Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 24

Kiyyoo Seexanaa Keessaa Baʼuu ni Dandeessa!

Kiyyoo Seexanaa Keessaa Baʼuu ni Dandeessa!

“Kiyyoo Diyaabilos keessaa baʼaa.”—2 XIM. 2:26.

FAARFANNAA 36 Yaada Keenya ni Eegganna

QABIYYEE *

1. Seexanni adamsituu wajjin kan walfakkaatu akkamitti?

KAAYYOON adamsituu tokkoo bineensa tokko qabuu ykn ajjeesuu dha. Akkuma namoota sobaan Iyyoobiin jajjabeessan keessaa inni tokko dubbate adamsituun kun kiyyoowwan garaa garaatti fayyadamuu dandaʼa. (Iyo. 18:8-10) Adamsituun tokko bineensa tokko kiyyeessuuf maal godha? Jalqaba waaʼee bineensa sanaa qorata. Eessa akka dhaqu, maal akka jaallatu, akkasumas kiyyoon salphaatti isa qabu isa kam akka taʼe ni qorata. Seexanni akkuma adamsituu kanaa ti. Innis waaʼee keenya ni qorata. Eessa akka dhaqnuu fi maaltu akka nu hawwatu xiyyeeffannaadhaan hordofa. Achiis yeroo nuti hin eegnetti kiyyoo isaan qabuu dandaʼa jedhee yaadu kaaʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun kiyyoo Seexanaatiin utuu qabamnee illee keessaa baʼuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Kiyyoosaatiin akka hin qabamneef dursinee of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes nu barsiisa.

Seexanni namoota kiyyeessuuf kooraa fi sassatatti fayyadamuudhaan milkaaʼina argachaa jira (Keeyyata 2 ilaali) *

2. Kiyyoowwan Seexanaa buʼa qabeeyyii taʼan lamaan kam faʼi?

2 Kiyyoowwan Seexanaa buʼa qabeeyyii taʼan lama kooraa fi sassata dha. * Seexanni waggoota kumaan lakkaaʼamaniif amaloota kanatti fayyadamuu irratti milkaaʼina argateera. Inni akkuma nama simbira gowwoomsee kiyyoodhaan ykn saaphanaan qabuu ti. (Far. 91:3) Haa taʼu malee, kiyyoo Seexanaa jalaa miliquu ni dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Sababni isaas, Yihowaan tooftaalee Seexanni itti fayyadamu waan nuuf ibseefi.—2 Qor. 2:11.

Fakkeenyota akeekkachiisaa irraa barumsa argachuudhaan kiyyoo Seexanaa irraa of eeguu fi jalaa miliquu dandeenya (Keeyyata 3 ilaali) *

3. Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkeenyonni tokko tokko akka barreeffaman kan godhe maaliifi?

3 Kooraa fi sassata ilaalchisee karaa Yihowaan itti nu akeekkachiisu keessaa tokko muuxannoo warra kaanii irraa akka barannu nu jajjabeessuudhaani. Muuxannoowwan itti aanan irratti Seexanni tajaajiltoota Yihowaa bilchina qaban illee kiyyeessuu akka dandaʼe ilaalla. Kana jechuun kooraa fi sassata irraa fagaachuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Yihowaan seenaawwan kun Kitaaba Qulqulluu keessatti akka barreeffaman kan godhe “nu . . . akeekkachiisuuf” jedhee ti. (1 Qor. 10:11) Fakkeenyota akeekkachiisaa irraa barachuudhaan kiyyoo Seexanaa jalaa miliquu akka dandeenyu beeka.

KIYYOO KOORAA

Keeyyata 4 ilaali

4. Koorri miidhaa akkamii geessisa?

4 Seexanni akka koorru barbaada. Koorri akka nu toʼatu yoo heyyamne akkuma isaa akka taanuu fi jireenya bara baraa akka dhabnu beeka. (Fak. 16:18) Phaawulos ergamaan, ‘boonuudhaan of bokoksinee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka nu irra hin geenye’ kan nu akeekkachiises kanaafi. (1 Xim. 3:6, 7) Yihowaa tajaajilaa kan turre yeroo muraasaafis taʼe waggoota hedduudhaaf haalli kun eenyuun iyyuu mudachuu dandaʼa.

5. Akka Lallaba 7:16, 20 irratti ibsametti namni tokko akka kooru kan argisiisu akkamitti taʼuu dandaʼa?

5 Namoonni kooran namoota ofittoo taʼani dha. Seexanni keessumaa yeroo rakkinni nu irra gaʼu Yihowaa irratti xiyyeeffachuu mannaa of irratti akka xiyyeeffannu gochuuf yaala. Fakkeenyaaf, sobaan himatamtee beektaa? Yookiin jalʼinni haqaa si irra gaʼee beekaa? Seexanni yeroo Yihowaa ykn obboloota kee komattu dhagaʼuun isa gammachiisa. Inni qajeelfama Yihowaa hordofuu mannaa karaa mataa keetii rakkina tokkoof furmaata akka kennitu barbaada.—Lallaba 7:16, 20 dubbisi.

6. Muuxannoo obboleettii Neezarlaandi jiraattu irraa maal barachuu dandeessa?

6 Mee muuxannoo obboleettii Neezarlaandi keessa jiraattuu fi dogoggora warra kaaniitti mufattee turte tokkoo haa ilaallu. Haala sana dandamachuu akka hin dandeenye ishiitti dhagaʼamee ture. Akkana jetteetti: “Miira koo jijjiiruu akkan hin dandeenyee fi kophummaan natti dhagaʼamee ture. Gumii keenya jijjiiruu akka qabnu abbaa manaa kootti himeen ture.” Achiis sagantaa JW Biroodkaastingii® Bitootessa 2016 ilaalte. Sagantaan jiʼa sanaa yeroo warri kaan balleessaa raawwatanitti haala isaa dandamachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Obboleettiin sun akkana jetteetti: “Obbolootaa fi obboleettota gumii keessa jiran jijjiiruuf yaaluu mannaa, gad of qabuudhaan dogoggora ofii irratti xiyyeeffachuu akkan qabun hubadhe. Sagantichi Yihowaa fi ol aantummaa isaa irratti xiyyeeffachuuf na gargaareera.” Kana irraa maal baranna? Yeroo rakkinni isin mudatu Yihowaa irratti xiyyeeffadhaa. Warra kaaniif ilaalcha akka isaa qabaachuuf akka isin gargaaru isa kadhadhaa. Abbaan keessan inni samii dogoggora isaanii ni arga; taʼus dhiifama isaaniif gochuuf fedhii qaba. Isinis akkuma isaa akka gootan barbaada.—1 Yoh. 4:20.

Keeyyata 7 ilaali

7. Ooziyaa Mooticha irra maaltu gaʼe?

7 Koorri Ooziyaa Mootichi gorsa akka hin dhageenyee fi gocha of tuulummaa akka raawwatu isa godheera. Ooziyaan nama milkaaʼina hedduu argate ture. Duula waraanaa irratti, akkasumas hojii ijaarsaa fi hojii qonnaa irratti milkaaʼina guddaa argateera. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.” (2 Sen. 26:3-7, 10) “Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide.” Yihowaan mana qulqullummaa keessatti ixaana aarsuun kan heyyamamu luboota qofaaf akka taʼe dubbatee ture. Ooziyaa Mootichi garuu of tuulummaadhaan kakaʼee ixaana aarsuuf mana qulqullummaa seene. Yihowaanis gocha isaa kanatti waan hin gammanneef dhukkuba nadaayiitiin isa rukute. Ooziyaan hanga gaafa duʼa isaatti dhukkuba kanaan qabamee ture.—2 Sen. 26:16-21.

8. Akka 1 Qorontos 4:6, 7 irratti ibsametti koora irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Nuti hoo akkuma Ooziyaa koorri kiyyoo nutti taʼuu dandaʼaa? Mee fakkeenya Hosee haa ilaallu. Hoseen hojii daldalaa irratti nama milkaaʼina guddaa qabuu fi jaarsa gumii keessatti kabajamu ture. Walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti haasaa dhiheessa ture; ilaaltonni ol aanaa aanaas gorsa isa gaafatu turan. Akkana jechuudhaan ifatti dubbateera: “Haa taʼu malee, dandeettii fi muuxannoo kootti amanamuun jalqabe. Yihowaatti amanamuus nan dhiise. Nama cimaa akkan taʼe waan natti dhagaʼameef, akeekkachiisaa fi gorsa Yihowaa dhagaʼuun dhiise.” Hoseen cubbuu cimaa waan raawwateef gumiidhaa baafame. Waggoota muraasa booda immoo gara gumiitti deebiʼe. Itti fufuudhaan, “Yihowaan wanti iddoo guddaa qabu itti gaafatamummaa qabnu utuu hin taʼin wanta inni nu ajaje raawwachuu keenya akka taʼe na barsiiseera” jedheera. Dandeettiin qabnus taʼe mirgi gumii keessatti arganne kam iyyuu Yihowaa biraa akka argame yaadachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (1 Qorontos 4:6, 7 dubbisi.) Kan koorru yoo taʼe Yihowaan nutti hin fayyadamu.

KIYYOO SASSATAA

Keeyyata 9 ilaali

9. Sassanni Seexannii fi Hewaan maal akka godhan isaan kakaase?

9 Yeroo waaʼee sassataa yaannu Seexanni gara sammuu keenyaatti dhufa. Seexanni maleekaa Yihowaa waan tureef mirgawwan hedduu akka qabu hin shakkisiisu. Garuu mirga dabalataa barbaade. Mirga waaqeffannaa Yihowaadhaaf qofa malu barbaade. Seexanni akkuma isaa akka taanu waan barbaaduuf, wanta qabnutti akka hin gammanne nu gochuu barbaada. Inni yeroo jalqabaatiif fedhii kana akka qabu kan argisiise yeroo Hewaanii wajjin haasaʼetti dha. Yihowaan jaalalaan kakaʼee Hewaanii fi abbaan manaa ishii muka isa tokko irraa kan hafe “muka iddoo biqiltuu sana keessa jiru hundumaa irraa” akka nyaatan isaaniif heyyamuudhaan nyaatawwan isaan gammachiisan hedduu isaaniif kenneera. (Uma. 2:16) Haa taʼu malee, Seexanni Hewaaniin gowwoomsuudhaan muka isa dhowwame irraa nyaachuu akka qabdu akka ishiitti dhagaʼamu godhe. Hewaan wanta qabdutti gammaduu mannaa wanta dabalataa barbaadde. Kun immoo maal akka ishii irraan geessise beekna. Hewaan cubbuu waan raawwatteef yeroo booda ni duute.—Uma. 3:6, 19.

Keeyyata 10 ilaali

10. Sassanni Daawit Mootichatti kiyyoo kan taʼe akkamitti?

10 Yihowaan Daawit Mootichi qabeenya, beekamtii fi diinota isaa hedduu irratti injifannoo akka argatu isa gargaareera. Taʼus sassanni wanta Yihowaan isaaf kenne akka irraanfatu isa godheera. Daawit galateeffannaadhaan kakaʼee kennaawwan Waaqayyoo “lakkoofsi isaanii gita” akka hin qabne dubbateera. (Far. 40:5) Haa taʼu malee, Daawit yeroo taʼe tokkotti wanta Yihowaan isaaf kenne irraanfatee ture. Kanaafuu, wanta Yihowaan isaaf kennetti gammaduu mannaa wanta dabalataa barbaade. Daawit haadhotii manaa hedduu utuma qabuu haadha manaa nama biraa hawwe. Dubartiin tun Baat Sheebaa haadha manaa Uuriyaa Heetichaa ti. Daawit ofittummaadhaan kakaʼee Baat Sheebaa wajjin saalquunnamtii raawwate. Ishiinis yeroo booda ni ulfoofte. Daawit Baat Sheebaa wajjin ejja raawwachuun itti xinnaatee Uuriyaan akka ajjeefamuuf haala mijeesse. (2 Sam. 11:2-15) Daawit garuu kan akkas godhe maal taʼee ti? Yihowaan akka isa argu hin beekuu? Daawit amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa ture. Taʼus, sassataa taʼuun isaa rakkina hedduudhaaf isa saaxileera. Kan nama gammachiisu garuu Daawit yeroo booda cubbuu isaa amanee yaada geddarateera. Yihowaan dhiifama isaaf gochuu isaatti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu.—2 Sam. 12:7-13

11. Akka Efesoon 5:3, 4, irratti ibsametti wanti sassata irraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼu maali dha?

11 Seenaa Daawit irraa maal baranna? Wanta Yihowaan nuuf kennu hundumaatiif galateeffachuu keenya kan itti fufnu yoo taʼe sassata irraa fagaachuu akka dandeenyu baranna. (Efesoon 5:3, 4 dubbisi.) Wanta qabnutti gammannee jiraachuu qabna. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu haaraan wanta Yihowaan isaaniif godhe tokko irratti yaaduudhaan akka isa galateeffatan jajjabeessina. Namni tokko guyyaa guyyaadhaan akkas kan godhu taanaan torban tokko keessatti wanta Yihowaa itti galateeffatu torba argata jechuu dha. (1 Tas. 5:18) Atoo akkas ni gootaa? Wanta Yihowaan siif godhe hunda irratti xiinxaluun kee nama galateeffatu taʼuuf si gargaara. Nama galateeffatu taʼuun kee immoo wanta qabdutti gammaddee jiraachuuf si gargaara. Wanta qabdutti gammaduun kee immoo sassata irraa fagaachuuf si gargaara.

Keeyyata 12 ilaali

12. Yihudaa Asqorotichi sassataa taʼuun isaa maal akka godhu isa kakaase?

12 Yihudaa Asqorotichi sassataa taʼuun isaa Yesuusiin dabarsee akka kennu isa godheera. Garuu Yihudaan sana dura nama akkasii hin turre. (Luq. 6:13, 16) Yesuus ergamaa isaa akka taʼu isa filateera. Saanduqni maallaqaa itti gaafatamummaadhaan kan isaaf kennames nama amanamaa waan tureef akka taʼe ifa dha. Yesuusii fi ergamoonni isaa yeroo tajaajila irratti hirmaatanitti wanta isaan barbaachisu guuttachuuf maallaqa kanatti fayyadamu turan. Maallaqni sun akkuma buusii yeroo harʼaatti hojii addunyaa maraatiif godhamuu ti. Yeroo booda garuu Yihudaan akeekkachiisa Yesuus sassata ilaalchisee kenne yeroo baayʼee kan dhagaʼe taʼus hatuu jalqabe. (Mar. 7:22, 23; Luq. 11:39; 12:15) Yihudaan akeekkachiisa Yesuusiif xiyyeeffannaa hin kennine.

13. Sassanni Yihudaa ifa kan baʼe yoomi?

13 Wanti Yihudaan Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura raawwate tokko sassataa taʼuu isaa ifa godheera. Maariyaamii fi obboleettii ishii Maartaa dabalatee Yesuusii fi barattoonni isaa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee turetti affeeramanii turan. Utuma maaddiitti dhihaatanii jiranii Maariyaam kaatee zayitii urgaaʼaa gatii guddaa qabu mataa Yesuus irratti dhangalaaste. Yeroo kanatti Yihudaa fi barattoonni kaan baayʼee aaran. Barattoonni kaan maallaqicha tajaajila isaanii irratti utuu itti fayyadamanii caalaatti gaarii akka taʼu yaadanii taʼuu dandaʼa. Ilaalchi Yihudaa garuu kana irraa adda ture. ‘Hattuu waan taʼeef’ saanduqicha keessaa maallaqa hatuu barbaadee ture. Yeroo booda sassanni Yihudaa kun gatii garba tokkootiin Yesuusiin gurguruuf isa kakaaseera.—Yoh. 12:2-6; Mat. 26:6-16; Luq. 22:3-6.

14. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko gorsa Luqaas 16:13 irra jiru hojii irra kan oolchan akkamitti?

14 Yesuus, “Waaqayyoo fi qabeenyaaf garboota taʼuu hin dandeessan” jechuudhaan duuka buutota isaa barsiiseera. (Luqaas 16:13 dubbisi.) Dhugaan buʼuuraa kun yeroo harʼaattis ni hojjeta. Mee hiriyoonni gaaʼelaa Romaaniyaa keessa jiraatan gorsa Yesuus kana hojii irra kan oolchan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Biyya baayʼee dureettii taate keessatti hojii yeroo muraasaaf hojjetan argatanii turan. “Liqiin baankii hedduun waan nu irra jiruuf jalqaba irratti hojii kana argachuun keenya eebba Yihowaa biraa argame akka taʼe nutti dhagaʼamee ture” jechuudhaan ifatti dubbataniiru. Haa taʼu malee, hojii sana yoo fudhatan yeroon tajaajila Yihowaa irratti dabarsan jalaa xiqqaata. Mata duree Masaraa Eegumsaa Hagayya 15, 2008 irratti argamuu fi “Garaa Tokkichaan Amanamoo Taʼaa” jedhu erga dubbisanii booda murtoo godhan. Akkana jedhaniiru: “Maallaqa dabalataa argachuuf biyya kan biraa deemna taanaan Yihowaa tajaajiluun ulfaataa nutti taʼa. Kun immoo hariiroon Yihowaa wajjin qabnu iddoo guddaa akka hin qabaanne godha. Kun karaa hafuuraa baayʼee akka nu miidhu hubannee turre.” Kanaafuu, affeerraa sana fudhachuu didan. Sana booda hoo maaltu taʼe? Obboleessi sun hojii wanta isaan barbaachisu guuttachuuf isaan dandeessisu biyyuma isaatti argate. Haati manaa isaa, “Harki Yihowaa matumaa gabaabaa miti” jetteetti. Hiriyoonni gaaʼelaa kun qabeenyaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf garboota taʼuu isaaniitti baayʼee gammadaniiru.

KIYYOO SEEXANAA IRRAA OF EEGI

15. Kiyyoo Seexanaa jalaa baʼuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

15 Kooruu ykn sassatuu akka jalqabne yoo hubanne maal gochuu qabna? Jijjiirama gochuu dandeenya. Phaawulos namoonni “utuma lubbuudhaan jiranii” kiyyoo Diyaabilosiin qabaman kiyyoo isaa keessaa baʼuu akka dandaʼan dubbateera. (2 Xim. 2:26) Kana malees, Daawit gorsa cimaa Naataan isaaf kenne fudhachuudhaan, akkasumas sassata isaa irraa yaada geddarachuudhaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu haareffateera. Yihowaan Seexana caalaa humna guddaa akka qabu matumaa hin dagatin. Kanaafuu, gargaarsa Yihowaa kan fudhannu taanaan kiyyoo Seexanni qopheessu kam iyyuu jalaa baʼuu dandeenya.

16. Kiyyoo Seexanaa irraa of eeguuf maaltu nu gargaara?

16 Haa taʼu malee, kiyyoo Seexanaatiin erga qabamnee booda jalaa baʼuuf yaaluu mannaa dursinee kiyyoo isaa irraa of eeguun keenya gaarii dha. Kana gochuu kan dandeenyu garuu gargaarsa Waaqayyoo yoo arganne qofa dha. Taʼus baayʼee cimoo akka taanee fi matumaa kooruu ykn sassatuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu hin qabu. Obboloonni waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilan illee kiyyoo kanaan qabamuu dandaʼu. Kanaafuu, amaloonni jibbisiisoo taʼan kun yaadaa fi gocha kee irratti dhiibbaa gochuu fi dhiisuu isaanii adda baafachuuf akka si gargaaru guyyaa guyyaadhaan Yihowaa kadhadhu. (Far. 139:23, 24) Kiyyoo kanaan akka hin qabamneef wanta dandeessu hunda godhi!

17. Dhiheenyatti diina keenya Diyaabilos irra maaltu gaʼa?

17 Seexanni waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoota adamsaa tureera. Dhiheenyatti garuu ni hidhama; yeroo booda immoo ni balleeffama. (Mul. 20:1-3, 10) Guyyaa sana hawwii guddaadhaan eegganna. Hamma yeroo sanaatti kiyyoo Seexanaa irraa of eegi. Koorrii fi sassanni akka si hin toʼanne wanta siif dandaʼame hunda godhi. Diyaabiloosiin mormuuf murteessi, “innis [si] irraa ni baqata.”—Yaq. 4:7.

FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?

^ key. 5 Seexanni akkuma adamsituu dandeettii guddaa qabuu ti. Yeroo hammamii iyyuu Yihowaa tajaajilaa yoo turre nu kiyyeessuuf carraaqqii gochuu isaa hin dhiisu. Mata duree kana keessatti Seexanni walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuuf kooraa fi sassatatti akkamitti akka fayyadamu ilaalla. Waaʼee namoota kiyyoo kooraa fi sassataatiin qabanii ni qorra; akkasumas kiyyoo kana irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ni baranna.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Mata dureen kun waaʼee kooraa fi waaʼee sassataa ibsa. Koorri miira namni tokko nama kam biraa irra akka caalu itti dhagaʼamu dha. Sassanni immoo fedhii cimaa namni tokko maallaqa, aangoo ykn wanta kan biraa dabalataan argachuuf qabu dha.

^ key. 53 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko kooraan kakaʼee qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼe fudhachuu didaa jira. Obboleettiin wanta hedduu qabdu tokko wanta dabalataa argachuuf carraaqaa jirti.

^ key. 55 IBSA FAKKII: Koorri maleekaa Yihowaa tokkoo fi Mooticha irratti dhiibbaa godheera. Sassanni Hewaan muka dhorkame irraa akka nyaattu, Daawit Baat Sheebaa wajjin ejja akka raawwatu, Yihudaan immoo maallaqa akka hatu godheera.