyuu keessa jiran kan fayyadu dha. Kitaaba kam iyyuu caalaa afaan hedduutti hiikameera, akkasumas balʼinaan raabsameera. * Kana jechuun namoonni eessa iyyuu jiraatan yaada isaa salphaatti hubachuu fi qajeelfama irraa argachuu dandaʼu jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun iyyuu kana ifatti dubbata:

“Waaqayyo [hin loogu]; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—HOJII ERGAMOOTAA 10:34, 35.

Akkuma warri ijoollee isaaniitiif yaadan qajeelfama isaaniif kennan, Waaqni keenya Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼes Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee qajeelfama nuuf kenna. (2 Ximotewos 3:16) Kan nu uume isa waan taʼeef, wanta jireenya keessatti gammachuu nuuf argamsiisu beeka; kanaafuu, atis Dubbii isaatti amanamuu ni dandeessa.

Egereen kee akkas akka taʼuuf maal gochuu qabda? Mata duree itti aanu ilaali.

^ key. 6 Kitaabni Qulqulluun afaan hammamiin akka hiikamee fi hangam akka raabsame ibsa balʼaa argachuuf www.pr418.com/om irraa mata duree BARUMSAWWAN KITAABA QULQULLUU > SEENAA FI KITAABA QULQULLUU jedhu jalaa ilaali.

^ key. 16 Ibsa dabalataa argachuuf kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi The Bible—God’s Word or Man’s? jedhamu irraa boqonnaa 9 ilaali. Kitaabichi www.pr418.com irratti ni argama. Mata duree LIBRARY > BOOKS & BROCHURES jedhu jalaa ilaali.