Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 10

Hundi Keenya Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Akka Cuuphaman Gargaaruu Dandeenya

Hundi Keenya Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Akka Cuuphaman Gargaaruu Dandeenya

‘Kutaan qaamaa hundi qaamni sun akka guddatu gumaacha godha.’—EFE. 4:16.

FAARFANNAA 85 Wal Simadhaa

QABIYYEE *

1-2. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko guddina godhee akka cuuphamu gargaaruu kan dandaʼan eenyu faʼi?

DUBARTIIN Eemii jedhamtuu fi Fiijii jiraattu akkana jetteetti: “Wantan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa barachaa ture nan jaalladha. Dhugaa taʼuu isaas hubadheen ture. Jijjiirama gochuu fi cuuphamuuf kan na kakaase garuu obbolootaa fi obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuu jalqabuu koo ti.” Muuxannoon Eemii wanta barbaachisaa tokko nu barsiisa: Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko obboloonni gumii keessa jiran kaan gargaarsa yoo isaaf godhan caalaatti guddina gochuuf kakaʼuu dandaʼa.

2 Babalʼisaan hundi guddina gumichaatiif gumaacha gochuu dandaʼa. (Efe. 4:16) Qajeelchituun Leelaanii jedhamtuu fi Vaanuwaatuu jiraattu akkana jetteetti: “Jechamni, ‘Daaʼima tokko guddisuuf namoonni ganda tokko keessa jiraatan hundi gumaacha godhu’ jedhu jira. Jechamni kun barattoota gochuu wajjin haala wal qabateenis ni hojjeta jedheen yaada; yeroo baayʼee namni tokko gara dhugaatti akka dhufu gochuuf gumiin gumaacha gochuu dandaʼa.” Miseensonni maatii, michoonnii fi barsiisonni hundi daaʼimni tokko akka guddatu gargaaruu irratti gaʼee qabu. Daaʼima sana jajjabeessuu fi barumsawwan barbaachisoo taʼan barsiisuudhaan kana gochuu dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun babalʼistoonnis barattoota Kitaaba Qulqulluu gorsuudhaan, jajjabeessuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuudhaan guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruu dandaʼu.—Fak. 15:22.

3. Yaada Aanaan, Dooriinii fi Leelaaniin kennan irraa maal baratte?

3 Babalʼisaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessu tokko gargaarsa obboloonni gumii keessa jiran barataa isaatiif kennanitti gammaduu kan qabu maaliifi? Qajeelchituun addaa Aanaa jedhamtuu fi Moldoovaatti tajaajiltu maal akka jette hubadhaa: “Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko guddina gochuu yommuu jalqabutti wanta isa barbaachisu hunda guutuun nama tokkotti baayʼee ulfaata.” Qajeelchaan addaa Dooriin jedhamuu fi biyyuma sanatti tajaajilus akkana jedheera: “Yeroo baayʼee babalʼistoonni kaan wanta garaa baratichaa tuquu fi ani matumaa yaadee hin beekne dubbatu.” Leelaaniin immoo akkana jechuudhaan sababa kan biraa ibsiteetti: “Baratichatti jaalala argisiisuu fi xiyyeeffannaa isaaf kennuun saba Yihowaa adda baasee beekuuf isa gargaara.”—Yoh. 13:35.

4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Haa taʼu malee, ‘Barataa Kitaaba Qulqulluu tokko utuu hin qoʼachiisin guddina akka godhu gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettanii yaaddu taʼa. Mee qoʼannaa tokko irratti akka argamnu yommuu affeeramnuu fi barataan tokko walgaʼii gumii irratti argamuu yommuu jalqabu maal gochuu akka dandeenyu haa ilaallu. Jaarsoliin gumii barattoonni Kitaaba Qulqulluu guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

QOʼANNAA KITAABA QULQULLUU IRRATTI YOMMUU AFFEERAMTAN

Qoʼannaa yoo affeeramte barumsa qoʼatamu sana sirriitti qophaaʼi (Keeyyata 5-7 ilaali)

5. Qoʼannaa tokko irratti akka argamtu yommuu affeeramtu maal gochuu qabda?

5 Qoʼannaa tokko irratti baratichi Dubbii Waaqayyoo akka hubatu adda durummaadhaan kan gargaaru barsiisaa isaa ti. Barsiisaan tokko qoʼannaa tokko irratti akka argamtu yoo si affeere gargaaraa isaa akka taatetti of ilaaluu qabda. Gaʼeen kee isa deeggaruu dha. (Lal. 4:9, 10) Yeroo qoʼannaan geggeeffamutti qoʼannaan sun buʼa qabeessa akka taʼu gargaaruuf maal gochuu dandeessa?

6. Qoʼannaa tokko irratti yommuu argamtu qajeelfama Fakkeenya 20:18 irra jiru hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti?

6 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu sanaaf qophaaʼi. Jalqaba barsiisichi waaʼee baratichaa wantoota muraasa akka sitti himu gaafadhu. (Fakkeenya 20:18 dubbisi.) Akkana jettee isa gaafachuu dandeessa: “Waaʼee barataa kanaa maal beekta? Mata duree kam qoʼattu? Barataan kee mata duree kana irraa maal akka baratu barbaadda? Yeroo qoʼachiisnutti wantin gochuu qabuu fi gochuu hin qabne ykn wantin dubbachuu qabuu fi dubbachuu hin qabne jiraa? Baratichi guddina akka godhu jajjabeessuu kanan dandaʼu akkamitti?” Barsiisichi iccitii barataa isaa kam iyyuu sitti himuu akka hin qabne beekamaa dha. Taʼus wanti inni sitti himu si fayyaduu dandaʼa. Qajeelchituun Jooyi jedhamtu namoota qoʼannaa ishii irratti akka argaman affeertuu wajjin marii akkasii gooti. Akkana jetteetti: “Mariin kun namni anaa wajjin qoʼachiisu sun naman qoʼachiisu sana gargaaruuf fedhii akka qabaatuu fi yeroo qoʼachiisnutti maal akka jedhu yaaduuf isa gargaara.”

7. Qoʼannaa nama kan biraa irratti yommuu affeeramtan qophaaʼuun kan isin barbaachisu maaliifi?

7 Qoʼannaa tokko irratti yoo affeeramte barumsa qoʼatamu sana dursitee qophaaʼuun kee gaarii dha. (Iz. 7:10) Obboleessi Dooriin jedhamuu fi olitti ibsame akkana jedheera: “Namoonni anaa wajjin qoʼachiisan qoʼannaa sanaaf qophaaʼuun isaanii na gammachiisa. Kun yaada gaarii kennuuf isaan gargaara.” Kana malees baratichi lamaan keessan iyyuu sirriitti akka qophooftan hubachuun isaa hin oolu; kun immoo fakkeenya gaarii isaaf taʼa. Barumsicha guutummaatti qophaaʼuu yoo hin dandeenye illee, yoo xinnaate qabxiiwwan ijoo taʼan hubachuuf yeroo ramadaa.

8. Kadhannaan qoʼannaa irratti dhiheessitu buʼa qabeessa akka taʼu gochuu kan dandeessu akkamitti?

8 Kadhannaan qoʼannaa tokko irratti wanta bakki guddaan kennamuuf waan taʼeef akka kadhattan yoo gaafatamtan maal jettanii akka kadhattan dursaa irratti yaadaa. Akkas yoo gootan kadhannaan keessan buʼa qabeessa taʼuu dandaʼa. (Far. 141:2) Haanaayeen ishiin Jaappaan jiraattu kadhannaa obboleettiin qoʼannaa ishii irratti argamte dhiheessite amma iyyuu hin irraanfattu. Akkana jetteetti: “Yihowaa wajjin michummaa cimaa akka qabdu hubadheen ture. Anis akka ishii taʼuun barbaade. Kadhannaa ishii keessatti maqaa koo caqasuun ishiis akkan jaallatamu akka natti dhagaʼamu godheera.”

9. Yaaqoob 1:19 akka jedhutti qoʼannaa tokko irratti gargaaraa gaarii taʼuuf maal gochuu dandeessa?

9 Yommuu qoʼannaan geggeeffamutti barsiisicha deeggari. Qajeelchituun addaa Naayijeeriyaa jiraattuu fi Omaamuyoovii jedhamtu akkana jetteetti: “Gargaaraa gaariin tokko qoʼannicha sirriitti hordofa. Yaadawwan gaggaarii kenna; taʼus qoʼannicha dursa fudhatee kan geggeessu barsiisicha akka taʼe waan hubatuuf baayʼee hin dubbatu.” Wanta tokko yoom dubbachuu akka qabduu fi maal dubbachuu akka qabdu beekuu kan dandeessu akkamitti? (Fak. 25:11) Barsiisichii fi baratichi yommuu dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhu. (Yaaqoob 1:19 dubbisi.) Yoo akkas goote yeroo sirrii taʼetti gargaarsa gochuu dandeessa. Dubbachuu kee dura irratti yaaduu akka qabdu beekamaa dha. Fakkeenyaaf, baayʼee dubbachuu, barsiisichi yeroo dubbatutti addaan kutuu ykn dhimma mata durichaa wajjin wal hin qabanne kaasuu hin qabdu. Taʼus yaada gabaabaa kennuu, fakkeenya dubbachuu ykn gaaffii gaafachuudhaan qabxii qoʼatamaa jiru caalaatti ifa gochuu dandeessa. Yeroo tokko tokko yaada kennitu baayʼee akka hin qabne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, baraticha yoo galateeffattee fi akka isaaf yaaddu yoo argisiiste, guddina akka godhu isa gargaaruu irratti gumaacha guddaa gochuu dandeessa.

10. Muuxannoon kee barataa tokko gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

10 Muuxannoo kee itti himi. Baraticha akka gargaaru yoo sitti dhagaʼame, dhugaa akkamitti akka baratte, rakkina tokko akkamitti akka dandamattee fi Yihowaan akkamitti akka si gargaare gabaabsitee itti himuu dandeessa. (Far. 78:4, 7) Muuxannoon kee wantuma baratichaaf barbaachisu taʼuu dandaʼa. Amantii isaa kan isaaf cimsu ykn guddina gochuu isaa itti fufee akka cuuphamu kan isa jajjabeessu taʼuu dandaʼa. Kana malees qorumsa isa mudachaa jiru tokko akkamitti akka dandamatu kan isatti argisiisu taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 5:9) Gabriʼeel inni Biraaziil jiraatuu fi yeroo ammaatti qajeelchaa taʼee tajaajilu yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa turetti wanta isa gargaare ni yaadata. Akkana jedheera: “Muuxannoo obbolootaa dhagaʼuun koo Yihowaan haala rakkisaa nu mudachaa jiru akka argu na hubachiiseera. Isaan haala rakkisaa sana dandamachuu erga dandaʼanii anis dandamachuu nan dandaʼa.”

BARATAAN KITAABA QULQULLUU TOKKO YOMMUU WALGAʼII IRRATTI ARGAMU

Hundi keenya baratichi walgaʼii gumii irratti argamuu isaa akka itti fufu jajjabeessuu dandeenya (Keeyyata 11 ilaali)

11-12. Barataa walgaʼii gumii irratti argame miira hoʼaadhaan simachuu kan qabnu maaliifi?

11 Barataan tokko guddina godhee cuuphamuuf yeroo hunda walgaʼii gumii irratti argamuu fi irraa fayyadamuu qaba. (Ibr. 10:24, 25) Yeroo jalqabaatiif walgaʼii irratti akka argamu kan isa affeeru barsiisaa isaa taʼuu dandaʼa. Yommuu walgaʼii irratti argamu immoo hundi keenya gara Galma Walgaʼii dhufuu isaa akka itti fufu isa jajjabeessuu dandeenya. Maarree kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Baraticha miira hoʼaadhaan simadhaa. (Rom. 15:7) Baratichi walgaʼii irratti akka simatame yoo isatti dhagaʼame gara Galma Walgaʼii dhufuu isaa itti fufuu dandaʼa. Utuu isa hin qaanessin miira hoʼaadhaan nagaa isa gaafadhaa; warra kaanii wajjinis wal isa barsiisaa. Namni isa gargaaru jira jettanii hin yaadinaa; tarii barsiisaan isaa barfatee ykn hojii gumiitiin qabamee taʼuu dandaʼa. Wanta inni dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa, akka isaaf yaaddanis argisiisaa. Miira hoʼaadhaan isa simachuun keessan barataa sana gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Mee muuxannoo Dimiitirii isa waggoota muraasa dura cuuphamee fi yeroo ammaatti tajaajilaa gumii taʼee tajaajilaa jiruu haa ilaallu. Yeroo jalqaba walgaʼii irratti argame ilaalchisee akkana jedheera: “Obboleessi tokko sodaadhee Galma Walgaʼii ala utuun dhaabbadhuu na argee akkan ol seenu na affeere. Namoonni hedduun dhufanii nagaa na gaafatan. Kunis baayʼee na dinqisiise. Baayʼee jaallachuu kootiin kan kaʼe ‘Maal taʼa guyyaa hundumaa walgaʼiin utuu jiraatee!’ jedheen hawwe. Kana dura eessatti iyyuu wanta akkasii matumaa argee hin beeku.”

13. Amalli keessan barataa tokko gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

13 Fakkeenya gaarii isaaniif taʼaa. Amalli keessan barataan sun dhugaa akka argate mirkanaaʼaa akka taʼu isa gargaaruu dandaʼa. (Mat. 5:16) Vitaaliin inni yeroo ammaatti Moldoovaatti qajeelchaa taʼee tajaajilaa jiru akkana jedheera: “Obboloonni gumii keessa jiran akkamitti akka jiraatan, akkamitti akka yaadanii fi amala akkamii akka argisiisan hubachuu dandaʼeera. Kunis amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhugaa taʼuu isaa na amansiiseera.”

14. Fakkeenyi keessan namni tokko guddina gochuu isaa akka itti fufu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

14 Barataan tokko cuuphamuu isaa dura wanta barachaa jiru hojii irra oolchuu qaba. Kun yeroo hunda salphaa miti. Taʼus qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun keessan akkamitti akka isin fayyade yommuu argu innis fakkeenya keessan hordofuuf kakaʼuun isaa hin oolu. (1 Qor. 11:1) Mee muuxannoo Haanaayee ishii olitti ibsamtee haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni wantan barachaa jiru hojii irra oolchuudhaan fakkeenya gaarii naaf taʼaniiru. Akkamitti namoota jajjabeessuu fi dhiifama gochuu akkan dandaʼu, akkasumas akkamitti jaalala argisiisuu akkan dandaʼu isaan irraa baradheera. Yeroo hunda waaʼee namoota kaanii waan gaarii dubbatu. Anis fakkeenya isaanii hordofuun barbaade.”

15. Fakkeenyi 27:17 barataan tokko walgaʼii irratti argamuu isaa yommuu itti fufu michoota taʼuufii kan qabnu maaliif akka taʼe hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

15 Baratichaaf michoota taʼaa. Baratichi walgaʼii gumii irratti argamuu isaa yommuu itti fufu yeroo hunda akka isaaf yaaddan argisiisaa. (Filp. 2:4) Caalaatti isa beekuuf carraaqqii gochuu dandeessu. Dhimma dhuunfaa isaa keessa utuu hin seenin jijjiirama gaarii inni godheef isa galateeffachuu dandeessu; akkasumas waaʼee qoʼannaa isaa, waaʼee maatii isaa fi waaʼee hojii isaa isa gaafachuu dandeessu. Marii akkasii gochuun keessan caalaatti walitti isin dhiheessuu dandaʼa. Michuu barataa sanaa yoo taatan guddina godhee akka cuuphamu isa gargaaruu dandeessu. (Fakkeenya 27:17 dubbisi.) Haanaayeen amma qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajilaa jirti. Yeroo jalqaba walgaʼii irratti argamuu eegalte ilaalchisee akkana jetteetti: “Gumii keessatti michoota horachaa yommuun deemu walgaʼii irratti argamuuf hawwiidhaan eeggachuun jalqabe; yeroon dadhabutti illee walgaʼii irraa hin hafun ture. Michoota koo warra haaraa wajjin taʼuun na gammachiisa ture; kun immoo michummaan namoota Yihowaa hin waaqeffannee wajjin qabu addaan kutuuf na gargaareera. Yihowaa fi obbolootatti caalaatti dhihaachuu barbaadeen ture. Kanaafuu cuuphamuufan murteesse.”

16. Barataan tokko gumii keessatti keessummummaan akka isatti hin dhagaʼamne wanta dabalataa akkamii gochuu dandeessu?

16 Baratichi guddina gochuu fi jijjiirama gochuu isaa yommuu itti fufu miseensa gumii akka taʼe akka isatti dhagaʼamu gargaaraa. Mana keessanitti isa simachuudhaan akkas gochuu dandeessu. (Ibr. 13:2) Deenis inni Moldoovaatti tajaajilaa jiru yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa ture duubatti deebiʼee yommuu yaadu akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo yeroo baayʼee obboloota wajjin yeroo akka dabarsinu affeeramna turre. Yihowaan akkamitti akka isaan gargaare nutti himu turan. Kun immoo baayʼee nu jajjabeesseera. Isaanii wajjin yeroo dabarsuun keenya Yihowaa tajaajiluuf fedhii akka qabaannuu fi yoo akkas goone jireenya gammachiisaa akka qabaannu nuuf mirkaneesseera.” Barataan sun babalʼisaa yoo taʼe isinii wajjin akka tajaajilu isa affeeruu dandeessu. Babalʼisaan Jiyoogoo jedhamuu fi Biraaziil jiraatu akkana jedheera: “Obboloonni hedduun isaanii wajjin tajaajila akkan baʼu na affeeru turan. Kunis akka gaariitti isaan beekuuf carraa namaaf bana. Kana gochuu kootiin wanta baayʼee baradheera; Yihowaa fi Yesuusittis caalaatti dhihaachuu dandaʼeera.”

JAARSOLIIN GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?

Jaarsoliin garaadhaa isaaniif yaaduun keessan barattoonni guddina akka godhan gargaaruu dandaʼa (Keeyyata 17 ilaali)

17. Jaarsoliin barattoota Kitaaba Qulqulluu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

17 Barattoota Kitaaba Qulqulluutiif yeroo ramadaa. Jaarsoliin barattootatti jaalala argisiisuu fi xiyyeeffannaa isaaniif kennuun keessan guddina godhanii akka cuuphaman isaan gargaaruu dandaʼa. Yeroo hunda walgaʼii irratti barattoota haasofsiisuu dandeessuu? Keessumaa yommuu yaada kennuu jalqaban maqaa isaanii yaadachuun keessan xiyyeeffannaa akka isaaniif kennitan hubachuuf isaan gargaara. Babalʼisaan tokko qoʼannaa yommuu geggeessu isaa wajjin taʼuuf yeroo ramaduu dandeessuu? Yoo akkas gootan hamma yaaddan caalaa baraticha gargaaruu dandeessu. Qajeelchaan Jaakii jedhamuu fi Naayijeeriyaa jiraatu akkana jedheera: “Barattoonni hedduun obboleessi na wajjin isaan qoʼachiisaa jiru jaarsa gumii taʼuu isaa yommuu beekan baayʼee dinqisiifamu.” Barataan tokko, “Paastariin keenya matumaa akkas hin godhu. Namoota sooreyyii fi maallaqa isaaf kaffalan bira qofa dhaqa” jedheera. Barataan sun amma walgaʼii irratti argamuu jalqabeera.

18. Hojii Ergamootaa 20:28 akka jedhutti jaarsoliin itti gaafatamummaa isaanitti kenname raawwachuu kan dandaʼan akkamitti?

18 Barsiisota Kitaaba Qulqulluu leenjisaa, akkasumas jajjabeessaa. Jaarsoliin babalʼistoonni qoʼannaa geggeessuu dabalatee tajaajila isaanii irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaa qabdu. (Hojii Ergamootaa 20:28 dubbisi.) Namni tokko bakka isin jirtanitti qoʼannaa geggeessuun kan isa qaanessu yoo taʼe, qoʼannaa sana geggeessuu akka dandeessan itti himaa. Jaakii inni olitti ibsame akkana jedheera: “Jaarsoliin yeroo hunda waaʼee barattoota koo na gaafatu. Qoʼannaa geggeessuu wajjin haala wal qabateen haalli rakkisaan yommuu na mudatus gorsa gaarii naa kennu.” Jaarsoliin barsiisota jajjabeessuuf wanta hedduu gochuu dandaʼu. (1 Tas. 5:11) Jaakiin itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Jaarsoliin yommuu na jajjabeessanii fi carraaqqii kootiif yommuu na dinqisiifatan baayʼee natti tola. Jechoonni akkasii akkuma bishaan qabbanaaʼaa guyyaa hoʼaatti dhugamuu baayʼee nama haaromsu. Galateeffannaan isaanii yommuun qoʼannaa geggeessu ofitti amanannaan koo akka dabaluu fi gammachuun qoʼannaa sana irraa argadhu akka guddatu taasiseera.”—Fak. 25:25.

19. Hundi keenya gammachuu akkamii argachuu dandeenya?

19 Yeroo ammaatti qoʼannaa geggeessaa kan hin jirre taanus, namni tokko karaa hafuuraa akka guddatu gargaaruu dandeenya. Yommuu qoʼannaan geggeeffamu baayʼee utuu hin dubbatin yaadawwan gaggaarii kennuudhaan barsiisicha gargaaruu dandeenya. Yeroo barattoonni gara Galma Walgaʼii dhufan michoota isaanii taʼuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuu dandeenya. Jaarsoliinis barattootaaf yeroo ramaduudhaan, akkasumas barsiisota leenjisuu fi isaan galateeffachuudhaan isaan jajjabeessuu dandaʼu. Dhuguma iyyuu namni tokko Abbaa keenya Yihowaa akka jaallatuu fi akka isa tajaajilu gargaaruu irratti gumaacha xinnoo illee akka goone beekuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiisa.

FAARFANNAA 79 Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Barsiisaa

^ key. 5 Muraasni keenya yeroo ammaatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessaa hin jirru. Haa taʼu malee, hundi keenya namni tokko guddina godhee akka cuuphamu gargaaruu ni dandeenya. Mata duree kana keessatti tokkoon tokkoon keenya barataan tokko galma kana irra akka gaʼu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.