Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 26

Hojii Barattoota Gochuu Irratti Hirmaachuu ni Dandeessaa?

Hojii Barattoota Gochuu Irratti Hirmaachuu ni Dandeessaa?

‘Waaqayyo fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kenna.’—FILP. 2:13.

FAARFANNAA 64 Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu

QABIYYEE *

1. Yihowaan maal siif godheera?

DHUGAA BAATUU YIHOWAA kan taate akkamitti? Jalqaba ‘misiraachicha’ dhageesse; misiraachoo kana kan dhageesses maatii kee, namoota wajjin hojjettu ykn wajjin barattu irraa ykn manaa gara manaatti yeroo lallabamu taʼuu dandaʼa. (Mar. 13:10) Achiis namni tokko yeroo dheeraadhaaf, akkasumas carraaqqii cimaa gochuudhaan Kitaaba Qulqulluu si qoʼachiise. Yeroo qoʼachaa turte sanatti Yihowaa jaallachuu jalqabde, innis akka si jaallatu ni hubatte. Yihowaan gara dhugaatti waan si harkiseef, barataa Yesuus Kiristoos taʼuudhaan abdii bara baraaf jiraachuu argatteetta. (Yoh. 6:44) Yihowaan nama tokkotti fayyadamee dhugaa waan si barsiisee fi tajaajilaa isaa akka taatu waan sii heyyameef akka isa galateeffattu beekamaa dha.

2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

2 Amma dhugaa beekneerra; namoonni kaan daandii gara jireenyaatti geessu irra akka deeman isaan gargaaruufis mirga arganneerra. Manaa gara manaatti lallabuun nutti hin ulfaatu taʼa; qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi qoʼachiisuun garuu nutti ulfaachuu dandaʼa. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Taanaan, yaadawwan mata duree kana keessatti ibsaman tokko tokko si fayyaduu dandaʼu. Mata duree kana keessatti wanti barattoota gochuuf nu kakaasu maal akka taʼe mariʼanna. Wantoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu irraa duubatti akka jennu nu godhan moʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni ilaalla. Jalqaba garuu misiraachicha lallabuu qofa utuu hin taʼin, barsiisuus kan qabnu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

YESUUS AKKA LALLABNUU FI AKKA BARSIISNU NU AJAJEERA

3. Kan lallabnu maaliifi?

3 Yesuus yeroo lafa irra turetti, duuka buutonni isaa hojii kutaa lama qabu akka hojjetan isaan ajajeera. Jalqaba, misiraachoo Mootummichaa akka lallaban isaanitti hime; kana gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes isaanitti argisiiseera. (Mat. 10:7; Luq. 8:1) Fakkeenyaaf, namoonni ergaa Mootummichaa hin fudhannee fi namoonni ergaa kana fudhatan yeroo isaan mudatanitti maal gochuu akka qaban barattoota isaatti himeera. (Luq. 9:2-5) Kana malees, saboota hundumaatiif akka lallabamu dubbachuudhaan duuka buutonni isaa namoota baayʼeedhaaf, akkasumas bakkawwan hedduutti akka lallaban ibseera. (Mat. 24:14; HoE. 1:8) Yesuus namoonni ergaa lallabamu fudhatanis fudhachuu baatanis barattoonni isaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi wanta Mootummichi raawwatu namootatti akka himan isaan ajajeera.

4. Akka Maatewos 28:18-20 jedhutti waaʼee Mootummichaa lallabuu malees maal gochuu qabna?

4 Kutaa lammaffaan ajaja Yesuus kennee maali dha? Yesuus namoota barattoota isaa taʼuu barbaadan wanta inni ajaje hunda akka eegan akka isaan barsiisan duuka buutota isaatti himeera. Haa taʼu malee, akka namoonni tokko tokko jedhanitti hojiin lallabuu fi barsiisuu Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa qofaaf kennamee? Lakki. Yesuus hojiin baayʼee barbaachisaa taʼe kun hanga bara keenyaatti, jechuunis “hanga dhuma sirna kanaatti” akka itti fufu dubbateera. (Maatewos 28:18-20 dubbisi.) Yesuus ajaja kana kan kenne yeroo barattoota isaa 500 ol taʼanitti mulʼatetti taʼuu hin oolu. (1 Qor. 15:6) Mulʼata Yohaannisitti argisiise irrattis, barattoonni isaa hundi namoonni kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruun isaanii barbaachisaa akka taʼe ibseera.—Mul. 22:17.

5. Phaawulos 1 Qorontos 3:6-9 irratti, lallabuu fi barsiisuun akka wal qabatan fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

5 Phaawulos ergamaan hojii barattoota gochuu biqiltuu misoomsuu wajjin wal fakkeesseera; kun immoo biqiltuu dhaabuu caalaa wanta dabalatu akka qabu kan argisiisu dha. Obboloota gumii Qorontosiif, “Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase . . . Isin maasii Waaqayyoo isa misoomaa jiru dha” jedhee barreesseera. (1 Qorontos 3:6-9 dubbisi.) Nuti namoota “maasii Waaqayyoo” irratti hojjetan waan taaneef, biqiltuu dhaabuu qofa utuu hin taʼin, bishaan obaasuu fi yeroo yerootti guddina isaanii hordofuu qabna. (Yoh. 4:35) Garuu, biqiltuu sana kan guddisu Waaqayyo akka taʼe beekna.

6. Yeroo barsiisnutti wanti dabalataa gochuu qabnu maali dha?

6 Nuti namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” barbaanna. (HoE. 13:48) Namoonni barattoota akka taʼaniif wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan (1) akka hubatan, (2) akka amananii fi (3) hojii irra akka oolchan gargaaruu qabna. (Yoh. 17:3; Qol. 2:6, 7; 1 Tas. 2:13) Obboloonni gumii keessa jiran hundi yommuu barattoonni Kitaaba Qulqulluu gumii irratti argamanitti jaalala isaanitti argisiisuu fi miira hoʼaadhaan isaan simachuudhaan fakkeenya isaaniif taʼuu dandaʼu. (Yoh. 13:35) Barsiisaan Kitaaba Qulqulluu tokko barataan isaa amantii fi barsiifatawwan isaa warra akka “dahoowwan jajjaboo” taʼan akka moʼuuf yeroo fi humna hedduu aarsaa gochuun isa barbaachisa taʼa. (2 Qor. 10:4, 5) Namni tokko jireenya isaa keessatti jijjiiramawwan akkasii gochuudhaan galma cuuphamuuf baafate irra akka gaʼu gargaaruun jiʼoota hedduu nutti fudhachuu dandaʼa. Taʼus, carraaqqiin nuti goonu buʼaa guddaa argamsiisa.

JAALALLI BARATTOOTA GOCHUUF NU KAKAASA

7. Hojii lallabuu fi barattoota gochuu irratti hirmaachuuf wanti nu kakaasu maali dha?

7 Hojii lallabuu fi barattoota gochuu irratti kan hirmaannu maaliifi? Tokkoffaa, Yihowaa waan jaallannuufi. Ajaja lallabuu fi barattoota gochuu ilaalchisee kennameef ajajamuuf wanta siif dandaʼame hunda yommuu gootu Waaqayyoon akka jaallattu argisiisaa jirta jechuu dha. (1 Yoh. 5:3) Mee yaadi: Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu manaa gara manaatti lallabuuf si kakaaseera. Ajaja kana hojii irra oolchuun siif salphaa ture? Salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo jalqabaatiif yeroo manaa gara manaatti lallabuu eegaltetti sodaattee turtee? Sodaattee akka turte hin shakkisiisu! Taʼus Yesuus hojii kana akka hojjettu akka barbaadu waan beektuuf ajajamteetta. Yeroo booda immoo hojii lallabaa irratti hirmaachuun salphaa siif taʼaa deemeera. Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu ilaalchisee hoo maaltu sitti dhagaʼama? Waaʼee isaa yommuu yaaddu miirri sodaa sitti dhagaʼamaa? Tarii sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan sodaa kee moʼuuf akka si gargaaruu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf ija jabina akka siif kennu yoo isa kadhatte, fedhiin barattoota gochuuf qabdu akka dabalu gochuudhaan si gargaaruu dandaʼa.

8. Akka Maarqos 6:34 jedhutti, namoota kaan barsiisuuf wanti nu kakaasu kan biraan maali dha?

8 Lammaffaa, jaalalli namootaaf qabnu dhugaa isaan barsiisuuf nu kakaasa. Gaaf tokko Yesuusii fi barattoonni isaa yeroo dheeraadhaaf hojii lallabaa irratti waan hirmaataniif baayʼee dadhabanii turan. Iddoon itti boqotan isaan barbaachisa ture; taʼus namoonni hedduun gara isaanii dhufan. Yesuus baayʼee waan isaaniif gaddeef “wanta hedduu” isaan barsiisuu jalqabe. (Maarqos 6:34 dubbisi.) Yeroo kanatti dadhabus jabaatee hojjeteera. Akkana kan godhe maaliifi? Iddoo namoota sanaa waan of kaaʼeefi. Baayʼee akka dhiphatanii fi abdiin akka isaan barbaachisu waan hubateef, isaan gargaaruu barbaade. Namoonni yeroo harʼaa jiranis haaluma akkasii keessa jiru. Jireenyi isaanii gammachiisaa kan fakkaatu taʼus, rakkina hedduu qabu, akkasumas abdiin isaan barbaachisa. Isaan akkuma hoolota badanii fi tiksee hin qabnee ti. Phaawulos ergamaan namoonni akkasii namoota Waaqayyo malee jiraatanii fi abdii hin qabne akka taʼan dubbateera. (Efe. 2:12) Isaan ‘daandii badiisatti geessu’ irra deemaa jiru! (Mat. 7:13) Namoonni naannoo keenya keessa jiran karaa hafuuraa haala akkamii irra akka jiran yommuu yaannu, jaalalli isaaniif qabnuu fi gara laafinni isaan gargaaruuf nu kakaasa. Karaan isaan gargaaruu itti dandeenyu inni guddaan immoo Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan isaan affeeruu dha.

9. Akka Filiphisiyus 2:13 jedhutti, Yihowaan kan si gargaaru akkamitti?

9 Tarii, Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun yeroo akka gaafatu waan beektuuf, Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan affeeruu irraa duubatti jetta taʼa. Miirri akkasii sitti dhagaʼama yoo taʼe miira kee kana Yihowaatti himi. Fedhii nama qoʼachiistu argachuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf qabdu akka siif guddisu Yihowaa gaafadhu. (Filiphisiyus 2:13 dubbisi.) Yohaannis ergamaan Waaqayyo kadhannaa fedhii isaa wajjin wal simuuf deebii akka kennu nuuf mirkaneesseera. (1 Yoh. 5:14, 15) Kanaafuu, Yihowaan fedhii hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuuf qabdu guddifachuuf akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.

RAKKOOWWAN NU MUDATAN KAN BIROO MOʼUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

10-11. Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu irraa duubatti akka jennu wanti nu godhu maal taʼuu dandaʼa?

10 Haalawwan hamma barbaannu hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuun rakkisaa akka nutti taʼu godhan jiraatanis, ajaja akka barsiisnu nuu kennameef bakka guddaa kennina. Mee rakkoowwan kana keessaa tokko tokko maalfaa akka taʼanii fi rakkoowwan kana moʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

11 Hamma barbaannu hojjechuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Fakkeenyaaf, babalʼistoonni tokko tokko dulloomaniiru ykn dhibee fayyaa qabu. Atoo haala akkasii keessa jirtaa? Taanaan weerara dhibee Kooviid 19n kan kaʼe wanta nu mudate irraa maal akka baranne yaadi. Meeshaa elektirooniksiitti fayyadamnee karaa buʼa qabeessa taʼeen Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu akka dandeenyu hubanneerra! Kanaafuu, karaa siif mijatuun manuma kee teessee qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu dandeessa. Kun faayidaa kan biraas qaba. Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan barbaadan taʼus, yeroo obboloonni keenya tajaajilaaf ramadanitti qoʼachuun isaaniif hin mijatu. Kanaa mannaa, ganama barii ykn galgala qoʼachuu filatu taʼa. Maarree, yeroo akkasiitti nama sana Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu ni dandeessaa? Yesuus Niqoodimosiin kan barsiise galgala, jechuunis yeroo Niqoodimosiif mijatutti ture.—Yoh. 3:1, 2.

12. Barsiisota gaarii taʼuu akka dandeenyu amanannaa qabaachuuf wantoonni nu gargaaran maal faʼi?

12 Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf dandeettii akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Tarii nama tokko qoʼachiisuu keenya dura beekumsa ykn dandeettii dabalataa barsiisuuf nu gargaaru qabaachuu akka qabnu nutti dhagaʼama taʼa. Akkas sitti dhagaʼama taanaan, mee wantoota ofitti amanamummaa kee siif guddisan sadii haa ilaallu. Tokkoffaa, Yihowaan gaʼumsa warra kaan barsiisuuf si barbaachisu siif kenna. (2 Qor. 3:5) Lammaffaa, akka barsiistu kan si ajaje Yesuus isa “samii fi lafa irratti aangoon hundi” isaaf kenname dha. (Mat. 28:18) Sadaffaa immoo, gargaarsa Yihowaa fi obboloota keetii argachuu dandeessa. Yihowaan wanta jechuu qabu Yesuusiin barsiisuudhaan gargaarsa isaaf godheera; siinis gargaaruu ni dandaʼa. (Yoh. 8:28; 12:49) Dabalataanis, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu fi geggeessuu irratti akka si gargaaraniif ilaaltuu ol aanaa garee tajaajilaa kee, qajeelchaa gaʼumsa qabu ykn babalʼisaa muuxannoo qabu gargaarsa gaafachuu dandeessa. Karaan ofitti amanamummaa kee guddifachuu itti dandeessu keessaa tokko immoo, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu babalʼistoonni kun geggeessan irratti hirmaachuu dha.

13. Akkaataa itti qoʼachiisnu irratti jijjiirama gochuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

13 Malawwanii fi meeshaawwan haaraatti fayyadamuun nutti ulfaata taʼa. Yeroo ammaatti akkaataan Kitaaba Qulqulluu itti qoʼachiisnu jijjiirameera. Kitaabni namoota qoʼachiisuuf adda durummaadhaan itti fayyadamnu kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu dha; akkaataan qoʼannaadhaaf itti qophoofnuu fi qoʼannaa itti geggeessinus isa kanaan duraa irraa adda dha. Keeyyata muraasa dubbisuudhaan baratichaa wajjin balʼinaan irratti mariʼanna. Yommuu barsiisnu viidiyoowwan baayʼee fi meeshaalee elektiroonikii kanneen akka JW Laayibirarii® jiranitti fayyadamna. Meeshaalee kanatti fayyadamuun si rakkisa taanaan, nama si gargaaruu dandaʼu tokko haasofsiisi. Ilmaan namootaa wanta takkaa baran dhiisuun isaan rakkisa. Nuuf wanta haaraatti baruun salphaa miti. Taʼus gargaarsa Yihowaa fi namoonni kaan siif godhaniin salphaatti jijjiirama akkasii gochuu dandeessa, namoota qoʼachiisuun illee caalaatti gammachiisaa siif taʼuu dandaʼa. Qajeelchaan tokko akka jedhetti, malli qoʼannaa kun “isa qoʼatuufis taʼe isa qoʼachiisuuf gammachiisaa dha.”

14. Yommuu naannoo rakkisaa taʼe keessatti tajaajillu maal yaadachuu qabna? Yaanni 1 Qorontos 3:6, 7 irra jiru kan nu jajjabeessu akkamitti?

14 Naannoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuun ulfaataa itti taʼe keessa jiraanna taʼa. Namoonni tokko tokko ergaa keenyaaf fedhii hin qaban, tarii nu mormuu illee dandaʼu. Naannoo akkanaatiif ilaalcha gaarii qabaachuuf wanti nu gargaaruu dandaʼu maali dha? Haalli namoota addunyaa jeeqamaa jiru kana keessa jiranii saffisaan jijijjiiramuu akka dandaʼu yaadadhu; namoonni kana dura fedhii hin qabne yeroo booda qajeelfama Waaqayyoo barbaaduu dandaʼu. (Mat. 5:3) Namoonni barreeffamoota keenya fudhachuu hin barbaanne tokko tokkos yeroo booda qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabaniiru. Yihowaan Gooftaa makarichaa akka taʼes beekna. (Mat. 9:38) Inni dhaabuu fi bishaan obaasuu keenya akka itti fufnu barbaada; garuu kan guddisu isa dha. (1 Qor. 3:6, 7) Yeroo ammaatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu baannu illee, Yihowaan kan nu eebbisu buʼaa arganne irratti utuu hin taʼin, carraaqqii goone irratti hundaaʼuudhaan akka taʼe yaadachuun keenya baayʼee nu jajjabeessa! *

GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHU

Hojiin lallabuu fi barsiisuu nuti raawwannu nama tokko gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ilaali (Keeyyata 15-17 ilaali) *

15. Namni tokko yommuu Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabuu fi wanta barate hojii irra oolchu, Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

15 Namni tokko yeroo dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhatuu fi dhugaa sana namoota kaanitti himu Yihowaan ni gammada. (Fak. 23:15, 16) Yihowaan yeroo harʼaatti sabni isaa hinaaffaadhaan yommuu lallabanii fi barsiisan arguu isaatti baayʼee gammada! Fakkeenyaaf, waggaa tajaajilaa 2020⁠tti addunyaa maratti weerarri dhibee jiraatus, qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu 7,705,765 geggeeffamaniiru; kunis namoonni 241,994 Yihowaadhaaf of murteessuudhaan akka cuuphaman gargaareera. Barattoonni haaraan kunis namoota kaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuudhaan isaanis barattoota akka taʼan gargaaru. (Luq. 6:40) Hojii barattoota gochuu irratti yeroo hirmaannu Yihowaan akka gammadu hin shakkisiisu.

16. Galma akkamii baafachuu dandeenya?

16 Hojiin barattoota gochuu ulfaataa taʼus, gargaarsa Yihowaatiin namoonni kaan Abbaa keenya is samii akka jaallatan gargaaruu irratti gumaacha gochuu ni dandeenya. Yoo xiqqaate nama tokko qoʼachiisuuf galma baafachuu ni dandeenyaa? Carraa arganne hundatti namoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka jalqaban yoo affeerre buʼaa argannutti dinqisiifamuun keenya hin oolu. Yihowaan carraaqqii keenya akka nuuf eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

17. Nama tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuun keenya eebba akkamii nuuf argamsiisa?

17 Dhugaa namoota kaaniif lallabuu fi isaan barsiisuun mirga guddaa dha! Hojiin kun gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa. Phaawulos ergamaan inni obboloonni Tasalonqee keessa jiran hedduun barattoota akka taʼan gargaare, miira isatti dhagaʼame akkas jechuudhaan ibseera: “Gooftaan keenya Yesuus yeroo argamu, isa duratti abdiin keenya yookiin gammachuun keenya yookiin gonfoon ililchuu keenya eenyu? Isinuma mitii ree? Isin dhuguma ulfinaa fi gammachuu keenya dha.” (1 Tas. 2:19, 20; HoE. 17:1-4) Obboloonni yeroo harʼaatti argaman hedduunis miirri akkasii isaanitti dhagaʼama. Obboleettiin Isteefanii jedhamtuu fi abbaa manaa ishii wajjin taʼuudhaan namoonni hedduun akka cuuphaman gargaarte akkana jetteetti: “Namoonni Yihowaadhaaf akka of murteessan gargaaruu caalaa wanti gammachuu guddaa namaaf argamsiisu hin jiru.”

FAARFANNAA 57 Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu

^ key. 5 Yihowaan warra kaaniif akka lallabnu qofa utuu hin taʼin, wanta Yesuus ajaje hunda akka eeganis akka isaan barsiisnu mirga nuuf kenneera. Warra kaan barsiisuuf maaltu nu kakaasa? Hojii lallabuu fi barattoota gochuu irratti yommuu hirmaannu rakkoowwan akkamii nu mudachuu dandaʼu? Rakkoowwan kana moʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Mata dureen kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

^ key. 14 Gaʼee hojii barattoota gochuu irratti qabnu ilaalchisee caalaatti barachuuf, mata duree “Hundi Keenya Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Akka Cuuphaman Gargaaruu Dandeenya” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Bitootessa 2021 irratti baʼe ilaali.

^ key. 53 IBSA FAKKII: Namni tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa jireenya isaa kan jijjiiru akkamitti akka taʼe ilaali: Jalqaba irratti jireenyi nama kanaa kaayyoo kan hin qabne ture, akkasumas namni kun Yihowaa hin beeku ture. Achiis, Dhugaa Baatonni Yihowaa isaaf lallaban, innis qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabe. Wanti barates of murteessee cuuphamuuf isa gargaareera. Yeroo booda immoo innis namoonni kaan barattoota akka taʼan gargaaruu jalqabe. Dhuma irratti, hundi isaanii gammachuudhaan Jannata keessa jiraachaa jiru.