Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 22

Namoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Akka Cuuphaman Gargaaraa

Namoonni Kitaaba Qulqulluu Qoʼachiistan Akka Cuuphaman Gargaaraa

“Tokkoon tokkoon keessan . . . cuuphamaa.”—HOE. 2:38.

FAARFANNAA 72 Dhugaa Mootummichaa Beeksisuu

QABIYYEE *

1. Barattoonni Yesuus namoonni walitti qabaman sun maal akka godhan isaanitti himan?

DHIIRONNII fi dubartoonni hedduun Yerusaalemitti walitti qabamanii turan; namoonni kun biyyoota garaa garaatii dhufan, kan dubbatanis afaan garaa garaa ti. Guyyaa sanatti wanta baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe tokkotu raawwatame. Yihudoonni tokko tokko akkuma tasaa afaan namoota sanaa dubbachuu jalqaban! Kunis namoota achi turan baayʼee ajaaʼibsiise, wanti caalaatti isaan ajaaʼibsiise garuu wanta Yihudoonni sunii fi Pheexiros ergamaan isaaniin jedhani dha. Wanta baratan keessaa tokko amantii Yesuus Kiristoos irratti qaban argisiisuudhaan fayyuu akka dandaʼan kan ibsu ture. Ergaan kunis dhiibbaa isaan irratti godheera. Garaan isaanii baayʼee waan tuqameef, “Maal gochuu qabna ree?” jedhanii gaafachuuf illee kakaʼaniiru. Pheexirosis, “Tokkoon tokkoon keessan . . . cuuphamaa” jedhee isaaniif deebise.—HoE. 2:37, 38.

Obboleessi tokkoo fi haati manaa isaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamanii dargaggeessa tokko qoʼachiisaa jiru (keeyyata 2 ilaali)

2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

2 Wanti sana booda raawwatame immoo baayʼee kan nama dinqisiisu ture. Guyyaa sanatti namoonni gara 3,000 taʼan cuuphamanii duuka buutota Kiristoos taʼan. Kun jalqaba hojii barattoota gochuu Yesuus duuka buutonni isaa akka raawwatan ajajee ti. Hojiin kun hanga yeroo harʼaatti hojjetamaa jira. Taʼus bara keenyatti namni tokko saʼaatii muraasa keessatti cuuphamuuf gaʼumsa akka qabaatu gargaaruu hin dandeenyu. Barataan tokko galma kana irra gaʼuuf jiʼoota muraasa ykn waggaa tokko, tarii immoo isaa ol isatti fudhachuu dandaʼa. Nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan qabdu taanaan hojiin barattoota gochuu jabaatanii hojjechuu akka gaafatu hubachuun keessan hin oolu. Mata duree kana keessatti namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan akka cuuphamu gargaaruuf maal gochuu akka dandeessan ilaalla.

NAMNI KITAABA QULQULLUU QOʼACHIISTAN WANTA BARACHAA JIRU AKKA HOJII IRRA OOLCHU GARGAARAA

3. Akka Maatewos 28:19, 20 irratti ibsametti, barataan tokko guddina godhee cuuphamuuf maal gochuu qaba?

3 Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko cuuphamuu isaa dura wanta Kitaaba Qulqulluu irraa barate hojii irra oolchuu qaba. (Maatewos 28:19, 20 dubbisi.) Barataan sun wanta barate yeroo hojii irra oolchu akkuma “nama hubataa” fakkeenya Yesuus irratti ibsamee fi mana isaa qarsaa cimaa taʼe irratti ijaarrachuuf gadi fageessee qotee taʼa. (Mat. 7:24, 25; Luq. 6:47, 48) Maarree, wanta barate hojii irra akka oolchu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Mee wantoota gochuu dandeenyu sadii haa ilaallu.

4. Barataan tokko cuuphamuuf gaʼumsa akka qabaatu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa, “ Barataan Keessan Galma Akka Baafatuu fi Akka Bira Gaʼu Gargaaraa” jedhus ilaali.)

4 Barataan keessan galma akka baafatu gargaaraa. Akkas gochuu kan qabdan maaliifi? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Karaa dheeraa yeroo deemtan achumaan iddoowwan miidhagoo taʼan ilaaluuf yaaddu taʼa. Yoo akkas gootan imalli keessan nuffisiisaa isinitti hin taʼu. Haaluma wal fakkaatuun, namni Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko galma yeroo gabaabaatti bira gaʼamu baafatee yeroo bira gaʼu, galmi cuuphamuuf baafates humna isaatii ol akka hin taane ni hubata. Barataan keessan guddina akka godhu gargaaruuf kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irraa saanduqa “Galma” jedhutti fayyadamaa. Galmi dhuma tokkoon tokkoon barumsaa irratti ibsame wanta barachaa jiruu wajjin akkamitti akka wal qabatu barataa keessanii wajjin irratti mariʼadhaa. Galmi barataan keessan akka irra gaʼu barbaaddan kan biraan yoo jiraate iddoo “Kan biraa” jedhu irratti barreessaa. Galma yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa barataan keessan bira gaʼuu dandaʼu irratti mariʼachuuf yeroo hundumaa kutaa kanatti fayyadamaa.

5. Akka Maarqos 10:17-22 irratti galmeeffametti, Yesuus namicha sooressa tokkoon maal jedhe? Maaliif?

5 Barataan keessan akkaataa jireenyaa isaa akka jijjiiru gargaaraa. (Maarqos 10:17-22 dubbisi.) Yesuus namni sooressi tokko wanta qabu hundumaa gurguruun akka isatti ulfaatu hubatee ture. (Mar. 10:23) Taʼus, namichi kun jireenya isaa keessatti jijjiirama guddaa akkasii akka godhu itti himeera. Kan itti hime maaliifi? Waan isa jaallateefi. Yeroo tokko tokko barataan keenya jijjiirama barbaachisaa taʼe gochuuf qophaaʼaa akka hin taane waan nutti dhagaʼamuuf, wanta barate hojii irra akka oolchu isa jajjabeessuu irraa duubatti jenna taʼa. Namummaa moofaa of irraa baasanii namummaa haaraa uffachuun yeroo fudhachuu dandaʼa. (Qol. 3:9, 10) Haa taʼu malee, jijjiirama gochuu qabu irratti daftanii barataa keessanii wajjin irratti mariʼattu taanaan innis dafee jijjiirama gochuu dandaʼa. Dhimma akkasii irratti isaa wajjin mariʼachuun keessan akka isaaf yaaddan argisiisa.—Far. 141:5; Fak. 27:17.

6. Barataan keenya dhimma tokko irratti ilaalcha akkamii akka qabu gaafachuu kan qabnu maaliifi?

6 Barataan keenya dhimma tokko ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu gaafachuun keenya barbaachisaa dha. Akkas gochuun keessan wanta barataan keessan beekuu fi itti amanu hubachuuf isin gargaara. Yeroo hundumaa akkas gootu taanaan gara fuulduraatti dhimmawwan amanuun isatti ulfaatu irratti mariʼachuun isiniif salphata. Kitaabni Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu gaaffiiwwan ilaalcha barataan keessan qabu hubachuuf isin gargaaran hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, barumsi 04ffaan gaaffii, “Yihowaan maqaa isaatti yommuu fayyadamtu maaltu isatti dhagaʼama jettee yaadda?” jedhu qabateera. Barumsi 09ffaan immoo gaaffii, “Wantoota kadhachuu barbaaddu keessaa tokko tokko maal faʼi?” jedhu qabateera. Jalqaba irratti barataan keessan gaaffii akkasiitiif deebii kennuun yeroo isatti fudhachuu dandaʼa. Caqasawwanii fi fakkiiwwan kitaabicha keessatti argaman irratti akka yaadus isa gargaaruu dandeessu.

7. Karaa buʼa qabeessa taʼeen muuxannoowwanitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Barataan keessan wanta gochuu qabu takkaa erga hubatee booda tarkaanfii akka fudhatu jajjabeessuuf muuxannoowwanitti fayyadamaa. Fakkeenyaaf, barataan keessan yeroo hundumaa walgaʼii irratti hin argamu taanaan viidiyoo Yihowaan Naaf Yaada jedhamu itti argisiisuu dandeessu; viidiyoon kun barumsa 14ffaa irratti kutaa “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu jalatti argama. Barumsawwan hedduu kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu keessaa kutaa “Caalaatti Baradhu” ykn “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhan jalatti muuxannoowwan akkasii argachuu dandeessu. * Haa taʼu malee, “Erga inni akkas godhee atis akkas gochuu dandeessa” jechuudhaan barataa keessan namoota kaanii wajjin wal dorgomsiisuu irraa of qusadhaa. Barataan keessan murtoo akkasii irra gaʼuu kan qabu ofii isaatiin kakaʼee taʼuu qaba. Kanaa mannaa, namni viidiyicha irratti ibsame sun barumsawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf wantoonni isa gargaaran maalfaa akka taʼan irratti mariʼadhaa. Tarii caqasa yookiin wanta isa gargaare kan biraa adda baastanii dubbachuu dandeessu. Yeroo dandaʼamu hundumaatti immoo Yihowaan nama sana kan gargaare akkamitti akka taʼe addeessaa.

8. Barataan keenya Yihowaa akka jaallatu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

8 Barataan keessan Yihowaa akka jaallatu gargaaraa. Akkamitti? Barataan keessan amalawwan Yihowaa irratti akka xiyyeeffatu gochuuf, carraa argattanitti fayyadamuuf yaalaa. Yihowaan Waaqa gammadaa namoota isa jaallatan gargaaru taʼuu isaa akka hubatu isa gargaaraa. (1 Xim. 1:11; Ibr. 11:6) Wanta barate sana hojii irra oolchuun akka isa fayyadu barataa keessan hubachiisaa; akkasumas faayidaan argatu kun jaalala Yihowaan isaaf qabu kan argisiisu akka taʼe isaaf ibsaa. (Isa. 48:17, 18) Jaalalli Yihowaadhaaf qabu guddachaa yeroo deemu jijjiirama barbaachisu gochuuf caalaatti kakaʼa.—1 Yoh. 5:3.

BARATAAN KEESSAN OBBOLOOTAA WAJJIN AKKA WAL BARU GARGAARAA

9. Maarqos 10:29, 30 akka jedhutti namni tokko aarsaa kaffalee cuuphamuuf wanti isa gargaaru maali dha?

9 Namni Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko guddina godhee cuuphamuuf aarsaa kaffaluun isa barbaachisa. Akkuma namicha sooressa olitti ibsamee barattoonni tokko tokko qabeenya isaanii aarsaa gochuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Hojiin isaanii barumsawwan Kitaaba Qulqulluu wajjin kan wal hin simne yoo taʼe immoo hojii biraa barbaaddachuu qabu taʼa. Barattoonni hedduun michummaa namoota Yihowaa hin jaallannee wajjin qaban dhaabuun isaan barbaachisa. Warri kaan immoo miseensonni maatii isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa waan hin jaallanneef isaan irraa fagaataniiru. Yesuus aarsaa akkasii kaffaluun namoota tokko tokkotti ulfaachuu akka dandaʼu dubbateera. Haa taʼu malee, warri isa duukaa buʼan akka hin gaabbine waadaa isaaniif galeera. Namoonni isa duukaa buʼan maatii hafuuraa isaan jaallatan argachuudhaan eebba guddaa argatu. (Maarqos 10:29, 30 dubbisi.) Maarree, namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan eebba kana akka argatu gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

10. Muuxannoo Maanuweel irraa maal baranna?

10 Barataa keessaniif michuu taʼaa. Barataa keessaniif akka yaaddan argisiisuun keessan barbaachisaa dha. Akkas kan jennu maaliifi? Mee wanta Maanuweel inni Meeksikoo jiraatu dubbate haa ilaallu. Yeroo Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa turetti barsiisaan isaa akkamitti akka isa gargaare yommuu ibsu akkana jedheera: “Barsiisaan koo yeroo hundumaa qoʼannaa jalqabuu keenya dura haalan keessa jiru na gaafata ture. Bilisummaan akka natti dhagaʼamu waan na gargaaruuf wanta akkamii iyyuu isatti himuun natti hin ulfaatu. Garaadhaa akka naaf yaadu natti dhagaʼama.”

11. Barattoonni keenya nuu wajjin yeroo dabarsuun isaanii isaan fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

11 Akkuma Yesuus duuka buutota isaa wajjin yeroo dabarsaa ture, isinis barattoota keessanii wajjin yeroo dabarsaa. (Yoh. 3:22) Dandaʼamnaan barataa guddina gochaa jiru tokko mana keessanitti affeertanii buna waliin dhuguu, nyaata waliin nyaachuu ykn viidiyoo biroodkaastingii tokko waliin ilaaluu dandeessu. Keessumaa yeroo firoonnii fi michoonni isaa ayyaana kabajanitti kophummaan isatti dhagaʼamuu waan dandaʼuuf akkas gochuun keessan barataa keessan caalaatti gammachiisuu dandaʼa. Kaazibween inni Ugaandaa jiraatu akkana jedheera: “Akkuman yeroo qoʼannaatti barachaa turetti barsiisaa koo wajjin yeroo dabarsuudhaanis waaʼee Yihowaa wantoota hedduu barachuu dandaʼeera. Yihowaan saba isaatiif baayʼee akka yaaduu fi isaanis gammachuu guddaa akka qaban argeera. Wantin jireenya koo keessatti argachuu barbaadus kana dha.”

Babalʼistoota garaa garaa qoʼannaa keessan irratti kan affeertan yoo taʼe, walgaʼii irratti argamuun barataa keessanitti hin ulfaatu (Keeyyata 12 ilaali) *

12. Babalʼistoota garaa garaa qoʼannaa keenya irratti affeeruu kan qabnu maaliifi?

12 Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keessan irratti babalʼistoota garaa garaa affeeraa. Yeroo tokko tokko kophuma keenya ykn namuma tokkoo wajjin qoʼachiisuun nutti salphata taʼa. Akkas gochuun nutti salphachuu kan dandaʼu taʼus, babalʼistoota garaa garaa qoʼannaa keenya irratti affeeruun keenya barataa keenya ni fayyada. Dimitriin inni Moldoovaa jiraatu akkana jedheera: “Babalʼistoonni qoʼannaa koo irratti argaman hundi yaada tokko karaa garaa garaatiin ibsu. Kun immoo wantan baradhu kallattii garaa garaatiin ilaaluuf na gargaareera. Obbolootaa fi obboleettota gumichaa hedduu wajjin waanan wal bareef yommuun yeroo jalqabaatiif gumii irratti argametti baayʼee hin sodaanne.”

13. Barataan keenya walgaʼii irratti akka argamu gargaaruu kan qabnu maaliifi?

13 Barataan keessan walgaʼiiwwan gumii irratti akka argamu gargaaraa. Akkas gochuu kan qaban maaliifi? Yihowaan waaqeffattoonni isaa akka walitti qabaman waan ajajeefi; kun kutaa waaqeffannaa keenya ti. (Ibr. 10:24, 25) Kana malees, obboloonnii fi obboleettonni maatii hafuuraa keenya dha. Obboloota keenyaa wajjin walgaʼii irratti yeroo argamnu akkuma waliin taanee nyaata miʼaawaa nyaachaa jirruutti nutti dhagaʼama. Namni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan walgaʼii irratti akka argamu yeroo gargaartan tarkaanfiiwwan guguddaa cuuphamuuf isa barbaachisan keessaa tokko akka fudhatu isa gargaaraa jirtu jechuu dha. Garuu walgaʼii irratti argamuun isaaf salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Maarree, barataan keessan rakkina isa mudatu kam iyyuu moʼuuf kitaabni Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu isa gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

14. Barataan keenya walgaʼii irratti akka argamu kakaasuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Barataan keessan walgaʼii irratti akka argamu kakaasuuf barumsa 10⁠ffaa kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamaa. Kitaabni kun baʼuu isaa dura babalʼistoonni muraasni barumsa kanatti fayyadamanii barattoota isaanii akka qoʼachiisan gaafatamanii turan; babalʼistoonni kun barumsi kun baayʼee buʼa qabeessa akka taʼee fi barattoonni isaanii walgaʼii irratti akka argaman akka isaan gargaare dubbataniiru. Akkas jechuun garuu barataan keessan hamma barumsa 10⁠ffaa irra gaʼutti walgaʼii irratti akka argamu affeeruu hin qabdan jechuu miti. Hamma dandaʼametti walgaʼii irratti akka argamu dafaa isa affeeraa, affeeruu keessanis itti fufaa. Namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼatan garaa garaa gufuuwwan garaa garaatu mudata. Kanaafuu, wanta barataa keessan barbaachisu hubachuuf yaalaa, akkasumas gargaarsa isaaf gochuu dandeessan irratti yaadaa. Dafee yoo walgaʼii irratti argamuu baates abdii hin kutatinaa. Obsa qabaadhaa, garuu immoo walgaʼii irratti akka argamu affeeruu keessan hin dhiisinaa.

BARATAAN KEESSAN SODAA ISAA AKKA MOʼU GARGAARAA

15. Wanti barataa keenya sodaachisu maal taʼuu dandaʼa?

15 Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf yeroo jettanitti sodaa isinitti dhagaʼamee ture ni yaadattuu? Tarii matumaa manaa gara manaa deemtanii lallabuu akka hin dandeenye isinitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo, ‘Maatiin ykn michoonni koo na mormu’ jettanii sodaattanii taʼuu dandaʼa. Taanaan miirri barataa keessanitti dhagaʼamu isiniif gala. Yesuus sodaan akkasii namoota tokko tokkotti dhagaʼamuu akka dandaʼu dubbateera. Haa taʼu malee, sodaa akkasiitiin moʼamanii Yihowaa tajaajiluu isaanii akka hin dhiisne duuka buutota isaa jajjabeesseera. (Mat. 10:16, 17, 27, 28) Yesuus sodaa isaanii akka moʼan duuka buutota isaa kan gargaare akkamitti? Isin hoo fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeessan akkamitti?

16. Barataan keenya amantii isaa warra kaanitti akka himu leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Barataan keessan wanta itti amane warra kaanitti akka himu suuta suuta leenjisaa. Barattoonni Yesuus yeroo inni akka lallaban isaan ergetti sodaan isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Taʼus eenyuuf lallabuu akka qabanii fi ergaa akkamii lallabuu akka qaban isaanitti himuudhaan isaan gargaareera. (Mat. 10:5-7) Isin hoo fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeessan akkamitti? Eenyuuf lallabuu akka dandaʼu akka hubatu barataa keessan gargaaraa. Fakkeenyaaf, ‘Nama dhugaa Kitaaba Qulqulluu kana utuu baratee faayidaa argachuu dandaʼu beektaa?’ jedhaa isa gaafadhaa. Achiis karaa salphaa taʼeen dhugaa sana akkamitti ibsuu akka dandaʼu isatti argisiisuudhaan wanta jedhu akka qophaaʼu isa gargaaraa. Yeroo mijataa taʼetti kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irraa mata duree, “Namoonni Tokko Tokko Akkana Jedhu” fi “Namni Tokko Akkana Jedhee Si Gaafata Taʼa” jedhanitti fayyadamuudhaan waliin shaakaluu dandeessu. Yeroo waliin shaakaltanitti barataan keessan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee malaan deebii salphaa taʼe akka kennu isa leenjisuu irratti xiyyeeffadhaa.

17. Barataan keenya Yihowaatti akka amanamu gargaaruuf Maatewos 10:19, 20, 29-31⁠itti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Barataan keessan Yihowaatti akka amanamu gargaaraa. Yesuus Yihowaan waan isaan jaallatuuf, akka isaan gargaaru barattoota isaatti himeera. (Maatewos 10:19, 20, 29-31 dubbisi.) Yihowaan isas akka gargaaru barataa keessan yaadachiisaa. Waaʼee galmawwan isaa isaa wajjin kadhachuudhaan Yihowaatti akka amanamu isa gargaaruu dandeessu. Firaansiizki inni Poolaandi jiraatu akkana jedheera: “Barsiisaan koo yeroo baayʼee kadhannaa isaa irratti waaʼee galmawwan koo ni caqasa. Yihowaan kadhannaa barsiisaa kootiif deebii akka kenne yeroon hubadhu anis yeruma sana kadhachuun jalqabe. Walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaa irratti argamuuf hojii koo isa haaraa irraa boqonnaa fudhachuun yeroo na barbaachisetti Yihowaan na gargaareera.”

18. Hojii barsiisuu Kiristiyaanonni raawwatan ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

18 Yihowaan namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnuuf baayʼee yaada. Yihowaan barsiisonni Kiristiyaanota taʼan namoonni kaan akka isatti dhihaatan gargaaruuf cimanii akka hojjetan waan beekuuf baayʼee isaan jaallata. (Isa. 52:7) Yeroo ammaatti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiistan hin qabdan yoo taʼe illee, qoʼannaa babalʼistoota kaanii irratti hirmaachuudhaan namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼatan guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruu dandeessu.

FAARFANNAA 60 Lubbuu Isaanii ni Oolchina

^ key. 5 Mata dureen kun Yesuus namoonni barattoota isaa akka taʼan gargaaraa kan ture akkamitti akka taʼee fi nuti fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Akkasumas kitaaba haaraa Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni mariʼanna. Kitaabni kun namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu guddina godhanii akka cuuphaman gargaaruuf kan qophaaʼe dha.

^ key. 7 Muuxannoowwan kan biroo immoo (1) Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe irraa mata duree “Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalaa “Faayidaa Inni Qabu” achiis “‘Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira’ (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti walitti aansee baʼu)” jedhu jalaa ykn (2) JW Laayibirarii® irraa kutaa miidiyaa “Gaafannoo fi Muuxannoo” jedhu jalaa argachuu dandeessa.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko haadha manaa isaa wajjin dargaggeessa tokko qoʼachiisaa jira. Yeroo gara biraatti immoo obboloota garaa garaa affeereera.