Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 23

Yihowaan Yeroo Hundumaa Sii Wajjin Waan Jiruuf, Matumaa Kophaa Kee hin Taatu

Yihowaan Yeroo Hundumaa Sii Wajjin Waan Jiruuf, Matumaa Kophaa Kee hin Taatu

“Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti . . . dhihoo dha.”—FAR. 145:18.

FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu

QABIYYEE *

1. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo tokko tokko kophummaan kan isaanitti dhagaʼamu maaliifi?

BAAYʼEEN keenya darbee darbee kophummaan nutti dhagaʼama. Namoonni tokko tokko miirri akkasii dafee isaan dhiisa. Namoonni kaan garuu kophummaan isaanitti dhagaʼamu yeroo dheeraadhaaf isaan irra tura. Yeroo namoonni hedduun nu bira jiranitti illee kophummaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboloonni tokko tokko gumii haaraa keessatti michoota horachuun isaan rakkisa. Namoonni kaan immoo maatii baayʼee walitti dhihaatu keessatti guddatan; kanaafuu, firoota isaanii irraa adda baʼanii naannoo fagoo jiraachuu yeroo jalqabanitti kophummaan isaanitti dhagaʼama. Kaan immoo nama jaallatan duʼaan waan dhabaniif miirri kophummaa cimaan isaanitti dhagaʼama. Kiristiyaanonni tokko tokko keessumaa warri dhiheenyatti dhugaa baratan, miseensonni maatii isaanii fi michoonni isaanii yeroo isaan irraa fagaatan ykn yeroo ariʼatama isaan irraan geessisan kophummaan isaanitti dhagaʼama.

2. Gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

2 Yihowaan waaʼee keenya waan hundumaa beeka. Yeroo kophummaan nutti dhagaʼamu miira keenya nuuf hubata, akkasumas miira sana moʼuu akka dandeenyu nu gargaaruu barbaada. Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti? Miira akkasii moʼuuf maal gochuu dandeenya? Obboloota gumii keenya keessa jiranii fi kophummaan isaanitti dhagaʼamu gargaaruu kan dandeenyu hoo akkamitti? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa ilaallu.

YIHOWAAN NUUF YAADA

Yihowaan maleekaa tokko ergee Eeliyaas kophaa isaa akka hin taane isaaf mirkaneesseera (Keeyyata 3 ilaali)

3. Yihowaan Eeliyaasiif akka yaadu kan argisiise akkamitti?

3 Yihowaan waaqeffattoonni isaa hundi gammadoo akka taʼan barbaada. Inni tokkoon tokkoon keenyatti dhihoo dha; miirri abdii nama kutachiisu yeroo nutti dhagaʼamus nuuf hubata. (Far. 145:18, 19) Yihowaan Eeliyaas raajichaaf hammam akka yaaduu fi akkamitti akka isa gargaare mee yaadi. Namni amanamaan kun kan jiraate yeroo haalli Israaʼel keessa jiru baayʼee hammaatee turetti dha. Namoonni Israaʼel keessatti aangoo guddaa qabanii fi Yihowaa hin jaallanne waaqeffattoota Yihowaa irratti ariʼatama cimaa geessisaa turan; keessumaa namoonni kun Eeliyaasiin ajjeesuu barbaadu turan. (1 Mot. 19:1, 2) Kana malees, Eeliyaas raajiin Yihowaa tajaajilaa jiru isa qofa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture; kun immoo caalaatti abdii isa kutachiisuu hin oolu. (1 Mot. 19:10) Waaqayyo Eeliyaasiin gargaaruuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. Yihowaan maleekaa isaa ergee Israaʼel keessa namoonni Waaqayyoon sodaatan hedduun akka jiranii fi inni kophaa isaa akka hin taane isaaf mirkaneesseera!—1 Mot. 19:5, 18.

4. Maarqos 10:29, 30 Yihowaan tajaajiltoota isaa gargaarsa miseensota maatii isaanii fi michoota isaanii dhabaniif akka yaadu kan argisiisu akkamitti?

4 Yihowaan nu keessaa namoonni tokko tokko isa tajaajiluuf yeroo filatanitti aarsaa hedduu kaffaluun akka isaan barbaachisu beeka. Wanta dhabnu keessaa tokko gargaarsa miseensota maatii fi michoota Yihowaa hin tajaajille irraa argachaa turre taʼuu dandaʼa. Pheexiros ergamaan tarii waan yaaddaʼeef taʼuu dandaʼaa, “Nuti wanta hundumaa dhiisnee si duukaa buuneerra; egaa maal arganna ree?” jedhee Yesuusiin gaafatee ture. (Mat. 19:27) Yesuusis gaarummaadhaan kakaʼee maatii hafuuraa balʼaa taʼe akka argatan duuka buutota isaatiif mirkaneesseera. (Maarqos 10:29, 30 dubbisi.) Abbaa keenya isa samii kan taʼe Yihowaanis namoota isa tajaajiluu barbaadan akka deggeru waadaa galeera. (Far. 9:10) Mee yeroo kophummaan sitti dhagaʼamutti gargaarsa Yihowaa argachuuf wantoota gochuu dandeessu tokko tokko haa ilaallu.

KOPHUMMAAN YOO SITTI DHAGAʼAME MAAL GOCHUU DANDEESSA

5. Gargaarsa Yihowaan siif godhe irratti xiyyeeffachuun kee kan si fayyadu akkamitti?

5 Gargaarsa Yihowaan siif gochaa jiru irratti xiyyeeffadhu. (Far. 55:22) Akkas gochuun kee haala keessa jirtuuf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf si gargaara. Obboleettiin qeenxeen Kaarol * jedhamtu maatii ishii keessaa dhugaa keessa kan jiru ishii qofa dha; akkana jetteetti: “Yihowaan rakkina koo hundumaa keessatti akkamitti na deggeraa akka ture duubatti deebiʼee irratti xiinxaluun koo kophummaan akka natti hin dhagaʼamne na gargaareera. Kun Yihowaan gara fuulduraattis akka na deggeru naaf mirkaneesseera.”

6. Yaanni 1 Pheexiros 5:9, 10 irra jiru namoota kophummaa wajjin walʼaansoo gochaa jiran jajjabeessuu kan dandaʼu akkamitti?

6 Yihowaan obboloota kophummaan itti dhagaʼamu gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe yaadi. (1 Pheexiros 5:9, 10 dubbisi.) Hirooshiin inni waggoota hedduudhaaf maatii isaa keessaa Dhugaa Baatuu Yihowaan isa qofa ture akkana jedheera: “Miseensonni gumichaa hundi rakkina mataa isaanii akka qaban ifatti argita. Namoonni akkuma koo kophaa isaanii dhugaa keessa jiran, hundi keenya iyyuu Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeenyu hunda gochaa akka jirru beekuun isaanii isaan jajjabeessuu dandaʼa.”

7. Kadhannaan kan si gargaaru akkamitti?

7 Barsiifata hafuuraa gaarii qabaadhu. Kun wanta sitti dhagaʼamu ifatti Yihowaatti himuu dabalata. (1 Phe. 5:7) Maaseel, “Wantoota guguddaa kophummaa koo dandamachuuf na gargaaran keessaa inni tokko irra deddeebiʼee Yihowaa kadhachuu koo ti” jetteetti. Shamarreen tun Yihowaa tajaajiluuf yeroo murteessitetti maatiin ishii Yihowaa waan hin tajaajilleef kophummaan ishiitti dhagaʼamee ture. “Yihowaan dhugumaan abbaa naaf taʼeera; guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼeen isa kadhadha; wanta natti dhagaʼamu isaafin ibsa” jetteetti.

Namoonni kophaa isaanii jiraatan Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota sagaleedhaan waraabaman dhaggeeffachuun isaanii kophummaa isaanitti dhagaʼamu dandamachuuf isaan gargaara (Keeyyata 8 ilaali) *

8. Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluun kan si gargaaru akkamitti?

8 Dubbii Waaqayyoo yeroo hundumaa dubbisi, akkasumas seenaawwan jaalala Yihowaan siif qabu addeessan irratti xiinxali. Obboleettiin Biyaankaa jedhamtuu fi maatiin ishii wanta abdii nama kutachiisu itti dubbatan, “Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu fi muuxannoowwan tajaajiltoota Yihowaa haala akkuma kootii dandamachaa turanii dubbisuu fi irratti xiinxaluun koo baayʼee na gargaareera” jetteetti. Kiristiyaanonni tokko tokko caqasoota baayʼee nama jajjabeessan kanneen akka Faarfannaa 27:10 fi Isaayyaas 41:10 jiran sammuutti qabataniiru. Obboloonni kaan immoo yeroo walgaʼii gumiitiif qophaaʼan ykn yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisanitti wantoota waraabamanitti fayyadamuun isaanii miira kophummaa dandamachuuf akka isaan gargaare dubbataniiru.

9. Walgaʼii irratti argamuun kee kan si fayyadu akkamitti?

9 Yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuuf carraaqqii godhi. Taanaan sagantaa dhihaatu irraa jajjabina argatta, akkasumas obbolootaa fi obboleettota kee wajjin wal baruu dandeessa. (Ibr. 10:24, 25) Maaseel ishiin olitti ibsamte, “Ija laafeettii taʼus walgaʼiiwwan gumii hundumaa irratti argamuu fi yaada kennuuf murteesseera. Kun immoo kutaa gumichaa akkan taʼe akka natti dhagaʼamu godheera” jetteetti.

10. Kiristiyaanota amanamoo michoota godhachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

10 Kiristiyaanota amanamoo michoota godhadhu. Gumii keessaa michoota irraa barachuu dandeessu barbaaddadhu; tarii umuriin ykn aadaan isaanii kan kee irraa adda taʼuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun “ogummaan warra dullooman gidduutti” akka argamu dubbata. (Iyo. 12:12) Maanguddoonnis dargaggoota amanamoo taʼan irraa wanta hedduu barachuu dandaʼu. Yonaataan umuriidhaan Daawit irra baayʼee caala; taʼus haalli kun michummaa cimaa akka hin uumne isaan hin daangessine. (1 Sam. 18:1) Daawitii fi Yonaataan haala rakkisaa hedduu keessatti wal gargaaranii Yihowaa tajaajilaniiru. (1 Sam. 23:16-18) Irinaan yeroo ammaatti maatii ishii keessaa Dhugaa Baatuun Yihowaa ishii qofa dha; akkana jetteetti: “Obboloonnii fi obboleettonni keenya dhugumaan warraa fi obbolaa nuuf taʼuu dandaʼu. Yihowaan isaanitti fayyadamee gargaarsa nu barbaachisu nuuf gochuu dandaʼa.”

11. Warra kaanii wajjin michummaa cimaa qabaachuuf maal gochuu qabda?

11 Keessumaa nama ija laafessa taʼeef michoota haaraa horachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Ratnaa ishiin ija laafettii taatee fi utuma mormiin irra gaʼu dhugaa baratte, “Gargaarsii fi deggersi obbolootaa fi obboleettotaa akka na barbaachisu amanee fudhachuun qaba ture” jechuudhaan ifatti dubbatteetti. Wanta nutti dhagaʼamu warra kaaniif ibsuun salphaa taʼuu baatus, michummaa cimaa uumuuf miira keenya ifatti dubbachuun keenya barbaachisaa dha. Michoonni kee si jajjabeessuu fi si deggeruu barbaadu; taʼus kana kan godhan akkamitti akka taʼe akka isaanitti himtu barbaadu.

12. Tajaajilli michoota gaggaarii horachuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

12 Karaawwan gaggaarii michoota horachuuf si gargaaran keessaa tokko obbolootaa wajjin tajaajila irratti hirmaachuu dha. Kaarol ishiin olitti ibsamte akkana jetteetti: “Tajaajilaa fi sochiiwwan tiʼookraasii kaan irratti obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuudhaan michoota gaggaarii hedduu argadheera. Yihowaan waggoota hedduudhaaf michoota koo kanatti fayyadamee na deggereera.” Kiristiyaanota amanamoo taʼan michoota godhachuun keenya baayʼee nu fayyada. Yihowaan yeroo dhiphinni ykn kophummaan sitti dhagaʼamu michoota akkasiitti fayyadamee si gargaara.—Fak. 17:17.

WARRI KAAN KUTAA MAATII KEENYAA AKKA TAʼANITTI AKKA ISAANITTI DHAGAʼAMU GARGAARI

13. Miseensonni gumichaa hundi itti gaafatamummaa akkamii qabu?

13 Miseensonni gumichaa hundi gumichi iddoo nagaa qabu akka taʼu gochuu fi nama hundatti jaalala argisiisuuf itti gaafatamummaa qabu; kunis eenyutti iyyuu kophummaan akka hin dhagaʼamne godha. (Yoh. 13:35) Wanti goonuu fi wanti dubbannu namoota kaan baayʼee jajjabeessuu dandaʼa! Obboleettiin takka, “Yeroon dhugaa barachuu jalqabetti gumichi maatii naaf taʼeera. Utuun gargaarsa isaanii argachuu baadhee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu hin dandaʼun ture” jetteetti. Obboloonni miseensonni maatii isaanii dhugaa keessa hin jirree fi kophummaan itti dhagaʼamu kutaa gumichaa akka taʼanitti akka isaanitti dhagaʼamu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

14. Namoota haaraa michoota godhachuuf maal gochuu dandeessa?

14 Namoota haaraa michoota godhachuuf carraaqqii godhi. Wanti gochuu dandeenyu inni jalqabaa namoonni haaraan gara gumii keenyaa yeroo dhufan miira hoʼaadhaan isaan simachuu dha. (Rom. 15:7) Haa taʼu malee, nagaa isaan gaafachuu caalaa wanti gochuu dandeenyu jira. Namoonni haaraan kun yeroo booda michoota keenya akka taʼan waan barbaannuuf, gaarummaa isaanitti argisiisuu fi garaadhaa isaaniif yaaduu qabna. Rakkina isaan mudachaa jiru isaaniif hubachuuf carraaqqii godhi; taʼus gaaffii isaan qaanessu isaan hin gaafatin. Namoonni tokko tokko miira isaanii ibsuun isaanitti ulfaata; kanaafuu, akka dubbatan dhiibbaa akka isaan irratti hin goone of eeggadhu. Kanaa mannaa, gaarummaadhaan isaan gaafadhu; yeroo deebii siif kennanis obsaan isaan dhaggeeffadhu. Fakkeenyaaf, gara dhugaatti kan dhufan akkamitti akka taʼe isaan gaafachuu dandeessa.

15. Kiristiyaanonni karaa hafuuraa bilchaatoo taʼan warra gumicha keessa jiran kaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

15 Namoonni gumicha keessa jiran hundi, Kiristiyaanonni karaa hafuuraa bilchaatoo taʼan keessumaa immoo jaarsoliin yeroo dhuunfaatti xiyyeeffannaa isaaniif kennan karaa hafuuraa guddina ni godhu. Meliisaan ishiin haati ishii dhugaa keessatti ishii guddiste, “Obboloota akka abbaatti anaa wajjin yeroo dabarsanii fi xiyyeeffannaa naaf kenna baayʼeen galateeffadha. Yeroon dubbachuu barbaadu hundumaatti nama na dhaggeeffatu qaba” jetteetti. Dargaggeessi Maawurisiwoo jedhamu obboleessi Kitaaba Qulqulluu isa qoʼachiise yommuu dhugaa dhiisetti baayʼee gaddee fi kophummaan isatti dhagaʼamee ture; akkana jedheera: “Jaarsoliin dhuunfaatti xiyyeeffannaa naaf kennuun isaanii baayʼee na fayyadeera. Yeroo hundumaa na haasofsiisu turan. Anaa wajjin tajaajilu, yaadawwan gaggaarii yeroo qoʼannaa dhuunfaa godhanitti argatan natti himu, akkasumas anaa wajjin taphatu turan.” Meliisaa fi Maawurisiwoon yeroo ammaatti tajaajila yeroo guutuu keessa jiru.

Gumii keessan keessa namni utuu yeroo wajjin dabarsitee gammadu jiraa? (Keeyyata 16-19 ilaali) *

16-17. Karaa qabatamaa taʼeen warra kaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

16 Gargaarsa qabatamaa godhi. (Gal. 6:10) Liyoon inni biyya maatii isaa irraa fagoo taʼe keessatti misiyoonii taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Yeroo baayʼee wanti si barbaachisu gocha gaarummaa yeroo sirrii taʼetti siif godhamu dha. Yeroo tokko balaan konkolaataa na irra gaʼee ture. Yeroon mana gaʼu baayʼee dhiphadheen ture. Sana booda garuu hiriyoonni gaaʼelaa tokko mana isaaniitti nyaata na affeeran. Wanta yeroo sanatti nyaanne hin yaadadhu, gaarummaadhaan na dhaggeeffachaa akka turan garuu sirriittan yaadadha. Boodas baayʼeen tasgabbaaʼe!”

17 Hundi keenya iyyuu namoota kaanii wajjin yeroo dabarsuu fi waaʼee sagantichaa waliin haasaʼuun waan nu gammachiisuuf, sagantaawwan tiʼookraasii kan akka walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo jiranii irratti argamuun nutti tola. Haa taʼu malee, Kaarol ishiin olitti ibsamte, “Walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti yeroon argamu kophummaatu natti dhagaʼama” jetteetti. Miirri akkasii kan ishiitti dhagaʼame garuu maaliifi? Akkana jetteetti: “Obboloota dhibbaan ykn kumaan lakkaaʼamaniin marfamee kanan jiru taʼus, yeroo baayʼee hundi isaanii iyyuu maatii isaanii wajjin jiru. Yeroo akkasiitti kophummaa cimaatu natti dhagaʼama.” Warri hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan dhaban immoo sana booda yeroo jalqabaatiif walgaʼii naannoo ykn walgaʼii aanaa irratti argamuun isaanitti ulfaata. Nama haala rakkisaa akkasii wajjin walʼaansoo gochaa jiru beektaa? Taanaan sagantaa tiʼookraasii itti aanu irratti maatii kee wajjin akka hirmaatu isa affeeruu dandeessa.

18. Warra kaan yeroo affeerru 2 Qorontos 6:11-13 hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yeroo waliin dabarsaa. Obbolootaa fi obboleettota garaa garaa wajjin keessumaa warra kophummaan itti dhagaʼamuu wajjin yeroo dabarsuuf yaalii godhi. Namoota akkasiitiif ‘garaa keenya balʼisnee banuu’ barbaanna. (2 Qorontos 6:11-13 dubbisi.) Meliisaan ishiin olitti ibsamte, “Obboloonnii fi obboleettonni isaanii fi maatii isaanii wajjin mana isaaniitti yeroo akka dabarsinuuf ykn waliin taanee iddoo kan biraa akka dhaqnu yeroo nu affeeran baayʼee gammanna” jetteetti. Gumii keessan keessa namni mana keetti affeeruu dandeessu jiraa?

19. Keessumaa obboloonni nuu wajjin yeroo akka dabarsaniif guyyoota akkamiitti isaan affeeruu keenyatu gaarii taʼuu dandaʼa?

19 Yeroon obboloonni keenya isaanii wajjin yeroo dabarsuu keenyatti baayʼee itti gammadan jiraachuu dandaʼa. Tokko tokko firoonni isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane ayyaana yeroo kabajanitti mana ooluun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Kaan immoo guyyoota tokko tokkotti, keessumaa guyyaa nama jaallatan duʼaan dhabanitti baayʼee gaddu. Obbolootaa fi obboleettota haala akkasii keessatti argaman nuu wajjin yeroo akka dabarsan yommuu isaan affeerru ‘garaadhaa akka isaaniif yaannu’ argisiisna.—Filp. 2:20.

20. Yaanni Yesuus Maatewos 12:48-50 irratti dubbate yeroo kophummaan nutti dhagaʼamu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

20 Kiristiyaanni tokko darbee darbee sababa garaa garaatiin kophummaan itti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus Yihowaan miira akkasii guutummaatti akka hubatu matumaa dagachuu hin qabnu. Yeroo baayʼee wanta nu barbaachisu nuuf kennuuf obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadama. (Maatewos 12:48-50 dubbisi.) Nutis maatii hafuuraa keenya deggeruuf wanta dandeenyu hunda yeroo goonu, qophii Yihowaan jaalalaan nuuf godheef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Yeroo tokko tokko kophummaan nutti dhagaʼamus Yihowaan yeroo hundumaa nuu wajjin waan jiruuf matumaa kophaa keenya miti!

FAARFANNAA 46 Yihowaa Si Galateeffanna

^ key. 5 Yeroo tokko tokko kophummaan sitti dhagaʼamaa? Taanaan Yihowaan miira sitti dhagaʼamu akka gaariitti akka beekuu fi si gargaaruuf fedhii akka qabu mirkanaaʼaa taʼi. Mata duree kana keessatti kophummaa sitti dhagaʼamu dandamachuuf maal gochuu akka dandeessu mariʼanna. Obboloota kophummaan itti dhagaʼamu jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes ni baranna.

^ key. 5 Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Obboleessi haati manaa isaa jalaa duute Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota qoʼannaa sagaleedhaan waraabaman dhaggeeffachuun isaa isa fayyadeera.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Obboleessi tokkoo fi intalli isaa mana obboleessa maanguddoo gumii isaanii jiruu dhaqanii gaarummaa isatti argisiisaa jiru.