Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 17

Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna!

Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna!

“Yihowaan saba isaatti ni gammada.”—FAR. 149:4.

FAARFANNAA 108 Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa

QABIYYEE *

Abbaan keenya inni samii tokkoon tokkoon keenyatti ‘ni gammada’ (Keeyyata 1 ilaali)

1. Yihowaan wanta sabni isaa qaban akkamii hubata?

WAAQNI keenya Yihowaan “saba isaatti ni gammada.” (Far. 149:4) Kun yaada baayʼee nama gammachiisu dha. Yihowaan amalawwan gaggaarii qabnu ni hubata; dandeettii keenya ni arga, akkasumas ofitti nu harkisa. Isaaf amanamoo taanee yoo itti fufne, innis nutti dhihaachuu isaa bara baraaf itti fufa.—Yoh. 6:44.

2. Namoonni tokko tokko Yihowaan akka isaan jaallatu amanuun kan itti ulfaatu maaliifi?

2 Namoonni tokko tokko akkas jedhu taʼa: ‘Yihowaan saba isaa akka gareetti akka jaallatu beeka, garuu dhuunfaatti iddoo guddaa akka naaf kennu akkamittan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa?’ Namni tokko gaaffii akkasii akka gaafatu wanti isa taasisu maalidha? Oksaanaa * ishiin ijoollummaatti wanti gaddisiisaan ishii mudate akkas jetteetti: “Yommuun cuuphametti baayʼee gammadee kanan ture siʼa taʼu, qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Taʼus, waggaa 15 booda yaadannoo gaddisiisaan na dhiphisuu jalqabe. Kanaafuu Yihowaa biratti fudhatama akkan dhabee fi jaalalli isaa akka naaf hin malle godheen yaade.” Obboleettii qajeelchituun Yuʼaa jedhamtuu fi ijoollummaatti rakkinni hedduun irra gaʼes akkas jetteetti: “Jireenya koo Yihowaadhaaf kanan murteesse isa gammachiisuu waanan barbaaduufi. Haa taʼu malee, inni matumaa na jaallachuu akka hin dandeenye ofan amansiise.”

3. Mata duree kana keessatti maal qoranna?

3 Akkuma Kiristiyaanota amanamoo olitti ibsamanii atis Yihowaa baayʼee kan jaallattu taʼus, inni si jaallachuu isaa ni shakkita taʼa. Inni dhugumaan akka siif yaadu mirkanaaʼaa taʼuun kan si barbaachisu maaliifi? Akkasumas yaada dogoggoraatiin yommuu liqimfamtu maaltu si gargaaru dandaʼa? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa qorru.

JAALALA YIHOWAA SHAKKUUN BALAA QABA

4. Jaalala Yihowaan nuuf qabu shakkuun balaa kan qabu maaliifi?

4 Jaalalli humna guddaa hojiidhaaf kakaasu dha. Yihowaan akka nu jaallatuu fi akka nu deggeru mirkanaaʼaa yoo taane utuma rakkinni nu mudatuu illee garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf kakaana. Karaa biraa immoo Yihowaan akka nuuf yaadu kan shakkinu yoo taʼe, ‘humni keenya ni xiqqaata.’ (Fak. 24:10) Kana malees, yommuu abdii kutannuu fi jaalala Waaqayyoo irratti amantii dhabnu haleellaa Seexanaatiif saaxilamna.—Efe. 6:16.

5. Jaalala Waaqayyoo shakkuun namoota tokko tokko irratti dhiibbaa akkamii geessiseera?

5 Kiristiyaanonni amanamoon yeroo ammaa jiran tokko tokko shakkiidhaan kan kaʼe, karaa hafuuraa laafaniiru. Jaarsi Jamsi jedhamu akkas jedheera: “Beetel keessa kanan hojjedhuu fi gumii afaan biyya alaatiin geggeeffamutti tajaajilan raawwadhutti kanan gammadu taʼus, Yihowaan aarsaa koo fudhachuu isaa nan shakkan ture. Yeroo tokko Yihowaan kadhannaa koo dhagaʼuu isaa illee shakkeen ture.” Eevaa ishiin tajaajila yeroo guutuu keessa jirtus akkas jetteetti: “Jaalala Yihowaa shakkuun balaa akka qabu hubadheera; sababiin isaas wanta ani isa tajaajiluuf raawwadhu hundumaa irratti dhiibbaa godha. Kun wantoota hafuuraatiif fedhii akka dhabdu si godha. Akkasumas gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argattu gad buusa.” Mikaaʼel inni qajeelchaa fi jaarsa gumii taʼe akkas jedheera: “Waaqayyo akka siif yaadu mirkanaaʼaa miti taanaan isa irraa fagaatta.”

6. Jaalala Waaqayyoo shakkuun yommuu gara sammuu keenyaatti dhufu maal gochuu qabna?

6 Muuxannoowwan kun yaada dogoggoraa qabaachuun miidhaa guddaa akka geessisu argisiisu. Haa taʼu malee, jaalala Waaqayyoo shakkuun yommuu gara sammuu keenyaatti dhufu maal gochuu qabna? Yeruma sana of keessaa baasuu qabna. Yaadawwan nama jeeqan sana ‘nagaa Waaqayyoo isa garaa fi sammuu kee eeguun’ bakka buusuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Far. 139:23; milj.; Filp. 4:6, 7) Dabalataanis kophaa kee akka hin taane yaadadhu. Obboloonnii fi obboleettonni amanamoon kaanis miira dogoggoraa wajjin qabsoo gochaa jiru. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii turan illee rakkina akkasii wajjin waldhaansoo gochuun isaan barbaachisee ture. Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa irraa maal akka barannu haa ilaallu.

WANTA MUUXANNOO PHAAWULOS IRRAA BARANNU

7. Phaawulos rakkoowwan akkamii qaba ture?

7 Yeroo tokko tokko itti gaafatamummaa hedduu akka qabduu fi hunduma isaanii raawwachuun humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Taanaan miira Phaawulositti dhagaʼame ni hubatta. Inni waaʼee gumii tokkoo qofa utuu hin taʼin, ‘waaʼee gumiiwwan hundumaa yaaddaʼee’ ture. (2 Qor. 11:23-28) Dhibee fayyaa gammachuu si dhabsiisu qabdaa? Phaawulos ‘qoree foon isaa waraanuun’ utuu wal irraa hin kutin dhiphachaa tureera. Qoreen kun dhibee fayyaa taʼuu kan dandaʼu siʼa taʼu, Phaawulos akka isa irraa baduuf baayʼee barbaadee ture. (2 Qor. 12:7-10) Mudaa kan qabdu taʼuun kee abdii si kutachiisaa jiraa? Phaawulosis yeroo tokko tokko akkas itti dhagaʼameera. Inni qabsoo utuu wal irraa hin kutin mudaa qabu wajjin godhuun kan kaʼe “ani nama gadadamaa dha” ofiin jedhee ture.—Rom. 7:21-24.

8. Phaawulos rakkinoota isa mudatan akka dandamatu maaltu isa gargaare?

8 Phaawulos qorumsawwan gara garaa fi haalawwan abdii nama kutachiisan kan isa mudatan taʼus, Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufeera. Akkas akka godhu jabina kan isaaf kenne maalidha? Dadhabina qabu sirriitti kan beeku taʼus, furicha irratti amantii cimaa qaba ture. Abdii Yesuus, ‘isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa haa qabaatu’ jechuudhaan kenne akka gaariitti beeka ture. (Yoh. 3:16; Rom. 6:23) Phaawulos namoota furicha irratti amantii qaban keessaa tokko akka ture hin shakkisiisu. Inni warri cubbuu cimaa raawwatan illee, yoo yaada geddaratan Yihowaan dhiifama isaaniif gochuuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼaa ture.—Far. 86:5.

9. Yaada Phaawulos Galaatiyaa 2:20 irratti galmeeffame irraa maal baranna?

9 Kana malees, Phaawulos humna jaalala Waaqayyoo isa karaa Kiristoos ibsame irratti amantii qaba ture. (Galaatiyaa 2:20 dubbisi.) Jechoota xumura caqasa kanaa irratti argamanii fi nama jajjabeessan hubadhu. Phaawulos, “Ilma Waaqayyoo isa na jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne” jedheera. Phaawulos ‘Yihowaan obboloota koo jaallachuu dandaʼa, anaan garuu jaallachuu hin dandaʼu’ jedhee jaalala Yihowaa irraatti daangaa hin keenye. Phaawulos, ‘cubbamoota taanee utuu jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼeera’ jechuudhaan warra Roomaa yaadachiisee ture. (Rom. 5:8) Jaalala Waaqayyoo wanti daangessu hin jiru!

10. Roomaa 8:38, 39 irraa maal baranna?

10 Roomaa 8:38, 39 dubbisi. Phaawulos jaalalli Waaqayyoo humna akka qabu guutummaatti mirkanaaʼaa ture. Wanti kam iyyuu ‘jaalala Waaqayyoo irraa gargar nu baasuu hin dandaʼu’ jedhee barreesseera. Phaawulos Yihowaan saba Israaʼel hammam obsaan akka qabe beeka. Yihowaan isattis gara laafina guddaa akka argisiise beeka. Yaada Phaawulos akka itti aanutti gabaabsinee kaaʼuu dandeenya: ‘Yihowaan ilmi isaa akka naaf duʼu dabarsee erga kennee, sababiin itti jaalala isaa shakku qabaa?’—Rom. 8:32.

Wanti Waaqayyo biratti iddoo guddaa qabu, dogoggora duraan raawwanne utuu hin taʼin, wanta ammaa fi fuulduratti raawwannu dha (Keeyyata 11 ilaali) *

11. Phaawulos cubbuuwwan akka 1 Ximotewos 1:12-15 irratti ibsaman kan raawwate taʼus, Waaqayyo akka isa jaallatu mirkanaaʼaa kan taʼe maaliifi?

11 1 Ximotewos 1:12-15 dubbisi. Phaawulos wanta duraan raawwateen yeroo itti dhiphate qabaachuu hin oolu. Inni ‘cubbamaa hunda caalu’ jedhee kan of waame siʼa taʼu, kana jechuun isaas nama hin dinqisiisu. Phaawulos dhugaa beekuu isaa dura magaalaa tokko irraa gara isa kaaniitti Kiristiyaanota utuu wal irraa hin kutin ariʼateera; tokko tokko mana hidhaa galcheera; warra kaan immoo yeroo isaan ajjeefaman deggereera. (HoE. 26:10, 11) Phaawulos deggersa isaatiin dargaggeessa warri isaa Kiristiyaana taʼan jalaa ajjeefaman yommuu argu maaltu isatti dhagaʼamee taʼuu akka qabu mee yaadi? Phaawulos dogoggora raawwatetti kan gaabbe taʼus, wanta darbe jijjiiruu akka hin dandeenye immoo beeka ture. Kiristoos akka isaaf duʼe amanee fudhateera, akkasumas amanannaadhaan, “Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin wantan amma taʼe kana taʼeera” jedhee barreesseera. (1 Qor. 15:3, 10) Kana irraa maal baranna? Kiristoos akka siif duʼee fi Yihowaa wajjin hariiroo dhuunfaa akka qabaattu karaa akka siif mijeesse amanii fudhadhu. (HoE. 3:19) Kanaan dura dogoggora kan raawwanne Dhugaa Baatuu taanees haa taʼu, utuu hin taʼin, wanti Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabu wanta duraan raawwanne utuu hin taʼin, wanta ammaa fi fuulduratti raawwannu dha.—Isa. 1:18.

12. Gatii akka hin qabne ykn akka hin jaallatamne yoo nutti dhagaʼame jechoonni 1 Yohaannis 3:19, 20 irratti galmeeffaman kan nu gargaaran akkamitti?

12 Yesuus cubbuu kee haguuguuf duʼuu isaa yommuu yaaddu, ‘ani kabaja kana argachuun kan naaf malu miti’ jetta taʼa. Akkas kan sitti dhagaʼamu maaliif taʼuu dandaʼa? Garaan keenya inni cubbuu dhaale nu gowwoomsuudhaan gatii akka hin qabne ykn akka hin jaallatamne akka nutti dhagaʼamu godha. (1 Yohaannis 3:19, 20 dubbisi.) Yeroo akkasiitti ‘Waaqayyo garaa keenya irra akka caalu’ yaadachuu qabna. Jaalallii fi dhiifamni Abbaa keenya isa samii miira dogoggoraa garaa keenya keessa jiru kam irra iyyuu caalaa jabaa dha. Ilaalcha Yihowaan nuuf qabu fudhachuuf of amansiisuu nu barbaachisa. Kana gochuudhaaf Dubbii isaa yeroo yerootti qoʼachuu, irra deddeebinee kadhachuu fi saba isaa wajjin yeroo dabarsuu qabna. Wantoota kana gochuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

QOʼANNAAN KITAABA QULQULLUU, KADHANNAANII FI MICHOONNI AMANAMOON KAN NU GARGAARAN AKKAMITTI?

13. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun kan nu gargaaru akkamitti? (Saanduqa “ Dubbiin Waaqayyo Akkamitti Isaan Gargaare?” jedhus ilaali.)

13 Guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo qoʼadhaa, yoo akkas gootan amalli Yihowaa inni baayʼee namatti tolu caalaatti ifa isiniif taʼa. Hammam akka isin jaallatu ni hubattu. Kutaa Dubbii Waaqayyoo tokko irratti guyyaa guyyaadhaan xiinxaluun, caalaatti sirriitti yaaduudhaan garaa fi sammuu keenya keessatti “wanta hundumaa sirreessuuf” nu gargaara. (2 Xim. 3:16) Jaarsi gumii Keevan jedhamuu fi miira gatii akka hin qabne itti dhagaʼamuu wajjin qabsaaʼu akkas jedheera: “Faarfannaa 103 dubbisuu fi irratti xiinxaluun koo ilaalcha sirrii qabaachuu fi yaada dhugumaan Yihowaan naaf qabu hubachuuf na gargaareera.” Eevaa ishiin olitti ibsamtes akkas jetteetti: “Oolmaa koo yaada Yihowaa irratti tasgabbiidhaan xiinxaluudhaanan xumura. Kun garaa koo naa tasgabbeessa akkasumas amantii koo naa cimsa.”

14. Kadhannaan nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

14 Irra deddeebiʼaa kadhadhaa. (1 Tas. 5:17) Nama tokkoo wajjin michummaa cimaa kan qabaannu irra deddeebinee garaadhaa yoo walitti haasofne dha. Michummaan Yihowaa wajjin qabnus akkasuma dha. Miira keenya, yaada keenyaa fi wanta nu yaaddessu kadhannaadhaan yommuu isatti himnu isatti akka amanamnuu fi akka inni nu jaallatu akka beeknu argisiisna. (Far. 94:17-19; 1 Yoh. 5:14, 15) Yuʼaa ishiin olitti caqasamte akkas jetteetti: “Yommuun kadhadhu wantan guyyaa keessatti raawwadhe gabaasuu caalaa gochuufan yaala. Ifatti Yihowaatti dubbachuudhaan wantan dhugumaan yaaduu fi miira koon isatti hima. Suutuma suuta Yihowaa akka hogganaa kubbaaniyyaa tokkootti utuu hin taʼin, akka abbaa ijoollee isaa jaallatuutti ilaaluu dandaʼeera.”—(Saanduqa “ Dubbisteettaa? jedhu ilaali.”)

15. Yihowaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka nuuf kennu kan argisiise akkamitti?

15 Michoota amanamoo wajjin taʼaa; isaan kennaa Yihowaa ti. (Yaq. 1:17) Abbaan keenya inni samii obbolootaa fi obboleettota ‘yeroo hundumaa jaalala argisiisanii’ fi maatii hafuuraa keenya taʼan nuu kennuudhaan dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuu kenneera. (Fak. 17:17) Phaawulos xalayaa warra Qolosaayisiif barreesse irratti Kiristiyaanota isa deggeran tokko tokko caqasuudhaan isaan, “madda jajjabinaa guddaa naaf taʼaniiru” jedheera. (Qol. 4:10, 11) Yesuus Kiristoos iyyuu maleekotas taʼe namoota irraa deggersi michoota isaa isa barbaachiseera; deggersa argates dinqisiifateera.—Luq. 22:28, 43.

16. Michoonni amanamoon Yihowaatti akka dhihaannu kan nu gargaaran akkamitti?

16 Michoota amanamoo kennaa Yihowaa taʼan irraa guutummaatti fayyadamaa jirtuu? Wanta nu yaaddesse tokko michuu keenya bilchaataa taʼetti himuun mallattoo dadhabinaa miti; kanaa mannaa eegumsa nuuf godha. Mee wanta Jamsi inni olitti ibsame dubbate haa ilaallu: “Kiristiyaanota bilchaatoo wajjin michummaa qabaachuun gargaarsa guddaa naaf godheera. Yommuun yaadawwan dogoggoraatiin liqimfamu michoonni koo jaallatamoon obsaan na dhaggeeffatu akkasumas akka na jaallatan naa mirkaneessu. Yihowaan karaa isaanii akka na jaallatuu fi akka na kunuunsu hubadheera.” Obbolootaa fi obboleettota keenya hafuuraa wajjin michummaa cimaa qabaachuu fi michummaa keenya eegnee itti fufuun baayʼee barbaachisaa dha!

JAALALA YIHOWAA KEESSA JIRAADHAA

17-18. Eenyuun dhaggeeffachuu qabda? Maaliifi?

17 Seexanni waraana wanta sirrii raawwachuuf goonu irratti abdii nu kutachiisuu barbaada. Inni Yihowaan akka nu hin jaallanne; fayyuunis akka nuuf hin malle goonee akka yaadnu barbaada. Taʼus, akkuma olitti ilaalle kun soba dha; Yihowaan nu jaallata.

18 Yihowaan si jaallata. Ati isa duratti iddoo guddaa qabda. Yoo isaaf ajajamte akkuma Yesuus bara baraaf ‘jaalala isaa keessa’ jiraatta. (Yoh. 15:10) Kanaafuu, Seexana ykn garaa kee isa si ceephaʼu hin dhaggeeffatin. Kanaa mannaa, Yihowaa isa tokkoon tokkoon keenya keessatti wanta gaarii ilaalu dhaggeeffadhu. Siin dabalatee ‘Yihowaan saba isaatti akka gammadu’ mirkanaaʼaa taʼi!

FAARFANNAA 141 Jireenyi Ajaaʼiba!

^ key. 5 Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko Yihowaan yoom iyyuu akka isaan jaallatu amanuun isaanitti ulfaata. Mata duree kana keessatti Yihowaan dhuunfaatti akka nu jaallatu mirkanaaʼoo kan taanu maaliif akka taʼe mariʼanna. Akkasumas jaalala nuuf qabaachuu isaa ilaalchisee shakkii qabnu akkamitti moʼuu akka dandeenyu ilaalla.

^ key. 2 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 67 IBSA FAKKII: Phaawulos dhugaa barachuu isa dura Kiristiyaanota hedduu mana hidhaa galcheera. Wanta Yesuus isaaf godhe yommuu fudhatu jijjiirameera, akkasumas Kiristiyaanota obboloota isaa taʼan jajjabeesseera; isaan keessaa tokko tokko firoottan warra inni ariʼataa turee taʼuu hin oolan.