Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 13

Yihowaan Isin Eega—Akkamitti?

Yihowaan Isin Eega—Akkamitti?

“Gooftaan amanamaa dha; inni isin cimsa, isa hamaa sana irraas isin eega.”—2 TAS. 3:3.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

QABIYYEE *

1. Yesuus, barattoota isaa akka eegu Yihowaa kan gaafate maaliifi?

YESUUS galgala dhumaa nama taʼee lafa irratti dabarsetti rakkina barattoota isaa mudachuu dandaʼuu yaadaa ture. Yesuus jaalala michoota isaatiif qabuun kakaʼee ‘isa hamaa sana irraa akka isaan eegu’ Abbaa isaa kadhatee ture. (Yoh. 17:14, 15) Gara samiitti erga deebiʼee booda Seexanni nama Yihowaa tajaajiluu barbaadu kam irratti iyyuu waraana banuu akka itti fufu beeka ture. Kanaafuu, sabni Yihowaa eegumsi akka isaan barbaachisu ifa dha.

2. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya?

2 Yihowaan jaalala ilma isaatiif qabuun kakaʼee kadhannaa Yesuusiif deebii kenneera. Yihowaa gammachiisuuf wanta dandeenyu hunda yoo goone, inni nu jaallata, kadhannaa nuti gargaarsaa fi eegumsa argachuuf dhiheessinuufis deebii ni kenna. Inni akka Mataa Maatii tokkotti ijoollee isaa jaalalaan kunuunsuu isaa itti fufa. Kana gochuu dhiisuun maqaa isaa balleessa!

3. Yeroo harʼaatti eegumsi Yihowaa kan nu barbaachisu maaliifi?

3 Yeroo kam iyyuu caalaa eegumsi Yihowaa nu barbaachisa. Seexanni “aarii guddaadhaan” samii irraa gad darbatameera. (Mul. 12:12) Namoonni nu ariʼatan tokko tokko ‘Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheessanitti’ akka yaadan isaan amansiiseera. (Yoh. 16:2) Namoonni Waaqayyotti hin amanne kaan immoo, addunyaa irraa adda waan taaneef nu ariʼatu. Sababiin itti ariʼatamnu maal iyyuu yoo taʼe sodaachuu hin qabnu. Maaliifi? Sababiin isaas dubbiin Waaqayyoo, “Gooftaan amanamaa dha; inni isin cimsa, isa hamaa sana irraas isin eega” jedha. (2 Tas. 3:3) Yihowaan kan nu eegu akkamitti? Mee karaawwan kana itti godhu lama haa ilaallu.

YIHOWAAN MEESHAA WARAANAA NUUF QOPHEESSEERA

4. Akka Efesoon 6:13-17 jedhutti Yihowaan nu eeguuf maal qopheesseera?

4 Yihowaan meeshaa waraanaa haleellaa Seexanaa irraa nu eeguu dandaʼu nuuf qopheesseera. (Efesoon 6:13-17 dubbisi.) Meeshaan waraanaa kun cimaa fi buʼa qabeessa dha. Taʼus, eegumsa kan nuuf godhu meeshaa kana hundumaa yoo uffannee fi of irraa baasuu yoo dhiisne dha. Tokkoon tokkoon meeshaa kanaa maal argisiisa? Mee amma gad fageenyaan haa ilaallu.

5. Qabattoon dhugaa maalidha? Hidhachuu kan qabnu hoo maaliifi?

5 Qabattoon dhugaa dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman argisiisa. Qabattoo kana hidhachuu kan qabnu maaliifi? Seexanni “abbaa sobaa” waan taʼeefi. (Yoh. 8:44) Inni waggoottan kumaan lakkaaʼamaniif soba dubbachaa fi “guutummaa lafaa” dogoggorsaa tureera. (Mul. 12:9) Taʼus, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gowwoomfamuu irraa nu eegu. Qabattoo fakkeenyaan ibsame kana akkamitti hidhanna? Kana kan goonu dhugaa waaʼee Waaqayyoo ibsu barachuu, “hafuuraa fi dhugaadhaan” isa waaqeffachuu fi wantoota hundumaan amanamummaadhaan jiraachuudhaani.—Yoh. 4: 24; Efe. 4: 25; Ibr. 13:18.

Qabattoo: Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu

6. Uffanni qomaa qajeelinaa maalidha? Uffachuu kan qabnu hoo maaliifi?

6 Uffanni qomaa qajeelinaa ulaagaawwwan Yihowaa warra qajeeloo argisiisa. Uffata qomaa uffachuu kan qabnu maaliifi? Akkuma uffanni qomaa onneen loltuu tokkoo akka hin waraanamne eegu, uffanni qomaa qajeelinaas onnee keenya isa fakkeenyaan ibsame ykn keessa keenya dhiibbaa addunyaa mancaʼaa kana irraa eega. (Fak. 4:23) Yihowaan garaa keenya guutuudhaan akka isa jaallannuu fi akka isa tajaajillu nu irraa eega. (Mat. 22:36, 37) Kanaafuu, Seexanni wantoota addunyaan dhiheessuu fi Yihowaan jibbu akka jaallannu gochuuf yaaluudhaan garaa keenya hihhiruuf yaala. (Yaq. 4:4; 1 Yoh. 2:15, 16) Kun yoo isaaf milkaaʼuu dide immoo ulaagaa Yihowaa akka cabsinu gochuuf yaala.

Uffata qomaa: Ulaagaawwan qajeelinaa Yihowaa

7. Uffata qomaa qajeelinaa akkamitti uffanna?

7 Ulaagaa Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase fudhachuu fi ittiin jiraachuudhaan uffata qomaa qajeelinaa uffanna. (Far. 97:10) Namoonni tokko tokko ulaagaawwan Yihowaa bilisummaa akka nama dhabsiisan isaanitti dhagaʼama. Taʼus, seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuu yoo dhiisne, akkuma loltuu waraana irratti uffanni qomaa isaa baayʼee ulfaataa akka taʼe yaaduudhaan of irraa baasee taana. Kun gowwummaa guddaadha! Warra Yihowaa jaallataniif ajajawwan isaa “baʼaa ulfaatoo” miti, kanaa mannaa, lubbuu namaa kan baraaranidha.—1 Yoh. 5:3.

8. Misiraachoo labsuuf miilla keenyatti kophee kaaʼannee qophaaʼuu jechuun maal jechuudha?

8 Phaawulos misiraachoo nagaa labsuuf qophaaʼuuf, miilla keenyatti kophee kaaʼachuudhaan jabaannee akka dhaabannus nu gorseera. Jecha biraatiin, yeroo hundumaa misiraachoo Mootummichaa lallabuuf qophaaʼoo taʼuu qabna. Ergaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti yommuu himnu amantiin keenya ni cima. Sabni Yihowaa addunyaa mara jiran lallabuuf yommuu carraa barbaadan arguun baayʼee nama jajjabeessa. Fakkeenyaaf, bakka hojiitti ykn mana barumsaatti, manaa gara manaatti ykn bakka daldalaatti, yommuu waa bitanitti, firoottan isaanii Dhugaa Baatotaa hin taane yommuu gaafatanii fi namoota beekan haasofsiisanitti ni lallabu. Sodaadhaan moʼamnee yoo lallabuu keenya dhaabne, loltuu waraana irratti kophee isaa baafatee wajjin wal fakkaanna. Loltuun kun salphaadhumatti miidhamuu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, haleellaadhaaf caalaatti saaxilama. Akkasumas qajeelfama ajajaa isaa hordofuu hin dandaʼu.

Kophee: Misiraachoo labsuuf qophaaʼuu

9. Gaachana amantii guddaa baachuun kan nu barbaachisu maaliifi?

9 Gaachanni amantii guddaan amantii Yihowaa irratti qabnu argisiisa. Inni waadaa gale hundumaa akka raawwatu isa ni amananna. Amantiin akkasii “xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan” hunda dhaamsuuf nu gargaara. Gaachana guddaa kana baachuun kan nu barbaachisu maaliifi? Barumsa gantootaatiin akka hin raafamne ykn qoosaadhaan akka abdii hin kutanne waan nu eeguufi. Amantii hin qabnu taanaan, yommuu warri kaan ulaagaa Yihowaa akka cabsinu dhibbaa nu irraan geessisanitti jabaannee dhaabachuu hin dandeenyu. Gama biraatiin immoo, bakka hojiitti ykn mana barumsaatti amantii keenyaaf yommuu dhaabannu gaachana keenya qabanneerra jechuudha. (1 Phe. 3:15) Hojii miindaa gaarii nuuf argamsiisu, garuu immoo barsiifata waaqeffannaa keenya irratti dhiibbaa godhu yeroo dhiisnu hundumaa gaachana keenya qabannee jirra jechuu dha. (Ibr. 13:5, 6) Utuma mormiin nu irra gaʼuu yommuu Yihowaa tajaajillu hundatti, gaachanni keenya eegumsa nuuf gochaa jira jechuu dha.—1 Tas. 2:2.

Gaachana: Amantii Yihowaa fi abdii isaa irratti qabnu

10. Baarmeexaan sibiilaa maalidha? Kaaʼachuu kan qabnu hoo maaliifi?

10 Baarmeexaan sibiilaa fayyinaa abdii Yihowaan nuuf kennedha. Abdiin kun abdii inni duʼa irraa akka nu oolchuu fi warra fedha isaa raawwatan hunda akka badhaasu nuuf kennedha. (1 Tas. 5:8; 1 Xim. 4:10; Tit. 1:1, 2) Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataa loltuu tokkoo eegu abdiin fayyinaas dandeettii yaaduu keenyaaf eegumsa godha. Akkamitti? Abdiin kun waadaa Waaqayyo nuuf gale irratti akka xiyyeeffannuu fi rakkinaaf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. Baarmeexaa sibiilaa kana akkamitti kaaʼanna? Yaadawwan keenya yaada Waaqayyoo wajjin walsimsiisuudhaan kana goona. Fakkeenyaaf abdii keenya qabeenya isa amansiisaa hin taane irra utuu hin taʼin, Waaqayyo irra kaaʼanna.—Far. 26:2; 104:34; 1 Xim. 6:17.

Baarmeexaa sibiilaa: Abdii jireenya bara baraa

11. Goraadeen hafuuraa maalidha? Itti fayyadamuun kan nu barbaachisu hoo maaliifi?

11 Goraadeen hafuuraa dubbii Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluudha. Goraadeen kun gowwoomsaa hundumaa muruu fi namoota garbummaa barumsa sobaa fi barsiifata hamaa jala jiran bilisa baasuuf humna qaba. (2 Qor. 10:4, 5; 2 Xim. 3:16, 17; Ibr. 4:12) Qoʼannaa dhuunfaa gochuu fi leenjii jaarmiyaan Waaqayyoo nuuf kennu fudhachuudhaan goraadee kanatti akka gaariitti fayyadamuu baranna. (2 Xim. 2:15) Meeshaa waraanaa malees Yihowaan wanta eegumsa nuuf godhu kan biraa nuu kenna. Wanti kun maalidha?

Goraadee: Dubbii Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu

YIHOWAAN GARGAARSA DABALATAA NUUF GODHA

12. Wanti kan biraan maaltu nu barbaachisa? Maaliifi?

12 Loltuun muuxannoo qabu tokko raayyaa guddaa tokko qofaa isaa moʼuu akka hin dandeenye beeka; gargaarsi loltoota kan biroo isa barbaachisa. Haaluma walfakkaatuun, nutis qofaa keenya lola Seexanaa fi duuka buutota isaa wajjin goonu moʼuu hin dandeenyu; Gargaarsi obbolootaa fi obboleettota keenyaa nu barbaachisa. Yihowaan waldaa obbolootaa addunyaa maraa nu gargaaruuf qophaaʼoo taʼan nuuf kenneera.—1 Phe. 2:17.

13. Akka Ibroonni 10:24, 25, jedhutti walgaʼiiwwan keenya irratti argamuun buʼaa akkamii nuuf argamsiisa?

13 Karaan gargaarsa itti argannu inni tokko walgaʼii irratti argamuu dha. (Ibroota 10:24, 25 dubbisi.) Hundumti keenya yeroo tokko tokko abdii akka kutanne nutti dhagaʼama; taʼus yeroo akkasiitti walgaʼiin keenya nu jajjabeessa. Yaadni obboloonnii fi obboleettonni keenya garaadhaa kennan nu jajjabeessa. Haasaan Kitaaba Qulqulluu fi hojiin argisiisni isaan dhiheessan kutannoo Yihowaa tajaajiluuf goone nuuf cimsa. Haasaan gaariin walgaʼii duraa fi booda goonu nu jajjabeessa. (1 Tas. 5:14) Dabalataanis walgaʼiin keenya warra kaan gargaaruudhaan gammachuu argachuuf carraa nuuf bana. (HoE. 20:35; Rom. 1:11, 12) Walgaʼiiwwan keenya karaawwan kan birootiinis nu gargaaru. Tajaajilaaf nu hidhachiisuudhaan akka fakkeenyaatti dandeettii waraana irratti qabnu nu fooyyessu. Fakkeenyaaf Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu sirriitti fayyadamuu baranna. Kanaafuu walgaʼii gumiitiif akka gaariitti qophaaʼi. Akkasumas xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. Walgaʼii booda immoo leenjii argatte hojii irra oolchi. Wantoota kana gochuudhaan “loltuu Kiristoos Yesuus isa gaarii” taata.—2 Xim. 2:3.

14. Gargaarsa kan biraa akkamii qabna?

14 Kana malees, gargaarsa maleekota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi humna cimaa qabanii ni arganna. Mee maleekaan tokko qofti maal gochuu akka dandaʼu yaadi. (Isa. 37:36) Raayyaan maleekotaa guddaan tokko hoo maal gochuu dandaʼaa? Namni ykn jinniin kam iyyuu humna waraanaa Yihowaa wajjin wal hin qixxaatan. Yihowaan humna guddaa qaba. Kanaafuu inni nu wajjin jira taanaan mormitoonni keenya hammam illee yoo baayʼatan isaan caalla. (Abo. 6:16) Kun dhugaa taʼuu isaa hin shakkinu. Kanaafuu namni si wajjin hojjetu, si wajjin baratu ykn firri kee dhugaa baatuu hin taane tokko wanta dubbatuun ykn wanta godhuun yommuu si sodaachisu yaada kana hin irraanfatin. Waraana kana irratti kophaa kee akka hin taane yaadadhu. Qajeelfama Yihowaa hordofaa jirta.

YIHOWAAN NU EEGUU ISAA ITTI FUFA

15. Akka Isaayyaas 54:15, 17 jedhutti qaamni kam iyyuu sabni Yihowaa akka hin lallabne gochuu kan hin dandeenye maaliifi?

15 Addunyaan toʼannaa Seexanaa jala jiru sababii itti nu jibbu hedduu qaba. Siyaasa keessa hin gallu, waraana irrattis hin hirmaannu. Maqaa Waaqayyo labsina, nagaa kan fidu Mootummaa isaa qofa akka taʼe dubbanna, ulaagaa qajeelinaa isaas ni deggerra. Bulchaan addunyaa kanaa akka sobuu fi lubbuu balleessuu akka jaallatu saaxilla. (Yoh. 8:44) Akkasumas addunyaan Seexanaa dhiheenyatti akka badu labsina. Taʼus Seexannii fi duuka buutonni isaa matumaa cal nu jechisiisuu hin dandaʼan. Faallaa kanaatiin wantoota gochuu dandeenyu hundumaatti fayyadamnee Yihowaa jajachuu keenya itti fufna. Seexanni humna guddaa kan qabu taʼus ergaan mootummichaa addunyaa maratti namoota bira akka hin geenye dhowwuu hin dandeenye. Kana gochuu kan dandeenye eegumsa Yihowaa waan qabnuufi.—Isaayyaas 54:15, 17 dubbisi.

16. Yihowaan yeroo rakkina guddaatti saba isaa kan oolchu akkamitti?

16 Gara fuulduraatti maaltu nu eeggata? Yeroo rakkina guddaatti Yihowaan karaawwan dinqisiisoo lamaan nu oolcha. Tokkoffaa, mootummoonni lafaa Baabilon Guddittii ishii bulchiinsa amantii sobaa taate akka balleessan yommuu godhutti tajaajiltoota isaa amanamoo ni oolcha. (Mul. 17:16-18; 18:2, 4) Achiis Armaagedoonitti warra addunyaa Seexanaa irraa hafan yommuu balleessu saba isaa ni oolcha.—Mul. 7:9, 10; 16:14, 16.

17. Yihowaatti maxxannee jiraachuun keenyaan kan fayyadamnu akkamitti?

17 Yihowaatti maxxannee yommuu jiraannu Seexanni miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuu hin dandaʼu. Kanaa mannaa miidhaan itti fufiinsa qabu isuma irra gaʼa. (Rom. 16:20) Kanaafuu meeshaa waraanaa guutuu uffadhaa itti fayyadamuu keessanis itti fufaa! Waraanicha irratti kophaa keessan hirmaachuuf hin yaalinaa. Obbolootaa fi obboleettota keessan deggeraa. Akkasumas qajeelfama Yihowaan isiniif kennu hordofaa. Taanaan Abbaan keessan inni samii jaalala qabeessa taʼe akka isin cimsuu fi isin eegu mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.—Isa. 41:10.

FAARFANNAA 149 Faarfannaa Injifannoo

^ key. 5 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akka nu cimsuu fi miidhaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin, miidhaa itti fufiinsa qabu kam irraa iyyuu nu eeguuf waadaa akka nuuf gale ibsa. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii arganna: Eegumsi kan nu barbaachisu maaliifi? Yihowaan kan nu eegu akkamitti? Gargaarsa Yihowaa argachuuf maal gochuu qabna?