Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 12

Jaalalli Jibba Dandamachuuf Nu Gargaara

Jaalalli Jibba Dandamachuuf Nu Gargaara

“Akka wal jaallattaniif ani wantoota kana isin ajajeera. Addunyaan yoo isin jibbe, isin jibbuu isaa dura akka na jibbe beektu.”—YOH. 15:17, 18.

FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna

QABIYYEE *

1. Akka Maatewos 24:9 jedhutti addunyaan yoo nu jibbe nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?

YIHOWAAN, jaallachuu akka dandeenyuu fi jaallatamuu akka barbaannu godhee nu uume. Kanaafuu namni tokko yommuu nu jibbu ni miidhamna, tarii immoo sodaachuu illee ni dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleettiin Joorjiinaa jedhamtuu fi Awurooppaa jiraattu akkas jetteetti: “Yommuu umuriin koo waggaa 14 turetti haati koo Yihowaa tajaajiluu kootiin na jibbiti turte. Akkan hin barbaadamne natti dhagaʼame, nama gaarii taʼuu koos shakkuun jalqabe.” * Obboleessi Daaniiloo jedhamus akkas jedhee barreesseera: “Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu kootiin loltoonni yommuu na rukutan, na arrabsanii fi na sossodaachisan baayʼeen sodaadhe akkasumas qaaniin natti dhagaʼame.” Jibbi akkasii kan nama miidhu taʼus, nu dinqisiisuu hin qabu. Yesuus akka jibbamnu dursee dubbateera.—Maatewos 24:9 dubbisi.

2-3. Duuka buutonni Yesuus kan jibbaman maaliifi?

2 Addunyaan duuka buutota Yesuus ni jibba. Maaliifi? Nutis akkuma Yesuus ‘kutaa addunyaa waan hin taaneefi.’ (Yoh. 15:17-19) Kanaan kan kaʼes, mootummoota kan kabajnu taʼus, isaaniin ykn mallattoo isaanii hin waaqeffannu. Nuti Yihowaa qofa waaqeffanna. Mirga Yihowaan ilmaan namootaa bulchuuf qabu ni deggerra. Seexannii fi ‘sanyiin’ isaa immoo mirga kana cimsanii mormu. (Uma. 3:1-5, 15) Abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼee fi Mootummaan kun mormitoota isaa hunda dhiheenyatti akka balleessu ni labsina. (Dan. 2:44; Mul. 19:19-21) Ergaan kun warra garraamotaaf misiraachoo dha, hamootaaf immoo oduu gaddisiisaa dha.—Far. 37:10, 11.

3 Kana malees, ulaagaawwan Waaqayyoo warra qajeeloodhaan waan jiraannuuf ni jibbamna. Ulaagaawwan kun ulaagaawwan naamusaa addunyaa warra garmalee mancaʼanii wajjin wal faallessu. Fakkeenyaaf, namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun naamusa mancaʼaa namoonni Sodoomii fi Gomoraa warri Waaqayyo balleesse raawwatanii wajjin wal fakkaatu ifatti deggeru! (Yih. 7) Gochawwan kana ilaalchisee ulaagaa Kitaaba Qulqulluu cimsinee waan hordofnuuf namoonni hedduun nutti qoosu akkasumas ilaalcha dhiphaa akka qabnu godhanii nu ilaalu!—1 Phe. 4:3, 4.

4. Amalawwan namoonni yommuu nu jibban nu jabeessan kamfaʼi?

4 Jibbaa fi arrabsoo namoonni nu irraan gaʼan dandamachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Yihowaan akka nu gargaaru amantii cimaa qabaachuu qabna. Akkuma gaachanaa, amantiin keenya “xiyyawwan isa hamaa sanaa warra bobaʼan hunda dhaamsuuf” nu gargaara. (Efe. 6:16) Garuu amantii malees wanti nu barbaachisu jira. Jaalallis nu barbaachisa. Maaliifi? Sababiin isaas jaalalli “hin aaru.” Wantoota miidhaa geessisan hunda ni dandaʼa, ni dandamatas. (1 Qor. 13:4-7, 13) Mee amma jaalalli Yihowaadhaaf, obboloota keenyaa fi diinota keenyaaf illee qabnu, jibba dandamachuuf akkamitti akka nu gargaaru haa ilaallu.

JAALALLI YIHOWAADHAAF QABNU JIBBA DANDAMACHUUF NU GARGAARA

5. Yesuus jaalalli inni Abbaa isaatiif qabu kan isa cimse akkamitti?

5 Yesuus galgala diinota isaatiin ajjeefamuu isaa dura turetti, duuka buutota isaa amanamoodhaan akkas jedhee ture: ‘Ani Abbaa nan jaalladha, kanaafuu akkuma Abbaan na ajajettan hojjedha.’ (Yoh. 14:31) Yesuus jaalalli inni Yihowaadhaaf qabu qorumsa fuuldura isaa jiru dandamachuuf isa cimseera. Nutis jaalalli Yihowaadhaaf qabnu akkasuma nu gargaaruu dandaʼa.

6. Akka Roomaa 5:3-5 jedhutti tajaajiltoonni Yihowaa waaʼee jibba addunyaa dandamachuu maaltu itti dhagaʼama?

6 Tajaajiltoonni Yihowaa jaalalli isaan Waaqayyoof qaban yeroo hundumaa ariʼatama akka dandamatan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, manni murtii ol aanaa Yihudootaa ergamoonni lallabuu akka dhaaban yommuu ajajetti, jaalalli Waaqayyoof qaban, ‘namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa isaaniitti akka ajajaman’ isaan kakaaseera. (HoE. 5:29; 1 Yoh. 5:3) Jaalalli cimaan akkasii obboloota keenya mootummoota hamoo fi humna cimaa qabaniin ariʼatamaa jiranis amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan gargaareera. Abdii kutachuu mannaa jibba addunyaa dandamachuu akka mirga guddaatti ilaalla.—HoE. 5:41; Roomaa 5:3-5 dubbisi.

7. Miseensonni maatii keenyaa yommuu nu morman maal gochuu qabna?

7 Tarii qorumsi guddaan kan nu mudatu miseensota maatii keenyaa irraa taʼuu dandaʼa. Yommuu dhugaa barachuu jalqabnu miseensonni maatii keenya tokko tokko akka dogoggorfamne yaaduu dandaʼu. Warri kaan immoo akka maraanne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. (Maarqos 3:21 wajjin wal bira qabii ilaali.) Garmalee nu mormuu illee ni dandaʼu. Mormiin akkasii nu dinqisiisuu hin qabu. Yesuus, “namni tokko miseensonni maatii isaa diinota isatti taʼu” jedheera. (Mat. 10:36) Dhugaa dha, firoonni keenya ilaalchi isaan nuuf qaban maal iyyuu yoo taʼe, akka diinota keenyaatti isaan hin ilaallu. Faallaa kanaatiin jaalalli Yihowaadhaaf qabnu yommuu dabalu, jaalalli namootaaf qabnus ni dabala. (Mat. 22:37-39) Taʼus, nama gammachiisuuf jennee, seeraa fi seera buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu cabsuudhaan matumaa ulaagaa keenya hin laaffisnu.

Yeroo muraasaaf ni rakkanna taʼa, taʼus Yihowaan yeroo hundumaa nu jajjabeessuu fi nu jabeessuuf nu cina jira (Keeyyata 8-10 ilaali)

8-9. Obboleettiin takka ariʼatamni cimaan kan ishii irra gaʼe taʼus, jabaattee akka dhaabattu maaltu ishii gargaare?

8 Joorjiinaa ishiin olitti ibsamte haati ishii cimsitee kan ishii mormite taʼus jabaattee dhaabachuu dandeesseetti. Akkas jetteetti: “Anii fi haati koo Dhugaa Baatotaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabne. Taʼus, jiʼa jaʼa booda walgaʼii irratti argamuu yommuun barbaadu ilaalchi haadha koo guutummaatti jijjiirame. Ishiin gantootaa wajjin walitti dhufeenya akka qabduu fi yommuu na wajjin dubbattus yaada isaanii akka fayyadamtun hubadhe. Kana malees, na arrabsiti, rifeensa koo qabdee na gototti, na huuti akkasumas barreeffamoota koo darbattee gatti turte. Yommuu umuriin koo 15 taʼu nan cuuphame. Haati koo ijoollee kaanii wajjin mana tokkotti na galchuudhaan Yihowaa tajaajiluu akkan dhaabu gochuuf yaalte; ijoollee kana keessaa tokko tokko qoricha sammuu namaa hadoochu fudhatu, akkasumas yakka raawwatu turan. Keessumaa nama si jaallachuu fi si kunuunsuu qabu irraa mormiin yommuu dhufu dandamachuun ulfaataa dha.”

9 Maarree dandamachuu kan dandeesse akkamitti? Akkas jetteetti: “Guyyaan haati koo na mormuu jalqabde sun, Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbisee guyyaan itti xumure dha. Dhugaa akkan argadhe guutummaatti mirkanaaʼaa taʼeen ture. Yihowaatti akkan dhihaadhes natti dhagaʼama ture. Yeroo baayʼee isatti kadhannaa nan dhiheessa; innis kadhannaa koo ni dhagaʼa ture. Mana sana keessa jiraachaa yeroon turetti, obboleettiin tokko mana ishiitti na afeertee Kitaaba Qulqulluu waliin qoʼanna turre. Yeroo kanatti obboloonnii fi obboleettonni Galma Walgaʼiitti na jajjabeessaniiru. Kutaa maatii isaanii akkan taʼu na godhanii turan. Isaan eenyu iyyuu yoo taʼan, Yihowaan mormitoota keenya akka caalu ifa naaf taʼee ture.”

10. Waaqa keenya Yihowaa irratti amanannaa akkamii qabaachuu dandeenya?

10 Phaawulos ergamaan wanti kam iyyuu, “jaalala Waaqayyoo isa karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus ibsame irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye” barreesseera. (Rom. 8:38, 39) Yeroo muraasaaf rakkachuu yoo dandeenye illee, Yihowaan yeroo hundumaa nu jajjabeessuu fi nu jabeessuuf nu cina jira. Akkuma muuxannoon Joorjiinaa argisiisutti immoo, Yihowaan karaa maatii hafuuraa keenyas nu gargaara.

JAALALLI OBBOLOOTA KEENYAAF QABNU JIBBA DANDAMACHUUF NU GARGAARA

11. Jaalalli Yesuus Yohaannis 15:12, 13 irratti ibse barattoota isaa kan gargaare akkamitti? Fakkeenya kenni.

11 Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, barattoonni isaa akka wal jaallatan isaan yaadachiisee ture. (Yohaannis 15:12, 13 dubbisi.) Jaalalli fedhii ofii aarsaa godhu, tokkummaa akka qabaatanii fi jibba addunyaa akka dandamatan akka isaan gargaaru beeka ture. Mee fakkeenya gumii Tasalonqee haa ilaallu. Gumiin kun yeroo hundeeffamee kaasee miseensonni isaa ariʼatamaa turaniiru. Taʼus, obboloonni achi jiran, amanamummaa fi jaalala argisiisuu irratti fakkeenya taʼu turan. (1 Tas. 1:3, 6, 7) Taʼus, Phaawulos jaalala argisiisuu isaanii akka itti fufanii fi kanas “guutummaatti” akka godhan isaan jajjabeesseera. (1 Tas. 4:9, 10) Jaalalli warra dhiphatan akka jajjabeessanii fi warra dadhaboo akka deggeran isaan kakaasa. (1 Tas. 5:14) Isaan gorsa Phaawulos isaaniif kenne hordofaniiru, sababiin isaas xalayaa isaa isa lammaffaa waggaa tokko booda barreesse irratti, ‘jaalalli tokkoon tokkoon keessan waliif qabdan dabalaa jira’ jedheera. (2 Tas. 1:3-5) Jaalalli isaanii rakkinaa fi ariʼatama dandamachuuf isaan gargaareera.

Jaalalli Kiristiyaanaa jibba dandamachuuf nu gargaara (Keeyyata 12 ilaali) *

12. Yeroo waraanaatti obboloonnii fi obboleettonni keenya biyya tokko keessa turan jaalala kan walitti argisiisan akkamitti?

12 Mee muuxannoo Daaniiloo isa olitti ibsamee fi haadha manaa isaa haa ilaallu. Isaan magaalaa isaaniitti waraanni yeroo banametti, walgaʼii irratti argamuu, hamma dandaʼan lallabuu fi nyaata qaban obbolootaaf hiruu itti fufanii turan. Achiis guyyaa tokko loltoonni hidhatan gara Daaniiloo dhaqan. Daaniiloon akkas jedheera: “Amantii koo akkan ganu na gaafatan. Yommuu ani didu na reeban, akka natti dhukaasan na sossodaachisan, mataa koo irra dhukaasan. Deemuu isaanii dura deebiʼanii haadha manaa koo akka gudeedan na sossodaachisan. Taʼus, obboloonni yeruma sana baabura magaalaa kan biraa deemu nu yaabbachiisan. Jaalala obboloonni jaallatamoon kun natti argisiisan matumaa hin irraanfadhu. Yommuu magaalicha geenyus obboloonni nyaata nuuf kennan, hojii fi mana akka argannus nu gargaaran. Kanaan kan kaʼe, nutis Dhugaa baatota kaan naannoo waraanaatii baqataniif iddoo buufatan qopheessuu dandeenyeerra.” Muuxannoowwan akkasii jaalalli Kiristiyaanaa jibba dandamachuuf akka nu gargaaru argisiisu.

JAALALLI DIINOTA KEENYAAF QABNU JIBBA DANDAMACHUUF NU GARGAARA

13. Yeroo namoonni nu jibbanitti illee hafuurri qulqulluun tajaajila Yihowaatti jabaannee akka itti fufnu akkamitti nu gargaara?

13 Yesuus duuka buutonni isaa diinota isaanii akka jaallatan isaanitti himeera. (Mat. 5:44, 45) Kana gochuun salphaa dhaa? Matumaa! Taʼus, gargaarsa hafuura Waaqayyootiin ni dandaʼama. Firiin hafuura Waaqayyoo jaalala, obsa, gaarummaa, garraamummaa fi of toʼachuu of keessatti qabata. (Gal. 5:22, 23) Amalawwan kun jibba dandamachuuf nu gargaaru. Abbaa manaa, haadha manaa, ijoollee ykn ollaan Dhugaa Baatuu taʼe tokko amalawwan Waaqayyoo akkasii argisiisuu isaaniitiin kan kaʼe mormitoonni hedduun yaada isaanii jijjiiraniiru. Mormitoonni hedduun obbolootaa fi obboleettota keenya jaallatamoo illee taʼaniiru. Namoota Yihowaa tajaajiluu keetiin si jibban jaallachuun sitti ulfaata yoo taʼe, Yihowaan hafuura qulqulluu akka siif kennu kadhadhu. (Luq. 11:13) Daandiin Waaqayyoo yeroo hundumaa isa hunda irra caalu akka taʼe mirkanaaʼaa taʼi.—Fak. 3:5-7.

14-15. Yaasmiin abbaan manaa ishii mormii cimaa kan ishii irraan gaʼe taʼus, Roomaa 12:17-21 jaalala isatti argisiisuuf kan ishii gargaare akkamitti?

14 Fakkeenya Yaasmiin ishii Baha Giddu Galaa jiraattuus haa ilaallu. Dhugaa Baatuu Yihowaa yommuu taatu abbaan manaa ishii akka ishiin gowwoomfamte yaade. Waaqayyoon tajaajiluu ishii akka dhaabdu gochuufis yaalii godhe. Ishii arrabsa, akkasumas firoottan, qeesii fi falfalaan tokko akka ishii sossodaachisanii fi maatii ishii diigaa akka jirtu akka ishii himatan jajjabeessa ture. Abbaan manaa ishii walgaʼii gumii irratti illee obbolootatti iyyee isaan arrabseera. Yaasmiin jalʼinni waan ishii irratti raawwatameef yeroo baayʼee ni boossi turte.

15 Galma Walgaʼiitti maatiin hafuuraa Yaasmiin ishii jajjabeessu akkasumas ishii cimsu turan. Jaarsoliin yaada Roomaa 12:17-21 irra jiru hojii irra akka oolchitu ishii gorsu turan. (Dubbisi.) Yaasmiin akkas jetteetti: “Baayʼee ulfaataa ture. Taʼus, Yihowaan akka na gargaaru nan gaafadhe akkasumas wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu hojii irra oolchuuf waan naaf dandaʼame hundan godhe. Kanaafuu, abbaan manaa koo taʼe jedhee yommuu kosii kushinaatti darbatu nan qulqulleessa. Yommuu inni na arrabsu gaarummaadhaan isaaf nan deebisa. Yommuu inni dhukkubsatetti isa kunuunseera.”

Namoota nu ariʼatanitti jaalala yommuu argisiisnu ilaalcha isaanii jijjiiruu dandeenya (Keeyyata 16-17 ilaali) *

16-17. Fakkeenya Yaasmiin irraa maal baranna?

16 Yaasmiin abbaa manaa ishiitti jaalala argisiisuun ishii ishii kiiseera. Akkas jetteetti: “Abbaan manaa koo yeroo hundumaa dhugaa akkan dubbadhu waan beekuuf, caalaatti na amanuu jalqabe. Waaʼee amantii yommuu haasofnu kabajaan na dhaggeeffachuu jalqabe, mana keessatti nagaa uumuufis walii gale. Amma walgaʼii irratti akkan argamu na jajjabeessa. Jireenyi maatii keenyaa guutummaatti fooyyaʼeera; akkasumas dhugumaan nagaa qabna. Abbaan manaa koo kun dhugaa akka fudhatuu fi na wajjin Yihowaa akka tajaajilu nan abdadha.”

17 Fakkeenyi Yaasmiin, jaalalli, ‘waan hundumaa akka dandaʼu, waan hundumaa akka abdatuu fi waan hundumaa akka dandamatu’ argisiisa. (1 Qor. 13:4, 7) Jibbi humna guddaa qabaachuu fi miidhaa geessisuu dandaʼa, taʼus jaalalli isa caalaa cimaa dha. Jaalalli garaa moʼachuu dandaʼa. Garaa Yihowaas ni gammachiisa. Taʼus, mormitoonni nu jibbuu isaanii yoo itti fufan illee gammachuu qabaachuu ni dandeenya. Akkamitti?

YEROO JIBBAMTAN GAMMADAA

18. Yommuu jibbamnu gammadoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

18 Yesuus, “Yommuu namoonni isin jibban . . . gammadaa” jedheera. (Luq. 6:22) Jibbamuu hin barbaannu. Amantii keenyaan kan kaʼe ariʼatamni nu irra gaʼuun isaa nu hin gammachiisu. Kanaafuu yommuu jibbamnu kan gammannu maaliifi? Mee sababiiwwan sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, yommuu jibba dandamannu Waaqayyo biratti fudhatama arganna. (1 Phe. 4:13, 14) Lammaffaa, amantiin keenya ni qulqullaaʼa, caalaattis cimaa taʼa. (1 Phe. 1:7) Akkasumas sadaffaa, badhaasa gatii guddaa qabu, jechuunis jireenya bara baraa arganna.—Rom. 2:6, 7.

19. Ergamoonni erga garafamanii booda kan gammadan maaliifi?

19 Yesuus erga duʼaa kaʼee yeroo muraasa booda, ergamoonni gammachuu inni waaʼee isaa dubbate sana argataniiru. Erga garafamanii fi lallabuu akka dhaaban itti himamee booda gammadanii turan. Maaliifi? “Maqaa [Yesuusiif] jedhanii salphifamuu akka ulfinaatti lakkaaʼanii” waan turaniifi. (HoE. 5:40-42) Jaalalli isaan Gooftaa isaaniitiif qaban, sodaa isaan jibba diinota isaaniitiif qaban irra ni caala ture. Akkasumas misiraachicha “utuu wal irraa hin kutin” lallabuudhaan jaalala isaanii argisiisaniiru. Obboloonni keenya yeroo harʼaa jiran hedduun utuma rakkoowwan isaan mudatanii amanamummaadhaan tajaajilaa jiru. Isaan Yihowaan hojii isaanii fi jaalala isaan maqaa isaatiif argisiisan akka hin irraanfanne beeku.—Ibr. 6:10.

20. Mata duree itti aanu irratti maal qorra?

20 Sirni kun hamma itti fufetti addunyaan kun nu jibba. (Yoh. 15:19) Taʼus, sodaachuu nu hin barbaachisu. Akkuma mata duree itti aanu irratti ilaallu, Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo ‘ni cimsa, ni eegas.’ (2 Tas. 3:3) Kanaafuu Yihowaa, obboloota keenyaa fi diinota keenya illee jaallachuu keenya itti haa fufnu. Gorsa kana yommuu hordofnu tokkummaa qabaannaa, karaa hafuuraas cimoo taana; Yihowaadhaaf ulfina fidna akkasumas jaalalli jibba caalaa humna akka qabu mirkaneessina.

FAARFANNAA 106 Jaalala Guddifadhaa

^ key. 5 Mata duree kana keessatti jaalalli Yihowaaf, obboloota keenyaa fi diinota keenyaaf qabnu, jibba addunyaa dandamachuuf akkamitti akka nu gargaaru ilaalla. Dabalataanis Yesuus yommuu jibbamnu gammadoo taʼuu akka dandeenyu kan dubbate maaliif akka taʼe ilaalla.

^ key. 1 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Loltoonni Daaniiloo erga sossodaachisanii booda, obboloonni haati manaa isaa fi inni baaburaan bakka biraa akka deeman isaan gargaaran, akkasumas simannaa hoʼaa isaaniif godhan.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Abbaan manaa Yaasmiin kan ishii morme taʼus, jaarsoliin gorsa gaarii ishiidhaaf kennan. Ishiin haadha manaa gaarii taateetti, yeroo inni dhukkubsatettis isa kunuunsiteetti.