Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 2

‘Barataa Yesuus Jaallatu’ Irraa Barumsa Argannu

‘Barataa Yesuus Jaallatu’ Irraa Barumsa Argannu

“Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu; sababiin isaas, jaalalli Waaqayyo irraa madda.”—1 YO. 4:7.

FAARFANNAA 105 “Waaqayyo Jaalala dha”

QABIYYEE *

1. Jaalalli Waaqayyo maaltu akka nutti dhagaʼamu godha?

YOHAANNIS ERGAMAAN “Waaqayyo jaalala” jedhee barreesseera. (1 Yo. 4:8) Yaadni gabaabaan kun dhugaa guddaa tokko nu yaadachiisa: Waaqayyo inni Madda jireenyaa taʼe, madda jaalalaatis. Yihowaan nu jaallata! Jaalalli isaa nageenyaa fi gammachuu akka qabnu, akkasumas wanta nu barbaachisu akka arganne akka nutti dhagaʼamu godha.

2. Akka Maatewos 22:37-40 jedhutti ajajawwan gugguddaa lamaan kamfaʼi? Isa lammaffaa raawwachuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

2 Jaalala argisiisuun Kiristiyaanotaaf wanta filannaadhaaf dhiifame miti. Kana gochuun ajaja dha. (Maatewos 22:37-40 dubbisi.) Yommuu Yihowaa akka gaariitti beeknu, ajaja isa jalqabaa hojii irra oolchuun salphaa nuuf taʼa. Kana malees, Yihowaan mudaa hin qabu; inni nuuf ni yaada akkasumas gaarummaa nutti argisiisa. Taʼus, ajaja isa lammaffaa hojii irra oolchuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maaliifi? Obboloonnii fi obboleettonni keenya warri baayʼee nutti dhihaatan mudaa qabu. Yeroo tokko tokko wanta jaalalaa fi gaarummaa akka isaan hin qabne nutti dhagaʼamu dubbachuu ykn gochuu dandaʼu. Yihowaan kun akka nu mudatu waan beekuuf, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko jaalala walitti argisiisuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi akkamitti akka taʼe gorsa ifa taʼe akka barreessan hafuura isaatiin isaan geggeesseera. Isaan keessaa tokko Yohaannisi.—1 Yo. 3:11, 12.

3. Yohaannis waaʼee maalii dubbateera?

3 Yohaannis barreeffamoota isaa irratti Kiristiyaanonni jaalala argisiisuu akka qaban addeesseera. Seenaa jireenyaa waaʼee Yesuus barreesse irratti, isa barreessitoonni Wangeelaa sadan walumatti qabaatti barreessan caalaa, Yohaannis jechoota ‘jaalalaa’ fi ‘jaallatamuu’ jedhan irra deddeebiʼee fayyadameera. Yohaannis yeroo Wangeela isaa fi xalayaawwan isaa barreesse umuriin isaa gara waggaa dhibbaa ture. Kitaabonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun jaalalli wanta Kiristiyaanni tokko godhu hunda irratti dhiibbaa gochuu akka qabu ibsu. (1 Yo. 4:10, 11) Haa taʼu malee, Yohaannis kana barachuuf yeroo isatti fudhateera.

4. Yohaannis warra kaanitti jaalala kan argisiise yeroo hunda turee?

4 Yohaannis dargaggeessa yeroo turetti, jaalala kan argisiise yeroo hunda hin turre. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Yesuusii fi barattoonni isaa Yerusaalem deemuuf Samaariyaa keessa darbaa turan. Mandarri Samaariyaa tokko keessummummaa isaan simachuu didan. Maarree, yeroo kanatti Yohaannis maal godhe? Ibiddi samii irraa buʼee jiraattota mandarichaa hunda akka fixu gaafate! (Luq. 9:52-56) Yeroo kan biraatti immoo, Yohaannis ergamoota kaanitti jaalala utuu hin argisiisin hafeera. Yesuus Mootummaa isaa keessatti iddoo guddaa akka isaaniif kennu innii fi obboleessi isaa Yaaqoob haati isaanii akka isaaniif gaafattu godhanii taʼuu hin oolu. Ergamoonni kaan wanta Yaaqoobii fi Yohaannis godhan yommuu beekan baayʼee aaran! (Mat. 20:20, 21, 24) Yohaannis hirʼina kana hunda qabaatus Yesuus isa jaallateera.—Yoh. 21:7.

5. Mata duree kana keessatti maal qoranna?

5 Mata duree kana keessatti, fakkeenya Yohaannisii fi waaʼee jaalalaa wantoota inni barreesse tokko tokko qorra. Yommuu akkas goonu obbolootaa fi obboleettota keenyatti akkamitti jaalala argisiisuu akka dandeenyu baranna. Dabalataanis, mataan maatii karaa barbaachisaa kamiin maatii isaatti jaalala argisiisuu akka dandaʼu baranna.

JAALALLI GOCHAAN ARGISIIFAMA

Yihowaan Ilmi isaa nuuf jedhee akka duʼu gara lafaatti erguudhaan jaalala isaa nuuf mirkaneesseera (Keeyyata 6-7 ilaali)

6. Yihowaan jaalala nuuf qabu kan argisiise akkamitti?

6 Namoota jaallachuuf miira gaarii isaaniif qabaachuu ykn wanta gaarii isaanitti dubbachuun qofti gaʼaa akka taʼe goonee yaadna taʼa. Taʼus, jaalalli keenya kan dhugaa akka taʼuuf gochaan deggeramuu qaba. (Yaaqoob 2:17, 26 wajjin wal bira qabii ilaali.) Fakkeenyaaf, Yihowaan nu jaallata. (1 Yo. 4:19) Jaalala isaa kanas jechoota gaggaarii Kitaaba Qulqulluu keessa jiraniin nuuf ibseera. (Fr. 25:10; Rom. 8:38, 39) Taʼus, Waaqayyo akka nu jaallatu kan argisiise wanta dubbateen qofa utuu hin taʼin, wanta raawwateenis akka taʼe mirkanaaʼoo taaneerra. Yohaannis, “Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera: Nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha gara addunyaatti erge” jedhee barreesseera. (1 Yo. 4:9) Yihowaan Ilmi isaa nuuf jedhee akka dhiphatuu fi akka duʼu heyyameera. (Yoh. 3:16) Kanaafuu, Yihowaan dhugumaan akka nu jaallatu wanti nu shakkisiisu jiraa?

7. Yesuus jaalala nuuf qabu argisiisuuf maal godheera?

7 Yesuus barattoota isaa akka jaallatu isaaniif mirkaneesseera. (Yoh. 13:1; 15:15) Nuufis taʼe isaaniif jaalalli inni qabu hammam guddaa akka taʼe, wanta dubbateen qofa utuu hin taʼin, wanta godheenis argisiiseera. Yesuus, “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu” jedheera. (Yoh. 15:13) Wanta Yihowaa fi Yesuus nuuf godhan irratti yommuu yaadnu maal gochuuf kakaana?

8. 1 Yohaannis 3:18 maal gochuu akka qabnu dubbata?

8 Yihowaa fi Yesuusiin akka jaallannu isaaniif ajajamuudhaan argisiisuu dandeenya. (Yoh. 14:15; 1 Yo. 5:3) Yesuus akka wal jaallannu nu ajajeera. (Yoh. 13:34, 35) Obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu wanta dubbannuun qofa utuu hin taʼin, wanta goonuunis argisiisuu qabna. (1 Yohaannis 3:18 dubbisi.) Maarree, kana argisiisuuf wantoonni gochuu dandeenyu tokko tokko maalfaʼi?

OBBOLOOTAA FI OBBOLEETTOTA KEESSAN JAALLADHAA

9. Jaalalli Yohaannis maal akka godhu isa kakaaseera?

9 Yohaannis abbaa isaa wajjin taʼee hojii qurxummii qabuu hojjechuudhaan qarshii argachuu dandaʼa ture. Taʼus, jireenya isaa isa hafe hundumaa namoonni dhugaa waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus ibsu akka baratan gargaaruudhaan dabarseera. Jireenyi Yohaannis filate salphaa hin turre. Ariʼatamni isa irra gaʼeera, akkasumas gara dhuma jaarraa tokkoffaa yeroo dulloometti, biyyaa baafameera. (HoE. 3:1; 4:1-3; 5:18; Mul. 1:9) Yohaannis waaʼee Yesuus lallabuu isaatiin hidhamee yeroo turetti illee, warra kaaniif akka yaadu argisiiseera. Fakkeenyaaf, odoola Phaaximos irra yeroo turetti, mulʼata arge barreessera. “Wanta dhiheenyatti taʼuu qabu” akka beekaniifis gumiiwwaniif ergeera. (Mul. 1:1) Achiis Yohaannis Wangeela isaa waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus ibsu kan barreesse siʼa taʼu, kana kan godhes, erga Phaaximosii gadhiifamee taʼuu hin oolu. Dabalataanis obbolootaa fi obboleettota isaa jajjabeessuu fi cimsuuf xalayaawwan sadii barreesseera. Jireenya fedhii ofii aarsaa gochuu Yohaannis jiraate akkamitti hordofuu dandeenya?

10. Namoota akka jaallattu akkamitti argisiisuu dandeessa?

10 Namoota akka jaallattu wanta jireenya keetiin raawwachuuf filattuun argisiisuu dandeessa. Sirni Seexanaa qarshii ykn beekamtii argachuuf yaaluudhaan yeroo fi humna kee hunda ofii keetiif akka itti fayyadamtu barbaada. Faallaa kanaatiin, addunyaa maratti labsitoonni Mootummichaa fedhii isaanii aarsaa godhan, hamma dandaʼan misiraachicha lallabuu fi namoonni gara Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruudhaan yeroo dheeraa dabarsu. Tokko tokko immoo lallabuu fi barsiisuu irratti yeroo guutuu hirmaachuu dandaʼaniiru.

Jaalala obbolootaa fi maatii keenyaaf qabnu wanta raawwannuun argisiisna (Keeyyata 11, 17 ilaali) *

11. Babalʼistoonni amanamoo hedduun Yihowaa fi obboloota akka jaallatan kan argisiisan akkamitti?

11 Kiristiyaanonni amanamoo taʼan hedduun ofii isaanii fi maatii isaaniitiif wanta barbaachisu dhiheessuuf hojii hojjechuu qabu. Taʼus, babalʼistoonni amanamoon kun karaa dandaʼan hundaan jaarmiyaa Waaqayyoo ni deggaru. Fakkeenyaaf, tokko tokko hojii gargaarsa yeroo balaa irratti hirmaatu, kaan immoo pirojektii ijaarsaa irratti hirmaatu, akkasumas namni hundi hojii addunyaa maraatiif qarshii buusii gochuu ni dandaʼa. Hojiiwwan kana kan hojjetan Waaqayyoo fi namoota waan jaallataniifi. Torban torbaniin walgaʼii irratti argamuu fi hirmaachuudhaan, obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu argisiisna. Utuma dadhabnee jirru illee, walgaʼiiwwan kana irratti ni argamna. Sodaan nutti dhagaʼamus yaada ni kennina. Akkasumas hundi keenya rakkina mataa keenyaa kan qabnu taʼu illee, walgaʼii duraa fi booda warra kaan ni jajjabeessina. (Ibr. 10:24, 25) Obboloonnii fi obboleettonni keenya hojii hojjetaniif baayʼee isaan galateeffanna!

12. Yohaannis obbolootaaf jaalala akka qabu karaan itti argisiise kan biraan maali dha?

12 Yohaannis isaan galateeffachuudhaan qofa utuu hin taʼin, gorsa isaaniif kennuudhaanis obboloota isaa akka jaallatu argisiiseera. Fakkeenyaaf, xalayaa isaa irratti obboloonni isaa amantii qabanii fi hojii gaarii hojjetaniif kan isaan galateeffate taʼus, cubbuu ilaalchisee gorsa cimaa isaaniif kenneera. (1 Yo. 1:8–2:1, 13, 14) Haaluma wal fakkaatuun, wanta gaarii obboloonnii fi obboleettonni keenya raawwataniif isaan galateeffachuu qabna. Taʼus, namni tokko ilaalcha ykn barsiifata gaarii hin taane horachaa jira yoo taʼe, gaarummaadhaan wanta inni dhagaʼuu qabu itti himuudhaan jaalala itti argisiisuu dandeenya. Michuu keenyaaf gorsa kennuun ija jabina gaafata, taʼus Kitaabni Qulqulluun michoonni dhugaan akka wal qaran ykn sirreessan dubbata.—Fak. 27:17.

13. Maal gochuu hin qabnu?

13 Yeroo tokko tokko jaalala obboloota keenyaaf qabnu wantoota tokko tokko gochuu dhiisuudhaan argisiisna. Fakkeenyaaf wanta isaan dubbataniin salphaatti hin aarru. Mee jireenya Yesuus lafa irratti dabarse gara dhumaatti wanta raawwatame tokko yaadi. Jireenya argachuuf foon isaa nyaachuu fi dhiiga isaa dhuguu akka qaban barattoota isaatti hime. (Yoh. 6:53-57) Dubbiin kun baayʼee kan nama naasisu waan tureef, barattoonni isaa hedduun isa dhiisan; taʼus Yohaannis dabalatee michoonni isaa dhugaan isa hin dhiisne. Kanaa mannaa, amanamummaadhaan isatti maxxananiiru. Isaanis wanta Yesuus dubbate hin hubanne, akkasumas bitaa isaanitti galee taʼuu dandaʼa. Taʼus, michoonni Yesuus amanamoon wanti inni dubbate dogoggora jedhanii yaaduudhaan hin mufanne. Kanaa mannaa, inni dhugaa akka dubbatu waan beekaniif isa amananiiru. (Yoh. 6:60, 66-69) Wanta michoonni keenya dubbataniin salphaatti mufachuu dhiisuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Kanaa mannaa, wanta jechuu barbaadan akka nuuf ibsan carraa isaaniif kennina.—Fak. 18:13; Lal. 7:9.

14. Jibbi garaa keenya keessatti akka guddatu matumaa heyyamuu kan hin qabne maaliifi?

14 Yohaannis obbolootaa fi obboleettota keenya akka hin jibbines nu gorseera. Gorsa kana yoo hordofuu dhiisne, dhiibbaa Seexanaatiif saaxilamna. (1 Yo. 2:11; 3:15) Wanti akkasii namoota Dh.K.B. dhuma jaarraa tokkoffaatti turan tokko tokko irra gaʼeera. Seexanni jibba babalʼisuu fi saba Waaqayyoo qoqqooduuf wanta dandaʼe hunda gochaa ture. Yeroo Yohaannis xalayaawwan isaa barreessetti namoonni hafuura akka Seexanaa qaban loʼanii gumii keessa seenanii turan. Fakkeenyaaf, Diyooxiraaxis gumii tokko keessatti wal qoqqoodinsa cimaa uumaa ture. (3 Yo. 9, 10) Inni bakka buʼoota qaama ol aanaatiif kabaja hin qabu ture. Namoota inni jibbu warra keessummeessan gumiidhaa baasuuf illee yaaleera. Kun of tuulummaa guddaa dha! Seexanni amma iyyuu saba Waaqayyoo qoqqoodee injifachuuf yaalii cimaa gochaa jira. Jibbi akka nu qoqqoodu matumaa heyyamuu hin qabnu.

MAATII KEESSAN JAALLADHAA

Yesuus haadha isaatiif karaa qaamaa fi karaa hafuuraa kunuunsa akka godhu Yohaannisiin gaafateera. Mataawwan maatii yeroo harʼaa jiran wanta maatii isaaniif barbaachisu gochuu qabu (Keeyyata 15-16 ilaali)

15. Mataan maatii tokko maal yaadachuu qaba?

15 Mataan maatii tokko maatii isaa akka jaallatu karaan itti argisiisu inni tokko wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuu dha. (1 Xi. 5:8) Taʼus, wantoonni jireenyaaf barbaachisan fedhii hafuuraa maatii isaa akka hin guutne yaadachuu qaba. (Mat. 5:3) Fakkeenya Yesuus mataawwan maatiidhaaf taʼe hubadhu. Akka Wangeelli Yohaannis jedhutti Yesuus yeroo muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼuuf jedhetti illee waaʼee maatii isaa ni yaada ture. Bakka Yesuus fannifametti Yohaannis Maariyaam ishii haadha Yesuusii wajjin dhaabatee ture. Yesuus dhiphina cimaa keessa kan ture taʼus, Yohaannis Maariyaamiin akka kunuunsu qophii godheera. (Yoh. 19:26, 27) Obbolaan Yesuus wanta Maariyaamiif barbaachisu akka dhiheessan hin shakkisiisu, taʼus isaan keessa tokko illee yeroo sanatti barattoota isaa waan taʼan hin fakkaatu. Kanaafuu, Yesuus Maariyaam karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa kunuunsi akka ishiidhaaf godhamu barbaadee ture.

16. Yohaannis itti gaafatamummaa akkamii qaba ture?

16 Yohaannis itti gaafatamummaa hedduu qaba ture. Ergamoota keessaa tokko waan taʼeef hojii lallabaa irratti adda durummaadhaan hirmaachuu qaba. Kana malees, gaaʼela kan godhate taʼuu waan dandaʼuuf, wanta karaa qaamaas taʼe hafuuraa maatii isaatiif barbaachisu dhiheessu irratti madaallii isaa eeguu qaba ture. (1 Qo. 9:5) Mataawwan maatii yeroo harʼaa jiran kana irraa barumsa akkamii argatu?

17. Mataan maatii karaa hafuuraa maatii isaatiif kunuunsa gochuun isaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

17 Obboleessi mataa maatii taʼe tokko itti gaafatamummaa hedduu qaba taʼa. Fakkeenyaaf, Yihowaan akka jajamuu gochuuf bakka hojii isaatti dhimmee hojjechuu qaba. (Efe. 6:5, 6; Tit. 2:9, 10) Gumii keessattis warra kaaniif tika gochuu fi dursa fudhatee hojii lallabaa irratti hirmaachuuf itti gaafatamummaa qaba. Haadha manaa fi ijoollee isaa wajjin dhaabbataadhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaas barbaachisaa dha. Isaan karaa qaamaa, miiraa fi hafuuraa fayyummaa akka qabaataniif carraaqqii inni godhu ni dinqisiifatu.—Efe. 5:28, 29; 6:4.

‘JAALALA KOO KEESSA JIRAADHAA’

18. Yohaannis waaʼee maalii mirkanaaʼaa ture?

18 Yohaannis umurii dheeraa muuxannoo dinqisiisoodhaan guutame jiraateera. Rakkoowwan hedduun amantii isaa laaffisuu dandaʼan isa mudataniiru. Taʼus, ajaja obbolootaa fi obboleettota keenya akka jaallannu kenname dabalatee, ajajawwan Yesuus eeguuf yeroo hunda wanta dandaʼu godheera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaa fi Yesuus akka isa jaallatanii fi cimina qorumsa kam iyyuu moʼuuf isa gargaaru akka isaaf kennan mirkanaaʼaa ture. (Yoh. 14:15-17; 15:10; 1 Yo. 4:16) Wanti Seexanni ykn sirni isaa godhe kam iyyuu Yohaannis obboloota akka hin jaallannee fi jaalala isaa dubbii fi gochaan akka hin argisiisne isa hin goone.

19. 1 Yohaannis 4:7 maal akka goonu nu jajjabeessa? Maaliifi?

19 Akkuma Yohaannis nutis addunyaa Seexanni inni hamaanii fi waaqa sirna kanaa taʼe toʼatu keessa jiraanna. (1 Yo. 3:1, 10) Inni obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuu akka dhiisnu kan barbaadu taʼus, nuti yoo isaaf heyyamne malee akkas gochuu hin dandaʼu. Obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuuf, akkasumas jaalala keenya dubbii keenyaan argisiisuu fi gocha keenyaan mirkaneessuuf haa murteessinu. Taanaan, gammachuu kutaa maatii Yihowaa taʼuun argamsiisu arganna, jireenyi keenyas hiika qabaata.—1 Yohaannis 4:7 dubbisi.

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

^ key. 5 Yohaannis ergamaan ‘barataa Yesuus jaallatu’ akka taʼe amanama. (Yoh. 21:7) Kanaafuu, yeroo dargaggeessa turetti iyyuu amalawwan gaggaarii hedduu kan qabu taʼuu qaba. Waggoota hedduu booda Yihowaan waaʼee jaalalaa wantoota hedduu akka barreessu itti fayyadameera. Mata dureen kun wantoota inni barreesse muraasa irratti xiyyeeffata, akkasumas fakkeenya isaa irraa maal akka barannu ibsa.

^ key. 59 IBSA FAKKII: Mataan maatii hojiin itti baayʼatu tokko hojii gargaarsa yeroo balaa irratti hirmaata, buusiidhaan hojii addunyaa maraa deggera, akkasumas warri kaan isaa fi haadha manaa isaa akkasumas ijoollee isaa wajjin waaqeffannaa maatii akka godhan afeera.