Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 3

Tuutni Uummataa Guddaan Hoolota Kan Biroo Taʼan Waaqayyoo fi Kiristoos Jajatu

Tuutni Uummataa Guddaan Hoolota Kan Biroo Taʼan Waaqayyoo fi Kiristoos Jajatu

“Fayyina kan arganne, Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼee fi Hoolicha irraa ti.”—MUL. 7:10.

FAARFANNAA 14 Mootii Lafaa Isa Haaraa Jajadhaa

QABIYYEE *

1. Haasaan walgaʼii koonyaa bara 1935 irratti kenname dargaggeessa tokko irratti dhiibbaa akkamii uume?

DARGAGGEESSI tokko bara 1926⁠tti yommuu cuuphame umuriin isaa 18 ture. Warri isaa akka Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sana ittiin waamamanitti Barattoota Kitaaba Qulqulluu turan. Isaan llmaan sadii fi intaloota lama kan qaban siʼa taʼu, ijoolleen isaanii kun Yihowaa akka tajaajilanii fi fakkeenya Yesuus Kiristoos akka hordofan godhanii guddisaniiru. Akkuma Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hundi yeroo sanatti godhan dargaggeessi kunis Irbaata Gooftaa irratti maxinoo fi wayinii irraa ni hirmaata ture. Haa taʼu malee, haasaa mata dureen isaa ‘Tuuta Uummataa Guddaa’ jedhuu fi seena qabeessa taʼeen abdiin inni qabu ni jijjiirame. Walgaʼii koonyaa bara 1935 Waashingitan D.C., U.S.Atti godhame irratti haasaa kana kan kenne J. F. Raazarfoordi ture. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii kana irratti maal hubatan?

2. Haasaa Obboleessi Raazarfoordi dhiheesse irratti dhugaa dinqisiisaa akkamiitu ifa taʼe?

2 Obboleessi Raazarfoordi haasaa kenne irratti “tuutni uummataa baayʼeen” (Kiingi Jamsi Varshin) ykn “tuutni uummataa guddaan” Mulʼata 7:9 irratti ibsaman eenyu akka taʼan ifa godhe. Hanga yeroo sanaatti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tuutni uummataa guddaan namoota gara samii dhaqan, garuu immoo hamma dibamtootaa amanamoo hin taane akka taʼanitti yaadu turan. Obboleessi Raazarfoordi tuutni uummataa guddaan jireenya samiitiif akka hin filatamne, kanaa mannaa, hoolota kan biroo * warra “rakkina guddaa” irraa oolanii bara baraaf lafa irra jiraatan akka taʼan ibse. (Mul. 7:14) Yesuus abdii akkas jedhu kenneera: “Ani, hoolota kan biroo gola kana keessaa hin taane qaba; isaaniinis fiduun qaba, isaan sagalee koo ni dhagaʼu, tuuta tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko ni taʼa.” (Yoh. 10:16) Warri hoolotatti fakkeeffaman kun Dhugaa Baatota Yihowaa amanamoo Jannata keessa bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qabani dha. (Mat. 25:31-33, 46) Hubannaa haaraan argame kun obboleessa umuriin isaa 18 taʼe kana dabalatee jireenya saba Yihowaa hedduu akkamitti akka jijjiire haa ilaallu.—Fr. 97:11; Fak. 4:18.

HUBANNAA HAARAA JIREENYA NAMOOTA KUMAAN LAKKAAʼAMANII JIJJIIRE

3-4. Walgaʼii koonyaa bara 1935 irratti namoonni kumaan lakkaaʼaman waaʼee abdii isaanii maal hubatan? Maaliifi?

3 Obboleessi haasaa dhiheesse, “Warri abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qabdan hundi maaloo ol kaʼuu dandeessuu?” jedhee yommuu gaafatu haalli isaa baayʼee gammachiisaa ture. Akka namni ijaan arge tokko jedhetti, namoota gara 20,000 keessaa walakkaa ol kan taʼan ni dhaabatan. Achiis Obboleessi Raazarfoordi, “Ilaa! Tuuta uummataa guddaa!” jedhe. Sana booda warri achi jiran hundi gammachuudhaan iyyan. Namoonni dhaabatan sun jireenya samiitiif akka hin filatamne hubatanii turan. Hafuura Waaqayyootiin akka hin dibamne beekanii turan. Walgaʼii koonyaa guyyaa itti aanu irratti Dhugaa Baatonni haaraan 840 kan cuuphaman siʼa taʼu, baayʼeen isaanii hoolota kan biroo keessaa turan.

4 Haasaa sana booda, dargaggeessi olitti ibsamee fi namoonni kumaan lakkaaʼaman kaan Irbaata Gooftaa irratti maxinoo fi wayinii fudhachuu dhiisan. Obboleessi tokko gad of qabuudhaan wanta namoota hedduutti dhagaʼame akka itti aanutti ibseera: “Yeroo dhumaatiif Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii kanan fudhadhe bara 1935 ture. Yihowaan hafuura isaatiin abdii jireenya samii naaf hin kennine, kanaa mannaa, abdiin koo lafa irra jiraachuu fi lafa gara jannataatti jijjiiruu irratti hirmaachuu dha.” (Rom. 8:16, 17; 2 Qo. 1:21, 22) Yeroo sanaa kaasee lakkoofsi tuuta uummataa guddaa dabaleera, dibamtoota hafanii * wajjin hojjechuu isaaniis itti fufaniiru.

5. Yihowaan obboloota maxinoo fi wayinii fudhachuu dhaaban akkamitti ilaala?

5 Yihowaan warra bara 1935 booda Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa fudhachuu dhiisan akkamitti ilaala? Dhugaa Baatuun cuuphame tokko garaa qulqulluudhaan Irbaata Gooftaa irratti maxinoo fi wayinii irraa fudhachuu erga jalqabee booda dibamaa akka hin taane yoo hubate hoo? (1 Qo. 11:28) Tokko tokko abdii isaanii dogoggoraan waan hubataniif maxinoo fi wayinii irraa fudhachaa turaniiru. Haa taʼu malee, dhugumaan dogoggora isaanii amananii fudhachuu yoo dhiisanii fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii yoo itti fufan, Yihowaan hoolota kan biroo keessaa akka taʼanitti isaan lakkaaʼa. Namoonni kun maxinoo fi wayinii irraa kan hin hirmaanne yoo taʼan illee, wanta Yihowaa fi Yesuus isaaniif godhaniif dinqisiifannaa guddaa waan qabaniif Ayyaana Yaadannoo irratti ni argamu.

ABDII DINQISIISAA

6. Yesuus maleekonni maal akka godhan ajajeera?

6 Rakkinni guddaan dhiheenyatti waan jalqabuuf, waaʼee Kiristiyaanota dibamoo fi hoolota kan biroo wanta Mulʼanni boqonnaa 7 jedhu caalaatti beekuun keenya nama jajjabeessa. Yesuus maleekonni bubbeewwan badiisaa arfan qabuu isaanii akka itti fufan ajajeera. Isaan hanga Kiristiyaanonni dibamoon mallatteeffamanitti, jechuunis Yihowaan amanamoo akka taʼan murteessutti bubbeewwan kana hin gadhiisan. (Mul. 7:1-4) Kiristiyaanonni dibamoon obboloota Kiristoos taʼan, isaa wajjin samii irratti moototaa fi luboota taʼuudhaan amanamummaa isaaniitiif badhaasa argatu. (Mul. 20:6) Miseensonni maatii Waaqayyoo warri samii hundi dibamtoonni 144,000 badhaasa isaanii isa samii yommuu fudhatan arguuf hawwiidhaan eegu.

Tuutni uummataa guddaan uffata adii uffatanii fi damee muka meexxii harkatti qabatanii teessoo Waaqayyoo isa calaqqisaa fi Hoolicha dura yommuu dhaabatan (Keeyyata 7 ilaali)

7. Akka Mulʼata 7:9, 10 irratti ibsametti, Yohaannis maal arge? Isaan hoo maal gochaa turan? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

7 Yohaannis waaʼee warra 144,000 moototaa fi luboota taʼanii erga dubbatee booda, ‘tuuta uummataa guddaa’ Armaagedoon irraa oolan arge. Tuuta warra jalqabaa irraa haala adda taʼeen tuutni warri lammaffaan baayʼee guddaa siʼa taʼan, lakkoofsi isaanii hin murtoofne. (Mulʼata 7:9, 10 dubbisi.) Isaan ‘uffata aʼadii uffataniiru’; kunis “xurii” addunyaa Seexanaa irraa akka of eeganii fi Waaqayyoo fi Kiristoosiif amanamoo taʼanii akka jiraatan argisiisa. (Yaq. 1:27) Wanta Yihowaa fi Yesuus inni Hoolaa Waaqayyoo taʼe isaaniif godhaniin kan kaʼe waan fayyaniif ni iyyu. Akkasumas damee muka meexxii Yesuus isa Yihowaan Mootii godhee muude gammachuudhaan fudhachuu isaanii argisiisu qabataniiru.—Yohaannis 12:12, 13 wajjin wal bira qabii ilaali.

8. Mulʼanni 7:11, 12 waaʼee maatii Yihowaa warra samii maal dubbata?

8 Mulʼata 7:11, 12 dubbisi. Warri samii irra jiran tuuta uummataa guddaa yommuu argan maal godhan? Tuutni uummataa guddaan yeroo mulʼatanitti, Yohaannis maatiin Yihowaa warri samii hundi gammachuudhaan guutamanii utuu Waaqayyoon jajatanii arge. Maatiin Yihowaa warri samii tuutni uummataa guddaan rakkina guddaa irraa ooluudhaan yommuu mulʼanni kun raawwatamu arguun isaan gammachiisa.

9. Akka Mulʼanni 7:13-15 jedhutti, tuutni uummataa guddaan yeroo ammaa maal hojjechaa jiru?

9 Mulʼata 7:13-15 dubbisi. Yohaannis tuutni uummataa guddaan, “uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru” jedhee barreesseera. Kun, qalbii qulqulluu akka qabanii fi Yihowaa duratti qajeeloo akka taʼan argisiisa. (Isa. 1:18) Isaan Kiristiyaanota of murteessanii cuuphaman, aarsaa Yesuus irratti amantii cimaa qabanii fi Yihowaa wajjin hariiroo qabani dha. (Yoh. 3:36; 1 Ph. 3:21) Kanaafuu, mana qulqullummaa hafuuraa mooraa isa lafa irraa keessatti teessoo Waaqayyo dura dhaabatanii ‘halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu’ dhiheessuuf gaʼumsa qabu. Yeroo ammaa illee fedhii Mootummichaa kan ofii isaanii dursuudhaan hojii lallabaa fi barattoota gochuu gara caalaa isaa raawwachaa jiru.—Mat. 6:33; 24:14; 28:19, 20.

Hoolonni kan biroon miseensa tuuta uummataa guddaa taʼan rakkina guddaa keessaa yommuu baʼan (Keeyyata 10 ilaali)

10. Tuutni uummataa guddaa waaʼee maalii mirkanaaʼoo dha? Abdiin inni kam yommuu raawwatamu argu?

10 Tuutni uummataa guddaan rakkina guddaa irraa oolan Waaqayyo akka isaan kunuunsu beeku; sababiin isaas, ‘inni teessicha irra taaʼe sun dunkaana isaa isaan irra ni diriirsa.’ Achiis waadaan hoolonni kan biroon eegaa turan guutummaatti raawwatama: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mul. 21:3, 4.

11-12. (a) Akkuma Mulʼata 7:16, 17 irratti ibsame tuutni uummataa guddaan eebbawwan akkamii argatu? (b) Hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti maal gochuu dandaʼu? Maaliifi?

11 Mulʼata 7:16, 17 dubbisi. Yeroo ammaatti, sabni Yihowaa tokko tokko haala dinagdee rakkisaa taʼeen ykn jeequmsa uummataa fi waraanaan kan kaʼe beelaan rakkachaa jiru. Kaan immoo sababa amantii isaaniitiin hidhamaniiru. Taʼus, tuutni uummataa guddaan, badiisa sirna kanaa irraa oolanii yeroo hundumaa nyaata foonii fi nyaata hafuuraa hedduu akka argatan beekuun isaan gammachiisa. Sirni Seexanaa yommuu balleeffamutti, tuutni uummataa guddaan ‘hoʼa cimaa’ aarii Yihowaa isa inni saboota irratti dhangalaasu irraa ni oolu. Rakkinni guddaan erga xumuramee booda, Yesuus warra lafa irratti hafan, gara “bishaan jireenya” bara baraatti geessa. Mee yaadi: Tuutni uummataa guddaan abdii dinqisiisaa qabu. Namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi lubbuudhaan jiran keessaa isaan matumaa hin duʼan!—Yoh. 11:26.

12 Hoolonni kan biroon abdii dinqisiisaa Yihowaa fi Yesuusiin akka galateeffatan isaan taasisu qabu! Isaan jireenya samiitiif hin filatamne, taʼus gatiin isaan Yihowaa biratti qaban gad aanaa miti. Miseensonni tuuta lamaanii iyyuu Waaqayyoo fi Kiristoosiin jajachuu ni dandaʼu. Karaan kana itti godhan tokko Irbaata Gooftaa irratti argamuu dha.

AYYAANA YAADANNOO IRRATTI GARAA GUUTUUDHAAN JAJADHAA

Maxinoo fi wayiniin Ayyaana Yaadannoo irratti naanneffamu, Yesuus jireenya akka argannuuf bakka keenya akka duʼe nu yaadachiisa (Keeyyata 13-15 ilaali)

13-14. Namni hundi Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti argamuu kan qabu maaliifi?

13 Waggoota dhihoodhaa asitti, namoota Ayyaana Yaadannoo irratti argaman 1,000 keessaa maxinoo fi wayinii irraa kan hirmaatu tilmaamaan nama tokko dha. Gumiiwwan hedduun nama maxinoo fi wayinii irraa hirmaatu hin qaban. Namoonni Ayyaana Yaadannoo irratti argaman hedduun isaanii abdii lafa irra jiraachuu qabu. Kanaafuu, Irbaata Gooftaa irratti kan argaman maaliifi ree? Sababiin isaan itti argaman sababii namoonni cidha gaaʼelaa michuu isaanii irratti argamanii wajjin tokko dha. Qophii kana irratti kan argaman, hiriyoota gaaʼelaa sana akka jaallatanii fi akka deggeran argisiisuufi. Haaluma wal fakkaatuun, hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti kan argaman Kiristoosii fi dibamtoota akka jaallatanii fi akka deggeran argisiisuufi. Dabalataanis, hoolonni kan biroon ayyaanicha irratti kan argaman, aarsaa Yesuus isa lafa irra bara baraaf akka jiraatan carraa isaaniif baneef galateeffannaa qaban argisiisuufi.

14 Sababii barbaachisaa kan biraan hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti argaman ajaja Yesuusiif abboomamuu isaanii argisiisuufi. Yesuus ergamoota isaa amanamoo wajjin irbaata addaa kana yeroo hundeessetti, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” isaaniin jedheera. (1 Qo. 11:23-26) Kanaafuu, hamma dibamtoonni tokko tokko lafa irra jiranitti Irbaata Gooftaa kabajuu isaanii itti fufu. Kana malees, hoolonni kan biroon namoonni hundi ayyaana kana irratti akka argaman ni afeeru.

15. Ayyaana Yaadannoo irratti Waaqayyoo fi Kiristoosiin jajachuuf maal gochuu dandeenya?

15 Ayyaana Yaadannoo irratti faarfannaa fi kadhannaadhaan Waaqayyoo fi Kiristoosiin jajachuuf carraa arganna. Haasaan waggaa kana dhihaatu mata dureen isaa, “Wanta Waaqayyoo fi Kiristoos Isiniif Godhan Dinqisiifadhaa!” jedha. Haasaan kun Yihowaa fi Kiristoosiin caalaatti akka galateeffannu nu kakaasa. Maxinoo fi wayinichi yommuu naanneffamu, warri ayyaanicha irratti argamne wanta inni bakka buʼu, jechuunis foonii fi dhiiga Yesuus yaadanna. Yihowaan jireenya akka argannuuf ilmi isaa nuuf jedhee akka duʼu akka godhe yaadanna. (Mat. 20:28) Namni Abbaa keenya isa samii fi Ilma isaa jaallatu hundi Ayyaana Yaadannoo irratti argamuu ni barbaada.

ABDII YIHOWAAN ISINII KENNEEF ISA GALATEEFFADHAA

16. Dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon karaawwan kamiin wal fakkaatu?

16 Dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon gatiin isaan Waaqayyo biratti qaban wal hin caalu. Gareen lamaanuu isa biratti iddoo guddaa qabu. Dibamtootas taʼe hoolota kan biroo bituuf gatiin inni kaffale wal fakkaataa siʼa taʼu, innis jireenya Ilma isaa isa jaallatamaa dha. Garaagarummaan garee kana lamaanii abdii gara garaa qabaachuu isaanii ti. Gareen lamaanuu Waaqayyoo fi Kiristoosiif amanamoo taʼuu qabu. (Fr. 31:23) Kana malees, hafuurri Waaqayyoo hunda keenya irratti iyyuu qixxee akka hojjetu yaadadhaa. Kana jechuun Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf hafuura isaa akkuma barbaachisutti kenna jechuu dha.

17. Dibamtoonni hafan maal hawwiidhaan eeggatu?

17 Kiristiyaanonni dibamoon abdii samii qabaatanii hin dhalanne. Abdii kana Waaqayyotu isaaniif kenna. Waaʼee abdii isaanii ni yaadu, ni kadhatu, badhaasa isaanii isa samii argachuufis hawwii guddaa qabu. Samii irratti qaamni isaanii maal fakkaachuu akka dandaʼu hin beekan. (Flp. 3:20, 21; 1 Yo. 3:2) Taʼus Yihowaa, Yesuus, maleekotaa fi dibamtoota kaan arguuf, akkasumas Mootummaa samii keessatti iddoo isaaniif qophaaʼe fudhachuuf ni hawwu.

18. Hoolonni kan biroon maal hawwiidhaan eeggatu?

18 Hoolonni kan biroon abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu namoonni uumamaan qaban argachuuf hawwu. (Lal. 3:11) Guutummaa lafaa gara jannataatti jijjiiruu irratti yeroo gargaarsa godhan hawwiidhaan eeggatu. Yeroo mana ijaarratan, biqiltuu dhaabbatanii fi ijoollee fayya buleeyyii guddifatan hawwii guddaadhaan eeggatu. (Isa. 65:21-23) Iddoo gara garaa deemanii gaarreen, bosonaa fi galaana yommuu ilaalan, akkasumas wantoota Yihowaan uume yommuu qoratan abdiidhaan eeggatu. Hunda caalaa immoo hariiroon Yihowaa waliin qaban caalaatti guddachaa akka deemu beekuun baayʼee isaan gammachiisa.

19. Ayyaanni Yaadannoo hunda keenyaaf carraa akkamii bana? Waggaa kana yoom kabajama?

19 Yihowaan tajaajiltoota isaa of murteessan hundaaf abdii dinqisiisaa kenneera. (Er. 29:11) Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos hundi keenya wanta Waaqayyoo fi Kiristoos jireenya bara baraa akka argannu nuu godhaniif, isaan jajachuuf carraa guddaa nuuf bana. Ayyaanni Yaadannoo qophii addaa Kiristiyaanonni dhugaan irratti argamuu qabani dha. Ayyaanichi Sanbadduraa Bitootessa 27, 2021 erga aduun lixxee booda kabajama. Waggaa kana namoonni hedduun ayyaana kana bilisummaadhaan kabajuu ni dandaʼu. Kaan immoo utuma mormiin isaan irra gaʼuu kabaju. Tokko tokko immoo mana hidhaa utuu jiranii kabajuuf dirqamu. Ayyaana kana Yihowaan, Yesuusii fi kutaan maatii Waaqayyoo warri samii ni ilaalu. Eegaa gumiiwwan, tuutawwanii fi tokkoon tokkoon keenyaaf Ayyaana Yaadannoo gaarii nuuf haa taʼu.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

^ key. 5 Bitootessa 27, 2021, Dhugaa Baatota Yihowaatiif guyyaa addaati. Galgala sana Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos kabajna. Ayyaana kana irratti kan argaman baayʼeen isaanii namoota Yesuus tuuta, “hoolota kan biroo” jedhee waame keessaa taʼani dha. Dhugaa Baatonni Yihowaa bara 1935⁠tti waaʼee garee kanaa dhugaa dinqisiisaa akkamii hubatan? Hoolonni kan biroon rakkina guddaa booda abdii dinqisiisaa akkamiitu isaan eeggata? Hoolonni kan biroon Ayyaana Yaadannoo irratti yommuu argaman Waaqayyoo fi Kiristoosiin kan jajatan akkamitti?

^ key. 2 IBSA JECHAA: Hoolonni kan biroon warra guyyoota dhumaatti sassaabamaa jiranis ni dabalatu. Isaan Kiristoos duukaa buʼu, akkasumas abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qabu. Tuutni uummataa guddaan, miseensota hoolota kan biroo yeroo rakkina guddaa yommuu Kiristoos namootatti murteessutti lubbuudhaan jiranii fi rakkina guddaa irraa oolani dha.

^ key. 4 IBSA JECHAA: Jechi kan ‘hafan’ jedhu Kiristiyaanota dibamoo amma iyyuu lafa irra jiranii fi Irbaata Gooftaa irratti maxinoo fi wayinii irraa fudhatan argisiisa.