Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 11

Kitaaba Qulqulluu Irraa Jabina Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Kitaaba Qulqulluu Irraa Jabina Argachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

‘Waaqayyo jabaatanii dhaabbachuu ni kenna.’—ROM. 15:5.

FAARFANNAA 94 Dubbii Waaqayyootiif ni Galateeffanna

QABIYYEE *

1. Sabni Yihowaa rakkoowwan akkamii isaan mudatu?

RAKKINNI cimaan si irra gaʼaa jiraa? Tarii namni gumii keessa jiru tokko si miidheera taʼa. (Yaq. 3:2) Yookiin namni si waliin hojjetu ykn si wajjin baratu tokko Yihowaa tajaajiluu keetti sitti qoosaa jira taʼa. (1 Phe. 4:3, 4) Yookiin miseensi maatii kee tokko walgaʼii irratti akka hin argamne ykn waaʼee amantii kee namootatti akka hin himne si dhowwuuf yaalaa jira taʼa. (Mat. 10:35, 36) Qorumsichi baayʼee ulfaataa yoo taʼe Yihowaa tajaajiluu dhiisuun kee gaarii akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, rakkinni si mudate maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan ogummaa murtoo gaarii gochuu fi jabina rakkinicha dandamachuuf si gargaaru akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

2. Akka Roomaa 15:4 jedhutti Kitaaba Qulqulluu dubbisuun nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

2 Yihowaan namoonni mudaa qaban, rakkina isaan mudate akkamitti akka dandamatan Dubbii isaa Keessatti akka gaariitti akka galmaaʼu godheera. Maaliifi? Barumsa irraa argachuu akka dandeenyuufi. Yihowaan Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuuraatiin kana akka barreessu isa kakaaseera. (Roomaa 15:4 dubbisi.) Seenaawwan kana dubbisuun keenya jajjabinaa fi abdii nuuf argamsiisuu dandaʼu. Faayidaa argachuuf garuu dubbisuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Kitaabni Qulqulluun yaada keenya akka bocuu fi garaa keenya akka tuqu heyyamuu qabna. Rakkina nu mudate tokko akkamitti akka furru ilaalchisee qajeelfama barbaadaa jirra yoo taʼe maal gochuu dandeenya? Wantoota armaan gaditti ibsaman afur gochuu dandeenya: (1Kadhachuu, (2Yaadaan ilaaluu, (3Xiinxaluu, fi (4Hojii irra oolchuu. Mee wantoonni kun maal akka dabalatan gadi fageenyaan haa qorru. * Achiis malawwan qoʼannaa kanatti fayyadamuudhaan wantoota Daawit Mootichaa fi Phaawulos ergamaa mudatan irraa barachuuf yaalla.

1. KADHACHUU

Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabuu kee dura, Yihowaan wanta dubbistu irraa akkamitti akka fayyadamtu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu (Keeyyata 3 ilaali)

3. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabuu kee dura maal gochuu qabda? Maaliifi?

3 (1Kadhachuu. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabuu kee dura, Yihowaan wanta dubbistu irraa akkamitti akka fayyadamtu hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Fakkeenyaaf, rakkina si mudate ilaalchisee gorsa barbaadaa jirta yoo taʼe, Yihowaan Dubbii isaa keessaa qajeelfama murtoo sirrii gochuuf si gargaaru akka siif kennu gaafadhu.—Filp. 4:6, 7; Yaq. 1:5.

2. YAADAAN ILAALUU

Iddoo nama seenicha keessatti ibsame sanaa of kaaʼuuf yaali (Keeyyata 4 ilaali)

4. Seenaa Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti hubachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

4 (2Yaadaan ilaaluu. Yihowaan dandeettii dinqisiisaa yaadaan ilaaluu nuu kenneera. Seenaa Kitaaba Qulqulluu tokko akka gaariitti hubachuuf akka si gargaaruuf wanta raawwatame sana yaadaan ilaali; akkasumas iddoo nama seenicha keessatti ibsame sanaa of kaaʼuuf yaali. Wanta inni ilaale ilaaluu fi miirri isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu akka sitti dhagaʼamu gochuuf yaali.

3. XIINXALUU

Waaʼee wanta dubbistuu fi odeeffannoon sun akkamitti akka si fayyadu akka gaariitti yaadi (Keeyyata 5 ilaali)

5. Xiinxaluun maali dha? Xiinxaluu kan dandeessu akkamitti?

5 (3Xiinxaluu. Xiinxaluu jechuun waaʼee wanta dubbistuu fi odeeffannoon achi irraa argattu sun akkamitti akka si fayyadu gadi fageenyaan yaaduu jechuu dha. Kana gochuun kee yaadawwan sana akka wal qabsiistuu fi waaʼee dhimmichaa hubannaa balʼaa akka argattu si gargaara. Kitaaba Qulqulluu utuu hin xiinxaliin dubbisuun, carqii hodhaadhaaf mummuramee minjaala irra taaʼe ilaaluu wajjin wal fakkaata. Xiinxaluun immoo carqii mummurame sana walitti hodhanii uffata guutuu gochuu wajjin wal fakkaata. Xiinxaluuf akka si gargaaruuf gaaffiiwwan akka armaan gadii of gaafachuu fi deebii isaanii argachuuf yaali: ‘Namni seenaa kana keessatti ibsame rakkina isa mudate moʼuuf maal godhe? Yihowaan akkamitti isa gargaare? Wantan as irraa baradhe qorumsa na mudate dandamachuuf akkamittan itti fayyadama?’

4. HOJII IRRA OOLCHUU

Wanta baratte murtoo gaarii gochuuf, caalaatti nagaa argachuu fi amantii kee cimsachuuf itti fayyadami (Keeyyata 6 ilaali)

6. Wanta baranne hojii irra oolchuu kan qabnu maaliifi?

6 (4Hojii irra oolchuu. Yesuus wanta baranne hojii irra hin oolchinu taanaan, nama mana isaa cirracha irratti ijaarratee wajjin akka wal fakkaannu ibseera. Namni akkasii jabaatee kan hojjetu taʼus, carraaqqiin isaa gatii hin qabu. Maaliifi? Sababiin isaa obomboleettii fi lolaan yommuu manicha rukutu manichi ni jiga. (Mat. 7:24-27) Haaluma wal fakkaatuun, yoo kadhanne, yaadaan yoo ilaallee fi yoo xiinxalle, garuu immoo wanta baranne hojii irra hin oolchinu yoo taʼe carraaqqiin keenya gatii hin qabu. Amantiin keenya rakkina ykn ariʼatamaan yommuu qoramutti jabaatee itti fufuu hin dandaʼu. Gama biraatiin immoo yommuu qoʼannuu fi wanta baranne hojii irra oolchinu, murtoo gaarii goona; caalaatti nagaa qabaannaa akkasumas amantii cimaa qabaanna. (Isa. 48:17, 18) Qabxiiwwan olitti ilaalle arfanitti fayyadamuudhaan taʼeewwan jireenya Daawit Mootichaa keessatti raawwataman irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

WANTA DAAWIT MOOTICHA IRRAA BARANNU

7. Kanatti aansee seenaa Kitaaba Qulqulluu isa kam qorra?

7 Miseensi maatii ykn michuun kee tokko si miidhee beekaa? Taanaan, seenaa ilma Daawit Mootichaa Abishaalom isa abbaa isaa ganee fi mootummaa abbaa isaa fudhachuuf yaalee qoruudhaan fayyadamuu dandeessa.—2 Sam. 15:5-14, 31; 18:6-14.

8. Gargaarsa Yihowaa argachuuf maal gochuu dandeessa?

8 (1Kadhachuu. Seenicha yaadatti qabachuudhaan dogoggora si irratti raawwatameef miirri akkamii akka sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. (Far. 6:6-9) Wanta sitti dhagaʼamu adda baasii dubbadhu. Achiis rakkinicha dandamachuuf yommuu yaaltutti Yihowaan qajeelfama si barbaachisu hubachuuf akka si gargaaru isa gaafadhu.

9. Wanta Daawitii fi Abshaalom gidduutti raawwatame gabaabsii ibsi?

9 (2Yaadaan ilaaluu. Taʼeewwan seenaa kana keessatti raawwataman yaadi, akkasumas Daawit Mootichi maaltu akka isatti dhagaʼame yaadaan ilaali. Abishaalom ilmi Daawit namoonni akka isa jaallatan gochuuf waggoota hedduudhaaf hojjechaa tureera. (2 Sam. 15:7) Abishaalom yeroo sirriin akka gaʼe yommuu isatti dhagaʼamu, namoonni akka mootii isaaniitti akka isa simatan qopheessuuf guutummaa Israaʼelitti basaastota ergeera. Ahixoofel isa Daawitiif michuu dhihoo fi gorsaa isaa taʼe illee amansiisee fincila kana irratti akka isa deggeru godheera. Abishaalom mootii akka taʼe labse, achiis Daawitiin qabuu fi ajjeesuuf yaalii godhe; Daawit yeroo kanatti baayʼee dhukkubsatee taʼuu hin oolu. (Far. 41:1-9) Daawiti waaʼee daba kanaa waan beekeef Yerusaalem keessaa baqateera. Dhuma irrattis raayyaan Abishaalom loltoota Daawitiif amanamoo taʼanii wajjin wal waraanan. Raayyaan finciltootaa sun kan moʼaman siʼa taʼu, ilmi Daawit Abishaalomis ni ajjeefame.

10. Daawit Mootichi maal gochuu dandaʼa ture?

10 Itti aansuudhaan wantoonni kun hundi yommuu isa irra gaʼan wanta Daawititti dhagaʼamee taʼuu qabu yaadaan ilaali. Inni Abishaalomiin ni jaallata, Ahixoofelinis ni amana ture. Taʼus, michoonni isaa kun lamaanuu isa gananiiru, baayʼee isa miidhaniiru, isa ajjeesuuf illee yaalaniiru. Daawit michoonni isaa kaanis Abishaalomiin deggeru jedhee shakkuudhaan amantaa isaan irratti qabu dhabuu dandaʼa ture. Waaʼee ofii isaa qofa yaaduu fi kophaa isaa biyyattii dhiisee baqachuuf barbaaduu dandaʼa ture. Yookiin guutummaatti abdii kutachuu dandaʼa ture. Taʼus, Daawit wantoota kana keessaa tokko illee hin goone. Kanaa mannaa, qorumsa cimaa isa mudate injifateera. Kana gochuu kan dandaʼe maaliifi?

11. Daawit haala rakkisaa isa mudate keessatti maal godhe?

11 (3Xiinxaluu. Seenaa kana irraa qajeelfamoota akkamii barachuu dandeessa? Gaaffii, “Daawit of gargaaruuf maal gochuu dandaʼa ture?” jedhuuf deebii kenni. Daawit garmalee hin sodaanne, ariifatees murtoo ogummaa irratti hin hundoofne hin goone. Akkasumas murtoo gochuu hamma dadhabutti sodaadhaan hin liqimfamne. Kanaa mannaa, gargaarsa argachuuf Yihowaa kadhateera. Kana malees, michoota isaa gargaarsa gaafateera. Murtoo godhe hojii irra oolchuufis dafee tarkaanfii fudhateera. Daawit baayʼee kan miidhame taʼus, nama nama shakku ykn jibbaan guutame hin taane. Inni Yihowaatti amanamuu fi michoota isaa amanuu isaa itti fufeera.

12. Yihowaan Daawitiin gargaaruuf maal godhe?

12 Yihowaan Daawitiin kan gargaare akkamitti? Qorannoo tokko tokko gochuudhaan, Yihowaan Daawitiif jabina qorumsa isa mudate dandamachuuf isa barbaachisu akka isaaf kenne hubachuu dandeessa. (Far. 3:1-8; Ibsa jalqaba boqonnaa irra jiru) Yihowaan murtoo Daawit godhe isaaf eebbiseera. Akkasumas michoonni Daawit warri amanamoon mootii isaanii eeguuf yommuu lolanitti isaan gargaareera.

13. Namni tokko karaa taʼe tokkoon baayʼee yoo si miidhe, fakkeenya Daawit hordofuu kan dandeessu akkamitti? (Maatewos 18:15-17)

13 (4Hojii irra oolchuu. ‘Fakkeenya Daawit hordofuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Rakkina si mudate furuuf daftee tarkaanfii fudhachuu si barbaachisa. Haala isaa irratti hundaaʼuudhaan gorsa Yesuus isa Maatewos boqonnaa 18 irratti galmeeffamee jiru kallattiidhaan ykn seera buʼuuraa isaa hojii irra oolchuu dandeessa. (Maatewos 18:15-17 dubbisi.) Taʼus ariifattee murtoo miira irratti hundaaʼe gochuu hin qabdu. Garaa kee akka sii tasgabbeessuu fi ogummaa wanta gochuu qabdu beekuuf si gargaaru akka sii kennu Yihowaa kadhadhu. Amanannaa michoota kee irratti qabdu hin dhabin. Kanaa mannaa gargaarsa siif godhamu fudhachuuf fedhii qabaadhu. (Fak. 17:17) Hunda caalaa immoo gorsa Yihowaan Dubbii isaa irraa sii kennu hordofi.—Fak. 3:5, 6.

WANTA PHAAWULOS IRRAA BARANNU

14.2 Ximotewos 1:12-16; 4:6-11, 17-22 si jajjabeessuu kan dandaʼu yoom taʼuu dandaʼa?

14 Miseensota maatii kee irraa ariʼatamni si irra gaʼaa jiraa? Yookiin biyya hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa baayʼee daangeffame ykn dhowwame keessa jiraattaa? Taanaan, 2 Ximotewos 1:12-16 fi 4:6-11, 17-22 dubbisuudhaan jajjabina argachuu dandeessa. * Phaawulos kutaa Kitaaba Qulqulluu kana kan barreesse yeroo mana hidhaa turetti dha.

15. Waaʼee maalii Yihowaa kadhachuu dandeessa?

15 (1Kadhachuu. Seenaawwan kana dubbisuu jalqabuu kee dura waaʼee rakkina kee fi miira rakkinichi sitti uume Yihowaatti himi. Adda baasii dubbadhu. Achiis seenaa waaʼee qorumsa Phaawulos ibsu yommuu dubbistu, haala si mudate keessatti qajeelfama hojii irra oolchuu dandeessu beekuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu.

16. Wanta Phaawulosiin mudate gabaabumatti ibsi?

16 (2Yaadaan ilaaluu. Phaawulos akka taate godhii yaadi. Mana hidhaa Roomaa jiru keessatti funcaadhaan hidhamee jira. Kanaan dura hidhamee kan ture taʼus, amma garuu akka ajjeefamu mirkanaaʼaa taʼeera. Michoonni isaa tokko tokko isa dhiisaniiru, qaamaanis baayʼee dadhabeera.—2 Xim. 1:15.

17. Phaawulos maal gochuu dandaʼa ture?

17 Phaawulos wanta kanaan dura darbe irratti xiyyeeffachuudhaan, utuun filannoo kan biraa godheera taʼee hin hidhamun ture jedhee yaaduu dandaʼa. Namoota koonyaa Eeshiyaa warra isa dhiisanii deemanitti baayʼee aaruu dandaʼa, akkasumas amanannaa michoota isaa kaan irratti qabu dhabuu dandaʼa. Phaawulos garuu wantoota kana keessaa tokkoo isaanii illee hin goone. Maarree amanannaa fi abdii qabu eegee kan itti fufe akkamitti?

18. Phaawulos yeroo rakkinni isa mudatetti maal godhe?

18 (3Xiinxaluu. Gaaffii, “Phaawulos akkamitti of gargaare?” jedhuuf deebii kenni. Phaawulos duuti isaa dhihaatee yeroo turetti illee, Yihowaadhaaf ulfina fiduu isa dhimma guddaa taʼe irratti xiyyeeffachuu hin dhiisne. Akkamittiin warra kaan akka jajjabeessu yaaduu isaas itti fufeera. Utuu wal irraa hin kutin kadhachuudhaan Yihowaatti amanameera. (2 Xim. 1:3) Namoota isa dhiisan irratti garmalee xiyyeeffachuu mannaa, michoota isaa amanamummaadhaan gargaarsa qabatamaa isaaf godhaniif galateeffannaa qabu ibseera. Dabalataanis, Phaawulos Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu isaa itti fufeera. (2 Xim. 3:16, 17; 4:13) Hunda caalaa immoo, Yihowaa fi Yesuus akka isa jaallatan amanannaa guutuu qaba ture. Isaan isa hin dhiisne, tajaajila inni amanamummaadhaan raawwateefis isa badhaasu.

19. Yihowaan Phaawulosiin kan gargaare akkamitti?

19 Phaawulos Kiristiyaana taʼuu isaatiin ariʼatama isa irra gaʼu dandamachuu akka qabu Yihowaan isatti himee ture. (HoE. 21:11-13) Maarree Yihowaan kan isa gargaare akkamitti? Kadhannaa Phaawulosiif deebii kenneera, yeroo booda immoo humna isaaf kenneera. (2 Xim. 4:17) Phaawulos badhaasa argachuuf jabaatee hojjete sana akka argatu isaaf mirkaneeffameera. Dabalataanis Yihowaan, michoonni isaa amanamoon gargaarsa qabatamaa akka isaaf godhan isaan kakaaseera.

20. Akka Roomaa 8:38, 39 jedhutti Phaawulos qorumsawwan kan dandamate maaliifi? Fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

20 (4Hojii irra oolchuu. ‘Fakkeenya Phaawulos hordofuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Akkuma Phaawulos sababa amantii keenyaatiin ariʼatamni akka nu irra gaʼu eeguu qabna. (Mar. 10:29, 30) Yeroo qorumsi nu mudatutti amanamummaa keenya eeguuf kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu fi barsiifata qoʼannaa gaarii qabaachuu qabna. Akkasumas wanti hunda caalaa barbaachisaan gochuu dandeenyu Yihowaadhaaf ulfina fiduu akka taʼe, yeroo hundumaa yaadachuu qabna. Yihowaan matumaa akka nu hin dhiisnee fi qaamni kam iyyuu akka inni nu hin jaallanne dhowwuu akka hin dandeenye mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya.—Roomaa 8:38, 39 dubbisi; Ibr. 13:5, 6.

NAMOOTA KITAABA QULQULLUU KEESSATTI IBSAMAN KAAN IRRAAS BARADHU

21. Aayaa fi Heektar rakkina isaan mudate moʼuuf maaltu isaan gargaare?

21 Haalli keessa jirru maal iyyuu yoo taʼe, fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irraa jabina argachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, qajeelchituun Aayaa jedhamtuu fi Jaappaan jiraattu, seenaan Yoonaas sodaa lallaba addababayii irratti hirmaachuuf qabdu mooʼuuf akka ishii gargaare ibsiteetti. Dargaggeessi Heektar jedhamuu fi Indooneeshiyaa jiraatu maatiin isaa Yihowaa kan hin tajaajille taʼanis, fakkeenyi Ruut waaʼee Yihowaa barachuu fi isa tajaajiluuf isa kakaaseera.

22. Diraamaawwan Kitaaba Qulqulluu ykn mata dureewwan “Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa” jedhu jalatti baʼan irraa akkamitti caalaatti fayyadamuu dandeessa?

22 Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu si jabeessan eessaa argachuu dandeessa? Diraamaawwan Viidiyoo fi Oodiyoo keenya, akkasumas mata dureewwan, “Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa” jedhu jalatti walitti aanaan baʼan, seenaa Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti hubachuuf si gargaaru. * Seenaawwan akka gaariitti qorannoon irratti godhamee qophaaʼan kana ilaaluu, dhaggeeffachuu ykn dubbisuu kee dura Yihowaan qabxii hojii irra oolchitu argachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Bakka nama seenicha keessa jiru sanaa akka jirtu godhii of ilaali. Tajaajiltoonni Yihowaa jaallatamoon kun maal akka godhanii fi Yihowaan rakkina isaanii akka moʼan akkamitti akka isaan gargaare xiinxali. Achiis barumsa argatte hojii irra oolchi. Gargaarsa Yihowaan sii gochaa jiruuf isa galateeffadhu. Warra kaan jajjabeessuu fi gargaaruuf carraa barbaaduudhaan gargaarsa sii godhame akka dinqisiifattu argisiisi.

23. Akka Isaayyaas 41:10, 13 jedhutti Yihowaan maal nuu gochuuf waadaa galeera?

23 Addunyaa Seexanni toʼatu kana keessatti jireenyi baayʼee ulfaataa dha, yeroo tokko tokko immoo humna keenyaa ol taʼuu dandaʼa. (2 Xim. 3:1) Taʼus, dhiphachuu ykn sodaachuu hin qabnu. Yihowaan haala nuti keessa jirru ni beeka. Yommuu gargaarsi nu barbaachisutti harka isaa mirgaa isa cimaatiin akka nu qabu waadaa galeera. (Isaayyaas 41:10, 13 dubbisi.) Deggersa isaatti guutummaatti amanamuudhaan, Kitaaba Qulqulluu irraa jabina argachuu fi rakkina kam iyyuu moʼuu ni dandeenya.

FAARFANNAA 96 Kitaabni Qulqulluun—Qabeenya Guddaa dha

^ key. 5 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun Yihowaan tajaajiltoota isaa akka jaallatuu fi rakkina akkamii keessatti iyyuu akka isaan gargaaru mirkaneessu. Mata dureen kun seenaa dubbistu irraa caalaatti faayidaa argachuuf akkamitti qoʼannaa dhuunfaa gochuu akka dandeessu ibsa.

^ key. 2 Malli qoʼannaa as irratti ibsame mala itti fayyadamuu dandeessu keessaa tokko qofa dha. Malawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran kan biroo, kitaaba Barreeffama Qoʼannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe jedhu irraa mata duree guddaa, “Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalaa, mata duree xiqqaa, “Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Hubachuu” jedhu ilaaluudhaan argachuu dandeessa.

^ key. 14 Yeroo Masaraan Eegumsaa kun gumii irratti qoʼatamu yaada caqasoota kanaa hin dubbisin.

^ key. 22 Jw.org irraa mata duree, “Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa—Namoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman” jedhu ilaali. (BARUMASAWWAN KITAABA QULQULLUU > WAAQAYYOTTI AMANUU jalaa ilaali.)